Yunivarsiitii Arbaa Minci Keessati Erga Hiriira Baatan Jedhamuun Barattoota Oromoo 27 Hidhanii turan Keessaa 4 Barnoota Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Aammajji 22,2017
Barruulee Qeerroon facaaseMormiin Oromiyaa keessatti ka’een wal qabatee barattoonni Yuunibarsiitoo hiirira mormii gaggeessitan jedhamuun Yunivarsiitooti Arbaa Minci kan kibba Itoophiyaa keessatti argamturraa barattoota danii hidhanii afur mana barnootaan ala gochuun isaanii ni yaadatama.Haa ta’uullee malee ammayyuu mirgi namoomaa nuu kabajamee kan jiraachaa hin jirree ol jennee ija keessa ilaaluuf qawween doorsifamuuf reebichi waan jutti danatuu haalli barachuu illee nutti ulfaatee jira.jechuun Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsanii jiran.Adeemsi biyyattii keesatti qaroo uummata Oromoo barattoota Oromoorratti dalagamaa jiru akkaan nuffisiisaa saatii ta’e fincaan Tigireef jala deemtonnishee OPDOn kana booda nagaan baatee galuu akka hin qabnetti sochiin gama hundaan finiinuu qaba. Continue reading

Duulli Reebichaa Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Walloo Irratti Gartuu Waraana TPLFn Baname.

Aside

Amajji 22,2017
Because I am OromoOromiyaa bakkeewwaan hunda keessa akka barbaadan nyaatanii dhuganii,waan fedhan fudhatanii fedhan saamanii fandalaalaa utuu Oromiyaa keessa jiraatanii barattoota keenya barnootaaf manaa bahan biyya keenya keessatti barachuu hin qabdan jechuun duulli jabaan har’a barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Walloo keessaa baratan irratti kaafamuun barattoonni Oromoo baqatanii bahuuf illee haala ulfaata keessa seenanii jiran.”Baroota dheeraaf Yuunibarsiitii Walloo keessatti hanga barannee keessatti akka dhala namatti utuu hin taanee hamma lubbu qabiiyyee illee utuu mirgi keenya nuuf hin kabajamiin jechoota arraabaa isaanii baannee mataa gadi qabanner barachuuf hedduu yaalaa turre.

Continue reading

Gootowwan Qeerroon Magaalaa Naqamtee Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufan.

Aside

Amajjii 22,2017

Gootowwan Qeerroon bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti argaman guyyaa ayyaana cuuphaan wal qabsiisuun diddaa mootummaa abbaa irree wayyaaneef qaban mullisan.

Humni komaandi poostiis uummata magaalaa naqamtee bahaaf gala dhorkuudhaan goolaa akka oolee tures qeerroon magaalichaa addeessanii jiru. Keessumaa waraanni komaandi poostii magaalicha keessatti humna waraana kora bittinneessaa oromiyaa irraa hidhannoo hiikkachuudhaan harka duwwaa akka isaan taabota duukaa deeman taasisanii jiru. Continue reading

SBO: Amajjii 22 bara 2017. Oduu, Duula Wayyaaneen Humna ‘Liyyuu Poolis” jedhuun Ummata Oromoorratti bane ila alchisee ibsa ABO irraa kenname akkasumas, Gaaffii fi deebii Miseensa KHR-ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin taasifame -Ku taa jalqabaa.

Aside

Yaada Hattattamaa – Qabsoo Uummata Oromoo – Damee Boruu irraa

Aside

Yaada Hattattamaa – Qabsoo Uummata Oromoo

Damee Boruu irraa

Uummata OromooYaroon keessa jirru kana sochiin qabsoo bilisummaa Saba Oromoo guddatee sadarkaa ol aanaa gahuu irraa kan ka’e namni Oromoo tahe hunduu karaa tokkoon tahe karaa biraa akka keessaa qooda fudhatu tahee jira. Namoota muraasa dhuunfaa mataa isaanii hordofan irraa kan hafe irraa guddaan Oromoo hiree isaa akka sabaatti ofiin murteefachuu filata. Warri fedhii dhuunfaa isaanii hordofan waan barbaadan haa argatan malee qabsoo bilisummaaf Oromoo yoo gufate dhimmi irraa hin qaban. Dhhigni uummata Oromoo akka lolaa gannaa dhangalaa jirus isaan hin mararuu. Yaroo Wayaaneen obboleessa isaanii ajjeesse darbu isaanii immoo borsaa isaa keessaa waan qabu fudhatanii reefa isaa bineesa dagalaaf dhiisanii deemu.

Sabni Oromoo ilaamaan yartuu akkasii horee qabaa jennee wal hiin gaafannu. Bareechee qaba.  Kana barba baraan agarree jirra. Yaroo har’a kana kan wal gaafachuu fi irratti mariiachuu qabamuu: Gaaffii tokko tokkoon keenya maal yoo goone lubbuun diina gabaabachuu danda’a? isa jedhu taha. Nama Oromoo tahaee dhalatee duwwaa utuu hin taane, uummata Impayeera Itoopiyaa keessa jiruuf maraaf  diinni duraa TPLF akka tahe gadi fageessinee hubachuu qabna. Keessattuu uummta Oromoof gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ti. Mootummaan TPLF kun ilmaan Oomoo waloon aradaa Oromiyaa irra dugugee balleessuuf ifatti xiyyeefatee jira. Kan Agazii xiqaatee waraana Somalee Liyuu Polis jedhu leenjisee, hidhachiisee uummata keenya irratti bobaasaa jira. Gochi kun haala lama of keessaa qaba. Inni duraa duraa ilmaan Oromoo fi qabeenya Oromoo barbadeessuu dha. Inni lammaffaa yoo milka’eef Uummata Oromoo fi Uummata Somalee walitti diruuf. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 20, 2017

Aside

ONN: Liyyuu Police and its history – Is it another dimension of Agazi?

Aside

Simbirtuu: Oduufi qophii IMALAA miseensa GS-ABO fi Seife Nebelbal Radio

Aside

Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 19, 2017

Aside

GODINA WALLAGGA BAHAA JALA JIRAN KEESSAA WAYYAANEEN KAABINOOTA ISAATTI GARAGALUUN HIDHAA JIRAACHUUN HIMAME.

Aside

Amajjii 19,2017
Godina Wallagga bahaa magaalota kanneen akka kiiramuu,Giddaa ayyaanaa ,Limmuu galiilaa,Nuunnuu qumbaa,Hadaree,Shaambuu, fi Ebantuu keessatti ,hojjettoinni waajjira mootummaa wayyaanee keessa ta,anii uummata oromoo godinoota kanneen keessa jiraatan gidirsaa fi doorsisaa turan  ofuma saaniifiyyuu Wayyaaneedhaan shakkamuun mana hidhaatti guuramaa jiraachuu qeerroo achirraa ibsan.

Continue reading