Mooraa University Jimmaa kessaattii Diddaa Goototaa barattoota Oromoo itti fufee,

Aside

Caamsaa 14,2012 Jimma

Baraataa Girmaa Nagaasaa mooraa University Jimmaatti barataa social science department Governance waggaa tokkoffaa kanaan fulduraa badii tokkoo malee barnootaa irraa humna poolisotaa waayyaaneen qabamee, mana hidhaa maakalawwiitti dararamaa hamaa irraa erga turee, kalee isaa gubbaa rukutamee dhukkubsachaa utuu jiruu, manni murtii waayyaanee balleessaa tokkoo malee sobaan himachaa ture,dhiyeenya kana gadi lakkifamee jira, haa ta’uu malee barataan kun gara barnootaa isaatti deebi’uuf gara mooraa University Jimmaa deemuus, pollisonni mooraa universitichaa mooraa hin seentuu jechuun dorsisaan ati shororkeessaadha jchuun mooraa seensisuu dhorkaan haalaa kanaa baratoonni Oromoo mooraa keessaa jiraan gara bulchiinsa mooraa sanatti iyyaata dhiyeessanif, bulchiinsii mooraa university Jimmaas poolisaan qabamee akka mooraa seenuu godhee sana boodaa waggaa tokkoof ati barnoota irraa dhorkamteeta jechuun mooraa university akka hin seenee fi barachuus akka hin dandeenye ta’e jira. haala kanaan baratoonni Oromoo mooraa sana keessaa jiran, gara presedentii baratotaatti iyyataa dhiiyyasaniif, sochii baratotaa kanatti rifachuun mootummaan abbaa irree baratoota irraa ID isaanii fuudhaanii baratoota dorsisuutti gadi taa’an,sababa kanaan wal qabatee Gamtaan baratoota University jimmaa[Jimmaa student union] fi poolisotaa giddutti wal dhabdeen uumame, bakka bu’onni baratootas dorsifamaan jedha odeessi nu ga’ee, poolisii Abarraa Mulaatuu miseensa poolisaa mooraa university jimmaa kan ture barataa Girmaa Nagaasaa waliin hidhata qabdaa jechuun dorsifamaa jiraachuu irraa darbee waraqaa miseensummaa poolisii irraa fudhatamee jira, baratooni Oromoo mooraa Unversity jimmaa gochaa kana ni balalleffaannaa gochaa abbaa irruummaa kanaas Qabsoo keenyaan maqsina jechuun sagalee mormii dhageesisan.halumaa kanaan barataa kanaan hoggaantoonni poolisaa mooraa University Jimmaa namoonni maqaan isaanii Kaaild Abbaa Tamaam fi Malaasee jedhaman barataa kanaan sii ajjeesnaa jechuun doorsisaan jedhaa odeesi nu ga’e.

Uummatni Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu waraana Wayyaaanee of irraa dhorke‏

Aside

Caamsaa 14,2012 Ebantuu

Godina Wallagga Bahaa aanaa Eebantuu keessatti mootummaan Wayyaanee waraana bobbaasee uummata goolaa jiraachuun gabaafame.Walitti bu’insa Uummata sulul Abbayyaa irra jiraatani fi Oromoo gidduutti qabsiifame uummatni nagaan hiikuuf wayita jirutti mootummaan wayyaanee uummata walitti buusee humna ilmaan oromoo cicciruuf kan karoorfate saaxilamuun uummatni oromoo meeshaa qabuun waraana wayyaanee of irraa dhorkee jira.Waraanni mootummaa wayyaanee bobba’ee ilmaan Oromoo meeshaa waraanaa qabdu,ABO waliin hidhata qabdu jechuutti gadi taa’e uummatni oromoo naannoo isaa irraa Waraana mootummaa wayyaanee tokko madeessuun tajaajilaa ala gochuun arii’anii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee diddaa kanaan hedduu kan rifate yoommuu tahu daraggootaa fi uummata nagaa karaa nagaa deemu sakatta’aa jiru.Diddaan kun aanaa Haroo limmuu,Giddaa,Kiiramuu,Jaartee fi Amuruuttis babal’achuun uummatni oromoo waraana mootummaa wayyaanee akka diinaatti ilaalaa jira.

 

Ethiopia: HRLHA Urgent Action and Appeal,

Aside

Ethiopia: HRLHA Urgent Action and Appeal,
PUBLIC 13 May, 2012
Violent and Deadly Crackdowns against Worshipers in Ethiopia


The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) strongly condemns the Ethiopian Government’s interference into religious affairs and its heavy-handedness against Muslim communities in various parts of the country.
In this religion-based and allegedly government-sponsored violence that openly started around the beginning of February, 2012 and has widespread particularly in the central and southern parts of the country, four people have been confirmed to have been killed by armed government forces,(Musa Gabi 13, student of local madrasa (religious) school, Kamal Irena 60, tailor, Aliyi Waqo 40, peasant, and Shafi Jano Tufa 40; daily laborer) while hundreds of others have ended up in prisons. The four dead, who were from the Gadab Asasa locality of Arsi Zone in Southern Oromia Region, and the killing happened on the 6th of April, 2012 when a very huge crowd of Muslim worshipers where met with well-armed government security forces in front of a local mosque following a Friday “Jum’a” prayer.HRLHA__UA_May_2012

Jaallan Qabsaawoti Biyyaa fi Kabajamtoonni Artistii Oromoo maal nuu dhaamanii???

