Qeerroon Naannoo Finfinnee Sirna Howwaan Guyyaa Goototaa Kabajatan.

Qeerroon Finfinnee Ebla 15,2012  sirna howwaan kabajachuu gabaafame.Gutummaa gabaasa kabajaa guyyaa goototaa Ebla 15 Oromiyaa guutuutti ta’e hamma barruun dhiheessinuutti waan Video irraa gara MP3 tti jijjiire isiniif kunooti.

Dhaamsaa fi walaloo Qeerroo Finfinnee

Guyyaan Gootota Oromoo fi Hundeeffama Qeerroo Kabajame

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 16 Ebla 2012) Qeerroon Bilisummaa guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Oromiyaa kan waggaa tokkoffaa haala hoo’aa fi dammaqinaan akka kabajatan gabaasaan Qeerroo ni hubachiisa.

Qeerroon Guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo kan kabajatan kaan isaanii haala iccitii ta’een hojiileee ummata dammaqsuu fi dhibdee biyyattii kanneen hin beekne hubachiisuu fi bakkee birootti immoo kannneen rakkina hawaasummaa qaban waliin oolanii jajjabeessuun akka kabajatan beekamee jira.

Keessaayyuu, hawaasa biyyattii waan nyaatanii fi dhugan hin qabneef, gargaarsa gochuun akka kabajatan kan ibsan Qeerroon magaalaaleee Oromiyaa hedduun, hordoffii diinaa haalaan cimaa ta’e eeggachaa waan kaayyeffatan akka milkeessan dhaamanii jiran.

“Nuti Qeerroon Oromoodhaa ija saba keenyaa duratti ilaalamnee abdii saba keenyaaf taanee kan jiruu,dirqamni olaanaan kan nurraa eegamu hubannee hirmaanna akeenya gumaachuuf daran kakaanee jirra,” kan jedhan Qeerroon magaalaa Finfinnee immoo, karaa hundaan of jabeessanii hojiia qabsoo diddaa akka itti fufan hubachiisanaa jiru.

“Nuti marti keenya barattoota ta’e hojjetootni Oromoo seenaa wareegama ilmaan Oromoo  fi gootota Oromoo darbanii fi ammallee qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’aa jiru keessatti nutis diddaa keenya fuulleffachaa wareegama Bilisummaa keenyaaf gatii baasuuf qophii qabnuu fi murtoo keenya ni haaromsina,” kan jedhan Qeerroon, itti fufuunis,  “lubbuudhaan kan jirru alaa fi keessaan dhaabaa Adda Bilisummaa Oromootiifis baga guyyaa ayyaana Gootota keenyaa kan bara 2012tiin isin gahe jechaa nutis hamma nuuf danda’ameen kabajaa keenya ayyaanichaaf qabnu kallattiilee danda’amuun himaannaa keenya dachaadhaan guddisna,”  jedhanii jiru.

Qeerroon magaalaa Finfinnee keessa jiraatan kunneen ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo sababeeffachuudhaan hiyyeeyyii karaa irra ciisan waliin waan qaban kan hirmaatan yoo ta’u. haala kanattis lammiileen biyyaattii hedduun gammadanii akka jiran hubatamee jira.

Akkasumas Waraqaaleen waamicha qabsoo daandii konkolaataa fi  bakka mulatutti kan maxxansame yoo ta’u, ummatis diddaa mootummaa Wayyaaneef qabu daran jabeessee guyyaa kufaatii wayyaaanee akka dhiyeessu dhaamsi darbeefii jira.

Qeerroon aakn immoo akkuma haala mijjataa argatanitti, kaan manneetii jireenyaa keessa jiraatan keessatti dungoo qabsiisuudhaan alaabaa fannisanii gootota Oromoo yaadachuun kan kabajatan yoo ta’u, yeroo kanattis dhaamsa waaltaa Qeerroo irraa darbe kan diddaa karaa nagaa adeemsisu, fudhatanii akka hojii irra oolachan waadaa isaanii haaromsanii jiru.

Guyyaa hundeeffama Qeerroo Bilisummaa ilaalchisuun ibsi ejjannoolee addaddaas wiirtuu ayyaanni itti kabajame maratti  kan bahan yoo ta’u, ibsa ejjannoolee bahan keessattis haga qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa dhaqqabutti, ukkaamsaa fi ajjeechaa diinaaf akka hin jilbeeffamnne, qabsoon karaa mijaateen qindeeeffachuu fi itti fufuun akka barbaachisu ibsamee jira.

