“Nutis Biyya Qabna, Oromiyaa Boontuu”

Aside

Mootummaan Wayyaanee Duula Oromoo Irratti Baneen Warraaqsa Gaggeessitan Sababa Jedhuun Yuunivarsiitii Jimmaatti Keessatti Barattoota Oromoo 3 Ari’uun 4 Ammoo Akeekachiisa Itti Kenne

Aside

Gurraandhala 03,2013 Jimmaa

Gaaffii mirgaa barattootni mooraa Yuunivarsiitii Jia darbe keessa dhaabbatan mootummaan Wayyaanee doorsisaa fi waraanaan dura dhaabbachaa turuun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanas mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa barattoota irraa mudachaa jiru dura dhaabbachuuf barattoota mooraa kanaa isintu qindeessa,gaaffii akka gaafatab barattoota kan kakaasu isini jechuun barattoota sadii waggaa tokkoof barnoota irraa yoommuu ariiu barattoota 4 tti ammo akeekkachiisa dhumaa dabarsee jira.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti barattoota ariiuu fi hidhuu kan jabeessaa dhufe yoommuu tahu barattoota kanneen ariiuu fi akeekkachiisuun gaaffii mirgaa hin dhaabu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa ibsee jira.Barattootni ariiaman barattota eebbifamtoota yoommuu tahan isaanis

Lakk Maqaa barataa Muummee Waggaa Adabbii
1 Barataa Moosisaa Kitilaa Electrical Engineering 5th Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame
2 Barataa Atsbayaa Balaay Mechanical Engineering 3rd Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame
3 Barataa Taarikaayyoo H/Maariyaam Midwife 3rd Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame
4 Barataa Abbabaa Isheetee Chemistry 3rd Akeekkachiisa xumuraa
5 Barata Biraanuu Shewaangizaw Civil Engineering 3rd Akeekkachiisa xumuraa
6 Barataa Boshaa Kumarraa Mechanical Engineering 5th Akeekkachiisa xumuraa
7 Barataa Taaddasaa Mogos Mechanical Engineering 3rd Akeekkachiisa xumuraa

Yoommuu tahan mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi barnootaan dura dhaabbachuuf akeekkatus yeroodhaa gara yerootti gaaffiin mirgaa mootummaa wayyaanee cinqaa jiraachuun isaa beekamaa dha.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee harka mirgaa mootummaa wayyaanee tahuun sabboontota dabarsitanii diinaaf kennaa jirtanis akka of qusattan qeerroon dhaamsa jabaa dabarsa.

SBO Guraandhala 3 Bara 2013

Aside

Gaaffiii mirgaa Qeerroo fi Dargaggoon Sidaamaa gamtaan kaasan dura dhaabbachuuf wayyaaneen namoota mana hidhaatti guure keessaa 9 murtii dabaa itti kenne

Aside

Gurraandhala 1,2013 Finfinnee

Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf tokkummaan sabaa fi sablammii biyyattii keessaa murteessaa dha.Diina waloo waliin loluu irratti kan xiyyeeffate Qeerroo fi dargaggootni sidaamaa dhaadannoolee garaa garaa magaala Hawaasaa fi aanolee Godina Sidaamaa garaa garaa keessatti maxxansuun isaa ni yaadatama.Mootummaan wayyaanees gocha kanaan kan baarage ilmaan oromoo fi sidaamaa mana hidhaatti guuraa turuun isaa ni yaadatama.Haala kanaanis Godina Sidaamaa aanaa Harbegoonaa keessaa namoota Jumlaan mana hidhaatti guuraa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas murtii dabaa murteessee jira.Ilmaan oromoo fi Sidaamaa yeroo ammaa daba mootummaa wayyaaneen adabbiin hidhaa jia 6 itti murtaaee jira.Isaanis

Lakk Maqaa Sadarkaa Barnootaa Lammummaa
1 Taammiraat Shawulaa Managment B.A degree Sidaamaa
2 Buurkaa Bushee ICT Bsc degree Sidaamaa
3 Haroo Harqaa Nursing Diploma Sidaamaa
4 Kabbadaaa Tuunnoo Human Resource BA degree Sidaamaa
5 Waaxee Daabessaa Accountant BA degree Sidaamaa
6 Gobaanaa Godaanaa Clinical Nursing Diploma Oromo
7 Baqqalaa Yukkuraa Law 1st degree Sidaamaa
8 Muliyyee Muuddee Accontant BA degree Sidaamaa
9 Didhaa Dheeressaa Nursing Diploma Oromo

Yoommuu tahan yeroo ammaa kanas mana hidhaa mootummaa wayyaanee Godina kanaa aanaa daallee magaala Yirgaalem mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala kanaa keessatti argamu.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne nurraan gahus qabsoon keenya daran jabaattee itti fufti jechuun dargaggoon Sidaamaa fi qeerroon ibsanii jiran.

