Darggaggoonni Oromoo 200 ta’an Wayyaaneen Hidhaman .

(Gabaasa Qeerroo, Gimbii, 8 Mudde 2011) Garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo keesumaa dargaggoota Oromoo hidhuu,barnoota irraa arii’uu fi hojii dhabdee taasisuun isaa beekamaa dha.

Yeroo ammaa kanatti jalqaba baatii Muddee 2012 irraa eegalee Godina Wallaggaa Magaala Gimbii fi naannoo ishee keessa kanneen jiraatan dargaggoota Oromoo irratti hammeenya raawwachaa jiru haala suukkanneessaa fi gara jabeenya sanyii namaa duguggii kan tahe tahuu Qeerroo magaalaa Gimbii gabaasa.

Mootummaan TPLF Wayyaanee ilmaan Oromoo hojii dhabdee taasisuun dargaggootni Oromoo dafqa xuruursanii jireenya hadhaawaa Oromiyaa keessaa mohachuuf osoo dhama’aa jiranii yakka sobaan goolessituu fi hattoota jechuun dargaggoota Oromoo yakkuun akka bineensaatti adamsanii malgaal fi baadiyyaa keessaa hidhaatte naqaa jiru.

Yeroo ammaa kanatti dargaggoota Oromoo 200 ol kan hidhaman yoommuu ta’u kanneen kaan ammoo baqatanii carraan dagala keessa jiraachuun isaan mudatee jira. Warreen mana hidhaatti funaanamanis hammeenya TPLF irraa kan ka’een bishaan dhaqna isaaniitti firfisuun reebaa reebaa akka jiran gabaasaan qeerroo irraa qindaaye addeessa.

Yeroo ammaa kana rakkoon guddaan ilmaan Oromoo naannoo kanatti kan qaqqabee fi warri ijoollee halkanii guyyaa caraan imimmaan harcaasuu isaan mudatee jira.Gocha hammeenya ana fakkaatu kanaaf Adda durummaan sababa tahee Oromoota hiisisuu fi reebsituu keessatti kan hojjetaa jirus ergaamee bulaa Wayyaanee bulchaa ganda odaa kan ta’e Abiyoot Malaakuu akka ta’es dargaggootni magaalaa Gimbii tika qabsoo Qeerroo Bilisummaaf ijaaraman saaxilanii jiru.

Namni ergamaa Wayyaanee tahe kun ji’oottan jahan darban keessatti dargaggoota hiisisaa kan turee fi lafa Oromootaa investerootaaf gurguruun jiraattota naannoo kanaa qe’ee dhablee taasisaa turuun isaas ni beekama.Irreen dargaggootaa tikni nageenya qabsoo qeerroo jala bu’ee akka gabaasetti magaala Gimbii keessaa manni hidhaa magaala sanaa guutee bakka waan hanqateef dargaggoota magaalota xixiqqaa fi baadiyaa irraa fidan mana barumsa sadarkaa lammaffaa warra Saayyoo jedhamu keessatti hidhaa jiraachuu beeksisee jira.

Yeroo ammaa kanatti Dargaggoowwan Oromoo mana hidhaa Wayyaanee Magaala Gimbii keessatti argaman keessaa hammi tokko maqaan isaanii akka armaa gadiiti:-

1.Dargaggoo Dawit Tamasgeen
2.Abbush Malkaamuu
3.Hambisaa Baatirii
4.Shimallis Moosisaa
5.Kaasahuun Bantuu
6 Jireenyaa Taammiruu
7 Maarqos Kabbadaa
8.Taarikuu Garbaa
9 Alamaayyoo Habtaamuu
10.Aliyyii Baatirii
11.Namoomsaa Kabbadaa
12.Numarsii Kabbadaa
13.Meetii Kabbadaa
14.Innawu Fiqaaduu
15.Magarsaa Daani’eel
16.Ismaa’el Ashabbir
17.Baacaa Biraanuu
18.Mitikkuu Tamasgeen
19.Dirribaa Baatirii
20.Waaqboon Awwaqaa
21.Abdii Taaddasaa
22.Kaasahuun Taakkalaa
23.Iwunatuu Ashannaafii
24.Alamaayyoo Mulgeetaa
25.Misgaanuu
26.Shoraa
27.Odaa fa’i

