Ebla 11,2012 Gabaasa Qeerroo Amboo
Basaastonni Wayyeenee barattoota fakkaatanii mooraa University Amboo galuun barattoota Oromoo saaxiluuf Mootummaa Wayyaanee irraa dirqama fudhatanii Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattoota Oromoo yeroo dheeraaf diinatti gurguraa turan qorannoo qeerroon saaxilamanii jiran.Barattootni maqaan isaanii armaa gadii kun kallattiin Wayyanee irraa dirqama fudhatanii kanneen sochii Qeerroo basaaisan ta’uu barattoonni Oromoo baranii jiraachuun beekame
1. Barataa Indiriyaas Kibruu Muummee Bio-process Engineering waggaa 4ffaa dhalootaan boorana irraa
2. Barataa Malkaamuu Shagatoo Muummee Bio-process Engineering waggaa 4ffaa dhalootaan Boorana irraa
3. Barataa Takkaa Taglee Muummee Agriculture waggaa 3ffaa dhalootaan Godina Shawaa Lixaa Jalduu irraa
4. Barataa Nuuraa Muummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa dhalootaan Arsii irraa
Tahan yuunivarsiitii Amboo fi sabboontota Oromoo bakkeewwan garaa garaa irraa diinatti kennaa turuun isaanii bira gahamee jira.Barattoota kanneen keessaa Barataan Takkaa Taglee jedhamu diina waliin harka cimaa wal keessaa kan qabuu fi barattoota oromoo basaasummaan rakkisaa turuunii fi har’as itti jiraachuun isaa bira gahamee jira.Barattootni kunneenii fi basaastotni ilmaan Oromoo diinatti kennuun qabsoo Bilisummaa dura dhaabbattan gocha badii kana irraa hatattamaan hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin gatii keessan madaalu akka isin eeggatu cimsinee isin beeksisna.Gocha diina waliin hiriira qabaachuu fi Oromoo diinatti kennuu irraa dhaabbachuun qabsoo qeerroon gaggeessaa jiru waliin akka hiriirtanis waamicha isinii dabarsina!
Waraanni Mootummaa Wayyaanee Uummata Oromoo fi Saboota Ollaa jiran Walitti Buusaa jiraachuun Beekame
Aside
Ebla 11,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa Ayyaanaa
Mootummaan Wayyaanee Godina wallaggaa bahaatti waraana bobbaasuun uummata Beenishaangul Gumuz hiriirfatee waliin tahuun aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Dirree guddaa jedhamutti uummata nagaa 8 fi bulchaa gandaa Obbo Margaa Toleeraa jedhaman ajjeesanii jiran.Waraanni Mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo irraa qawwee hiikkachuuf yoommuu jedhu uummatni Oromoo waan dideef,akkasumas jibbinsa ilmaan Oromoo irraa qaban irraa kan ka’e Uummata Beenishaangul Gumuz waliin tahuun uummata Oromoo fixaa jiran.Haaluma wal fakkaatuun ganda Qeelloo bakka Qonna Galataa Kasasaa jedhamuttis Oromoonni gariin mootummaa wayyaaneen ajjeefamnanii jiran kanneen ajjeefaman akka gabaasi guutuu nu dhaqabeen dhiheessina.
Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufee Mootummaan wayyaanee Barattoota ABO dha Jechuun Yakke
Aside
Ebala 11,2012 Qeerroo Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattoota Oromoo karaa nagaa mirga Oromummaa gaafataa jiraniin isin Miseensa ABO ti jechuun barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa kennuun gabaasai nu gahe addeessa.
