Adoolessa 6,2016 Kutaa Bulchiinsii Magaalaa Finfinnee Hannaa furiitti Poolisootni Federaalaa 6 Dhiiga uummataa dhangalaasuu fi Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Dura dhaabbachuuf bobbaafaman Humna Ittisa uummataan Haleelamuun  Du’aan Adabaman, Reeffii Poolisoota kanaas Bakkeetti gartamee Bargamoo keessa kan Argame ta’uu mirkanaa’era.

Humni Waraana Wayyaanee waraannii Poolisii Finfinnee fi Poolisiin Federaalaa akkasumas Waraanni Agaazii Karooraa Master Pilaanii Fenfinnee hojiitti hiiksisuuf ramadamee manneen Jireenyaa uummataa addatti immoo kan Uummata Oromoo diiguu fi qawween doorsisee diigsisuuf bobbaafame humna Ittisa Uummataan haleelamuun gaaga’ama guddaa keessa galee jiraachuu irra poolisoota Federaalaa dhalootaan Oromoo ta’anii fi Tigrootaa fi amaarota gidduutti wal shakkiin guddaan dhalatee jiraachuu maddeen keenya gabaasan. Kana malees Poolisootni ilmaan Oromoo sirna nama nyaataa Wayyaanee keessatti argaman bakka hundattiyyuu ilmaan Oromoo xiyyeeffannoo dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti kennuun sba isaanii cina dhaabbachuu dhaamsa dabarfatan.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s