Yeroo tahan, Sabboontotiin magaalaa Gimbii dhaamsa ergamtoota Wayyaaneen waan beeksisan keessaa tokko jaleewwan Wayyaanee ilmaan Oromoo garbummaa bara baraa keessatti hambisuuf hiriiran gocha akkanaa irraa of hin qusatan taanaan tarkaanfiin cimaa fi kan deebii hin qabne akka isaan eeggatu fi kanas hubachuu akka qaban fi lamiileen Oromoo naannoo Gimbiis beeksanii jiru. Oromoonni biyya keessaa fi alaa sagalee isaanii akka nuuf dhageessistan jechuunis bakka hundatti dhaammatanii jiraachuu gabaasi Qeerroo beeksisa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Hawaaressee goonni tarree galee

WBOn tarree galee

Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

WBO abdii Oromootaa

Q E E R R O O

Q EE KENYAWEERARANII,

E EYNUMMAA SABA OROMOO MULQANII,

E RGA GAAFA MILILIKII NURRAA HIN AFANNEE JARRII,

R OORROO FI GIDIRAAN ILTAAMNEE,

R EEBAMUU FI AJJEEFAMUUN HIREE OROMOO TA`EE

O ROMOO FI OROMIYAAF GOOTTOTA DANUU DHABNEE.

O ROMOO! KA`I LOLADHUU AMMA CARRAAN SI GA`EE!

SABNI ORMOO , QABSOOTTI DIRMADHUU,

NUTI QEERROON BILISUMMAA! YKN DU`A! JENNEE MURANNEE!

Guutummaa walaloo kanaaf as tuqi:https://qeerroo.wordpress.com/dhaamsa-qeerroo/walaloo-qeerroo/

Universitiin Amboo Waraanaan Marfame.

(Gabassa Qeerroo Muddee 2,2011 Amboo) Godina lixaa shaawaattii mooraan university Amboo humnoota tikaa fi dabbaloota mootummaa Waayyaaneen marfamee eegamaa jira. Sabboontonni baratootataa Oromoo 4 mooraa university Amboo keessaa sadaasa 1/2011 halkan kessaa sa’a 3:00AM humnotaa tikaa Wayyaneen Ukkafaman keessaa

1. Baratuu Caaltuu Mirkanaa baratuu Infoormeshiin Technology waggaa 4ffaa
2. Barataa Dorribaa Tolaa Information technology
3. Barataa Sanyii Waamii
4. Barataa Mazgabuu Geetaachoo
5. Bataaa Hanbasse Girmaa

Kanneen jedhaman humnoota tikaa Wayyaaneen butamanii hanga har’aatti bakka buuteen isaanii hin beekamiin jira. Kana malees barattoota hafan tokko tokkoon yaamanii dorsisuu fi akeekachiisa hin barbaachifne itti kennaa akka jiran qeerroon University Ambo irraa gabaasu.

Haaluma kanaan wal qabateen sabboontonnii barattoota Oromoo heeedduun hordofamaa waan jiraniif mooraa Universitichaa gadhiisaanii bahaa akka jiranitu gabaafame. Gama kaaniin baratoota akeekachiisa mootummaa Wayyaaneen guyyuu hiraaramaa jiran haalli kun itti fufee hammaanaan akka gabaafamu qeerroon ni addeessa.

Barattoonni University Ambo mootummaan gabroomfataa gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafanneef deebii kennuu waan hin dandeenyeef qawwee fi human ergamtootaan fayyadamee haqa keenya ukkaamsuu yoo yaalii godhe illee nuti barattoonni fincila diddaa gabarummaa gaggeessuun mirga borxaan sarbamne borxaan ni deeffanna kan jedhuun gurmuu jabeeffachuun gaaffii isaanii itti fufanii jiru.Mootummaan Wayyaanees tahe ergamnii bultoonni yaada ummataa yaadaan deebisuu hin dandayan,gaaffii isaanitti dhihaatuuf deebiin afaan qawwee dha jedhanii waggoota 20f waan itti jiraniif kun raawwatee ummanni Oromoo sodaa qawwee jalaa bahee akka mirga bilisa dhunfatuuf jabaatanii akka hojjetan ejjennoo isaanii keessatti barattoon gabaasanii jiru.

Humna waraana Wayyaanee mooraa University Amboo eegan keessaa kan dhalootaan Oromoo tahee diinaaf ergamu tokko akka jedhetti “ Ani daangaa Somalia fi Baaddimmee eeguu caalaa kan akka mooraa University eeguu na sodaachisu hin jiru, mootummaanis maaliif akka sodaate hin beeku” jedhee barattoota gariitti haasawuun isaa gabaasi qeerroo kana waliin addeessa.

Kana malees barattoonnii barnoota olaanaa Universitoota biyyatti irraa barachaa jiran ulee beelaan reebamaa jiraachuun ibsame. Haaluma kanaan Sadaasa 30/2011 University Waalloo keessaattii baratoonnii sagaalee mormii dhageesisuun fooddaa university caccabsuun nyaanni hataataman akka sirreeffamu gafatan jedha odeessii Qeerroo mooricha gabaasa.

Walgahii Bakka Bu’ootii Qeerroo Godinaalee Oromiyaa Sadaasa 2011 keessa Godhatan Irratti Walaloo Dubbifame

Walaloon armaa gadii kun walgahii Bakka Bu’ootii Qeerroo Godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa walitti dhufanii Sadaasa 2011 keessa Godhatan Irratti kan dubbifame dha.

QABSAA’AA

Qabsaa’aan ni kufa
Qabsoon itti fufa
dhiiga gootawwaniin bilisummaan dhufa

kan darbe barnoota
kan dhufu injifannoo
xiiqii diinaaf jecha
qeerroon kaane kunoo!

WBO gaaraa loli
Injifadhuu gali
oromoo ol ka’i
bilisoomii taa’i!!

Jaallee ko jabaadhu
Galma bilisummaa
faajjii keenya olqabnee
Ittiin geenya amma!!

Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsu
Daran nu jabeesse
lafee diinaa haa cabsu
Ya ilmaan oromoo waan ani si gorsu
Waan hundumaa dura iccitiin haa dursu!!

Haqadha qabanne
dhara maal sodaanna
Jabaadhaa qabsoofna
Inuma injifanna!!

Ya jaallewwan qabsoo umrii dheeradhu
Lapheen kan kee haata’u
Ilkaan diinaaf laadhu
Waadaa kees eeggadhu!!

Diinni duruu diina Fira maaltu jedha
jaallee ko jabaadhu,jabaadhu
rabbi tokkichatu waan laaftuu nuuf godha!
Haqa qabateeti waan dhugaa gaafata
qabsaa’ota dhugaan WBOn injifata!!
Qabsaawota dhugaan WBOn injifata!!

Odaan magariisa
Kana hundi beeka
Ya ilmaan oromoo
Biyyan bilisoomsa
Mee hunduu jedhaakaa!!!
Jechuun gocha hin ta’u
Iccitii qabanii
Tokkummaa ijaaranii
Garboomsaa fincilla
Nuyiif kana fala!

Oromoo nu godhee rabbitu nu uume
Ofirraa haquuf hin ta’u gonkuma
kanaaf ya lammii koo nu hundi tokkuma
Biyya abbaa dhuunfachuunhundumaaf dirqama!!

Jaalleewwan kan qabsoo
jabaadhaa qabsootti

dharri boolla seena
Dhugaan ni dubbatti
Ya ilmaan oromoo waan siif dhaamu keessaa
Diinatti wal kennuu rabbiif jedhaa dhiisaa

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa bilisummaati!!

 QABSOO

Qabsoon oromoodhaa amma galma ga’a
Gowwaa fi Diinatu achiin hafa se’a
Silaas tokkummaadhaan goondaan laga ce’a
Oromoo dammaqi Garbummaan nu ga’a

Yaa simbira barii ishii cii_cii jettu
Lammii mee dammaqsi hundi haa falmatu
Jala deemtuun diinaa homaallee nu hin gootu
Kan seenaa dagates seenaan hin dagatu

Qeerroo oromiyaa dirqamni kan keeti
Dammaqii dammaqsi ka’ii kaa qabsootti
Kennaan gootawwanii laatamteetti sitti

Sabboonaa fi sabboontuu ilmaan oromiyaa
Qabsoon sumaaf faaya
Oromiyaan biyya
oromoon uummata
Mirga namaa hin tuqne kan ofii falmata

