
.
Humni federaalaa mooricha keessa dhuunffatee jiru kun badii tokko malees baratoota moorichaa ba,aa gala dhorkuun seensa mooraa yuunversiitichaa irra qubsumasaa godhachuudhaan baratoota moorichaa akkaan doorsisaa jira.Hoomaan waraanaa seensa moorichaarra qubsumasaa godhatee jiru kun yeroo ammaa kana hojiin isaa idileenis baratoota reebuu badii tokko malee ofitti waamuun dubbii irra barbaaduuf jecha dirqiin ofitti waamuun reebicha jumlaan irratti raawwachaa jira.
.
Waraanni weerartuu wayyaanee ilmaan oromoof quuqama tokkollee kan hin qabne ammas ajeechaa kanaan dura kumoota kudhaniin raawwachaa tureef dhiifama tokko malee ammas naga,e osoo hin jedhin ilmaan oromoo ajjeesuu fi hidhaadhaan gidirsuu akkuma itti fufetti jira.
Bifuma wal fakkaatuun mooricha keessatti mootummaan goolessituun wayyaanee baratoota oromoo mooricha keessa jiran sababii oromoo ta,an duwwaaf yakkamaa taasisuudhaan mooricha keessaa butuudhaan gara mana hidhaatti darbachuun ukkaamsaa jira.
Haaluma kanaan torbee kana keessa barataan Hundee Tafarii jedhamu gosa barnootaa Veetarnarii waggaa 1ffaa mooricha keessaa barachaa kan ture yemmuu ta,u dhalootaan Danbi doolloo kan ta,e mooricha keessaa humna tikaatiin butamee achi buuteen isaa dhabamee jira.Barataa hundeen sababa oromoo ta,e duwwaafis yakkamuun mana hidhaatti akka darbatame himamee jira.