Caamsaa 24,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasaatti Gareen Ispoortii Bulchiinsa magaalaa Asaasaa Shaampiyoonaa liigii kilaboota Oromiyaa ta’uun gara liigii biyyoolessaatti darbee jira.kanumaan wal qabatee Qeerroon Dargaggoonni Oromoo Daandii Magaalattii guutudhaan NI MOONA TOKKUMMAAN NI MOONA YOOMUMAA
NIMOONA TOKKUMMAN ENSHUSHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA IJJATTEE MORMA ISHEEN KUTTUU jechaa ooluu maddeen keenya magaalaa Asaasaa irraa gabaasanii jiru.
Godina Baalee Magaalaa Gindhiir keessatti Barsiiftotaaf lafa mana jireenyaa itti ijaaratan kenninaaf jettee OPDOn ummata walitti qabdee waa’ee Ayyaana Caamsaa 20 odeessaa ooluu fi barsiiftonnis manneen barumsaa barsiisan barattoota barsiisan wajjiin Manneen barumsaa hunda keessatti ayyaana Caamsaa 20 akka kabajuu qaban kasbinoonni kun akeekkachiisuus maddeen Oduu Qeerroo Gindhiir Gabaasanii jiru
Godina Harargee Bahaatti Bulchiinsi Magaalaa Haramaayaa Ayyaana Caamsaa 20 irratti Namoonni hirmaata akka ganda gandaan adda baafamanii hirmaatan koree Addaa ijaaruun gandootarra bobbaase.Koreen ijaarame kunis namoota ayyaanicharratti hirmaatan calalaa jiraachuu maddeen keenya Haromaayarraa gabaasanii jiru
Godina Baalee Magaalaa Gindhiir keessatti Koonfiransii Liigii Dubartootaa jechuun itti gaafatamtuun waajjira Ijaarsa Dhaabaa Aadde Laamiyaa Abdulqaadir Dubartoota walitti qabdee Dubartoonni hunduu Abbaa Manaa isaanii fi Ujoollee isaanii kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo qabatanii deemuu akka hin qabneefi Gaaffii qaban kamuu mootummaan deebisuuf qophiidha kanaafuu maatii keessan toowachuu qabdu jechuun Dubartootatti warwaataa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo gabaasanii jiru
Godina Harargee Bahaa Magaalaa Harar keessatti Hojjattoonni fi Kaabinoonni Magaalaa Hararii fi Naannoo ishee haala Ayyaanni Caamsaa 20 itti kabajamuu qabuu irratti marii gaggeesaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Harargee Bahaa gabaasanii jiru Maricha kan gaggeessaa jirus Bulchaa Bulchiinsa Gidina Harargee Bahaa Obbo Malaakuu Faantaa ta’uunis dhagayamee jira