Yaa ilmaan oromoo waan ani si gorsu
waan hundumaa dura iccitiin haa dursu
Lafee gootawwaniin irbuu qabsoof seennee
Jabaannee haa falmannu”Bilisummaa” jennee

Ya ilmaan oromoo,

Iyyaa iyya dabarsaa
Lammii dhageessisaa
Kan nyaatee nu nyaatu
Wayyaaneetu dhufe jedhaa hundaaf ibsaa

Karaan qabsoo oromoo ifaa fi bilisa
ABO ABO jedhaa walii ibsaa
WBOn gaaraa lola
Ishoo Ishoo jedhaa nu malee waa hin qabu
Kan seenaaf gumaate seenaa irraa waa hin dhabu!

Jaallawwan kaleessaa warreen nuuf riqichaa
Nuu dhaamanii darban tooftaalee fi gocha
Lafeen caccabanii lubbii itti dhabanii
Gola seenaa jiru yoomuu hin badani!

Barataa fi qotee bulaa
Barsiisaa fi daldalaa
Dargaggoo fi Shamarran
Ya saglan booranaaa
Torban baarentummaa
Ka’aa kaa qabsootti
Yeroon geesse amma

Manni ilmaan oromoo mana hidhaa taate
Qabeenya oromoos biyya ambaa nyaate
Ya ilmaan oromoo Garbummaan nu ka’a
Maal qaba yoo kaate

Gootawwan oromoo kanneen qabsoof kufan
Gaaddisaa Hirphaasaa Jaagamaa Badhaanee
Kunoo seenaan jiru Hubadhu akka hin duune

Qabsoon oromoodhaa hanga injifannootti
Gowwaan kan dhihe barii’a hin se’u
Jaallewwan kan qabsoo jabaadhaa qabsootti
Seenaan ke ol haa taa’u!

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati

 

Sabboontoti Qarshii 200-1000n Adabamaa Jiru.

(Sadaasa 30,2011 Gabaasa Qeerroo Amboo) Godina lixa shawaatti namoonni hedduun ilaalcha siyyasaa ABO qabdu jedhamanii qarshii 300-1000 adabamaa jirachuun gabaafame.

Adabbiin farraa uummataa kun lixa Shawaa Onotaa akka Calliyaa,Midaa Qanyii, Iluu Galaan,fi Tokkee kutaayee kessaatti daran hammaatee jira,Gochi dinnummaa kun Godinalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaatti baballacha kan jiru ta’uun ibsame.

kun ammoo toftaa ta’ee jedhamee ittin qabeenya uumata Wayyaneen sammachaa jirtu ta’uu uummanni hubatee samichii kun nurraa dhabbachu qaba kan jedhuun bakka adda addaatti diddaa kaasaa jiru.

Oromoonni aanaalee kana keessa jiran hedduun nuf Oromummaan dhalotaa sodaa abjuu hiriba malee hin bulan jechuun uummanni mormii dhageesisutti jiraachuu qeerroon godinicha gabaasa.

Kana malees gutummaa Oromiyaa kessatti hojii dhabdummaan babal’atee dargaggessi miliyoonatti lakka’amuu kooleejjif university irra eebifamanii hojii dhabdee ta’anii jireenya ulfataa keessa seenanii jirachuun hubatame.

Baratoonnii dhaabilee Olaanaa irra barachaa jiran biyya ethiopia jedhamuu keessatti barachuun gatii kan hin qabne ta’uu hubachun, egereen jireenya uummataa biyyattii rakkoo hamma keessa seenee akka jiru jiru akeekan.

Furmanni isaa sirna abba irree EPRDF n gaggeefamaa jiru fincilli uummataa barbaachisaa ta’ee akka jiru hubachiisan.

Keessattuu dargaggeessii dhabilee olaanaa irraa barattanii umurii kanaan jirenya gadoo keessaa seentanii jirtan furmaanii rakkina kanaaa harka keeessanii fi sammuu keessan keessa kan jiru ta’uu hubachuun rakkina kana jaalaa ba’uuf toftaa tokkicha FDG dhoosuuun barbarachisaa akka ta’e barattoonni dhaabilee olaanaa irraa baratan kun cimsanii huubachiisaniru.

