Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Labsa Ficincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Bahe.

  Hagayya 26,2016

Qabsoo mirga abbaa biyyummaa falmii ummanni Oromoo taasisaa jiru Oromiyaa keessaa fi alaan kan yoomii irra haala abdachiisaan deemaa jira. Sabni Oromoo mirga isaa jaarraa tokkoo oliif dhabee jiru deebsiee of harkatti galfatee nagaa, tasgabbi fi bilisummaan Oromiyaa keessa jiraachuuf yeroo murteeffatee ka’e keessatti argamna. Mirgi ummata Oromoo mirga saboota kami iyyuu dhiibuu fi sarbuuf osoo hin taane sabni kamuu Oromiyaa keessa jiraatu cunqursaa fi hacuucaa bifa kami irraa iyyuu bilisa bahee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu kan wabii kennuufii ta’uu irra deebiin mirkaneessina. Sochii yeroo kamiinuu caalaatti ummanni Oromoo bara ammaa taasisaa jiru kun sablammii cunqurfamoo dabalatee daran jabaatee akka itti fufuuf Qeerroon Bilsummaa Oromoo kan yeroo kamiinuu caalaa tooftaa fi tarsiimoo adda addaan hojjechaa jira.

Sochii FDG bara 2011 bifa qindaayeen Qerroon Bilisummaa Oromoo eegale irraa jalaan finciloota xiqqaa fi guddaa gaggeessuun har’aan gahee jira, sochiilee Oromiyaa keessaa adda Qooda ol aanaa kennaa injifatnoolee irraa jalaan argamaa jiru hanga ammaa salphaa hin turre, Wareegami lubbuu fi qaamaa akkasumas qabeenyaa hedduu kan itti kitimamee fi dhabame yeroo ta’u gumaa wareegama kanaa bilisummaan baasuuf bifa fedheen irratti hojjetamaa akka jiru mirkaneessina. Kun hanga argamuu fi xumuramu wareegama caalaa baasuufis of duubaa akka hin deebine firaafis diinaafis ifa goona.

Fincila Xumura gabrummaa yeroo kana ykn bara 2016 kana keessa gaggeessaa jirru toftaa ammayyummaan fayyadamuun diina keenya irra aanuuf hogganootiin Qeerroo fi miseensotiin Qeerroo Bilisummaa akkasumas madheeleen qabsoo bilisummaa Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jiran jabinaan irratti hojjetaa jiru. Caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi madheeleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo mootummaa Wayyaanee keessa ta’anii mootummicha akka rirmaatti nyaataa jiranii fi ummati Oromoo akkasumas barattootiin Oromoo addatti fincila gaggeessaa jiran akeekaa fi kaayyoo abbaa biyyummaa bakkaan gahuuf hakanii fi guyyaa irratti hojjechaa jirama.

Kanaaf, yeroo gabaabaa keessatti bifa qindaayee fi mootummaa Wayyaanee irratti fincilootaa qindaawaan irraatti humna guutuun hirmaatuun fincila xumura gabrummaa itti fufamuuf deemu ummanni Oromoo waliigala qorqalbiin hordofaa qaamaan keessatti of qusatnaa maleee hirmaataa biyya keessaa fi alaan sochii warraaqsaa fi deggersa keessan daran akka jabeessitan waamicha lammummaa dabarsina.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Injifatnoon Ummata Oromoof

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Hagayya 26,2016

Finfinnee,Oromiyaa

PDFn- LABSA FXG Qeerroo Irraa Kenname Hagayya 26 2016

 

“Hin Kaasu Alaabaa Gabromfataa,Jedhe Fayyisaa Lelisaa Leenci Sanyii Leencaa” Wallee Haaraa Ittiiqaa Tafarii

Aside

Beektoti Oromoo Hedduun Hiriira Yeroo Darbee Irratti Ukkamfaman Bakka Bu’an Hin Beekamu

Aside

Hagayyaa 26/2016 Eengıneer Gammachuu Hirphasaa kan keessatti argamuu Ilmaan Oromoo Jumlaan ukkanfaman Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 8ffaaf utuu walirraa hin citin gaggeeffamaa jiruun wal.qabatee torbanoota darban  warraaqsaa magaalaa Fınfınnee keessattı Gaggeeffameen ilmaan Oromoo qaroo hawaasaa ta’an 3500 oliittı lakkaa’aman Magaalaa Fınfınnee qofa keessa ukkaanfamuun gara dabarfamuun mooraa leenjıı waraanaa Awaash Arbaa jedhamuu fı bakkoota garaagaraa hın beekamneettı ukkanfamuun hıdhaman keessa:

1. Engıneer Gammachuu Hirphasaa Oromummaa isaan yakkamee kan ukkanfame Awaashaa Arbaattı hıdhamee kan jıru

Ing Gammachuu HIrphaasa

Ing Gammachuu HIrphaasa

Barsiisaa Olyaad

Barsiisaa Olyaad

2. Barsıısaa Oliyaad Hirphasaa , Barsiisaa afaan Ingliffaa godina/k/l/Shaggar ture.Yuuniversiitii Finfinneettii barnootaa peedaagojii osoo hordofaa jiruu qabamee dhabame.

3. Dargaggoo Guutuu Abarraa kan jedhamu  jedhamu.nannoon dhalootaa godina wallagga lixaa aanaa Gimbiiti.Magaalaa Finfinneetti warshaa kophee china hojjetee jiraata. Innis gafa qabamee dhabame, ta’uu maddeen Qeerroo Bilısummaa Oromo gabaasan.

Mootummaa Cimdeessa

4.Ogeessaa Fayyaa Mootummaa Cımdeessaa Godına Lıxa shaggar Aanaa Midaa Qanyii bakka Hojıı Aanaa dandıı Buufata Fayyaa Daanisaa ırraa Agaazıın Qabamee Sanqalleettı hıdhame

Dargaggoo Guutuu Abarraa

Dargaggoo Guutuu Abarraa

Uummatni Oromoo ilmaan ısaa hidhaman hiiksıfachuufi kanneen Wareegamaan gumaa baafachuun Bilisummaa isaa gonfachuuf Qabsoo isaa roga hundaan jabeeffachuun motummaa wayyaanee hudhee qabuun  Qabsoon Warraaqsaa Bıyyoolessaa Oromıyaa FXG  bakka hundaaıttı jabaachuu akka qabu hubachııfna!!

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 26,2016

Aside

Gooticha Oromoo Atileet Fayyisaa Lellisaa Ilaalchisee Walaloo Artistoota Oromoo Seenaa Solomoonii fi Keyeroon Darajjee

Aside

Wallee Gooticha Oromoo Atileet Fayyisaaf Wallifame/Artist Daawitee Mokonnon

Aside

Continue reading

Gootichi Oromoo Girmaa Galataa Tulluu Jedhamu Qonnaan Bultoota Oromoo fi Dargaggoota Gurmeessite Jedhamee Lafa Qonnaa Isaatti Poolisootaan Reebamuun Wareegame.

