Oromiyaa Lixa Arsii Keessatti Oromoonni 222 ol hidhamanii 4 Ajjeefaman

Aside

Caamsaa 11,2012 Qeerroo Finfinnee

Oromiyaa godina Lixa Arsii, Ona Gadabasaasaa Keessaa namoota diddaa Hawaasni Musliimaa Mootummaa irratti kaaseen walqabatee gaafa Ebla 27,2012  tti hidhamanii yeroo ammaa kana Mana Murtii Ona Gadabasaasaatti beellamarra jiran. Zoonii Lixa Arsii Ummata Oromoo Kanneen hidhamanii fi Jajjeefaman.pdf Ebala 2012

Uummatni Oromoo Waraana mootummaa Wayyaanee gara of irraa ittisuutti seene

Aside

Caamsaa 10,2012 Naqamte

Uummatni Oromoo waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata sablammoota sulul Abbaayyee irra jiraatan hidhachiisee waliin qabeenyaa fi lubbuu ilmaan oromoo dhangalaasu gara of irraa ittisuutti seenee jira.Uummatni Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu,Jiddaa,Haroo Limmuu fi Limmuu waraana mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo ficcisiisaa jiru waraanaan of irraa dhorkuu jalqabe.Uummatni oromoo waadaa Kalee walii seenuun Waraana mootummaa wayyaanee waan qabaniin akka of irraa murteessuun guyyaa har’aa of irraa ittisaa oolanii jiran.Waraanni mootummaa garboomfataa wayyaanee meeshaa waraanaa hiikkadhaa jechuun uummata oromoo irraa meeshaa guuruuf karoorfatus uummatni dhorkachuun falma waraana wayyaanee waliin jalqabee jira.Waraanni mootummaa wayyaanees hedduumminaan bobba’uun uummata oromoo ficcisiisuuf murteeffatus milkii akka dhabutti of irraa dhorkaa jira.

Haala kanaan walgahiin mootummaa wayyaanee aanolee Limmuu,Haroo Limmuu,Jiddaa fi Eebantuu keessatti yaamtus lagatamee jira.

 

Artistootni oromoo Hidha Abbayyaaf Wallee baasaa jedhaman didan

Aside

Caamsaa 10,2012 Adaamaa

Artistootni Oromoo Wallee Hidha abbayyaa irratti akka baasan dirqaman.Mootummaan wayyaanee Artistoota oromoo walitti waamuun maqaa Misooma abbayyaaf boondii bitaa jedhuun dirqamsiisuu irraan darbee Uummatni oromoo buusii abbayyaaf dhorkachaa waan jiruuf Sirba baasuun akka kakaasan jedhamuun dirqaman.Artistootni wal gahii mootummaan wayyaanee waamte kana hedduumminaan kan lagatan yoommuu tahan kanneen marii irratti argamanis ajaja mootummaa garboomfataa wayyaanee harkaa fashalsuun wal gahii goolaba malee diiganii jiru.

A Civil Conflict masterminded by the Ethiopian authorities have claimed 4 lives and caused the displacement of more than 30,000 Oromo’s in Western Oromiya

Aside

May 9, 2012; Naqamte

The Oromo and Benishangul-Gumuz nations have lived in tolerance, peace, and tranquility in western part of the current day Ethiopia for several centuries until the coming of TPLF led regime. The current regime top politicians looks highly skilled, committed and succeeded in putting fire between peaceful neighboring nations in a bid to save time in an ever growing discontent against the regime itself.

In 2008 alone, they armed, trained and sent Gumus militias to burn villages and kill innocent Oromo civilians in which more than 400 were confirmed dead in a very brutal fashion. When pressure mounted as revelation increase on the role of the federal government in the massacre an executive order were passed down to administrative level in which dozens of Gumus militias were sentenced to death.

It is also to be recalled that a leaked recording from high level political meeting uncovered that the Current President of Gambella Region Mr Omod Obong defended himself from the December 13-16, 2003 Anuak massacres by saying “If I have to go to prison, then Meles should also do the same, because he gave me the weapons and the troops”. Then he was reinstated to govern the region in a bid to cover the matter. So it is quite clear that always Meles of his top political advisers are always behind inter ethnic strife in Ethiopia.

