Har’as Hagayya 03,212 Hordoftooti Amantii Mulsliimaa Finfinnee Keessatti Gaaffii Mirgaa Itti Fufan

Aside

Hagayya 03,2012  Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Hawaasni musliimaa gaaffii mirgaa gaafanne eenyullee duuba nu hin deebisu,shirri mootummaan Wayyaanee olola dharaa gaggeessuun hordoftoota amantaa musliimaa diiguuf deemaa jiru milkii hin argatu jechuun hiriira nagaa itti fufan.Guyyaa har’aa Hagayya 03,2012 hordoftootni amantaa musliimaa magaala Finfinnee naannoo masgiida Anuwaaritti argamuun erga salaatanii booda hiriira nagaa fi mormii saayinsaawaa tahe itti fufanii jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa harkatti waan adii qabachuun Islaamummaan nageenyaa fi gaaffii mirgaa akka gaafatu ibsuun mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ukkaamsaa akka jiru harka wal qaxxaamursuunii fi afaan qabachuun agarsiisanii jiran.
Mormii jabaatee itti fufe kana waraanni mootummaa Wayyaanee meeshaa guutuun diddaa jaamsuuf bobba’anis abdii kutannaan dhaabbachuuf dirqamanii jiran.Waraanni mootummaa Wayyaanee dirqama jabaa itti kennamaa dhufeen hedduu nuffaa kan jiruu fi diddaa hawaasni musliimaa gaafatu hordoftootni amantaa kiristaanaa kan deeggaran tahuus ibsachaa jiran.Kan har’a dhimma amantaa musliimaa keessa keessa booru Wayyaaneen dhimma amantaa kiristaanaa keessa seenuun kan hin oollee fi har’as karaa hedduu saaqaa jiraachuu hordoftootni amantaa kiristaanaa ibsachaa jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa gaaffii mirgaa gaafatan cinaa akka dhaabbatus sochiin dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii(qeerroon) ibsatee jira.

 

Seife Nebelbal Radio Program, August 3, 2012

Aside

Oromoonni Amantii Musliimaa Hordofan Amma Illee Hidhamaa Jiru.Diddaan Ummataas Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Hagayya 03,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Oromiyaa keessatti diddaa haalaan deemsifamaa jiruun wal qabatee mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo maqaa namuusaa fi misoomaa jedhuun irraanfachiisuuf yaalus milkii dhabuun diddaan rarraafame.
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Dhidheessaa Magaala Dambii keessatti qeerroon mootummaa Wayyaanee cinqe.Waraqaaleen warraaqsaas hedduumminaan kan raabsaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee hojii kana kan hojjetan ijoollee Oromoo hojii hin qabnee fi kanneen miseensa keenya hin taane jechuun doorsisaa fi sakatta’insaan uummata goolaa jira.Waraanni mootummaa wayyaanees hedduumminaan Godina kana kan qubate yoommuu tahu uummatni sodaa malee wal gahii isin waamtan hin baanu,Waan dhugaan gaafanne duubatti kan nu deebisu hin jiru jechuun bilchinaan jala dhaabbatanii jiran.Haaluma Wal fakkaatuun Godina Arsii magaala Shaashimannee keessatti mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa uummatni musliimaa gaafate ukkaamsuuf olola dharaan uummata hiriira baasistu diddaan waan guutameef guyyaa maraa masgiidotni marti waraana Wayyaaneen akka tikfamanii fi uummatni nagaan deemu akka sakatta’amu taasisanii jiran.Magaala Kana keessatti hordoftoota amantaa musliimaa fi Oromoota kan tahan isin Kaayyoo ABO tarkaanfachiisaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan Oromoo hordftoota amantaa musliimaa tahan
1.Obbo Amaan Mohaammed Siraaj
2.Dargaggoo Kamaal Ibraahim
Jedhaman mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran.Diddaan gama hundaan mootummaa Wayyaanee waan cinqeef yeroodhaa yerootti waraanni wayyaanee waraana guutuun uummata irra deemuun akka doorsisanis murteessanii jiran.Gaaffii mirgaa uummatni gaafatu humni kamuu dhaamsuu akka hin dandeenyes dhaamanii jiran.