Waraaqaalee dhaadannoo Godina wallagga lixaa aanaa Ayiraatti maxxanfamaniin wayyaaneen darggaggoota yakkuun hidhaa jira

Aside

Gurraandhala 1,2013 Gimbii

Godina wallagga lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo mana hidhaatti guuruu itti fufgee jira.Magaala Ayiraa Gullisoo keessatti waraqaalee dhaadannoo qalamaan barreeffamuun maxxanfaman mootummaan wayyaanee dargaggoo oromoo Barakat Efreem kan maxxansiise sidha jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun reebicha irraan gahanii jiran.Dhaadannooleen mootummaa wayyaanee balaaleffatan magaala kana keessatti kana maxxanfaman yoommuu tahu dhaadannooleen kunneen 1. ABO haqa 2. Kai Qeerroo 3. Wayyaaneen Garboomsaa dha 4. Bilisummaan dhufe,Garbummaaan Hafe Kan jedhan qalama diimaa magariisa diimaan kan barreeffaman yoommuu tahu jala deemtotni mootummaa wayyaanee magaala kanaa 1. Obbo Taammiree Hirqee fi 2. Obbo Margaa Qajeelaa kaabinee magaala kanaa Kan tahan dargaggoota oromoo hojii dhaban isintu gocha kana hojjechaa jira jechuun mana hidhaatti guuruuf karoorfachuun olii fi gadi fiigaa jiraachuun isaaniis saaxilamee jira.Jala deemtotni kunneen hojii gocha farrummaa kana irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon dhaammatee jira.

Seife Nebelbal Radio Interviews Jemal Ibrahim on minorities’ right in Oromia

Aside

“Waraabettiin Biyya Ishee Hin Beekne Deemtee Gogaa Naa Afaa Jetti”

 Daawwii Ibraahim  miseensa EPRP darbees DARGI ,Wayyaanee fi Gimbot 7 booda ammoo WMO  ta’uun farrummaa daangaa hin qabne  ABO  fi qabsoo Oromoo irratti barootaaf kuufate gadi baafachuun media irratti ABO fi qabsoo Oromoo salphisuu fi xiqqeessuun dhagahamee ture.Haalli kun sabboontotaa fi Oromoota hedduu biratti dheekkamsa guddaa yoo kaasee ture illee galati Raadiyoo Afuura biyyaaf haata’u malee eenyummaa Daawii Ibraahim ummata Oromoof dhiheessee jira hordofa. Daawwii Ibraahim eenyuu???   Raadiyoon Afuura  Biyyaa irraa hubadha.

“Waraabettiin Biyya Ishee Hin Beekne Deemtee Gogaa Naa Afaa Jetti”

Geerarsa Oromoo_ Kedir Said

Bakka Bu’ootiin Qonnaan Bultooti Oromoo Godina Horroo Guduruu fi Shawaa Lixaa Walitti Dhufuun Dhimma QBO Irratti Mari’atan.

Aside

Gurraandhala 1,2013 Baakkoo

Oromian resistanceQabsoo Bilisummaa oromoo galmaan geessisuuf wareegamni qotee bultootaan gaggeeffamaa ture daangaa hin qabu.Yeroo ammaa kanas QBO gaggeeffamaa jiru galmaan geessisuuf qotee bultootni Godina Shawaa lixaa magaala aanaa Baakkoo keessaa gochaa hammeenyaa ummata Oromoo irratti ta’u dura dhaabbachuuf jecha qotee bultoota Horroo waliin walitti dhufuun marii gaggeessan.Qotee bultootni kunneen

  1. Ilmaan keenya akka bineensaa manneen barnootaa keessatti adamsamuun hanga yoomiitti?,
  2. Nuyi qe’ee keenya irraa buqqaanee qe’ee dhabeessa kan taanu hanga yoomiitti?
  3. Gibirri humnaa ol kan nutti fe’amuu fi gabaa bilisaan dhorkamnu kun xumurri yoomi?

qabxiilee jedhan kaasuun tokkummaan ilmaan oromoo murteessaa akka tahe ibsuun mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti qotee bultoota gowwoomsuun maqaa misoomaan bittaa umrii isaa dheereffachuu ibsatanii jiran.Fuulduratti quunnamtii bu’a qabeessummaan itti fufuun qotee bultoota Oromiyaa mara hammachuun gaaffii mirgaa kaasuuf murteessuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiran.

  1. Mootummaan wayyaanee hanga aangoo irraa darbamutti qabsoo keenya cichinee itti fufna
  2. Ilmaan keenya mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsaman akka gadhiifaman ni gaafanna
  3. Gibira mootummaa wayyaanee hin kaffallu
  4. Waraana Bilisummaa Oromoo ni nyaachisna,Obaasna,Iccitii isaaniis ni tiksina
  5. Dabballoota mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo garbummaa jalatti hambisuuf kurukuran ni balaaleffanna
  6. Mootummaan wayyaanee badii balleessaa turetti seeraan akka gaafatamu ni iyyanna
  7. Qe’ee irraa buqqa’uu fi saaminsa ni mormina

Kan jedhan erga baafatanii Koree Hojii raawwachiistuu ”BIIFTUU JAALLAN QOTEE BULTOOTAA” jechuun moggaasanii dirqama wal irraa fuudhuun galmaan gahuuf waadaa seenuun milkiin xumuranii jiran.

Tokkummaan Haa Kaanu!!

Aside


firehiwetQeerroo                                                                                                  

  Firehiwot Guluma Tezera Irraa

   Keetimdhufeera@yahoo.com

Amajjii 19,2013

Tokkumman Haa Kanuu

Sareen ofii wal nyaattuu

Waraabessa ofirraa ittistuu

Yoo wal hin taane

Ilaa umrii gabroomne

Hangi dhumes dhumu

Hangi fedhes hidhamu

Oromoon hin dhumu galaanaa

Gaafa waltaane takkaa irra baana

Oromoon hin baduu hogguu margaa

Kana namuu beeka dubbinsaa aagaa

ABO nurraa dhiqi xurii gabrummaa

Kan dharraane nuu fidi bilisummaa

Gabrumma keessa akkamiin teenya

Labooba qabsoo waliin geenya

Walaaloo.docx

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Xumura Baatii Amajjii 2013

Aside