Ibsa Ejjennoo Qeerroo Magaalaa Amboo fi University Amboo

Aside

Ebla 23,2012, Sochii karaa nagaatiin itti fufuu irratti qeerroowwan magaalaa Amboo fi Mooraa yuuniversity Amboo irra jiran walitti dhufanii walgayii gochuudhaan marii isaanii ibsa ejjennoos gadi buufachuudhaan xumuranii jiru.
Ibsoota ejjennoo isaan baafatan marii isaanii irratti:
 Uummatoota keenya fedhiin isaa bilisummaa,akkasumas maatii isaaf nagaa fedhu of jala hiriirsuudhaan ,mootummaa wayyaanee barattoota keenyaa fi qote bultoota Oromiyaa keessaa goolaa jiru diddaa karaa uummataas akka itti fufuuf murtteeffanne;
 Akkasumas ta’e jedhee mootummaan Wayyaanee ummattoota nagaa walitti buusuu fi karaa amantiin dahatee jeequmasa saboota keessatti fiduuf karoorfate ciminaan dura dhaabachuuf ejjennoo fudhanne.
 Kaayyoo bilisummaa Oromoo fi akeeka Siyaasa keenyaa manneetii barnootaa fi uummata gidduutti barsiisuun akka dirqama keenyaa ta’e barree akeeka kanaan hojjechuuf waadaa keenya irra deddeebinee haaromsinee jirra;
 Milishoota gandaa fi poolisoota Oromiyaa barsiisuun,dammaqiinsa Oromummaa kennuun gara qeerrootti dabaluun ammas akka dirqamaatti fudhannee itti fufna;
 Doorsisa karaa qawweetiin ilmaan Oromoo irratti raawwamaa jiru kana ammas diddaa keenya karaa nagaatiin akka itti fufnu qabsoo keenya haaromsinee itti fufna;
 Adeemsa keenya keessatti guyyuudhaan yeroo fi haala mijawaa fi mijawaa hin taane keessatti ijaarsi maadhee itti fufa;
 Barsiisota manneetii barnootaa gadi aanaa fi sadarkaa olaanaa keessatti akkasumas koollijiwwanii fi yuuniversitiwwan Oromiyaa keessa jiran mara keessatti ijaarsii fi kaka’umsi gara sochii warraaqsaa akka ta’u ni godhama;
 Saamamuun lafaa,buqqa’uun mana jireenya uummata daran hammaacha kan dhufe kuni uummata keenya rakkoon kun qaqqabaa jiruf hundee diddaa isaa akka ta’e hubachiisuudhaan uummata keenya cina hiriiruudhaan guyyuudhaan kakasuun dirqii ta’uun isaa nu ilaallata;
 Gara dhumaatti waliigalteedhaan,tokkummaadhaan,amantiin utuu wal hin qoodin hamma mootummaan Wayyaanee aangoo isaa gadi dhiisutti diddaan keenya kan itti fufu ta’uu isaa waadaa keenya haaromsineerra !!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!

QEEROO AMBOO IRRAA!

Guyyaan Gootota Oromoo Alaabaa konkolaataa irratti fannisuun uummata dadammaqsuun ayyaaneffratamaa jira.‏

Aside

Ebla 24,2012

Guyyaan Gootota oromoo hanga ammaa bakkeewwan garaa garaa keessatti qophiiwwan garaa garaan ayyaaneffatamaa jira.Godina Shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti gandoota hedduu keessatti sabboontotni yaadannoo gootawwaniif taasisuun ayyaaneffatamee jira.Gootota keenya ni yaadanna,Akeeka isaaniis galmaan ni geenya jechuun sabboontotni Oromoo walitti dhufuun konkolaataa irratti Alaabaa ABO fannisuun Abuunaa Gindabaratii hanga Gudarii baatee deemuun ilmaan Oromoo ililchiisanii jiran.Mootummaan Wayyaanee gocha kana irraa rifachuun konkolaataaleen akka sakatta’aman gootee jirti.

Geerarsa Qeerroo Guutuu Abarra,Guyyaan Gootota Oromoo Biyya Alaa Oslo

Video

Qeerroon Haromaya Ayyaana Qophii GAHOO Irratti Gootota Farsuun Diina Garaa Gube.

