Sadaasa 23,2017/Murni afaan qawweetti amanuun biyya bulchaa jiru sirni Wayyaanee FXG akka abidda saafaatti belbelaa jiru dhaamsuu waan dadhabeef murtiisaa xumuraa keessa galuudhaan bifa haaraatiin waraana agaazii guutummaa yuunversiitii golee oromiyaa fi dhaabbiilee barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa kanneen jiranitti ol seensisuudhaan barattoota nagaa dhorkaa akka jiru hubatamee jira.Gochi diinummaa kunis tooftaa kaleessa maqaa komaandi poostii jedhamuun uummata Oromoorratti k
Blog Archives
“Dinne Gabrummaa” Wallee Warraaqsaa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Haaraa /Sadaasa 23,2017
Aside
Mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fxg diddaa COCn wal qabatuun dhohee ture daran jabaachuun itti fufee jira.
Aside
[SQ sadaasa 23/2017]
Fincilli Xumura Gabrummaa biyyaalessaa diddaa COCn wal qabatee dhohee ture erga guutummaa Yuunversiitiilee Oromiyaa fi dhaabbiilee barnootaa xixiqqaa dhuunffatee ammallee dhaamuu dhabuudhaan gootowwan barattoonni Oromoo guutummaa biyyattii keessatti diddaa
isaanii akkuma itti fufanitti jiru.
Haaluma kanaan mooraa yuunversiitii wallaggaa keessattis hanga gaaffiin mirga Abbaa biyyummaa keenyaa nuuf hin deebinetti hin barannu,jechuun gootowwan barattoonni moorichaa dhaadannoodhaan lafa raasaa jiru. Waraanni sirna Wayyaanees aarii keessa seenuudhaan barattoota
moorichaatti olseenuun barattoota mooraa keessa ari’aa jira. Continue reading
Aside
(SBO/VOL – Sadaasa 22,2017) Godina Lixa Harargee Ona Mi’eessoo keessatti humni waraanaa liyyuu haayil Somaalee lakkoobsaan guddaa ta’e karaa afuriin ummata Oromoo irratti lola banuuf qopha’aa akka jiru jiraattotni naannoo ibsan.
Karaa Araddaa Bareedaa, Ona Gumbii/ araddaa Deymaa karaa Mulluutii fi naannawa sanaan lola qindaawaa ummata keenya irratti banuuf humni guddaan buufachaa waan jiruuf, ummatni keenya jabaatee akka of ittisuu fi of tiksu jechuun sabboontotni naannoo sanii dhaamsa dabarsanii jiran. Continue reading
SQ-Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 23, 2017
Aside
Warraaqsa FXG biyyooleeysa Oromiyaa guyyaa har’aa magaalaa Harawaacaa keeyssatti gaggeeyfame.
Aside
[SQ,sadaasa,23,2017]


Yunivarsiitii Amboo Damee Walisoo keessatti barattoonni mormii dhageessisaa jiru.
Aside
[SQ,sadaasa,23,2017] Mormiin kun guyyaa sadaffaaf itti fufee jira. Barattoonni akka mooraa keessaa hin baaneef poolisonni dallaa marsanii ittisaa jiru. Haalli mooraa Yuunibarsiitichaa yaaddeessaa ta’us dubbatu.
Waamicha Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaatiif
Aside
Har’a ganama gaafa 13/3/2010 A.L.I mooraa yuunibarsiitii keessa humni darbatamaan seenee baratoota afur ammaaf kan maqaan isaanii adda hin baane hidhaatti galchee jira. Dhimma kana homaa namni beeku hin jiru.
Barattootni kunis eessa akka gahanii fi maalirra akka isaan gahan qaamni ibsa kenne hin jiru. Hanga barattootni hidhaman kun hiikaminnitti barumsi itti fufee akka dhabbattu Qeerroon Yuunibarsiitii Jimmaa murtee dabarseera. Kanaaf barattootni Yuunibarsiitii kanaa sagalee tokkoon walfaana ta’uun qabsoo cimaa goonee barumsa dhaabuun barattoota hidhaman kana hidhaadha haa baasnu jechuun Qeerroon waamicha tokkummaa dabarseera.
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmarraa!!!!!!!
Warraaksi biyyaalessaa mooraa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti dhohee ture daran baballachuudhaan guutummaa dhaabbilee barnoota gad aanootti darbuudhaan sirna Wayyaanee muddaa jira.
Aside
Sadaasa 23,2017
Haaluma kanaan diddaan torbanoota darban keessa mooraa yuunversiitii golee oromiyaa cufa keessatti dhohee ture hundeensaa daran jabaachuudhaan manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa irraa gara sadarkaa 2ffaatti gad bu’uudhaan mootummaa wayyaanee kokkeedhaan qabaa jira.
Diddaan kun guyyaa har’aas godina wallagga bahaa magaalaa naqamtee keessatti guutummaa dhaabbilee barnootaa cufa dhuunffachuun sirna wayyaanee boqonnaa dhorkaa turellee maddeen achirraa gabaasanii jiru.Addattimmoo diddaan kun mooraa yuunversiitii wallaggaa dabalatee manneen barnootaa qophaaina Naqamtee keessattis daran jabachuudhaan guyyaa facaasaa fi roobii waraaksi jabaan magaalaa Naqamtee keessatti baratootaan geggeeffamaa akka ooletu himame. Continue reading
Fincila Xumura Garbummaa Danbi Doolloo Canqaa Guyyaa Sadaasa,22,2017]
Aside


