Maqaansaa Badhaadhaa Dhaqqabaa Waariyoo jedhama. Biyya Oromiyaa godina Arsii Lixaa Shaashamannee Ganda Kuyaaraa jedhamtuuttii dhalatee guddate. Dargaggoo ogummaa lama gonfatedha; Ogummaa herregaa/Mathematics fi Seeraa/Law ti. Barumsa Herregaa barsiisuun dhaloota qubee nama qaraa turedha. Manneen barnootaa naannoo Finfinnee marsanii jiran hedduu barsiiseera. Erga barnoota seeraa Yunivarsiitii Finfinnee seenuun abratee boodammoo ogummaa seeraa gadi fageenyaan leenji’eera. Abbaa murtii Godina Baalee ta’eemagaalaa Roobee keessa hojjetaa tureera. Continue reading
Blog Archives
Amnestii Internaashinaal Waa’ee Mirga Dhala-namaa Oromoo Irratti Kolombiyaa Yunivarsitii Keessatti Kora Qopheesse
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 24, 2017
Aside
Qophii Qaanqee show (Bit, 24,2017) Gaafi fi deebi Aaddee Marge Dhufera
Aside
Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Barattootaaf Tiliila Isinii Kennina Jechuun Barattooti Hedduun Summaawanii Hosptala Galaa Jiru
Aside
Bitootessa 24,2017 ,Godina wallagga bahaa magaalaa Naqamteetti garboomfataan Wayyaanee TPLF posticha talaalliiti jechuun mana barnootaarra deemee kan liqimsiiseen barattoonni hedduun miidhamuun faarfame. Bitootessa 24 bara 2017 manneen barnoota kanneen akka mana barumsaa
- Calalaqiii,
- Kibba Waachaa,
- Abdii Lammii,
Sun Shine fii kanneen biroo keessatti barattoonni hedduun posticha kana erga liquidation booda gaggabuun
ambulaansiin gara hospitaala naqamteetti guuramaa jiru.
ONN: Dr. Trevor Trueman Chairman of Oromia Support Group
Aside
Godina Arsii Aanaa Doddolaa Magaalaa Siree Keessaa Manneen Daldalaa Cufamaa Jiru,Sabboontotis Mana Hidhaa Wayyaaneetti Gooramaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Bitootessa 23,2017
Godina Arsii Aanaa Doddotaa Magaalaa Siree keessatti manneen Daldalaa ummatarraa cufamaa jiraachuun dhagahamee jira,Ji’oottan dabran kana keessatti godina Arsii magaalota hedduu keessatti manneen daldalaa ummatarraa cufamaa jiraachuu gabaasaa kan turre yoo ta’uu addatti manneen daldalaa ilmaan Oromoo qofarratti fuulleffachuun ummata keenna diinagdeen dadhabsiisuuf akka itti yaadamee godhamas jiru Qeerron gabaasee jira
Godina Arsii Magaalaa Dodolaa keessaa ummata Oromoo mana hidhaatitti guuruun itti fufee jira 21/3/2017 namoota hedduu ummata misoomafii nageenya biyyattiitti buusuu dhoorgaa jirtu jechuudhaan kan hidhaa jiran yoo ta’uu namoota amma waajjira poolisii magaalattii keessatti hidhaman keessaa
- Muhaammad Bulloo,
- Ahmad Tolaa ,
- Ibraahim Muummee,
- Safiyyaa H/Jamaal,
- Seeyfuu Bakaroo,
- Jamaal Abdullaahi,
- Yuusuf H/ Amiin,
- Shamsuddiin Jeeylaan,
- Turaa Kadiiro fi
- Ziyaad Aliyyii kan keesatti argaman yoo ta’uu ammas namoota hedduu basaasaa jiraachuun
gabaafamee jira
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 23, 2017
Aside