Barattoota oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa Qeerroo isintu qindeessa,ABO waliin hidhata qabdu jechuun barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa haakkennu malee barattoonni diddaa isaanii itti fufanii hanga ammaa yuuniversity Wallaggaa raasaa jiru. Haala kanaan Ebla 09,2012 maqaa qeerroo qindeessituu fi ABO jedhuun barattoota Oromoo akeekachiisa dhumaa itti kenname keessaa:-
1. Barataa Lammii Baayisaa muummee sport waggaa 3ffaa
2. Barataa Abdataa Baqqalaa Muummee Ingiliffaa waggaa 3ffaa irraa
Akeekkachiisni itti kennamuu irraan darbee waraana mootummaa wayyaanee yuunivarsiitii keessaan doorsifamuu irratti argamu.Mootummaan Wayyaanee diddaa barattootaa dhaamsuuf tooftaa garaa garaa deemtus tasa lmilkaa’uufii hin danda’u.Qeerroon diddaa jalqabes hanga bilisummaa hin dhaabu jechuun barattoonni diddaa isaanii muldhisuu irra darbanee daree adda adda irratti waraqaa waamicha qabsoo maxxansanii jiru.
Godina Shawaa Lixaa Mana Barumsaa Gudar Sad.2ffaa keessatti diddaan itti fufe!
Aside
Ebala 10,2012 Gabaasa Qeerroo Gudar
Godina Shawaa Lixaa Mana barnootaa Gudar Sadarkaa lammaffaa keessatti barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa nuuf haa deebi’u jechuun diddaa itti fufan.Barattootni mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa Gudar kanneen gaaffiin keenya armaan duraa nuu hin deebine,Barsiisaa fi Barataan Mootummaan goolamuun haa dhaabbatu jechuun diddaa qabsiisan.Mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduu bobbaasee odeeffata dhorkuuf network balleessus diddaan kun guutuu Oromiyaatti akka babal’atu uummatni Oromoo gumaata isa irraa eegamu haa bahuun dhaamsa qeerrooti jechuun barattooti Oromoo Mana barumsaa Gudar dabarfatanii jiru.
Basaastotni Mootummaa Wayyaanee Amantii keessa seenuun uummata gooluuf dirqamni itti kennamuun saaxilame!
Aside
Ebla 11,2012 Qeerroo Finfinnee
Mootummaan wayyaanee Manneen Amantii keessatti siyaasni gaggeeffamaa jira maqaa jedhuun basaastota fi amanamtoota mootummaa Wayyaanee poolisii federaalaa keessatti argaman manneen amantiitti namoota amantii sana hordofan fakkeessitee oduu funaanuuf qophaa’uun ishee saaxilame.Mootummaan Wayyaanee gaaddidduu ishee illee amanuu kan dadhabde uummata karaa nagaa amantii isaa gaggeessaa jiru gooluuf karoorfattee jirti.Masgiida keessatti namootni amantiin isaanii musliima hin taane akka ramadaman oduun kun saaxilee jira.Masgiidas uummata musliimaa fakkaatanii akka seenanins ifa tahee jira.Mana Kiristaanaa keessattis akkasuma.Kanaaf abbootiin amantaa Musliimaa fi Kiristaanaa namoota kanneen of keessaa baasuun amantii keessan nagaan akka gaggeeffattan qeeroon dhaamsa jabeessee isinii dhaama.
Rakkoo Dabballoonni Wayyaanee Babal’isan irraan Walitti Bu’insi Uummata Oromoo fi Benishangul Gumuz Itti fufe.
Aside
Ebla 10,2012 Limmu
Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti walitti bu’insi uummata Oromoo fi Uummata Benishaangul gidduutti itti fufee jira.Guyyaa kaleessaa walitti bu’insa aanaa Giddaa Ayyaanaa Bakka Dirree Guddaa jedhamutti uummatni lameen kun wal dhabanii Uummatni Beenishaangul 2 lubbuun isaanii darbee gariin yoommuu madaa’aan Miidhaan uummata Oromoo irra gahe yoo dhibes waraanni mootummaa Wayyaanee uummatni Oromoo akka miidhamaniif meeshaa hiikkachiisaa jira.Uummatni Oromoos meeshaa keenya hin laannu jechuun waraana mootummaa wayyaanee fi uummata Beenishaangul wajjiin falmatti seenee jira.Shirri mootummaa uummata wa dhabsiisaa jiru lolli kun akka tasgabbaa’uuf hirmaannaa homaa agarsiisaa kan hin jirre ragaa tahuus qeerroon aanaa kanaa gabaasee jira.