In an apparent attack ignited by the regimes security apparatus between Oromo’s in Ebantu Woreda and Abay Peninsula residents in East Wollaga on the 7th of May 2012, at least 4 Oromo’s and unconfirmed number of Abay Penisula residents have lost their lives. These include:

• Mr. Garbaa Caalii
• Mr. Tasammaa Daamxoo
• Mr. Hundee Amanuu and
• Mr. Garbii Mokonnin

What is more, in a conflict ushered in a similar fashion by the regime on power between Limmu Oromos and Gumuz militias backed by Ethiopian government on the 7th of May 2012 have already displaced more than 30,000 Oromo’s living in the area. School and other basic service giving facilities were also destroyed.

Knowing these fact and the destructive role the Ethiopian authorities are playing, the international community should act now before the situation went out of control and turn destabilizing for the whole region.

@Qeerroo

University Dirree Dhawaa Keessatti Manni Hidhaa Baname.

Aside

Caamsaa 09,2012 Dirree Dhawaa
Akkuma barame sodaa fincila Qeerroo irraa qabuun gidiraan TPLFn uummata Oromoo irratti raawwatamu daran hammaate,akka kanaan mooraa University Dirre Dawaa keessatti manni hidhaa baname.Qaamni mootummaa bulchisa federaalaa hanga wardiyyaatti sabboontota hidhuu dararuu fi barnoota irraa arihuun kaayyoo godhate kanaan walqabatee torbe darbe jechuun gaafa Caamsaa 05,2012 sa’aatii 12 irratti barattootni afur humna pooliisiin qabamnii halkan keessaa hanga sa’aatii afurii qorannoo fi reebicha wal makaan dararamaa turani. Sababiin barattooti kun itti dararaman kunis barattoota Oromoo fincilaaf qopheessitu, dabalataan amantii dawoo godhachuun shororkeessummaa ofaa jirtu jechuun doorsisaa turani. Hanga sochii dhaabdan waraqaan eenyummaa keessan hin kennamu jechuun ID barattootaa irraa funaananii dorkatanii jiru. Gara fuulduraafis isin shororkeessitoota badii dhufuuf itti gaafatamtu jechuun mallateesisisanuu, dargaggooti Oromoon kun “ Shororkeessan mootummaa waayaanee dha,niti mirga ummata Oromoof falmina malee shororkeessituu miti , nuti Qeerroo cunqursaa log sanyiin ykn Oromummaan godhamu hanga dhaabbatu fincilli itti fufuu beeksifna” jechuun humna tikaa wayyaaneetti gabaasuun beekamee jira.
Haala kanaan Barattootni Oromummaan yakkamanii waraqaa eenyummaa harkaa fuudhuu akeekkachiisa dhumaa fudhatanis:
1ffaa Barataa Geetaachoo Saaqqataa
2ffaa Barataa Nageessaa Gammadaa
3ffaa Barataa Dajanuu
4ffaa Barataa Darajjee
kanneen jedhaman yoo ta’ani dhiittaa mirga namoomaa raawwataa jiruuf Qerroon of eeggannoo gochuun falmaa akka jabeessu waamichi godhameera.dararaan qabsoo ni cimsa malee hin laaffisu.

 

Walitti Bu’insa Saboota Jidduutti Mootummaan Wayyaanee Uumeen Lammiileen Oromoo 4 Lubbuun Darban

Aside

Caamsaa 08,2012 Naqamte,Wallagga

Walitti bu’insa Mootummaan Wayyaanee uummata nagaan jiraatu gidduutti uumteen lubbuun namoota hedduu fi dhiigni hedduun dhangala’aa jira.Godina Wallaggaa bahaa aanaa Eebantuu ganda  bakka Barbaree keessatti Wayyaaneen ummata Sulul Abbbayyaa irra jiraatan hidhachiisuun Oromoo irratti bobbaaftee  Guyyaa kaleessaa Caamsaa 07,2012 lubbuun ilmaan Oromoo 4  dhabamee jira.

Kanneen kunis:-

1. Obbo Garbaa Caalii

2. Obbo Tasammaa Daamxoo

3. Obbo Hundee Amanuu

4. Obbo Garbii Mokonnin

Kanneen jedhaman lubbuun isaanii kan darbe yoommuu tahu kan saboota Sulula Abbaayyaa irra jiraatan hedduunis darbee jira.Walitti bu’insa kanaan qabeenyi hedduunis barbaadaa’aa uummatni mana dhabdee tahee jira. Oromoonni naannoo biroo jiraatan lola kanaaf birmannaa barbaachisu akka godhaniif ummanni naannichaa dhaammatee waan jiruuf aanaalee hedduu keessatti mariyatamaa akka jiru gabaasi qeerroo addeessa.