Ebla 22,2012 Haromyaa

Ebila 22,2012 Haramayaa Universitii keessatti qophii ayyaana GAHOO adeemsifameen walqabatee Qeerroon University Haromaayaa  waltajjicha dhuunfachuun sirboota,walaloo fi diraamota  gootota Oromoo faarsuu fi wallee Ebbisaa Addunyaa walisuus gootota wareegaman keessaa Ebbisaa,Usmaayyoo fi Jireenyaa Ayyaanaa yaadachuun qabsoo ABOn gaggeessuu faarsuu fi wallee warraaqsaa WBO dhaadessan hedduu akka sirbaa turan gabaafame.

Qophiileen ayyaana kana irratti ta’ee fi diddaa Qeerroon ifatti  muldhise diina haalaan akka rifachiisee fi waan gootu dhabdee akka afaan qabatee beekame. Video fi  waraabbiin sagalee goone qulqullinaan nuu bahuu hin dandeenye,ammo haala tahe maraan waan waraabame ni diheessina. Record000

Ummati Oromoo Tarkaanfii Of-ittisaa Fudhataa Jiru!

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 22 Ebla 2012) Godina Wallaggaa bahaa aanaa Jiddaa Ayyaanaa keessatti uummatni Oromoo waraana mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa Gumuz hidhachiisuun uummata Oromoo fichisiisaa jiru irratti tarkaanfii fudhatame.

Akka oduun Qeerroo naannoo sanaa nu gahetti yeroo ammaa kana miidhaa fi roorroon ummata Oromoo irra gahaa jiru addatti kan ummata Oromoo irratti xiyyeeffate waan ta’eef ummati gamtaa’ee tarkaanfii of- ittisaa fudhachuu eegalee jira.

Akka kanaan humnoota Oromoo ajjeesaniif dahoo ta’aa kan turan Poolisoota federaalaa  keessaa tokko ajjeesuun poolisoota federaalaa lama immoo madeessuun waraana wayyaanee bobba’e bittinneessanii jiran.

“Uummatni Oromoo ollaa isaa waliin nagaan akka hin jiraanne kan gochaa jiru itti gaafatamaan mootummaa wayyaanee ti,” kan jedhan ummati naannoo, “mootummaa nageenya keenya nuuf tiksu haga hin qabaannetti bakka jirrutti tarkaanfii of-ittisaa fudhachuun keenya dirqama; lammiin keenyas haala kana akka nuuf hubattanii nu cina dhaabbatan isiniif dhaabne,” jechuun waamicha dhiyeessanii jiru.

Qeerroon Hidhuun Diddaa Jabeessa malee Hindhaabu!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 22 Ebla 2012) Barsiisaan Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Taakkalaa Bayyanaa deeggaraa “Qeerroo fi ABO ti,” jedhamee yakkamee hojii irraa arii’amuun gaabasame.

Diddaan Qeerroo gaggeeffamaa jiru mootummaa wayyaanee kan mataa dhukkubse yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti Barsiisaa Taakkalaa Bayyanaa(Msc,pharmacology) dhalootaan Horro Guduruu kan ta’e “ABO fi Qeerroo waliin hidhata qabda, Qeerroo nurratti ijaartee nurratti kakaasaa jirta,” jechuun yakkanii hojii irraa arii’anii jiru.

“Barattootni Oromoos hidhamuun, arii’amuunii fi dararamuun haa dhaabbatu!”  jechuun diddaa itti qabsiisanii jiran.

Haaluma walfakkaatuun, mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uu kan amaleeffatee fi hojii godhate yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti Muummee Politican science and international relation waggaa 2ffaa kan baratu Barataa Oromoo Tamasgeen Fiqaaduu jedhamu barnoota irraa arii’anii jiran.

Mootummaan wayyaanee Barataa Tamasgeen Fiqaaduun barattoota ilmaan Tigiraay reebdee jirta jechuun sobaan yakkanii barnoota isaa irraa arii’anii jiru.

Waraannii fi tikni mootummaa wayyaanees barattoota Oromoo yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti baratan dhuunfachuun doorsisa irratti argamu.

Jabinaa fi guddina Oromootaa irraa jibbinsa guddaa kan qabu bulchiinsi mootummaa Wayyaanee, ilmaan Oromoo ofitti amanoo fi ilaalcha mataa isaanii qaban sababa addaddaa itti uumuun hojii irraa dhaabuu, biyyaa aryachuu fi hidhee dararuu hojii guyyuu godhatee jira.

“Hidhaa, ajjeechaa, barnoota irraa ugguramuu fi hojii irraa aryatamuun gocha fokkotaa sirna garboomsaa ti,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, “hidhaa fi ajjeechaa sodaachuun kan mirga isaaf falmachuu lagatu abadan hin jiru,” jedhee jira.