Video

Jaal Hirphaa Gaanfuree

Jaal Elemoo Alii

Jaal Afandii Siyyoo

Jaal Qaasim

 

Dhaamsa Qeerroo Biyya Alaa Jiraatanii fi Kanneen Kaaniif

Video

Wallagga Anaa Gullisoo fi Calliyaa Keessatti Dargaggoonni Umurii 18-25 jiran Hidhamaa jiru.

Aside

Caamsaa 12,2012 Gabaasa Qeerroo Gimbii
Mootummaan Wayyaanee Fincila Diddaa Gabrummaa Qeerroon itti qabsiisee jiru dura dhaabbachuu dadhabee sabboontota gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaasaa jiran gara mana hidhaatti guuruu fi biyyaa arihuu ykn ajjeessuu waggoota 20n darbaniif aadaa godhatee jira,akkasuu ta’ee ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa fi sabummaa hamma argatutti diddaa isaa itti fufee jira.
Haala kanaan Wallagga aanaa Gullisoo fi Calliya bakka jedhamanitti barattoota Oromoo diddaa gabrummaa kaasanii jiran kanneen umuriin isaanii wagga 18-20 ta’an Poolisootaa fi hidhattoota gandaan adamsanii mana hidhaatti guuraa jiru. Hidhaa hidhaman irratti reebichaa fi dararaan barattoota kana irra yeroo gahaa jirutti barattootis sagalee ol kaasuun “uummanni Oromoo dhagahaa bilisummaa barbaanna,uuu” jedhanii yeroo iyyaa turan dhagahamee jira. Kana malees barattoonni kun mana hidhaa aanaa gullisoo keessatti qormaatii fi yakki irratti dhihaate,isin dabballoota ABO dha kan jedhu ture, barattooti garuu nuti ABO deggeruun keenya dhimma Bilisummaa fi
Nageenya Biyyaaf malee yakkamaa nu gochuu hin qabu jedhan. Garuu ammas taanaan “namni finyoon of ajjeesuuf jedhee finyoon/wadaroon harkaa fudhame boodas finyoodhumaan of ajjeesa” kanaaf doorsisni wayyaanee kan garaa keenyaa qulqulleessa osoo hin taane ittumaa nu jabeessa jechuun dabballootaa fi poolisoota wayyaanee lafa ilaalchiisan.
Barattoota hidhaman keessaa
1 .fayisaa Soorii
2.Dani’el Misaakkee
3.Bashuraa Naattaan
4.Mararaa Dureessaa
5.Waaktolaa Moosisaa
Kanneen jedhaman keessatti argamu.

 

Qeerroon Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa aadaa fi seenaan keenya ifa bahuu qaba jedhan

Aside

Caamsaa 12,2012 Jimma
Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattootni oromoo sirboota afaan amaaraa fi Tigiree yeroo dheeraaf mooraa yuunivarsiitii sana keessatti guyyaa ayyaana garaa garaa banamu irratti mormii dhageessisan.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa kana keessatti hedduumminaan osoo argamnuu maaliif afaan oromoon hin banamu jechuun qophii bashannanaa Guyyaa 07/05/2012 sirboota afaan amaaraa fi Tigiriffaan mimmiidhaguuf karoorfame irratti mormii dhageessisuun qophii sana fashalsanii jiran.Yuunivarsiitiin Jimmaa aadaa fi seenaa ilmaan oromoo yeroodhaa yerootti akka dhokatu irratti hojjeta taanaan mormiin kun jabaatee akka itti fufu qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa beeksisanii jiran.

67 Oromos Detained in Waliso, Western Shoa, Acused of “Terrorism” and “Islamic Extremism”

Aside

(Qeerroo News, 05/11/2012): The wave of arrest acusing Oromian muslims by terrorism and exterimism by the Woyane-lead Ethiopian regime has continued all over Oromia. Accordingly, the following Oromos are the list of some of those who have been arrested in Central Oromia, Waliso town, some 100 km West of the capital Finfinne (Addis Ababa).Read More :- 67 Oromos Detained in Waliso

Kibba Baha Shawaa,Waliisoo Keessaa Sabboontonni Oromoo 67 Hidhaman

Aside

Odeessa Qeerroo Caamsaa 11,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa ummataa sirna isaa irratti ka’ee jiru dura dhaabbachuu fi gaaffii ummatootaaf deebii gahaa kennuu haqachuu irraan kan ke’e rakkoolee amantii fakkeessee ummata gooluu fi hidhuu itti bobba’ee jira. Haala kanaan Jidduu galeessa Oromiyaa keessaan sabboontota Oromoo armaa gadiitti maqaan isaanii ta’e kanneen mana hidhaatti darbee jira. Ammatti kanneen godina Showaa bahaa keessaa gara malee qabamanii  ragaa mana hidhaatti darbamanii fi eenyummaa isaanii kan ibsu kanumatti qabsiifnee maxxansinee jirra.

Kanneen kunis:-Liistii Oromoota 67 Waliisoo irraa Hidhamanii

 

4 Oromo Muslims Murdered, 222 Oromo and 2 Amhara Muslims Arrested and Charged in Asasa Town

Aside

May 11, 2012 Qeerroo Finfinnee
Qeerroo correspondent in Asasa has compiled the names, ethnic origin, and ages of Muslims summarily arrested and now charged and waiting for trial at a court in Arsi zone, Gadab Asasa County [Woreda] in relation to the protest and clash erupted between the Ethiopian government police force and the unarmed Muslims of the zone on April 27, 2012. We present the names as they are written in Afan Oromo (Qubee) writing system as follows. 222 Oromo and 2 Amhara Muslims Arrested and Charged in Asasa Town