Wal dhabdeen KGG OPDO keessatti dhalachuun amantootni Wayyaanee yeroo dheeraa hojii fi aangoo irraa ari’aman
Aside
Ebla 10,012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Rakkoon Miseensota Koree Gidduu Galeessaa fi Koree Hojii raawwachiistuu DH.D.U.O keessatti dhalachuun hojii irraa wal arii’aa,aangoo irraa wal buusuun jeequmsa gidduu isaaniitti uumee jira.Walgahii isaanii Torban kana taasifame keessatti waldhabdii guddaanii fi walshakkiin gidduu isaaniitti uumamuun aangoo irraa wal darbanii jiru.Haala kanaan:-
1. Isheetuu Dassee barreessaa waajjira Koree Gidduu galeessaa kan turee fi dhalootaan shawaa kaabaa kan tahe hojii irraa arii’amee jira.Bakka Isheetuu kanaas Hiriyyaa haadha manaa Obbo Mallasaa kan taate Aster Maammoo bakka buutee akeeka wayyaanee galmaan gahuuf waadaa seenuun ishee saaxilameera
2. Alamaayyoo Ijjiguu Ministeera Sab quunnamtii federaalaa irraa hojii irraa dhorkamee jira.Namni kun lafa Oromoo naannoo Finfinnee maqaa Investmentiin gurguraa turuun isaa fi dhalootaan Shawaa Lixaa tahuu,Bulchaa Godina Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba lixaa tahuu keessa beektotni ifa godhanii jiru.
3. Lammaa Magarsaa Koree Hojii raawwachiistuu irraa gara Koree Gidduu galeessaatti jijjiiramee jira.Waggaa 10 oliif dhimma nageenyaa irra turuun ilmaan oromoo mana hidhaatti guursisaa turuun isaas beekameera
4. Zalaalam Jammaanee Namni Kun yeroo dheeraaf barreessaa Waajjira OPDO tahuun tajaajilaa kan turee fi lafa oromoo naannoo Finfinnee duuressoota biyya alaa kanneen akka Paakistaan,China,..gurguraa kan ture tahuus bira gahamee jira.Yeroo ammaa kanas gara Waajjira Qonnaatti gadi bu’ee jira.Hojii basaastummaan Tiraafika Godina wallaggaa Lixaa tahee osoo hojjetuu waajjira OPDO akka seenes keessa beektotni isaa ifa godhu.
5. Ahmed Abbaa Jiksaa Ministeera haqaa keessaa guutummaan arii’amee jira.
Koreen Gidduu Galeessaa OPDOs qoqqobbii cimaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu Alamaayyoo Atoomsaa irratti kaasuun raafamaa kan jiranii fi Alamaayyoon dhukkubaan Biyya Thiland keessatti cinqamaa jiraachuun bira gahamee jira.Haala kanaan mootummaan Wayyaanee wal amantii wal irraa dhabuun raafamaa jirti.Mootummaan Wayyaanees yoomuu OPDO hin amantu.Kanaaf hiriyyaa fi firaan muuduu irratti argamti.
Kanuma waliin ilmaan Oromoo kanneen OPDO jala galanii Wayyaaneef ergamaa jiran amma irraa gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman Qeerroon waamicha dabarsaa jiraachuun beekama.
A property of ‘The Lord of Land Grabbers’, Mohammed Alamuddin’s Tea plantation was set on fire in Ilu Abba Bora Zone of Oromiya.
Aside
Qeerroo, 09 April 2012; Finfinnee
A series of discontent ignited by victims and Qeerroo Youth Networks against land grabbing in many parts of Oromiya is revealing itself in clear and simple manner; putting a fire on the Properties on the stolen land. The farmers and the youth can’t face the well armed and fully fledged Woyane army sent out to enforce the strict Land Grabbing law, but it is practically impossible for the army too to guard millions of hectares of Land from the revenge of these angry victims.
