Caamsaa 28 2017
Dachaasaa Deebisaatiin
Ilmaan gita bittuu Habashaa, egeree saboota cunqurfamoo keessattu sabota hidda Kush(Numibiyaa) haqaaquun maksuuf tattaafachaa turuun nii yaadatama. Aadaawwaan sabichaas kansaanii tasifachaa afaan saboota kanaallee bakka bakka walitti funaanuun afaansaanii godhaachaa as gahan. Ilmaan garboonfattootaa kun kanneen walqixxummaa sabaatti hinamanneef; kanneen olaantummaa isaanii qofa mul’ifachuu barbaadan yoo ta’u. Saboota biroo biyya Xoopiyaa jedhamtu kana keessaa barbadeessuuf irratti hojjechaa turuunsaanii seenaan nii yaadata. Saba tokkoon afaankee hindubbatin afankoon dubbadhu jechuun hanga arraba irraa muranitti gahaa turan. Kana fakkenya goonee yeroo mara kaasuu kan qabnu uummata Oromoo Raayyaa Qobboo jiraatuuf, Wallo Kamisee keessaa kaasuun nii danda’ama. Gochaawwaan ilmaan oftuultotaa kanaan Oromoon baroota darbaniif aangaa’ota Habashaa darban keessatti gootota hedduu dhabee jira. Afaan keessan hindubbattan jechuu qofaaf saboota Oromoo bakkeewwaan , Raayyaa Qobboo, Wallo kamisee, Goojjam Mattakkal, Kafaa ( har’allee sirna bittaa Wayyaanee kana keessatti mirgi isaanii kan kabajaamaa hinjirre) fi kkf keessa jiraatan irratti duguuggaa Aadaa, seenaa, afaaniif sabaa dalagaa as gahuun isaanii nii yaadatama. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk