Ibsa Ejjennoo Dargaggoota Sidaamaa fi Dargagoota Oromoo( Qeerroo)

Aside

Guyyaa Onkoloolessa 26 bara2012

(Qeerroo Sidaamaa fi Qeerroo Oromoo) Saboonni cunqurfamoo biyya Itiyoophiyaa keessa gabrummaan barootaaf jiraataa turan waanjoo sirna alagaa jalaa bahuuf jecha qabsoo wal irraa hin cinne deemsisaa har’aan gahanii jiru. Ummati Oromoo fi Sidaamaas ta’e lammiileen cunqurfamaa gariin wareega lubbuu fi qabeenya guddaa aarsaa gochuun diddaa sirna abbaa irree fi gabroomfataa irratti deemsisaa jiru.

Haala kanaan nuti dargaggoonni Oromoo fi Sidaamaa yeroo adda addaa walitti dhufuun dhimmoota fardii saboota keenyaa irratti marii baldhaa erga deemsisaa turree booda walgahii Onkoloolessa 24-26,2012 itti godina Sidaamaa keessatti gaggeeffanneen Mootummaan Wayyaanee  aangoo bara 21 qabate kanaan saboota biyyattii keessaa abbaa irrummaan dhiisee hiyyummaa fi beela,saamichaa fi biyyaa ari’uu akkasumas hidhaan waan dararaa jiruuf sirni kun garboomfataa fi abbaa irree tahuu isaa hubachuun nuyi dargaggootni Sidaamaa fi Oromoo walitti dhufuun Qabsoo gootota keenya irraa dhaalle galmaan geessisnee  Bilisummaa biyya keenyaa fi uummata keenyaa mirkaneessuuf jecha ejjennoo fudhanne. Ibsi ejjennoo keenyas qabxiilee 8 kan hammate yoommuu tahu kanneen armaan gadii ta’a.

1.  Mootummaan Wayyaanee abbaa irree fi gabroomfataa tahuu irratti sirnaan haalleen dhufaa darbaan ummata irratti tatta’aa jiran erga hubannee booda  mirtoota bilisummaa fi dirmokraasii ummata keenyaa kabachiisuuf jecha jabaanee waliin akka hojjennu murteeffanne.

2. Bakka rakkoon ilmaan Oromoo mudatee fi uummata sidaamaa mudatetti wal taanee furuun akeeka keenya galmaan geessisuuf ni hojjenna.

3. Sagaleen sabawwan cunqurfamee biyyattii keessatti mootummaa abbaa irree wayyaaneen  ukkaamsame addunyaatti akka dhaga’amu tokkummaan ni hojjenna!

4. Saboota cunqurafamoo Impaayera biyyattii keessatti carraa wal fakkaataan isaan mudate waliin tahuun ni hojjenna

5. Amma mirgi cunqurfamtootaa argamutti akeeka keenya itti fufuun human gabroomfataa Wayyaaneetti xumura gochuuf diddaa  wal fakkaataan caasaa  mootummaa Wayyaanee keessatti sabboontota jiran ijaaruun tumsa qabsoo jabeeffachuun fincila diddaa gabrummaa Oromiyaa fi Sidaamaa keessatti  qabsiisuun uummatni gaaffii mirgaa akka kaasu yoomuu caalaa ni hojjenna.

6.      Uummatnii fi biyyi keenya bilisa hanga bahutti  jaarsa,jaartii,dargaggeessa,barataa barsiisaa,hojjetaa,qotee bulaa keenya mara barsiisuun,leenjisuun qabsoo itti fufna

7.      Odeeffata diddaa uummataan jiruu fi shira mootummaa Wayyaanee yeroodhaa yerootti saaxiluun Addunyaatti akka dhaga’amu kutannaan ni hojjenna.

