Barattooti Oromoo University Dirree Daawaa Lama Wallee Artist Hirphaa Gaanfuree Raabsitan Jechuun Yakkaman.

Aside

Onkoloolessa 29,2012 Dirree Dawaa

Humni tikoota Wayyaanee Onkoloolessa 27,2012 galgala bakka ciisicha barattootaataa seenuun wallee warraaqsaa Artist Hirphaa Gaanfuree VCDn barattoota kaaniif raabisitaniittu,doormii keessattis bararttoota haaraa kutaalee biyyaa irraa University san seenan akka isaan argataniif jecha wallee adda addaa osoo kennitanii argamtaniittu jechuun yakkaman.

Barataa Hafiiz Abdullee fi barataa Qixxaataa Wagii jedhaman kun humnoota tikaan fuudhamanii erga doorsifamaniin booda akka lakkifaman gabaasi Qeerroo Dirree Daawaa irraa nu gahe addeessa.

Ammaan duras Wallaga lixaa aanaa Airaa gullisoo fi University Miizaan Teeppii keessatti wallee Artist Hirphaa Gaanfureen wal qabatee barattooti hedduun akka hidhamanii turan beekamaa dha.

Barattooti Oromoo kanneen mooraalee University adda addaa keessa jiranii fi kanneen barnoota irraa ala jiran biratti walleeleen artistoota Oromoo kanneen bilisummaa faarsanii fi  Artist Ebbisaa Adduunyaa,Hirphaa Gaanfuree,Elemoo Alii,Muktar Usman,Ilfinesh Qannoo, Dirribee fi walleen Artist Hayiluu Kitaaba  “nu biyyi keenya Oromia hin beeynu Ethiopia” jedhu Oromoo biratti haalaan kan fudhatama qabuu fi warraaqsa Qeerroof gahee guddaa akka qabu ifaadha.

LAKKII DHIIROO

Aside

Bara 2000 kaafnee waan keessa jirru akka gaariitti yoo xiinxalle, Oromoon siyaasaaf hin dhalannee ? ykn Abaarsa qabnaayi ? ykn akka uumamaa fi Oromummaa keenyatti hin jirru ? Sabuma dhaabbanneef jennuuf of laannee hojjachaa jirraa ? siyaasaan eessa jirra ? saboota mirga isaanii falmatanii kabachiifan waliin akkamiin of ilaalla ? isaan irraa maaliin adda taane ? umamaan hanqina qabnaa ? beekumsi isaaniin fure nun maaf takaalee? jennee akka of gaafannu nu dirqisiisa .carraa sirnoota dabran keessa nu dabre dhiisneeyyuu , kan bara wayyaanee iyyuu yoo gilgaalle, ofiima keenyaan danqaa ofitti ta’aa jiraachuu waan nu qaabachiisuuu tarrisuu dandeenya. LAKKII DHIIROO

QEEERROO:Diddaa fi Fincila Keelloo

Aside

Diddaa Keelloo

Viidiyoo:Mormii Hawaasni Musliimaa Ayyaana Arafaa 1433ffaa

Aside

Photoslide:Diddaa fi Mormii Hawaasni Musliimaa Ayyaana Arafaa 1433ffaa

Aside

This slideshow requires JavaScript.

Diddaa fi Mormii Hawaasni Musliimaa Ayyaana Arafaa 1433ffaa

Aside

Diddaan Hawaasa Musiliimaa Finfinnee Raase; Wayyaaneenis sodaa isaa waraanaan mirkaneesse.

Aside

(Gabaasa Addaa: Qeerroo, Finfinnee, 26 Onkoloolessa 2012) Diddaa fi Fincilli Hawaasa Musiliimaa jabaachuu fi boqonnaa haaraatti ce’uun Guyyaa har’aa Onkoloolessa 26/2012 ganama sa’a 6:00 am irraa kaasee ayyaana Arafaa wayita kabajanitti hiriira jabaa dhaadannoo garaa garaan dabaalameeen magaalaa Finfinnee dhuunfatanii oolaniiru; Qeerroon akka gabaasetti, diddaa fi fincilli hawaasaa kun hedduu guddaa dha.