Hojjettootni Mootummaa amantaa Wayyaanee irraa dhabuu ifaan ibsuu jalqaban.Ololli Wayyaanees uummata biratti fudhatama dhabe!‏

Aside

Hagayya 03,2012 Finfinnee

Itoophiyaa keessatti hojjettootni mootummaa mootummaa wayyaanee irraa shakkii isaan mudate ifaan ibsuu jalqaban.Biyyattii keessatti wayita
abbaa irreen biyyattii Mallasaan dhukkubsatee jiraachuu fi du’uun isaa ifaan ibsamuu dhabametti hojjettootni mootummaa eenyuuf,maaliif akka
hojjennu nuu hin galu jechuu jalqaban.Magaala Finfinnee Biiroo Qorannoo Qonnaa Oromiyaa keessaa hojjettootni mootummaa hojjetan ifaan
wal gahii godhachuun marii’atan.Mootummaan biyyattii haala kam irra akka jiru nuuf ibsamu taanaan ejjennoo mataa keenyaa fudhanna jechuun
lafa kaa’atan.
Haaluma Wal fakkaatuun tikni mootummaa wayyaanee amantamummaa wal irraa dhabluun malaammaltummaan isaan gidduutti uumame qorannoo cimaa tahe.Tikni mootummaa wayyaanee yeroo dheeraaf qabsoo uummatni gaggeessu dura dhaabbatu wal qorachuutti deebi’ee jira.Hojjettootni
mootummaa golee biyyattii keessaa marti yeroo ammaa amantamummaa mootummaa irraa dhabuus yeroodhaa yerootti ibsachaa jiran.

Qondaala Tika Wayyaanee Ummata Oromoo Dararuun Beekamu Tokko Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.Ummannis Gammachuu Isaa Ibsate.

Aside

Hagayya 03,2012 Naqamte

 Hagayyaa 2,2012 Godinaa  Wallaaggaa Lixaa Onaa Arjoo Guddaattuu Dangaa Wallaaggaa Bahaa Bakkaa Baloo Bareedaa Jedhamuttii humnaa kikaa Wayyaanee beekaamaa ummaataa sakkatta’uu fi sabboontotaa nagaa qabee mana hidhattii darbuuf Godinaa Bahaa Wallaggaa irraa kan bobbaafamee nama maqaan Ashannaafii Bariihuun jedhamuu irraattii humna hin beekamiiniin tarkaanfiin mayyii fudhatame.

Wayyaaneen du’aa Ashannaafii Bariihuu fi torbee darbee Magaalaa Neqemtee keessaattii kan haleelaamee du’aa Mitikuu Araayaatti akka malee gadduun waan qabee gadhiisu dhabuun ummata nagaa goolaa jiraachuun beekama.

Tarkaanfiin humna addaan naannoo kanatti fudhatamaa jiru haalaan jabaachaa dhufuun isaa ummata Oromoo cunqursaa Wayyaanee jalatti barootaaf miidhamaa kanneen jiraniif gammachuu guddaa fi calaqqee bilisummaa waan itti argarsiisaa jiruuf kanneen lukkee diinaa ta’aniif ammoo yaaddoo guddaa itti a’ee jira.

Raadiyoo Simbirtuu Hagayya 02,2012

Godina Wallaggaa,Magaalaa Naqamtee Keessaa Poolisoonni 4 Hidhannoo Guutuu Waliin Dhabaman.

