Ijoo Dubbii ABO – Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa.

Aside

Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa.

(Ijoo Dubbii ABO)

Bitootessa 12,2017 bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Laaftoo iddoo kosii/balfi itti gatamu bakka Qoshee jedhamee yaamamutti jigiinsa tuullaa kosii irraa  lammiileen hiyyeeyyii dhibbaa ol tahan iddoo kana bakka jireenyaa godhatan haala gaddisiisaa fi suukanneessaan lubbuu dhabaniiru. Akkanumattis dhibbatti kan lakka’aman balaa kanaan qaamaan gaaga’amaniiru. Kosii kana jalatti awwaalamanii jiraa fi du’aan isaanii kan adda hin ba’inis hedduu dha.

Lammiilee balaa kanaan miidhaman keessaa irra jireessi lammiilee ummatoota cunqurfamoo ta’uun hin falamsiisu. Kanneen dhumiinsi gaddisiisaa irra gahe, kanneen lafa isaanii irraa mootummaa TPLFn buqqaafaman, biyya abbaa isaanii keessatti alagoomfamuu irraa akka kosiitti ilaalamanii kosii waliin jiraachuuf dirqaman, warreen cunqursaa fi saaminsi mootummaa abbaa irree itti jabaatuu  irraa jiruu fi jireenyi harkatti babbadee dha. Continue reading

Waraanni TPLF Godina Arsii Magaalaa Seeroftaa Keessattis Manneen Nagadaa Ummataa Cufsiisuu Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 16,2017/ Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo karaa adda addaatiin akkuma dararaa irraan gahaa jiru Godina Arsii magaalaa Seeroftaa keessattis Dukkana ummataa cufsiisuu kan itti fufe yoo ta’uu magaalattii keessatti ummanni qaala’iinsa jireenyaatiinis dararaa adda Addaa arguudhaan gabayaa bayee waan barbaadu bitatee galuu dadhabaa jira,Kuni kanaan Osoo jiruu Ummanni akka wal quba hin qabaanne fi akka haala yeroo irratti odeeffannoo jiru waliif hin qoonne Kaardii moobaayilaa magaalarraa dhabamsiisudhaan magaalota akka Roobee Diida’aa, Continue reading

Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaa Magaalaa Abaadir Keessaa Barsiisotii fi Barattooti Hedduu Hidhamaa Jiru.

Aside

Bitootessa 15,2017/Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaa Magaalaa Abaadir Keessaa Oromoonni Hedduu Hidhamaa Jiru.
barattoota fi barsiiftonni hedduun Kumaandi poostidhaan mana hidhaatitti guuramaa jiru, Bitootessa 13/2017 Manneen barumsaa keessaa barattoonni fi barsiiftonni hedduun kan hidhaman yoo ta’uu kanneen hidhaman keessaa

  1. Barsiisaa Yuusuf Amiin,
  2. Barsiisaa Tarreessaa Abdataa,
  3. Barataa Muhiddiin Kadiir
  4. Barataa Ismaa’il Qaasim
  5. Barsiisaa Abdii Qaasim keessatti kan argaman yoo ta’uu yeroo ammaa waajjira Poolisii magaalaa Itayyaa keessatti hidhaarra jiru, Sababiin namoonni kunniin ittiin hidhamaniifis maqaa barattoota Fincilaaf kakaasaa jirtan jedhuun ta’uunis dhagayamee jira.

Gama biraa Godinuma Arsii Aanaa Gadab Asaasaa Magaalaa Asaasaa  Keessatti Namoota manneen dhuunfaa kireessanii ittiin jiraataniin Namoota mana Kireessitaniif Waraqaa eenyummaa Fi Suuraa kireeffattootaa fidaa jechuudhaan waajjira poolisii magaalaa Asaasaa Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa (SQ), Bitootessa 14, 2017

Aside

ONN : Qophii Gaaddisa Dhugaa – Bitootessa 14, 2017

Aside

SBO: Bitootessa 15 bara 2017. Oduu, Gaaffii fi deebii Dura Taa’aa Konyaa ABO Mul’is Abbaagadaa -magaalaa Toroontoo waliin taasifamee fi gaaffi fi deebii Artiist Mastaawat Haylayyasuus Qananii waliin taasifame Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Testimony of Seenaa Jimjimo, The Suffering of Oromo People

Aside

Continue reading

RSWO – Bitooteessa 12, 2017 – Oduu fi dhaamsa RSWo dhageeffachuu ni jaalattanii??

Aside

Biyya Oromoo Keessatti Biyya Biraa Ijaarun Itti Fufe!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Biyya OromooUmmanni Oromoo saba guddaa, saba aadaa, seenaa fi duudhaa  guddaa qabuudha.  Ummanni kun biyya mataa isaa, biyya barootaaf irra jiraachaa ture ummata qabuudhasi.  Biyya isaa keessaattis akkuma seenaan ragaa bahutti ummata  sirna bulchiinsaa mataa isaa diriirsee ykn ijaarratee seeraa fi sirnaan, nagahaan wal bulchaa tureedha.Ummanni Oromoo dachee badhaatuu lafa facaasanii  irraa hammaarratan, horanii irra yaasan qabu ta’unis  dhugaa iafa jiruudha.  Walumaa galatti ummanni Oromoo ummata aadaa, seenaa fi dhuudhaa akkasumas qabeenya ummamaa hammaramee hin dhumne qabudha jechuutu danda’ama. Continue reading

Qophiin ‘DIINQA OROMOO’’ Hayyuu Oromoofi Qorataa Siyaasaa Dargaggoo Moonenus Hundarraa Galataa wajjin turtii goone kutaa 1ffaa kana nufaana tura!!

Aside