Haala kabaja ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo ilaalchisee qophiin guddaa biyya keessaa fi biyyoota ollaaOromiyaa keessatti kabajamaa jira; gabaasaaleen ayyaanichaa sababa qunnamtiin turuu malanis akka nu dhaqqabaniin akka isiniif dhaamnu asumaan beeksifna jehuun qunnamatiin Qeerroo dhaamsa isiniif dabarsee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Qeerroon waadaa Diddaa Karaa Nagaa Haaromse!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 15 Ebla 2012) Sochiin Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Oromiyaa kan gabaabbibaan Qeerroon Bilisummaa ibsa guyyaa hundeeffama Qeerroo waggaa tokkoffaa  ilaalchisee baase keessatti warraaqsa wagga tokkoof walitti aansee finiinsaa ture keessatti hojii boonsaa dalaguu isaa ibse.

Qeerroon ibsa baaseen akka hubachiisetti, haallii fi tarkaanfiin diinni ummata Oromoo ajjeesuu fi qe’ee isaa irraa buqqisuu hedduu hammaachaa kan dhufe ta’us, gochaaleen farra ta’an marti hojii abbootii irree waan ta’eef  ummata didee Bilisummaa isaa barbaadaa jiru kamiyuu daran jabeessee falmaatti  kan kakaasu malee boodatti kan hin deebisne ta’uu hubachiisee jira.

“Duulli diinaa akka nuti diddaa keenya dhiifnuuf karaa hundaan nutti hammmaatu illee, sochii wagga tokko keessatti taasifneen sirna garboomsaa wayyaaneef akka hin bulle mirkaneessenee jirra,” kan jedhe Qeerroon, “kana boodas diddaan keenya gara ummataatti darbee bu’aa buusaa waan jiruuf sochii karaa nagaa taasisnu jabeessinee itti fufna,”  jedhee jira.

Kana malees, Qeerroon ibsa baase keessatti dhaamsa dabarseen, ummati nagaa fi bilisummaa jaalatu marti humnaa fi dandeettii isaanii walitti qindeessanii, diina farra nagaa fi bilisummaa ta’e buqqisuu irratti akka hojjatan hubachiissee jira.

“Dhalooti Oromoos akkuma wagga tokko dura waadaa bilisummaa seenuun qabsoo diddaa garbummaa finiinsuu eegaletti  qabsoo diddaa garbummaa irratti fuulleffatee hojjachuu qaba,” kan jedhee jira Qeerroon, diddaa karaa nagaa adeemsisuuf eegele illee akka itti fufu waadaa isaaa haaromsee jira.

“Seenaa wareegama ilmaan Oromoo  fi gootota Oromoo darbanii fi ammallee qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’aa jiru keessatti nutis diddaa keenya fuulleffachaa, wareegama Bilisummaa keenyaaf gatii baasuuf qophii qabnuu fi murtoo keenya irra deebinee haaromsina,”  jedhe Qeerroon.

 Qeerroon dabalee akka hubachiisanitti, sochii wagga tokko keessatti taasisaniin bu’aa hamlichiisaa argamsiisuu isaa ibsee, hata’uutii diddaan karaa nagaa godhani mootummaa Afaan qawween malee Afaan nagaa hin beekne biraatti gatii kan hin qabne ta’us, fedhii fi waadaa nagaaf qabnu mul’isuuf qabsoo karaa nagaa diina buqqisuuf  godhamu akka itti fufan beeksisanii jiru.

Remembering Innocent Oromos in Jail: A Glimpse of Qeerro’s One Year Report

Aside

Compiled from Qeerroo News by: Daandii Qajeelaa

 

Every year on April 15, Oromo nationalists all over the globe commemorate the fallen heroes of Oromo nationalists who gave their precious lives for the freedom of their people and the liberation of their country, Oromia. Many lost their lives in the battle field while fighting the oppressive military forces of the Ethiopian regimes, past and present. Many others were killed at their homes, at their work places and in prison cells during a brutal torture for the simple reason of being an Oromo. Yes, for the simple reason of being an Oromo! This may sound untrue, but it is a fact. Here is how it happens.

In Ethiopia, if you are an Oromo person, by default you are a suspect of being a member or supporter of the Oromo Liberation Front (OLF). In reality, this is true in the sense that most Oromos support the OLF and reject the so called Oromo People’s Democratic Front (OPDO), an Oromo organization created around the end of the previous military government of Mengistu Hailemariam by the then rebel group called the Tigrai People’s Liberation Front (TPLF) in the Tigrai region. Today, despite the fact that the Tigari population is a tiny minority with only 6% of the Ethiopian population, the leader of TPLF, Meles Zenawi, is single handedly ruling Ethiopia using the OPDO and other similar robot and puppet organizations that are named “sister” to TPLF. Well, they are not really sisters. They are creatures invented and maneuvered by the TPLF. To see this, it is enough how they vote in the current parliament, all of them raise their hand together always, supporting whatever the Meles clique present to them. This can happen only with one condition – namely, they are really “robots” who actually breathe like humans.Remembering the Innocent Oromos in Jail

Exclusive Photos of J/ Abboomaa Mitikku, Martyr of April 15

Aside

For details please visit the webpage http://www.Gadaa.com

Ummanni Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Waraan Wayyaanee Ummata Jeequutti dhangaa gurguruu dide.