That is exactly what is happening in Central, Western and other parts of Oromia. Now the anger turns to the big boss of the looters. The Tea plantation farm set on fire just yesterday on the 7th of April 2012 belongs to Alamuddin, the right hand man of the brutal regime in Ethiopia and a man who amassed billions of money with his countless and monopolized companies including the Laga Dambi Gold mine in Shakiso. He owns only 1.5 billion in 2003 but only after 9 year due to unaccounted and out of touch Gold mine he exploits in Shakiso, Oromiya he jumped to 12.5 billion making him the 1st Richest ‘African man’. This man, who claims to have Ethiopian mother is Saudi nationality have some business in Western Europe just for the sake of painting his looting the picture of real investment. The same man uprooted thousands of Oromo families, polluted the environment and funded the killing machine of the regime that claimed thousands of poor farmers, pastoralist and students. He works in hand and glove with the government and is a complicit in the serious of human right abuse in Ethiopia in general and Oromiya in particular.
On March 2012, the same man was reported by the Reuters, to have bought 5 big state owned properties via his MIDROC Ethiopia corporation, which Qeerroo believes was done in, by and for a corrupt goal. Due to the curse of the business he run which literally controls the in and out of the whole country, he crushed the country and its people to unbearable poverty. While he is being rocketed to pick of world wealth, with a speed and manner never have been witnessed in a business of that type; millions of Ethiopian dies of starvation.
That is why the Qeerroo Youth group said, this is just the beginning of the big fight with the bad guy.
@Qeerroo
Ilkaan Socha’e Buqqa’uun, Kan Biqile Guddachuun Hin Hafu.
Aside
YAA.GAMMADAA(2005) Ebala 2012
Wayyaaneen har’a sochiilee Qeerroo Oromoo Biyya keessaa isa raasaa jiru ukkaamsuuf , hammeenya hegaree isaaf hin tollee gaggeessaa jira. Dhalooti har’aa gaaffiin kaasaa jiru , tarii isa jiruun ykn dhaloota itti aanun, waan Biyya Itoophiyaa jedhamtu kanaaf SODAA ta’e dhalchuun isaa hin hafu.Wayyaaneen Imaammata Ameerikaa Addunyaa ittiin tu’attee jirtu galagalchitee, har’aaf na bulchiinaan jettee ittiin masakamaa jirtu, Ummati hanga wal ga’ee dammaqutti qofa ta’uu kan wallaalan hin fakkaatu. ILKAAN SOCHA’E BUQQA’UUN, (1)
Basaastotni Mootummaa Wayyaanee, Wayyaanumaan reebaman!!
Aside
Ebla 09,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Basaastotni Mootummaa Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti barattoota Oromoo diinatti kennaa turan Waajjira Poolisii Bishooftuutti basaastummaaf yoommuu deeman Mootummaan Wayyaanee amantamummaa dhabuun reebuun salphiste.Sabboontotni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu akka ibsatanitti Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii kana keessaatti bara dheeraaf Wayyaanee tajaajilaa turan
- Toleeraa Dagafaa fi
- Abdoo Amiin barataa waggaa 4ffaa kan tahe
Hojii basaastummaaf waajjiira poolisiitti bobba’anii isinummaanuu ABOf basaasitu ABOf hojjettu isin irratti barreerra jechuun Poolisooti Wayyeenee qaanessanii reebicha hamaa irraan gahuun beekamee jira.Mootummaan wayyaanee miseensota ishee amantamummaa irraa dhabuun cinqamaa jiraachuunii fi diddaan gaggeeffamaa jiru uummata hundaa biratti fudhatama qabaachuu mootummaan wayyaanee waan amanteef kana gochuuf dirqamtee jirti.
Miseensota waraanaa fi human poolisaa kanneen Oromoo ta’an yeroo ammaa kanatti ABOn isin ijreera ilaachi keessan qajeelaa miti sababa jedhuun gamaagamaa fi doorsisa irra akka jirtu maadheeleen Qeerroo mootummaa keessa jiran gahaatti ibsaa jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
