SBO Mudde 18,2016. Oduu fi Qophilee haala yeroo irratti dhihaatan

Aside

SBO: Muddee 16 bara 2016. Oduu fi Qophiilee Adda addaa.

Aside

SBO: Muddee 14 bara 2016 Oduu fi Qophiilee Adda addaa Akkasumas SBO Sagantaa afaan Amaaraa.

Aside

Godina Arsii Aanaa Roobee Mana Barumsaa Roobee Diidda’aa S/2ffaa Keessatti FXG Itti Fufuun Waraanni TPLF Barattoota Hidhaa Jira.

Aside

Mudde 10.2016

Itti fufaGodina Arsii Aanaa Roobee m/b Roobee Diida’aatti Mana barumsaa sad 1ffaa Xaqqee jedhamuun beekamutti Mudde 9,2016  barattoonni akkuma qormaata xummuranii bahaniin harka isaanii lamaan wal qaxxaamursiisun mallattoo mormii FXG agarsiisuun homna komaand poostitiin barattoonni afur hidhamuu fi kanneen hafanis adamfamaa jiraachuun dhagayameera.bifuma wal fakkaatun gootonni ilmaan Oromoo achuma aanaa Roobeetti Mana barumsaa sadarkaa 1 ffaa Ataabaa Goraas kan makamaniifi mallattoo mormii FXG agarsiisuu isaanitiin barattoonni hedfuun humnoota poolisii achitti ramadamaniin reebamuun isaanii himame

Kana malees  Arsii Aanaa Xiyyootti human komaand poostitiin guyyaa har’aa barattoonni m/b Xiyyoo sad1 ffaa hedduun hidhamaa jiraachuun himameera.

TNT World Insight: State of Emergency in Ethiopia – Part I, II

Aside

Continue reading

Ayyaana Sabaaf Sablammii Jechuun  Wayyaanee Mooraa Garaa Garaa Keesatti Karaarfatte Fashale

Aside

Mudde 10,2016
Holola dharaan uummata gowwomsuun akkuma duraa waan milkaahuuf itti fakkaachuun mooraa barnootaa olaanaa keessatti waamicha ayyaanaa Barattoota Oromoof gooteen barataan kamillee irraatti utuu hin argamin gartuu dabballoota TPLF qofa waliin kabajattee dabarsitee jirti.

Mooraawwan Qeerroon irratti argamuufii didan keessaa Mooraa,Wallagga Yuunibarsiitii,Mattuu Yuunibarsiitii,Jimmaa Yuunibarsiitii miidiyaa isaanii hololtuurraa illee Jalee OPDO kan ta’e guyyoo haasofsiisaa turan, haasaa kan taasisaan irraa qabee kannee waltajjii qophaa’e irratti argaman ilmaan Tigireef Goobanota Barataa basaasan qofa ture,Mooraa Haramayyaa keessattis barataan lagachuun dabarsee jira

SBO Mudde 11,2016. Oduu, Qophii haala yeroo irratti hundaawee fi walaloo

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Mudde 9, 2016

Aside

Gabaasaalee Oromiyaa Torbee Kana Keessaa

Aside

qeerroo-aboMudde 09,2016/ Yeroo mootummaan goolessituu wayyaanee maqaa labsii hatattamaa komand post (State emergency) maqaa jedhu da,oo godhachuudhaan ilmaan oromoo akkaan ajjeesaa kanneen hafan immoo jumlaan mana hidhaatti guuraa jiru kanatti kaanimmoo mana jireenyaa isaanii irraa saamuudhaan biyya isaanii fi lafa abbaa isaanii irraa yeroo godaansisaa jiru kanatti  gootowwan qeerroon guutummaa oromiyaa  keessa jiran  warraaksa biyyoolessaa jabeessuudhaan diina waliin wallaansoo jabaa geggeessaa jiru.

Torbee kana keessas mootummaan Sirni bara bittaa isaa harkatti hunkutaa,e maqaa ayyaana sabaaf sablammootaa  jedhuun uummata oromoo guutummaa oromiyaa keessa jiran dirqiidhaan akkaa uummanni ayyaana kana kabajuuf jaladeemtota  isaa uummata irratti bobbaasuun yaalii jabaa akka ayyaanni kun kabajamuuf geggeessullee warraaksa qeerroon yeroo ammaa geggeessaa jiruu fi diddaa uummanni gochaa jiruun guutummaan ayyaana sabaaf sablammootaa kun qeerroodhaan golee oromiyaa mara keessaatti akka hin kabajamneef addaan fashalaa,ee oolee  jira.Mootummaan wayyaanee dur ayyaana sabaaf sablammootaa maqaa jedhuun hololaan kan lafa cabsaa ture barana garuu qabsoo jabaa qeerroon godinaalee oromiyaa hunda keessatti taasisaniin guutummaan ayyaaninichaa addaan fashalaa,ee jira. Continue reading

Mooraa Yunversiitii Wallaggaa keessatti diddaan baratootaa daran jabaachuu irraan kan ka,e baratoonni moorichaa jumlaan reebamaa fi hidhamaa jiru.

Aside

Qeerroo OromiyaaMudde 09,2016/ Mooraa yuunversiitichaa keessatti humni federaalaa mooricha keessa weeraree jiru baratoota nagaa barnoota barachaa jiran ofiisaatiin dubbii itti kaasuudhaan isintu dubbii kaase maqaa jedhuun baratoota moorichaa akka malee gidirsaa jira.Mooricha keessattis gootowwan qeerron mooricha keessa jiran yeroo ammaa kana diddaa isaanii jabeessuun mootummaa garboonffattuu wayyaanee waliin wallaansoo jabaa geggeessaa jiru.
.
Humni federaalaa mooricha keessa dhuunffatee jiru kun badii tokko malees baratoota moorichaa ba,aa gala dhorkuun seensa mooraa yuunversiitichaa irra qubsumasaa godhachuudhaan baratoota moorichaa akkaan  doorsisaa jira.Hoomaan waraanaa seensa moorichaarra qubsumasaa godhatee jiru kun yeroo ammaa kana hojiin isaa idileenis baratoota reebuu badii tokko malee ofitti waamuun dubbii irra barbaaduuf  jecha dirqiin ofitti waamuun reebicha jumlaan irratti raawwachaa jira.

Continue reading