Aside

IMG_20160824_064726Hagayya 26,2016 ,Gootichi beekamaan ilma Oromoo onneen isaa waa’ee saba isaaf quuqamu kun kan dhalatee guddate Godina Wallaggaa bahaa aanaa Kiiramuu  nannoo Burqaa Soorumaa  bakka addaa Gooftoo jedhamutti dhalatee akka guddate beekamee jira .
Kan inni irraa dhalates haadha isaa aadde Buzee Abbabaa Rorroo fi Abbaa isaa obbo Galataa Tulluu irraa dhalatee akka guddate jiraattonni naannoo sanaa  nuuf himanii jiru.
Gootichi Oromoo oromummaa isaaf  diinaaf hin jilbeenffanne kun xinnummaa isaa irraa kaasuun falmaa hadhaawwaa gochaa kan turee fi jala deemtota diinaa waliinis waliin gaareffachaa imala jireenyaa isaa keessattillee doorsisni jumlaan irra ga’a akka  ture beekamee jira.
Girmaan osoo barnoota isaa kutaa 10ffaa barachaa  jiruus doorsisni mootummaa gabroonffataan waan itti jabaateef barnoota isaa kanas  addaan akkanni  kutuuf yaaliin guddaan godhamaa turus Girmaan garuu jabaatee barnoota isaa kanatti qaxalee ta’uudhaan diina waliin wallansoo wal qabaa barnootasaa itti fufee ture .
Haaluma kanaanis guyyaa dhaloota isaa irraa ka’uun naannoo inni jiraatu keessatti doorsisni jabaan irratti akka raawwatamaa ture jiraattonni naannoo sanaa tokko tokko nuuf imanii jiru.
Kanneen keessaas Saamichi  lafaa kan maatiisaatii  irraa fuudhuun beenyaa tokko malee waajjira qonnaa naannoo isaaniif galii ta’ee akka jiru akkasumas bakka ijaarsaa waldaa Bu’uuraa Caffee Eebbaa jedhamuufis kaffaltii tokko malee lafa maatii isaa irraa booji’uun waldaa sanaaf akka laatame  beekamee jira.
Kanumarraa ka’uunis Girmaan aarii jabaan mootummaa faashistii Wayyaanee irratti duuluu jalqabee. Mootummaan Wayyaanees Girmaa irratti humnoota qaama nageenyaa naannoo sanaa irratti duulsisuun isa hordofsiisuu jalqabani.
Keessumaa namni miseensi poolisii naannoo Kiiramuu ta’e tokko maqaan isaa Abiyoot namni  jedhamu irra deddeebiidhaan nama mana jireenyaa Girmaan jiraatutti deemuudhaan doorsisaa turee fi  abbaasaaf haadhasaallee nama deemee  mana jireenyaa isaanii keessatti reebaa nama ture akka ta’e beekamee jira.
Akkasumas akka jiraattonni naannoo sanaa  nuuf eeranitti guyyaa gaafa 13/10/2008 waajira gandaa irraa situ ijaarsa ijaaramee jiru diige maqaa jedhuun bakka inni qonnaa qotaa jirutti osoo inni qotiisa dhaabee ciree isaa nyaachaa jiruu bulchaan gandaa naannoo isaa namni maqaan isaa Fiqaaduu Soorii Baayyisaa namni jedhamu poolisoota aanaa nama lama fudhatee deemuudhaan bakka inni qonnaa qotaa jiruu butuudhaan reebicha jumlaan irratti raawwachaa gara waajjira poolisii aanaa kiiramuutti geeffamee dararaa guddaan achi keessatti irratti raawwatamaa akka ture jiraattonni naannoo isaa nuuf eeranii jiru.
Girmaan turtii hidhaa torban lamaa boodas mirgi wabii eegamee fi ba’u danda’ee tureem. Haa ta’u malee gootichi Oromoo Girmaa Taakkalaa rakkoo daangaa hin qabne hamma kanaa dandamatee ,roorroo alagaaf otuu harka hin laatin guyyaa dhaloota isaa irraa ka’uun osoo oromummaa isaaf diinaa wajjin wallaansoo wal qabuu guyyaa gaafa adoollessa 30 bara 2008 hiriira guddicha akka guutuu Oromiyaatti finiinaa ooleen innis gaaffii Abbaa biyyummaa isaa gaafachuuf gaafa ba’u humnoota poolisii duraan naannoo isaatti isa adamsaa turaniin akka ajeefame maddeen keenya nuuf eeranii jiru.
Sirni geggeessaa awwalcha isaas hagayya 01bara 2008 waldaa warra waaqeffannaa warra wangeelaa Tokkummaa waldoota kiiramuu Fissoo bakka jedhamutti sirni awwaalcha isaa akka raawwate maddeen keenya nuuf himanii jiru.
Qabsa’an du’us qabsoon itti fufa.

SBO: Hagayya 26 bara 2016. Oduu, Gabaasa Tarkaanfii Gootummaa Atleet Fayyisaa Leellisaa fudhate irratti fuulleffatee fi Hiriira mormii Hawaasa Oromoo Kanaadaa -Toroontoo.

Aside

Olympic Marathoner Who Defied Ethiopian Government at the Finish Line Hasn’t Returned Home

Aside

August 24, 2016

 By MORGAN WINSOR

http://abcnews.go.com/video/embed?id=32659924
(ABC News) — Ethiopian marathon runner Feyisa Lilesa has not returned to his home country since making anti-government demonstrations after he won a silver medal at the 2016 Summer Olympics in Rio de Janeiro, ABC News has learned.

Lilesa’s agent Federico Rosa confirmed to ABC News today that the runner did not fly home to Ethiopia with the country’s Olympics team Monday.

“He didn’t go back to Ethiopia,” Rosa wrote in an email. “Plan for future not clear yet, we will know more in some days.”

Continue reading

Aside

1ddd  SQ