Magaalaa Finfinnee keessatti hawaasni Musliimaa  ayyaana Arafaa ayyaaneffachuuf Istaadiyoomiitti walgahe waraqaa keelloo fi huccuu gurraachaan diddaa isaanii haala hedduu mirqaansaa fi qindeeffamina jabaa ta’een mootummaa wayyaanee balaaleffatanii jiru. Hawaasni Musliimaa kunneen dhaadannoolee dhageessisaa oolan keessattis,

1.    Hidhamtootni haa hiikaman
2.    Sagaleen keenya haa dhaga’amu
3.    Mirgi keenya haa kabajamu
4.    Filannoon sobaa fi qarshii 50 hin jiru
5.    Hooggantootni nuyi fin filanne nu hin bulchan
6.    Mootummaan wayyaanee abbaa irree dha
7.    Cunqurfamuun,Reebamuun,Ukkaamsamuun haa dhaabbatu
8.    Bilisaan  dhalanne bilisummaa barbaadna
9.    Biyya keenya irratti cunqurfamuu fi ukkaamsamuun haa dhaabbatu
10. Sobduuf gurra hin laannu
11. Sobni nu gahe
12. Raadiyoo fi Televisioniin Itoophiyaa sobduu fi Hattuu dha
13. Miidiyaan Itoophiyaa sobduu dha
14. Amantii fi mirga keenya irratti ni duuna
15. Nuyi miliyoonaan lakkaa’amna abbaa irreen wayyaanee muraasa
16. Biyyattii keessatti dhiitamuun mirga namaa haa dhaabbatu fi k.k.f dhaadachuun mootummaa wayyaanee rifaatii guddaa keessa galchuun waraana mootummaa wayyaanee abdii kutachiisanii jiran.
Mootummaan wayyaanee diddaa kana jala dhaabbachuuf jala bultii kaasee mana hordoftoota amantaa Musliimaa sakatta’aa kan turanii fi guyyaa ayyaana kanaa irrattis karaa gara Istaadiyoomii geessu irratti poolisootni federaalaa sakatta’aan hawaasa musliimaa doorsisuun diddaa dhaabuuf yaalus nuyi abdii hin kutnu jechuun hawaasni musliimaa mormii jaba dhageessisee jira.
Dhaabbata Raadiyoo fi Television Itoophiyaatti marsuudhaanis ETV sobduu,ETV hattuu jechuun gurra qabatanii kan kee hin dhageenyu jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun hawaasni musliimaa Biiroo ajajaa Poolisii Federaalaa Warqinee Gabayyootti marsuudhaan waraqaa akeekkachiisaa kennuun poolisootni federaalaa abdii akka kutatan godhamee jira.
Mootummaa wayyaaneetti akeekkachiisni waraqaa keelloo kun armaan duras kan kenname yoommuu guyyaa kana irratti ammoo tahu gara waajjiraatti deemuun akeekkachiisni kennamee jira.
Mormiin hawaasa musliimaa kutaa biyyattii mara keessatti haalaan mootummaa wayyaanee yaaddoo guddaa keessa kan buuse yoommuu tahu magaala Jimmaa keessatti dhaadannoowwan garaa garaa jala bultii ayyaana kanaa kaasee waraqaaleen dhaadannoo
1.    Mirgi keenya haa kabajamu
2.    Wayyaaneen abbaa irree dha
3.    Hawaasni musliimaa nagaa barbaada
4.    Biyya keenya irratti dhiitamnee hin jiraannu
5.    Mootummaan dhimma amantii keessaa harka haa fudhatu
fi k.k f hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Magaala Shaashimannee,Baalee(Roobee),Kamisee keessatti diddaan wal fakkaataan uumamee hawaasni musliimaa waraqaa keelloon mootummaa wayyaanee balaaleffachaa hiriira jabaa gaggeessee jira.
Magaala Harar,Gujii,Dirree Dawaa fi kanneen biro keessattis mormiin hawaasa musliimaa sadarkaa jabaatti ce’uun pirezedaantii fi kaantiibaa gaaffii mirgaa maaliif nuu hin deebistan jechuun uummatni itti yaa’ee arii’ee jira.
Pirezedaantii Harar kan tahe Fuadii fi Kantiibaa magaala Dirree Dawaa Abdullaah jedhaman uummatni dhugaa uummataa dhoksitu taanaan maal fayyaddu jechuun hanga manaa itti deemuun  arii’anii jiran.Pirezedaantii Harar kan tahe waraana mootummaa wayyaaneen marfamuun gara Finfinneetti dhokfamee akka fuidhatames beekamee jira.
Hiriirri nagaan Kamiseetti taasifame uffata gurraachaa fi mudhii ol qullaa tahuun yoommuu tahu kanneen mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa sababa gaafataniif qofa ajjeefteef yaadachuuni dha. Mootummaan wayyaanee kana booda nu hin bulchu, osoo ajjeefamnuu hin jiraannu dhaadannoo jedhanis dhageessisaa oolanii jiran.
Walumaa galatti yeroo ammaa mootummaan wayyaanee abdii kutachuun uummata biyyattii waraana itti bobbaasuun humnaan to’achuuf yaalus uummatni kutannaan gaaffii mirgaa kaasee yaaddoo jabaa itti tahee jira.Kun ammoo jala deemtota mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa fi miseensota TPLF gidduutti wal dhabbii uumee jira.Miseensotni TPLF dhoksaan wal gahii gaggeessan irrattis wal shakkiin akka isaan gidduutti uumamee fi wal amantamummaa wal irraa dhaban odeessi saaxilee jira.
Sochiin dargaggoota biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) gaaffiin mirgaa hawaasni musliimaa kaasu gaaffii uummataa fi Qaama qabsoo tahuu hubachiisuun gaaffiin kun hanga galmaan gahutti adda durummaan akka hojjetuu fi itti jiru dhaama.