Kanuma waliin akka Qeerroon gabaasutti godina lixaa Shawaatti basasaan Wayyanee namni maqaan isaa Salamoon G/Mikaa’eel jedhamuu kan ilmaan Oromoo basasa jiru saaxilame. Namichi kun university Amboo fi Godinicha irratti hojii diinummaa rawwachuuf kan ramadame ta’uun sabboontonni saxilan.

Sabboontonni kan irra akka of eggatan hubachiisan. Kana baraan yeroo amma kana sabboontonni baratoota University Amboo humnota mootumma kanaan daree /class/ baranoota irraa waamamanii dorsifamaa jirachuun hubatamaa dha.

University Goonder

(Sadaasa 30,2011 Gabaasa Qeerroo Finfinnee) Mootummaan Garboomfataa hacuuccaa uummata impaayera biyyattif qabuirra darbee yeroo ammaa kanatti ammoo Yuunivarsiitii Gondar Kampaasii Teediroosii fi Maraakii jedhaman keessatti hanqina qulqullina nyaataaf godhamu irraan kan ka’e barattoota Fixaa jira.

Barattuun Waggaa sadaffaa Kampaasii Maraakii keessaa(Yeroof maqaashee hin arganne) kan duute yoommuu ta’u barattootni dhibbaan lakkaa’aman ammoo dhibee garaa kaasaan qabamuun kilinika yuunivarsiitiitti deddeebi’aa jiru.

Barattootni Yuunivarsiitichaas gamtaan mormii qaban Guyyaa har’aa nyaata diduunii fi dhaadannoo dhageessisuun mormii isaanii ibsachaa oolanii jiru.Barattootni yuunivarsiitii marti gochaalee akkanaa akka mormanis dhaammatanii jiru.

Dhukkubni garaakaasaa fi sumaayuun midhaanii ammos tahe jedhamee summii barattoota nyaachisuun yuunivarsiitii keessatti godhamuirraa dhufe barattoota yuunivarsiitii Haramaayaa,Adaamaa fi kanneen kaan keessatti Ji’a Waxabajjii 2011 keessatti mudachuun isaas ni yaadatama.

በፍንፍኔ ከተማ መቀሌን ያያችሁ?

(ቄሮ ዘጋቢ፣ፍንፍኔ ፣ ህዳር 28 ፣ 2012) ህወሃት ለሁለት በተከፈለበት ወቅት ከነ አቶ ተወልደ ቡድን ጋር በመወገኑ ከሥልጣን ተባሮ የነበረውና ቦኋላ ንሰሃ ገብቶ የመለስ ዜናዊን ቡድን በመቀላቀል ድህረ ምርጫ 97 የፍንፍኔ ከተማ ከንቲባ ሆኖ ለመሾም የበቃው ኩማ ደመቅሳ በፍንፍኔ ከተማ ውስጥ እየታየ ያለው የኑሮ ውድነት ከባድ ፈተና ሆኖብናል በማለት አስታወቀ።

እንደ ኩማ ደመቅሳ አነጋገር ከተማውን ለከባድ ችግር ዳርጎታል የተባለው የኑሮ ውድነት መንስኤው አገዛዙ የዘረጋው ዘረኛ ድርጅታዊ መዋቅር እና የተሳሳተ የኢኮኖሚ ፖሊሲ ሳይሆን በኢኮኖሚ የበለጸጉ አገሮች በገጠማቸው ቀውስ የተነሳ ነው። መለስ ዜናዊ ላለፉት 5 እና ከዚያም በላይ አመታት አገሪቷ በተከታታይ የሁለት አሃዝ እድገት አስመዝግባልች በማለት ባዶ ድስኩሮችን ለፕሮፖጋንዳ ፍጆታ በሚያሰማባቸው ወቅቶች አሁን የሚሳበብበት የአለም የኢኮኖሚ ቀውስ ምንም አንድምታ እንዳልነበረው ሲገለጽ የሰነበተ ቢሆንም ኩማ ደመቅሳና ሌሎች የበታች ባለሥልጣናት ግን የአለቃቸውን ቃል በመጻረር ችግሩን በሌሎች አገር ከተከሰተው የኢኮኖሚ ቀውስ ጋር ለማመሳሰል ሲባዝኑ ይስተዋላል።

