Hagayyaa 26/2016 Eengıneer Gammachuu Hirphasaa kan keessatti argamuu Ilmaan Oromoo Jumlaan ukkanfaman Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 8ffaaf utuu walirraa hin citin gaggeeffamaa jiruun wal.qabatee torbanoota darban warraaqsaa magaalaa Fınfınnee keessattı Gaggeeffameen ilmaan Oromoo qaroo hawaasaa ta’an 3500 oliittı lakkaa’aman Magaalaa Fınfınnee qofa keessa ukkaanfamuun gara dabarfamuun mooraa leenjıı waraanaa Awaash Arbaa jedhamuu fı bakkoota garaagaraa hın beekamneettı ukkanfamuun hıdhaman keessa:
1. Engıneer Gammachuu Hirphasaa Oromummaa isaan yakkamee kan ukkanfame Awaashaa Arbaattı hıdhamee kan jıru
2. Barsıısaa Oliyaad Hirphasaa , Barsiisaa afaan Ingliffaa godina/k/l/Shaggar ture.Yuuniversiitii Finfinneettii barnootaa peedaagojii osoo hordofaa jiruu qabamee dhabame.
3. Dargaggoo Guutuu Abarraa kan jedhamu jedhamu.nannoon dhalootaa godina wallagga lixaa aanaa Gimbiiti.Magaalaa Finfinneetti warshaa kophee china hojjetee jiraata. Innis gafa qabamee dhabame, ta’uu maddeen Qeerroo Bilısummaa Oromo gabaasan.
4.Ogeessaa Fayyaa Mootummaa Cımdeessaa Godına Lıxa shaggar Aanaa Midaa Qanyii bakka Hojıı Aanaa dandıı Buufata Fayyaa Daanisaa ırraa Agaazıın Qabamee Sanqalleettı hıdhame
Uummatni Oromoo ilmaan ısaa hidhaman hiiksıfachuufi kanneen Wareegamaan gumaa baafachuun Bilisummaa isaa gonfachuuf Qabsoo isaa roga hundaan jabeeffachuun motummaa wayyaanee hudhee qabuun Qabsoon Warraaqsaa Bıyyoolessaa Oromıyaa FXG bakka hundaaıttı jabaachuu akka qabu hubachııfna!!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (August) | OromianEconomist