Amboo Gara Galgalaa,, Lafatu Gaggalagala

Video

Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo fi Naannoo ishee walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii’achuun ibsa Ejjennoo lafa kaa’atan!‏

Aside

Qeerroon oromoo yuunivarsiitii Amboo fi Naannoo ishee Caamsaa 07,2012  walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii gaggeessan.Marii isaanii keessatti bara mootummaan wayyaanee buqqa’uuf raafame irratti jabinaan hojjechuun dirqama akka tahe kan ibsan yoommuu tahu barattoota Oromoo yuunivarsiirtii hundaa waliin wal qabachuun akka hojjetan dubbatanii jiran.Miseensotni qeerroo kun Maadhee Bosona Cillimoo Garee A,B,C,D fi E jechuun kan wal qoodan yoommuu tahu ibsa ejjennoo armaan gadii kana lafa kaa’atanii jiran

1. ABO cinaa dhaabbachuun kaayyoo fi imaammata ABO galmaan ni geenya

2. Ciramuu bosonaa,Faalama qabeenya uumamaa,saaminsa gaggeeffamaa jiru ni mormina

3. Ilmaan oromoo cufti qabsoo keessatti hirmaannaa akka godhanitti ni barsiifna,ni kakaasna

4. Waan barbaachisaan dhaaba keenyaa fi WBO cinaa ni dhaabbanna

5. Mooraa ABO jabeessuu irratti ni hojjenna

6. Barattoota,Daldaltoota,shamarran osoo hin jedhiin ni barsiisna,diddaaf ni kakaasna

7. Waadaa keenya hanga dhumaa ni tikfanna

Kan jedhan turan.Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo fi Magaala Amboo hojii hojjetamaa ture irraa muuxannoo fudhachuun qabsoo ABO boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuuf akka hojjetan irbuu seenanii jiran.

Shira mootummaan Wayyaanee bixxilteen uummatni Oromoo 30,000 ol tahan mana dhabdee tahan

Aside

Caamsaa 07,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Shira waliti bu’insa mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti uumteen manneen ilmaan Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa hedduumminaan gubachuun uummatni Oromoo Naannoo Harqumbee 30,000(Kuma soddomaa ol) mana dhabdee tahee jira.Uummatni Beenishaangul Gumuz waraana Mootummaa Wayyaanee waliin wal tahuun mannee uummata Oromoo gubuun alatti mana barnootaa(School) daa’immaan Oromoo itti baratan gubanii jiru, School gubatan keessaa:-
1. Caakkaa diigaa kutaa 1ffaa hanga 4ffaa
2. Caffee allaattii kutaa 1ffaa hanga 4ffaa
3. Harqumbee 2ffaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaa daree 20 kan qabu
Guutummaan guutuun hojii dhaabuun barsiisotni manneen barnootaa kanatti naannoo biraadhaa dhufanii barsiisan gara warra isaaniii hojii dhaabuun deebi’uuf dirqamanii jiran.

 

Uummatni Oromoo Tarkaanfii qabeenya Investeroota irraatti godhu jabeesse!‏

Aside

Caamsaa 07,2012 Mattuu
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Seeddoo keessatti uummatni Oromoo investeroota habashaa irratti tarkaanfii jabeessuun qotee bultoota habashaa ganda kana keessatti qubachuun qabeenya ilmaan Oromoo saamaa lammiilee Oromoo kabajuu didan irratti Caamsaa 05,2012 tarkaanfii fudhachuun bakka sangoota horsiisan irraa qotiyyoo 22 jalaa miliqsan.Investerootni habashaa saamicha lafa ilmaan Oromoo irratti yeroodhaa yerootti godhan kana hin dhaaban taanaan tarkaanfiin hanga lubbuu akka isaanitti deemu kan dhaaman lammii Oromoo ganda kanaa investeroonni mootummaa Wayyaanee waliin walitti hidhata godhachuun gufuu bilisummaa tahanii fi qabeenya ilmaan Oromoo yeroodhaa yerootti saaman hatattamaan akka irraa of tiksan dhaamanii jiru.Tarkaanfiin kunis hanga investeroota habashaa fi jala deemtota isaanii Oromiyaa irraa gadhiisisan jabaatee kan itti fufu ta’uu gootonni ilmaan biyyaa gabaasu.