በኩማ ንግግር ከተንጸባረቀው አንዱ “የአቅም ግንባታና የመልካም አስተዳደር እጦት ችግር እየተባባሰ መሄድ ሲሆን በአገር ሃብት ዘረፋና በሙስና የተዘፈቀው የወያኔ አገዛዝ በመንግሥታዊና አገልግሎት ሰጪ ተቋሞች ለፖለቲካ ሥር ዓቱ ታማኝነትንና ታዛዥነትን መስፈርት በማድረግ ምንም አቅምና ችሎታ የሌላቸውን ሰዎች ሲያሰማራ ቆይቶ አሁን ችግሩ የአገዛዙን የስልጣን ዕድመና ሂሊውና የሚፈታተንበት ወቅት ላይ ሲደርስ ማንን ለመወንጀል ወይም በማን ላይ ለማላከክ መወትወት እንደጀመረ የታወቀ ነገር የለም።

የፍንፍኔ ከተማ ከንቲባ ሆኖ የተሾመውን ኩማ ደመቅሳን ጨምሮ የዛሬ 20 አመት ባዶ እጃቸውን ፍንፍኔ የገቡት አብዛኛዎቹ የወያኔ ባለሥልጣኖች ዛሬ ላካበቱት ሃብት መሠረቱ የፍንፍኔን የከተማ መሬት በሚሪት እየወሰዱ አሳልፎ በመቸብቸብ የተገኘ እንደሆነ፤ የነርሱንም ዱካ ተከትለው ዛሬ በአቅም ማነስ እየተወነጀሉ ያሉት ካድሬዎች በሙሉ በዘረፋውና በሙስናው እንደተሰማሩ ህዝብ ጠንቅቆ ያውቃል።

ይሁንና የመቄሌ ከተማ ደግሞ በእድገት ላይ እድገት እያስመዘገበች መሆኑ ከሰሞኑ ዘገባዎች ለማወቅ ተችሏል። አገዛዙ የዘረጋው ዘረኛ ድርጅታዊ መዋቅር እና የኢኮኖሚ ፖሊሲ ዉጤት የሆነው የመቄሌ ከተማ እድገት ዉጤት  እጅግ አስደናቂ ነው። ዝርዝሩን ከ PDF ይመልከቱ Mekele_Town

Oromiyaa Gidduugalaa, Aanaa Ammayyaatti Barataan Oromoo Humnoota Wayyaaneen Ajjeefame

(Gabaasa Qeerroo,Sadaasa 28,2011 Finfinnee) Oromiyaa giddu galaa Aanaa Ammayyaa keessatti Barataan Oromoo Xurunaa Dhaabaa jedhamu humnoota Wayyeeneen ajjeefamuun gabaasame.

Oduun Qeerroo Aanaa Ammayyaa irraa nu dhaqqabe akka hubachiisetti, barataa Xurunaa Dhaabaa, Sabboonaa fi umurii ijoollummaa isaan kanaan qaroo quuqaan saba isaa ijoollummaan keessa bule ture.  Walumaa gala odeeffata ajjeefamuu barataa Xurunaa Dhaabaa gabaasa Qeerroo irraa akka armaa gadiiti.

Sadaasa 14/2011 barataa  Xurunaa Dhaabaa barataa kudhaa 7ff  Ajjeefte. Akkaataa barataan Kun itti galaafatame

Wayyaaneen Dhoksaan  Humna nama Ynaataa ta`e   leenjiftee akka Ummata Oromoo saamanii fi Barattoota Oromoo akka ajjeessan, dhoksaan ukkamsaan akka dhabamsiisaniif humna Addaa qaama Feederaalaan  leenjisee bobaasuu isaa ammaan  dura odeessa duraan wal hubachiisuu keenya  ni yaadatama.

Akkuma kanaan barataan kun  Aanaa Ammayyaa ganda Agmsoo jedhamutti   mana barumsaa  ba`ee  guyyaa Jimaataa  gara warra isaatti galuuf utuu deemaa jiru  duuka bu`uun  Hordofanii ukkamsuun qabanii akka malee dhaananii Qophee fi  Uffata irraa baasuun Qullaa isaa du`eera jedhanii Kumxaa/Mutaantaa  jalatti ufate du`aa irratti dhiisanii  Bosona keessatti gatanii deeman.