Hawaasni Musliimaa gaaffii mirgaa mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessaa harka haa fudhatu jedhu gaafachuu erga kaasee yeroo hedduu lakkoofsisee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa kana dura dhaabbachuuf hawaasa musliimaa keessumaa gaggeessitoota kan tahan mana hidhaatti ukkaamsus hordoftootni amataa musliimaa yeroodhaa yerootti biyyattii keessatti Godina garaa garaa irraa gaaffii mirgaa dhiyeessaa turan.

[Sagalee dhaadannoo]Gaaffiin mirgaa kunis mootummaa wayyaanee biratti hidhaa,ajjeechaa,doorsisaa fi miidhaa garaa garaan deebi’us hordoftoota amantaa musliimaa haamilee kutee dhaabuu hin dandeenye. Uummatni mirga isaa sarbame gaaffiin hawaasni musliimaa kaasu gaaffii mirgaa tahuu hubachuudhaan hawaasa musliimaa cinaas dhaabbatnii gaaffii mirgaa akka dhiyeessan kakaasee jira.

 

Injifannoo uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Guyyaa Har’aa Godinni Jimmaa Mormii Sirna Wayyaaneen Dhunfatamuu Irraan Mootummaan EPRDF Muddama Seene

Aside

Gabaasaa Onkololeessaa 26,2012 Jimmaa

Ayyaannii Idaal Fatir Godinaa Jimmaattii Mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee Balaaleffaachuun kabajame, Waraqaleen Warraqsaa Sirna Ayyaanaa Hawwaasaa Musilimaa Hundaa ilaalatuu kana irraattii Facaafaman, Waraqaaleen kunis Mirgii Amantaa Keenyaa nuf , Mirgii Dhala namoommaa Nuf haa kabajamuu, Mootummaan Abbaa Irree Nu hin bulchuu kan jedhuu fi kkf ta’uun hubatame, Sochii Sirna Ayyanaa kana Kabajachuun wal qabatee Godina Jimmaa, Magaalaa Jimmaa Keessaattii Ummaannii Fi Dargaggeessii sagalee diddaa dhageesisuun Kan kabajamee ta’uun isaa hubatame, Ayyaannii Kun haalumaa Walfakkaatuun Godinaa Jimmaa Aanotaa Akka Mannaa Magaalaa Yabbuu, Goommaa Magaalaa Aggaaroo, Shabee, Deedoo, Saqqaa, Geeraa, Limmuu Gannatii, Limmuu Shaayii, Asseendaaboo, Fi Sokkorruu fa’ittii Sagalee Diddaa Dhageesisuun kan kabajamee Ta’uu Gabaasni kallaattii Hundaa irraa Nu gahaa jiruu Ifaa godhee jira. Sodaa Ummataa Irraa qabuu irraa ka’uun Mootummaan Abbaa Irree Humnotaa Waraanaa of harkaa qabuu Humnaa Ol Bobbaasee Ummataa Egaa Kan Olee ta’uun hubatame . Suuraawwaan Armaan Olii Kan Loltotaa Wayyaanee Ummataa Gooluuf bobbaafamanii fi kan Ummataa Sagalee Diddaa Dhageesisaan kan magaalaa Jimmaa irraa fudhatamedha.

This slideshow requires JavaScript.

Qeerroon Dhaamsa Warraaqsaa Dabarse; Hordoftooti Amantii Islaamaas Diddaa Isaanii Tinnisan!!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 26 Onkoloolessa 2012) Miidhaa fi roorroon saba Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo irra gahaa jiru haga hin dhaabbannetti, diddaa fi fincilli roga hundaa tinnisee akka itti fufu Qeerroon dhaame.