Aside

Hagayya 02,2012 Naqamte.
Buufata Poolisii Ganda 07 magaalaa Naqamtee jiru keessaa kanneen hojjechaa turan Poolisoonni sirna Wayyaanee 4 gaafa Adooleessa 28,2012 irraa eegalee hidhannoo qaban guutuu waliin magaalichaa fi hojii isaanii irraa dhabamuun warraaqsa ummataatti makaman.
Poolisoonni kun ammaan dura kutaa qabiinsa meeshaa waranaa irraa hojjechaa kanneen turan yeroo ta’u,mootummaan Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti dhoksaan ummata deggertoota ABO ta’an meeshaa hidhachiisaa turtan,meeshaa eehama malee qonnaan bultootaaf kennuu keessan waan qabatamaa qabna jedhanii qormaata jala galchaa akka turanii fi sabboonummaanis yakkamaa akka turan beekama.
Yeroo ammaa kana Poolisoonni maqaan isaanii Caalaa Hundumaa fi Tasfayee Caalii kanneen jedhaman warra hafan lama dabalatanii sirnicha ganuun warraaqsa deemaa jirutti akka makaman addeessa. Poolisoonni kun warraaqsa ummataatti haamakaman malee yeroo ammaatti naannoo fi bakka isaan jiran ammo gabaasi nu gahe hin addeessine.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

The Oromo People Should Intensify the Struggle without Being Distracted Misinformation.

Aside

The Oromo People Should Intensify the Struggle without Being Distracted Misinformation.

Oromo Liberation Front (OLF) Press Release,  A group calling itself ‘Oromo Dialogue Forum’ has for the last two months been spreading misinformation to undermine the Oromo people’s confidence and trust in the struggle and on this organization. It is  to be recalled as well that we have been patiently watching and periodically informing our people regarding series of movements under the cover of Oromo Liberation Struggle targeting emasculation of the OLF  activities. As the current group’s activity is also a continuation of the past we are compelled to bring it to
the attention of our people again.
It is clear that this group is escalating its anti OLF campaign to international media. The choice of the  VOA Amharic program to air what it used to hitherto pose as an internal Oromo affair has forced spectators to question the real motive of this group. One of the leaders of the group on July 28, 2012 explained  the identity of the members and the objectives of the group not to the purportedly beneficiary Oromo people in afaan Oromo but on the VOA Amharic program. The Oromo mass back at home, who was not a  party to the petty bickering in the Diaspora, was greeted with such news on international media for the  first time. This shows that the objective of this group is not to find a solution to the Oromo problem but to  please other parties that strive to extinguish the Oromo struggle. Read More:-

OLF Press Release- English version.pdf 01,08,2012

OLF Press Release-Amharic- 01,08, 2012

Ibsa ABO Hagayya 01, 2012

TV OROMIYAA MAGAALAA TORONTOO – ADOOLESSA 31, 2012

Video

Diddaa Jabaachaa dhufeen Mootummaan wayyaanee uummata qorannoon goolaa jira.Uummatnis jabinaan jala dhaabbate!‏

Aside

Hagayya 01,2012 Gimbi

Godina Wallagga lixaa aanaa Beegii ganda Qondaalaa keessatti qorannaan mootummaa wayyaanee haalaan jabaachuun hojjettootni mootummaa rakkaman.Godina kana keessatti mootummaan wayyaanee Miseensota OPDO isin ABO dha,ABO nurratti ijaaraa jiru jechuun guyyaadhaa guyyaatti

oolmaa isaanii akka gabaasan dirqamsiistee jirti.HojjetaaObbo Tashoomee Dheeressaa jedhamus akeekkachiisa itti kennanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun diddaan Oromiyaa keessatti deemsifamaa jiru jabaachuun shirri mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa ukkaamsuuf deemu Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu keessatti fashale.Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uummatni oromoo hojii dhabdummaan baay’ate,qaala’insi jireenyaa dabale jedhu ukkaamsuuf deemu fashaluun uummatni wal gahiif waamame lagatee jira.Godina Shawaaa lixaa aanaa Ijaajjii keessattis uummatni Musliimaa gaaffii mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhu jabeessuun mootummaa Wayyaanee cinqan.Mootummaan wayyaanees waraana hedduumminaan bobbaasuun sakatta’insaa fi doorsisaan uummata goolaa jiru.