Ukkamfamee dhabamuu isaa fi humna mootummaan Dhaanamee  kan du`aa ta`u isaa argee ummatni aanaa Ammayyaa itti dirmatee Hospitaala geessee Barataa Xurunaa Dhaabaa Lubuun isaa du`aa  irraa dandamachuu hin dandeenye. Maatiin isaas Lubbuu ilmoo isaa Hospitaalatti baraarachuu hin dandeenye.Gaddaan  guutamanii, gaara gubatanii iyyaa fi wareerruun reeffa fudhatanii ofirra  deebiyan. Lubuun dabrite.

Waan kana  kan argee fi dhaga`e ummatni Oromoo aana Ammayyaa keessa Jiraatu waajjira Poolisaa Aanaa Ammayyaatti Hiriira ba`ee gaaffii gaafate Mucaa keenya barumsaaf ergine   ukkamstanii nu jalaa ajjeeftan.  Ilmaan keenya mana barumsaa nagaan ba`anii galuu fi baratanii  warra gargaaruun afee lubbuu isaaniif waabii dhabne. kaan  mana barumsaatii humna qawween nu jalaa ukkaamsitanii dhabamsiiftu. kaan baadiyaya keessati jala deemtanii  Karaatti eegadii ukkamsitanii ajjeeftu. Biyya  nagaa fi tsagabbiin  hin jirre keessa jiraanna. Biyya mootummaan  hin jirre keessa  jiraanna.
Hattamaan Qaamni Barataa  kana ajjeessee fi  sababni inni itti galaafatame  qoratamee akka ifa nuuf ta`uu fi deebiin  sirnaa fi heera qabeessa ta`e akka nuuf kennamu jedhanii gaafannaan.
Waan kana/ummata kana  ABO tuu nurratti kakaase. ABO tuu nutti isin erge  ABO tuu duubaan jia jechuun  waajjirri Poolisa Aanaa Ammayyaa gaaffii Ummataa qoosaa fi salphisaan ilaaluun  ummatatti qoosaniiru.

Ummatni haarii fi dala`nsuun guutame hanga ammaatti gaaffii isaa fi diddaa fincila isaa itti fufee jira.
Dhimmuma barataa du`e kanaan kan wal qabateen Hanga  guyyaa odeessi kun  nu dhaqqabeetti Barsiisotni 40 ol ta`an Kan mana barumsaa Ammayaa barsiisan hojii barsiisummaa dhaabaniiru.Nuus  ta`e barattootni keenyas  bor nagummaa isaanii fi lubbuu isaaniif waabii maalii qabu jechuun gaaffiiseeraa gaafachaa jiru. Barattootnis  hin barannu jedhanii barumsa isaanii dhaabaniiru.
Manni barumsaa cufamee jira.

Ummatni Oromoo Aanaa ammayyaa jiruYaa Saba keenya Oromoo! Biyya nagaa fi tasaggabbiin  hin jirre, biyya  mootummaan hin jirree kan  badii tokko malee nama ajjeesuu fi kan  qabeenya ummataa saamuu, samsiisu malee nagaa  biyyaa fi ummataa eegsisuu kan hin jirre keessa akkamiin jiraannaa?

Mirga sabummaa keenyaa sarbamnee, qee fi qabeenya keenya irraatti ajjeefaamaa, ilmaan keenya mana barumsaatii ukkamsaanii ajjeesaa fi gara dhabamsiisaa akkamii fi haga yoomiitti du`aa jiraannaa? Kan jedhuun ummanni aanaa sanii qabsoo hanga wareegamaatti kaffaltii gaafattu gaggeessuuf murteeffachuu qeerroon gabaasa.

Tolaan dhabnaan, kaanee qawween mirkanfanna

(Qeerroo, Arbaa Miinci, 27 Sadaasa 2011) Shororkeessummaa ni balaaleffannaa; mirga haqaa fi dimokiraasii immoo dhugoomsuuf ni falmanna,” jechuun Qeerroon Un Arbaa Minci ibsan.