“Aadaan abbootii keenya irraa dhaalle kan nu barsiisu, mirga ofiif didanii eenyummaa fi bilisummaa ofii kabachiisuu dha,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, “haga Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsinutti gochaan hammeenyaa golee garboomsa akeessaa bahuu waan hin dhaabbanneef jabaannee qabsoo keenyaan keessaa baana,” jechuun ejjannoon diddaa fi falmaa irratti qabu kan hidhaa fi ajeechaa yookaan roorroo garboomsaan  hin laafne ta’uu Qeerroon mirkaneessee jira.

Qeerroon University Finfinnee Ebla 15,Sababeeffachuun Walgahii Godhatan irratti Murtii Ejjennoo Fudhatan

Aside

Ebla 20,2012 Qeerroo University Finfinnee
Qeerroon University Finfinnee haala sochiin isaanii diinaan tohatamu keessatti diddaa jabaatanii itti fufuun Ebla 15,2012 guyyaa goototaan sababeeffachuun walgahii dhaabbataa godhatan irratti haala qabsoo Oromoo fi sochiilee Qeerroo Oromiyaa keessatti deemu irratti baldhinaan erga mariyataniin booda.Fincila diddaa gabrummaa bara 2012 keessatti haala adda ta’een akka itti fufee qabsoo Oromoo karaa saffisaan bakkaan gahu,kana irratti dabalee haala mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo fi qabeenya Oromiyaa irraan miidhaa gahaa jiru hammeenya hiriyyaa hin qabne waan ta’eef ummanni Oromoo fi saboonni biro sochii diddaa gabrummaa haala qindaayeen akka itti fufu irratti mariyachuun qeerroon gabaasa.
• Walgahii Qeerroo dhaabbataa kana irrattis ibsi ejjennoo baafatan.
• Gochaa mootummaan Wayyaanee ummata keenya irraan gahaa jiru daran hammachaa waan jiruuf qabsoo diddaa gabrummaa hamma bilisummaatti itti fufna.
• ABOn dhaaba abdii ummata Oromoo waan ta’eef jala hiriirree bilisummaa falmachuun mirga keenya.
• Ayyaan laallattootaa fi gantoota qabsoo Oromoo gananii diina waliin hiriiruun dhaaba ABO fi sochii ummata Oromoo irratti daba hojjetan bifa kamiinuu dura dhaabbanna.
• Gochaa wayyaaneen maqaa amantiin biyya goolaa jirtu dura ni dhaabbana
Kanneen jedhan irratti ejjennoo fudhatanii jiru.

 

Diddaan Gootota Barattoota Oromoo Lixa Shawaa Itti Fufe!

Aside

Ebla 20,2012,Gabaasa Qeerroo Geedoo
Lixa Shawaa Aanaa Geedoo mana barnootaa sadarkaa 2ffaa barattootni kutaa 12ffaa kan ta’an baayinni isaanii 500 ol ta’an kutaa 12 ffaa kan baratan qormaata biyyoolessaatti kan dhiyaatan,akkasumas barattoota Aanaa Midaaqany ,sadarkaa 2ffaa,kan kutaa 12ffaa baratan baayinni isaanii 200 ol ta’an akkkasumas barattoota Aanaa Dandii,Meettaa Roobii barattoota kutaa 12ffaa ta’an baayinnii isaanii heddumminaan mootummaan Wayyaanee walitti qabuudhaan heera mootummaa Wayyaanee hin fudhattan yoo ta’e,fincila goochuun diddaa gaggeessaa jirtan hin dhaabdan yoo ta’e qormaata akka hin fudhanne isin dhorkina jedhee akka doorsisaa jiru beekame. Kanas ta’ee barattoottoon jechaa fi doorsisa kana dura dhaabbachuun gaaffiin keenya nuu deebi’uu qaba sababaa doorsifamnuufii hin jiru jechuun mootummaa Wayyaanee irratti fincila kaasanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa. Gootonni barattooti Oromoo manneen barnoota kanaa kunis doorsisa kana sodaan utuu itti hin dhaga’amin diddaa isaanii itti fufanii jiru.Waan irra gahame itti fufuun qeerroo lixa Shawwaa irraa jala bu’ee ni gabaasa.

Qabsaawaa Artist Kadir Sa’id, ABO….. ABO…ABO….. Dhaaba koo Walaba Kan Hin Qabne Kijiba…

Aside

Gaaffii fi Deebii Barsiisaa koollejjii Allaagee waliin afaan Amaaraan taasifame

Gaaffii fi Deebii Barsiisaa koollejjii Allaagee