Aside

Ebla 13,2012 Gabaasa Qeerroo Iluu Abbaa Booraa
Waraanni Mootummaa Wayyaanee Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti bobba’e dargaggoo Oromoo kanneen ta’an karaa irraa fi magaalota keessaa ukkaamsanii mana hidhaatti darbaa jiraachuun beekame. Mootummaan Wayyaanee diddaa Qeerroo deemsifamaa jiru dura dhaabbachuu waan dadhabeef uummata nagaa waraana bobbaasee goolii irratti uumaa jira.Uummatni Oromoo naannoo kanaas waraana Wayyaanee bishaanii fi midhaan nyaatamu gurgura dhorkuun diddaa fi jibbinsa qaban ifatti mul’isaa jiran.

Barsiisotni Aanaa Limmuu magaala Galiilaa ”Yeroon ammaa yeroo farreen Qabsoo Oromoo barbadeessani” jedhan!‏

Aside

Ebal 12.2013 Gabaasa Qeerroo Wallaggaa
Godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu Magaala Galiilaa keessatti barsiisotni Oromoo marii OPDO fashalsan.Poolisoota Wayyaanee barsiisota dura dhaabbachuuf yaalanis darbbanii bira darbanii jiru.Dabballootni Mootummaa Wayyaanee OPDO jajjabeessuu qabna jechuun marii isaanii yoommuu banan Barsiisotni Yeroon ammaa Yeroo itti OPDO jajjabeessan osoo hin tahiin barbadeessani mirga hiree murteeffannaa ummattootaa kabachiisuu dha.Jireenyi OPDO ummata Oromoof kan fayyade hin jiru,waggooda 20 kana keessa hiyyummaa,beela,gadadoo fi hidhaa ajjeechaa Oromootti fiduu malee waan fayyadan tokko illee hin jiru jechuun marii sana fashalasanii jiru. Kana irratti dhaabi tokkochi haqaa kan jajjabeeffamu ABOti jechuun ifatti dubbatanii jiran.

Adurreen Leenca Mokkorte, Qeerroo Uni Haromaya(2012 kan yeroo darbee)

Video

Diddaan Barattoota Oromoo Gara Roorroo Of Irraa Ittisuutti Ce’e

Aside

Ebla 12,2012,Gabaasa Qeerroo Horroo Guduruu
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana Barumsaa Aliboo sadarkaa Lammaffaa keessatti Barsiisaan Hoogganaa Mana Barumsaa Aliboo ta’ee ergamaa wayyaanee ta’uun barattoota oromoo rifeensa guddistu,Siyaasa gaggeessitu jechuun barattoota rakkise Barsiisaan Oliyaad Gaddafaa barattootaa fi ummata naannoo haalaan waan rakkiseef jedhcha barattooti roorroo of irraa ittisuuf basaasa Wayyaanee kana haalaan reebuu fi miidhuu irraan kan ka’e,Moootummaan Wayyaanee arattoota mana barumsaa Aliboo Jumlaan qabuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Yeroo ammaa
1. Barataa Haayilee Maaremaa Barataa kutaa 10ffaa
2. Barataa Taarikuu Waaqoyyaa Barataa Kutaa 10ffaa
3. Barataa Yaadataa Olii Barataa Kutaa 10ffaa
4. Barataa Barasaa Maaremaa barataa kutaa 10ffaa
5. Barataa Dassaalee Galataa Barataaa kutaa 10ffaa
6. Barataa Fantaa Luuccee Barataa kutaa 10ffaa
7. Barataa Galaanaa Xiyyee barataa kutaa 10ffaa
8. Barataaa Baabbee Abdiisaa Barataa kutaa 10ffaa
9. Barataa Bal’isaa Xaasoo barataa kutaa 10ffaa
10. Barataa Misgaanaa Abdiisaa barataa kutaa 10ffaa
Jedhaman waajjira poolisii magaala Alioo keessatti hidhamuun ergama ABO qabdu jechuun reebamuu irratti argamu.

Oromiyaa Lafa Jiituu Laggeen Irra

Oromiyaa Lafa Jiituu Laggeen Irra