Meeshaan Waraanaa Wayyaaneen Konkolaataatti Dhoksaan Fe’ee Deemu Yeroo 3ffaaf Lixa Oromiyaatti Qabame

Aside

Onkoloolessa 10/2017/ Wayyaaneen waraana Oromoo irratti  taasistu itti fufuun obsa osoo hin kutatiin meeshaa Waraanaa irra deddeebiin uummata Gumuziif dhiyeessii taasisuuf gumaacha gootu itti fuftee jiraachuu beekame.

Haaluma kanaan yeroo 3ffaaf Lixa Oromiyaa aanaa Limmuu bakka Sogee jedhamu keesaatti meeshaa waraanaa Kilaashii dabarsaa jiranii Onkoloolessa 9 bara 2017  harkatti qabamuu gabaafame.

Meeshaan kun Poolisoota Oromiyaa aantummaa uummataa agarsiisaa jitaniif hidhataa gandaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo faana waliin ta’uun qabuu isaanii gabaafame. Sichiin karaa Lixaa gama diinaa akkaan babal’atee ka jiru yoo ta’u uummanniif Humnoonni nageenya uummataa eegan Qeerroo waliin ittisa gochaa jiran daran jabeessuu isaanii dubbatu. Kanaanis Poolisoonni qorra keessa bulanii daangaa isaanii eeggachaa jiraachuu dubbatuun deggarsi qaamota barbaachisuun foolisoota uummata isaaniif of kennan kanaaf godhamuufii akka qabu dhaammatan Continue reading

WBO koo maalooree…

Aside

Qeerroon Bilisummaa Poolisoota Oromoof Waamicha Taasisan. Malkaa Ateetee 2017

Aside

Hubachiisaa Gabaabduufi Murteessituu Hooggana Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa!!

Aside

OromoRevolution Alaabaa ABO lafa kaa’aan lafa nama hin keessisu, qabadhaan nama hin qabachiisu Kaayyoofi Akeekaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo  Ilaalcha Siyaasaa (Ideology) Uummatni Oromoo Waliigalatti hordofuufi itti amanutu nama qabachiisa!!. Continue reading

Simannaa Alaabaa ABO/Oromoo Magaalaa Buraayyuu

Aside

“ABOn dhufee as oolee” Qeerroon Bilisummaa Buraayyu dachii biyya abbaa isaanii keessa garmaamaa ABO faarsaa oolan

Aside

Burraayyuu Keessatti Guyyaa Kaleessaa Irreecha Malkaa Ateetee irratti Qeerroon Yeroo Alaabaa ABO Simatu

Aside

EEBBAA WAAQWAYYAA **ALAABAATU IFEE** NEW OROMO MUSIC 2017

Aside

Daa’iman Oromoo Ibidaan Gubuun Cubbuu Dhiifatama hin qabne dha.

Aside

Damee Booruu Irraa

Bultii sadan darban kana keessa daa’imaan Oromoo sadiin biyya Somaleland jedhamu keessatti akka ibidaan gubatan burqa oduu adda addaa tamsa’aa jira. Utuu biyyi lamaan waraana irra jiraatanii illee daa’imaan waan waraana keessaa qooda in fudhannee  humni daa’ima miidhu abbaaramuu fi seera biyya lafaa duratti itti gaafatama qaba. Bakka waraanni hin jirretti ilmaan Oromoo waan tahaniif qofa ibidaan gubamuun abbarsaa fi balaalefanaan bira darbamuu kan hin danda’amne cubbuu guddaa dha. Warri hojii sukkannessaa fi hojii gadadoo hojjetan kun seera biyya lafaa duratti dhiyyaachuu qabu. Continue reading

“Mootummaan Ethiopia Diina Oromooti” Gootota Qeerroo Godina Harargee Baddannoo

Aside

Continue reading