8.      Quunnamtii bu’a qabeessummaa tolchuun Waadaa keenya hanga dhumaa ni tikfannee uummata Oromoo fi Sidaamaa bilisa baasuuf yoomuu kam caalaa ni hojjenna

Kan jedhan baafachuun yeroodhaa yerootti quunnamtii jabaan akka itti fufamuu fi diddaa wal fakkaataa mootummaa abbaa irree dhabamsiisee qaanqee bilisummaa fi walabummaa qabsiisu irratti hojjechuuf murtii irra ganyee jirra.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Saboonni Cunqurfamoo Mirga Hiree Murteeffannaaf Qabsoo Itti Fufu!

Koree Biyyoolessaa Dargaggoota Oromoo( Qeerroo)

Koree Dargaggoota Sidaamaa

Onkoloolessa 26,2012 Sidaamaa

Raadiyoo Simbirtuu,Onkoloolessa 25,2012

Aside

SBO Onkoloolessa 24 Bara 2012

Aside

Duree Saba Oromoo ABO Lalisi.

Hawwisoo

Duree saba Oromoo ABO lalisii
Oromiyaa guutuutti ifii of muldhisi
Cunqurfamaa hundaaf abdii babalidhis
Gabbadhu gudadhu dameef hidda yaasi
Seenaa ummata Oromoo isa awwaalame
Boolla keessaa baafteee
Qe’eee diinni diige ijaaruuf ol kaate
Hirdhuu ummata baldhaaf, guutuu taatee argamte……

…..

Godina Jimmaa Magaaala Jimmaa Malkaa Deeddeetti Ayyaanni Irreessaa Sirna Howwaan Kabajame.Qeerroon Dhaamsa Warraaqsaa Walii Dabarsan.

Aside

Onkoloolessa 22,2012

Jalbultiin Ayyaanaa Irreechaa Guyyaa Onkololeessaa 20/2012 Oromoonni sabboontoti  magaalaa Jimmaa fi  gototaa Barattotaa Oromoo University Jimmaatiin Malkaa Deeddeettii jalbultiin godhameen haala howwaa fi mirqaansaan ayyaanicha kabajatan.

Itti fufuun Onkololeessaa 21/2012 Sirnaa haalaan miidhagaa ta’een Oromoonni kumaatamaan irratti argaman kabajamee jira. Sirnni kabajannaa kun kan kabajames dura buutota gototaa Barattootaa Oromoo Moraa University Jimmaatiin kan gaaggeeffaamaa ture yeroo ta’uu, Sirna kana irraattii Walaloon Oromummaa Leellisuu sochii qabsoo Oromoo fi rakkoo saba Oromoo irra jiru kan muldhisu dhihaatee jira. Sirbonnii  akka

” Yaa baala tuufoo …..Oromoo ABO, Laggasaa , Daawud fi Bultum Biyyoo nuuf  wayyaa nuufoo……”.

jechuun Gototni baratootaa Oromoo Gutummaa Magaalittii dhunfachuun Maalummaa Ummataa Oromoo, Sabaa fi Sablammii Magaalaa Jimmaa keessaa buufattee barootaa dheeraa jiraachaa turtettii himaan.

Har’a Oromummaan ol ka’ee, qeerroon Oromoo Barsisotaa fi Baratootaa Mooraa University Jimmaa Jiraan Oromuummaa Leellisaan tokkummaa farfataan, Bilisummaa hawwataan, Sirbotaa akka Ijollee Oromoo sii Abdadhuu laataa akkamiinii akka hayyuun Jedhee, akka WBO’n jedhee saniini, jechuun iddoo meeqattii wal kutuun, gareen kan immoo sirbotaa Akka ” Homaa Ofee jamaamaa koo Homaa ofee [ Saba Oromoo Qabadheettan,Hayyuu Oromoo Waammadhetaanm Warraa Harargeettii Himadheetaanm Warraa Amboo Wammadheettan Warraa Wallaaggaattii Himadheetan,Arsii Balee Kaafadheetaan, Warraa Kaabaa rukutetaan Tokkummaadhaaf na maraachaa] Homaa ofee jamamaa koo Homaa Ofee” jechuun Qeerroowwaan Baratootaa Oromoo Sirbotaa Labsii Bilisummaa fi Warraaqsaa Waallisuun Sirnichaa Haalaa Baay’ee Miidhagaa Ta’een kabajatan,

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Sodaa Sirna kana irraa qabuu irraan kan ka’ee poolisotaa humnaa Ol bobbaasuuyyuu sochiin goototaa baratootaa Oromoo mooraa yuuniversiitii Jimmaa Pooliisotaa dhalotaan Ilmaan Oromoo ta’an dhiisee alagoota Oromoof naasuu hin qabne bakka sanitti bobbaasuun Ayyaanicha bittimsuu fi barattoota doorsisuuf guddoo dhama’an illee tokkummaa barattoota Oromoon ayyaanichi milkaawuu dandayee jira.