Tuutni Qeerroo ayyaana horfoftoota amantaa Musiliimaan guyyaa har’aa kabajaa jiru sababeeffachuun dhaamsa dabarsan keessatti “yeroo ummati keenya mirga amatii isaa sarbamee ajjeefamaa jiru kanatti teenyee ilaaluun seexaa dhabuu dha,” jedhanii jiru.
Qeerroon waraqaa warraaqsaa godinaalee fi kutaa magaalaa adda addaa keessatti bittimse keessatti qabsoo fi dhaadannoo adda addaa qopheessuun akka ummati gamtaadhaan socho’ee humna wayyaanee ofirraa buqqisan hubachiisanii jiru.
Dhaamsi Qeerroo kun magaalaa Finfinnee keessatti, halkan edaa sa’a 11:00(Local Time) irraa kaasee waraqaa dhaadannoo fi asxaalee diddaa fi fincilaa garagaraa, mooraa yuuniversitii Finfinnee kiiloo 6,4, fi 5 akkasuma koollejjii Alkan University College,mana barumsaa qophaayinaa minilik kiiloo 4tti kan argamu,koollejjii medical Finfinnee, naannoo uummanni oromoo baayinaan jiraatu kan akka Gullallee,Shiro Meedaa.Faransay,Makkanniisaa,Saaris,Buraayyuu fi kkf keessatti ifatti maxxanfamee jira.
Gama hordoftoota amantaatiinis, har’a istaadiyeemii Finfinnee keessatti sirna ayyaanichaa erga kabajatanii booda waraqaalee bifa keelloo (Yellow) qabatanii, kanneen biroon ammo huccuu gaddaa gugurraacha mataa isaanitti marachuudhaan dhaadannoo “Gaaffiin mirgaa gaafanneef maalif hidhamnaa?Dhugaan keenya hamma yoomitti dhokata? Yaa ALAH dhugaa keenya nuuf deebisi!,diina keenya nurraa kaasi!” jechuudhaan dirree sanaa kaasanii hamma magaalaatti bahanii dhaamsa gamtaa dabarsanii jiru.

Akkasumas Godina Jimmaa, magaalaa fi mooraa yuuniversitii Jimmaatti Qeerroon amantaa musiliimaa hordofan waraqaalee fincilaa waajjiralee OPDO fi mooraa keessatti mamaxxansuu fi bittimsuu isaanii Qeerroon gabaasee jira.
Waraqaaleen halkan bittimsame kunis hidhattoota Wayyaanee rifaasisuudhaan ganama obboroo irraa kaasanii tikoonni Wayyaanee magaalaa Jimmaa keessa uummata musilimaa gidduuttii fi naannoo University heddumminaan buufatanii sochii namaa hordofaa oolan.
Kana malees, Qeerroon Godina Harargee fi Dirre Dhawaa irraa akka gabaasetti, hawaasti diddaa fi fincila isaanii ifatti mul’isanii jiru. Keessaayyuu, uummanni godinichaa diddaa isaanii keessatti pirezidaantii naannoo Harariin “ati nu hin bulchitu,” jechuudhaan jeequmsa kaasanii jiru.
Diddaa fi fincilli Qeerroo fi ummataa kun sirna kabaja ayyaana kanaa waliin walqabatee, godinaalee Arsii, Gujjii, fi magaalaa Haromaayaa keessatti uummata Oromoofi saboota biroo dadammaqsuun akka ummanni harka walqabatanii qabsoo isaanii tinnisan hubachiisanii jiru.
Qeerroon godinaalee addaddaa keessa jiranis, ayyaana Musiliimaa kana waliin walqabsiisanii dhaamsa gamtaan dabarsan keessatti, hawaasti bakka jiru irraa barattoota, dargaggootaa fi sabboontota Oromoo waliin qabsoo isaanii otuu walirraa hin kutiin akka finiinsan dhaamanii jiru.

Dhaamsi diddaa fi fincilaa darbaa jirus, barreeffamaa fi sirbootaan kan dhaadhessamaa jiru yoo ta’u, sirboota qabsoo Oromoo fi waraqaa dhaadannoo darban keessatti, “Barri kan Oromoo Lafti kan Oromoo,Tokkummaan kaanee Of Irraa Kaasna Roorroo; Jabaadhu Ilmoo Oromoo;” jechuun barreessanii maxxansaa oolanii jiru.’
Akkasumas waraqaan Qeerroo bakkeewwan adda addaa keessattuu godinaalee Arsii keessatti heddumminaan akka tamsaasamee jiru gabaasaan achirraa nuuf ergame addeessaa jira.
Guyyaa har’aa kanas magaalaa Finfinnee keessatti waraanni Wayyaanee qophii asii fi achi kaachuudhaan hidhannoo isaanii guuttatanii uummata nagaa shororkeessaa jiraatan iyyuu, bakkaa bakkatti, naannoodhaa naannootti guuramaa jiraatanis, sagalee fi diddaa ummataa dhiibaa fi mandi’aa jiru dhaabuu fi ukkaamsuu akka hin dandeenye miira diddaa ummataa kan arge, gabaasaan Qeerroo hubachiisee jira.Qabsoon itti fufa!!Gabrummaan ni kufa!!

Seife nebelbal radio program, Dallas TX, Oromo Community Event- Oct 26, 2012

Aside