Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa dhaamsuufi dura dhaabbachuuf yakka waraanaa Mootummaan abbaa irree Wyyaannee raawwachaa jiru daran hammacha jira. Mootummaan Wayyaanee sodaa guddaafi yaaddoo Sochii Warraaqsaa FXG ummatni Oromoo akka waliigalaatti ittifufinsaan gaggeessaa jiru irraa ka’uun labsii muddama (state of emergency) isaa dheereffachuun biyyattii addatti immoo Oromiyaafi Uummata Oromoo waraanaan gooluu ittifufee jira.
Abbaan irree Wayyaanee baha Afrikaa biyyattii keessatti Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa raasee isa qabee jiru tasgabbeesinee nagaa buufneerra jedhee miidiyaa dharaa of harkaa qabuun ummataa biyyattiifi hawaasa addunyaa gowwomsaa jiraatuyyuu biyyattii keessatti nageenyi akka hin jirreefi sochiin Warraaqsaa uummataa roga hundaan hudhee isa qabee kan jiru ta’uu dheerachuu labsii muddamaa (state of emergecy) irraa kan hubatamuu yoo ta’u, haala rakkisaafi kufaatii irra gahee jiraachuu kan mirkaneessuu ta’uun wal nama hingaafachiisu. Dabalataanis, komishiiniin mirga namummaa Itoophiyaa gabaasa sobaa baasuun yakka waraanaa mootummaan wayyaanee ummata oromoofi saboota cunqurfamoo irratti raawwate dhoksuuf yaalaa jiraachuun beekamee jira. Continue reading
Ebla 20/2017) Gidduugaleessaa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giincii fi naannoo isheetti Ebli 15 Guyyaan Gootota Oromoo Qeerroo dargaggoota Oromoo , Sabboontota Oromoofi Qabsaa’ota Oromoo baadiyyaa fi Magaalaa jiraataniin bifa ho’aa ta’een kabajame. Kaayyoo Gootota Oromoo daran tarkaanfachiisuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuuf irbuu isaanis haaromsatan. 