 

 

SBO Onkololeessa 21,2012

Aside

FDG Jabaatee Itti Fufa!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee,  20 Onkoloolessa 2012) FDG abbootii keenyaan qabsiisamee dhaloota dhalootatti darbaa jiru kutannoo fi murannoodhaan akka itti fufiinsaan gaggeessamu Qeerroon Bilisummaa Oromiyaa  beeksise.

Qeerroo Bilisummaa ibsa baase keessatti akka hubachiisetti, Fincila Diddaa Garbummaa Oromoo seenaa diddaa Oromoo kan karaa nagaatiin mirga ofii kabachiifachuuf kan eegalamee dha.

“Fincilli Diddaa Garbummaa Oromoo akeekaa fi kaayyoo Bilisummaa Oromoo guutummaatti galmaan ga’uuf kan biqile dha,” kan jedhe Qeeroon Bilisummaa, “Sadaasa 9: guyyaa yaadannoo FDG kan taasisames, fincillii fi diddaan eegalame, otuu addaan hin citiin fufiinsaan fi qindoominaan akka gaggeeffamu taasisuuf ,” jedhee  jira.

Keessaayyuu, “Kaayyoo FDG kan ta’e diddaa karaa nagaa finiinsuun ummati sgalee guddaa humna alagaa ofirraa kaasuu fi mirga isaa kabachiifachuu akka danda’u kan taasisu dha,” kan jedhe Qeerroon, fincloonni kunneen caalatti kabajamanii akka itti fufan gochuu irratti Qeerroon kutannoo fi murannoon hojjachaa akka jiru dhaamee jira.

Qeerroon Bilisummaa diddaa karaa nagaa taasisu keessatti hiriira bahuu, mallattoo Bilisummaa bakkoota mul’atan hundatti maxxansuu fi raabsuu, sagalee diddaa fi fincilaa dhageessisuu fi mootummaa garboonfataaf ajajamuu diduun kan fincilan yoo ta’u, diddaa fi fincilooti kunneen caalatti jabaatanii  kan itti fufan ta’uu Qeerroon ibsee jira.

Ayyaana Irreechaa irratti gaaffii haqaa fi bilisummaa ifatti dhiyeessuuf sagantaan akeekame milkiin raawaatamuu isaa kan ibse Qeerroon, Ayyaana kana irratti fedhiin saba Oromoo bilisummaa ta’uu, haga bilisummaan Oromoo hin deebinettis, diddaa fi fincili ummataa kan itti fufu ta’uu ifaan mul’isamuu isaa  Qeerroon itti dabalee addeessee jira.

32

Ayyaanota Irreechaa Bishooftuu fi Burraayyuutti kabajaman jiru irratti, keessaayyuu, Qeerroon kutannoo fi murannoodhaan haga mooraa waraanaa keessatti  Kaayyoo fi mallattoo bilisummaa Oromoo fannisuu fi maxxansuutti akka milkaa’an kan yaadachiise Qeerroon, sagantaaleen akkanaa jabinaa fi amantaa Kaayyoo diddaa irraa qaban kan agarsisu adeemsa karaa nagaa waan ta’eef, daran jabaatee kan itti fufu ta’uu ibsi Qeerroo ni hubachiisa.

Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Mattuu Keessatti Barattooti Oromoo Hiriira Nagaa Bahuun Gaaffii Mirga Gaafatan

Aside

Onkoloolessa 20,2012 Mattuu

Gabaasaa Godina Illuu Abbaa Booraa,Ona Mattuu akka addeessutti  ganda 01. Naannoon buufata mana barumsaa Hospitaala Ona sanaa cina ykn buufata raadiyoo mattuu(Mettu Radio Station) cinaadha  kan argamuu keessatti Onkoloolessa 16 Qeerroon mana barumsaa qophaayina irraa baratu  ganama mana barnootaa osoo hin seeniin duratti waraqaa dhadannoo qabsoo qabachuu fi gaaffii mirgaa Oromummaa fi qeerroo dhadessu baadhachuun hiriira bahan. Waraqaalee fi alabaa Oromoo bakkoota adda addaatti akka maxxansanii fi facaasanii jiran gabaafame.

Qeerroon gabaasaa isaa addeessa. waraqaan kunis walakkaan isaa dhaadannoo:

-Qabsoon Oromoo Hamma bilisummaatti!!

-Hireen murteeffannaa Oromoo haakabajamu

-Bilisummaan Amma dhufti!!

-Mootummaa Wayyaanee Gadaan Isaa Raawwate!!

-Kottaa Tokko Taanaa Yaa Oromoo!!

-Of irraa Kaasnaa Roorroo!

-Qeerroon qabsoo karaa nagaa gaggeessu itti fufa.mirga keenyas

Kanneeen jedhan qabachuun kan biroo ammoo bifa walalootiin waraqaa walitti fufsiisuun qopheessanii hiriira barattootaa irratti mul’isuudhaan barsiisota kanneen mootumma kanaaf garaa guutuu bitamanii jira rifaasisuudhaan hamma sadarkaa dhimma nageenyaa godina sanaa waamsisuutti akka gahan gabaasaan Qeerroo addeessa. Guyyaa kana dhimma kanaan wal qabatee barumsi manicha barumsaa ona Mattuu san irratti akka hin taane gabaasaan Qeerroo addeessa.Gaaffiin barattootaas sirnaan osoo hin deebi’iin humna poolisoota naannoon akka tamsa’u taasifamee jira.

Wallagga Qeellam Aanaa Gidaamii Keessatti Ummanni Oromoo Walgahii Qondaalota Wayyaanee Diddaan Diigan

Aside

Onkoloolessa 20,2012 Qeellam

Gabaasaa Qellem,Aanaa Gidaamii akka addeessuun gaafa Onkolooleessa 15 dhimma nageenyaan wal qabsiisanii mootummaan Wayyaanee uummata walgayii teessisaa ooluu isaa gabaasaan Qeerroo addeessa. Walgahiin kun misooma naannoo, akkasuma dhimma nageenya naannootiin wal qabsiisanii sabboontota Oromoo naannoo san jiran ABO waliin walitti hidhata waan qabdaniif qe’een keessan guutuutti sakatta’ama warreen haftanis garaa keessan keessa ABO degeraa waan jiratniif itti gaafatama jalaa hin baatan jechuun doorsisa waan dhageessiif jecha,ummati walgahicha irratti argame guutummaatti haala kana dura dhaabbachun ABOn yoom iyyuu dhaaba keenya bilisummaanis kaayyoo keenya waan ta’eef dabballoonnis taatan milishoonni gandaa qe’ee keenya sakatta’uu fi hidhaatti nu guuruuf mirga hin qabdan jechuun guutummaatti walgahicha dhiisanii deemuun gabaafame.

Kana malees diddaan barattootaa ona san keessa waan haalaan babaldhatee jiruuf jecha qondaaloti Wayyaanee manneetii barnootaa ona sana keessatti mana barumsaa qophaayinaa fi high school irratti sakatta’iinsa adeemsisuuf guyyaa beellamaa qabatanii jiraachuu isaanii caasaa mootummaa ona sanaa keessaa gabaasaan kun bahee qeerroof dhiyaateera.Guyyaan beellama sakatta’iinsa shakkii ABOtiin wal qabate kunis onkoloolessa 23 tti akka ta’e gabaasaan kenname addeessa.

Seife Nebelbal Radio Program, Interviews Qeerroo and Sidama Representatives

Aside