“Hojiin wayyaaneen mooraa Arbaa Minci keessatti hojjechaa jirtu kan nama gaddisiisu yoo ta’ellee nuti akkuma sabboontota Oromoo kan biroo FDG taasisnu irraa yoomillee boodatti  hin deebine,” kan jedhe ibsi barattoota Arbaa Minci kun, dhaabbiin hundee qabsoo keenyaa karaa nagaa mirga keenya kabachiifachuu dha,” jedhee jira.

“Haata’uutii, gartuun Wayyaaneen mirga keenya sarbaa waan jirtuuf akkuma barattoota Oromoo kaaniittti   harka wal qabannee qabsoo keenya ni finiinsina,; akkuma faaruun jedham san tolaan dhabnaan, kaanee qawween mirkanfanna'” jedhanii jiru.

Bilisummaa uummata Oromoo maraaf! Jaalleewwan qabsoo university Arbaa Minci

Gaaffiin Bilisummaa Deebii Qajeelaan Malee Sossobbii fi Ololaan Hin Dhaabbatu

(Qeerroo, Finfinnee, 27 Sadaasa 2011)Mootummaan wayyaanee yaaddoo warraasqa uummataan qabamee jiru bakkoota garagaraatti keesaa’uu dhaabbilee barnoota ol’aanoo keessatti dhimma Federaalizimii fi nageenyaa jedhuun barattootaa fi hojjattoota wal-gahii waamus itti milkaa’uu akka hin dandeenye gabaasame.

Gabaastoti Qeerroo akka dhaamanitti, bakka walgahiin itti deemsisame maratti gaaffiin sardaa fi durguddaa kan dhimma Wayyaaneen waamteen faallaa ta’e dhiyaachaa jira.

Keessaayyuu, gidduu kana walgahiin barattoota Uni.Finfinnee kan maqaa barattoota haaraa waliin wal-barsiisuu jedhuun galma aadaa fi turiizimii Itiyyoophiyaatti waamame mata duree kennameen ala olola wayyaanoti baniisa wal-gahii irratti mata duree Federaaliziimii fi nageenyaa jedhuun dhiyeessan barattooti mormanii jiru.

Akka gabaasa nu dhaqqabeetti, qondaalonni wayyaanee haasaa dhimma federaalizimii fi nageenyaa irratti dhiyeessan gaaffii barattootaa mata dureen waamicha keessanii kana miti,maliif mata dureen waamicha keessanii qabxii kana ta’uun dursa nuuf hin ibsine? Yaaddoon nageenyaa maali? Federaalizimiin Oromiyaaf maali?kanneen jedhaniin akka yaadametti otuu hin milkaa’iin hafee jira.

Haaluma walfakkaatuun, manneen barnootaa biyyattii keessatti ololli walfakkaataa kennama akan jiru yoo ta’u, bakka iyyuutti dabballooti Wayyaaneen qaana’anii akka deebi’aa jiran hubatamaa jira.

Hidhaa fi biyya irraa aryatamuu gaazexeessitoota biyyattiin walqabatee dhiibbaa wayyaanee irratti godhamaa jiru kabeebsuufis, wayyaanonni dabballoota isaanii walitti qabanii ololaa akka jiranis beekamee jira.

Mirga lammii dhiituu fi sarbuun akn beekamtu Wayyaaneen amma immoo karaa miidiyaa to’attee jirtuu, “mirga lammii fi heera biyyaa” waan jedhu irratti shubbisaa jirti.

Haala kana irratti hayyuun siyaasaa tokko yaada nuuf qoodaniin, “kan lammii hidhaa jiruu fi sagalee lammii biyyaa ukkaamsaa jiru Wayyaanee ta’ee otuu jiru, kanneen ukkaamsamanii mana hidhaatti dararamaa jiran akka waan mirga lammii fi heera biyyaa dhiitaniitti dhiyaachuun ummata tuffachuu dha,” jechuun hubachiisanii jiru.

Ummati har’a tuffatame kun garuu sagalee guddaa ittiin mootummaa kamuu gargalchu akka qabu kan yaadachiisan hayyuun, kun “gaafa diddaa fi fincilli ummataa dhowe garuu akka har’aa barooduun akka hin jiraanne waan biyyoota ollaatti ta’aa jiruu fi seenaa keessaa beekuun nama hin dhubu; gaaffii bilisummaa deebii qajeelaan malee sossobbii fi ololaan hin dhaabbatu” jedhanii jiru..