Naannoo Benishaangul Gumuz aanaa Toongoo keessaa WBO waliin hidhata qabdu jechuun Oromoonni hidhamaa jiru.

Aside

Gurraandhala 08,2013 Asoosaa

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti bittaa umurii isaa dheereffachuuf tooftaan itti fayyadamu keessaa uummata biyyattii hidhaa,doorsisaa fi ajjeechaa fayyadamuun yommuu tau naannoo Beenishaangul gumuz aanaa addaa Toongoo keessatti yeroo ammaa Wayyaaneen uummata hidhuu fi doorsisuu keessatti argama.

Bulchaan Godina kanaa Obbo Ahmed Naasir mootummaa Wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun uummata nagaa mana hidhaatti guursisaa jira.Keessumaa ilmaan Oromoo hojii mootummaan ramadamanii naannoo kanaa jireenya isaanii gaggeessaa jiran waraana bilsummaa Oromoo nyaachistanii obaastu maqaa jedhuun mana hidhaatti guuramaa jiran.Namootni nagaan 9 mana hidhaa Wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu isaan keessaa
1. Darajjee Tarrafaa Hojjetaa mootummaa
2. Hasan Suleeyman hojjetaa mootummaa
3. Amsaaluu Dalasaa daldalaa
4. Efreem dargaggoo
Keessatti argamu.Yeroon ammaa yeroo uummatni biyyattii mirga isaa falmachuuf kae tahuu hubachuun mootummaan wayyaanee mana hidhaatti guuraa jira.Mootummaan Wayyaanee keessi isaa bullaaee wayita jirutti uummatni gamtaan loluun itti gaafatama yeroodha jechuun qeerroon dhaammatee jira.

Seife Nebelbal Radio Covers Guyyaa WBO in Melbourne, Australia and Shanan Gadaa in Houston, TX

Aside

“Akkasii Miti Akka WBOn Jedhe Saniini” Irreecha 2012 Oromiya

Aside

Ijoollee Oromoo wal abdannaa ree akkamiini?

Akkasii miti akka WBOn jedhe saniini

Raadiyoo Simbirtuu Tamsaasa Gurraandala 07,2013

Aside

SBO Guraandhala 6 Bara 2013

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Keessaa Ukkamfaman

Aside

Gurraandhala 05,2013 M.Walaabuu

BilisummaaGaafa Amajjii 29,2013 Baratootni Oromoo Mooraa Yuuniversity Maddaa Walaabuu irraa Humna poolisaa Federaalaa wayyaaneetiin ukkafamanii hanga har’aatti bakka bu’an hin beekamne.

Baratotni Oromoo Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuu keessaatti dabbaalotaa Wayyaaneetiin hordofama ergaa tunii boodaa gaafa Amajjii 25, 2013 Bulchiinsaa Mooraa Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuutiin isiin ilaalchaa diinummaa of keessaa qabduu jechuun dorsifamaa erga turanii boodaa gaafa Amajjii 29,2013 ammoo humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamanii essaa buteen isaanii illee kan hin beekamne ta’uu Qeerroon gabaaseera. Baratootni maqaan isaani

1ffaa Barataa Darajjee Baqqalaa Mummee barnotaa Qonnaa barataa waggaa 2ffaa,

2ffaa bartaa Guddataa Taarikuu Muummee barnotaa waggaa 2ffaa,

3ffaa Barataa Hambisaa Hayilee mummee barnotaa Turiiziimii waggaa 3ffaa, fi
4ffaa, Barataa Gammaachiis Hordofaa barataa waggaa 2ffaa kanneen
jedhamaan badii tokkoo malee barnotaa isaanii irraa humna poolisaa federaalaan qabamanii hanga ammaa essaa buuteen baratootaa kanaa kan hin beekamnee ta’uun gabaafamera. Kanaa malees sabboontotni baraatootni Oromoo heedduun humna tikaa Wayyaaneen mooraa Yuunivarssiitii sana keessaatti hordofamaa fi dorsiifamaa jiraachuu Gabaasni qeerroo irraa nu ga’ee

ibsee jira Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsii Maddaa Walaabuu hidhaaf ukkaamsaan diinaa falmaa bilisummaa irraa duubatti nu deebiisuu hin danda’uu, gamtaan kaanee sagalee keenyaa dhageesifachuu qabna, teenyee hidhaa eeggaachuun gadhummaadha, diinaa nu hidhuuf nu ajjeessuuf, nu dararuuf nurraatti bobbaafamee tokkuummaan ni balaaleffaanna, Harka wal qabannee mirgaa keenyaaf ni falmannaa jechuun dhaammataan.

Anaa Moyyaalee Keessaa Ilmaan Oromoo Nagaa 5 Wayyaaneen Ukaamfaman

Aside

Gurraandhala 05,2013

Garboomfataan mootummaa Wayyaanee yeoodhaa gara yerootti ilmaan oromoo gaaffii mirgaa gaafatan mana hidhaatti ukkaamsaa,barnootaa fi hojii irraa arii’aa turuun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanas garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan oromoo maqaa miseensota ABOti jedhuun mana hidhaatti guuraa jira.Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota hojii dhabdummaan rakkatan isin ABO waliin wal quunnamuuf gara kana dhuftan malee Moyaaleedhaa waan hojjettan hin qabdan jechuun ukkaamsee jira.Dargaggootni shan
1. Isayyas Biraanuu wallaggaa irraa hojii barbaadannaa kan deeme
2. Shimallis Aagaa Wallaggaa irraa
3. Abdataa Taaddalaa Amboo irraa
4. Kiflee Maatiwoos
5. Girmaa Alamuu Amboo irraa
Magaala Moyaalee keessatti ukkaamsamuun mana hidhaa Wayyaanee naannoo kanaa kan seenan yoommuu tahu yeroo ammaa kana
ukkaamsamanii fudhatamuun bakka buuteen isaanii wallaalamee jira.Mootummaan wayyaanee gocha farrummaa ilmaan oromoo irratti gaggeessaa jiru daran jabeessus gaaffiin mirgaa yoomuu akka itti fufu
qeerroon Moyaalee gabaasee jira.

 

Qeerroon Waraqaan Dhaadannoo Mooraa Yuuniversitii Amboo Keessatti Maxxanuun Wayyanee Garaa Gube

Aside

Gurraandhala 5,2013 Amboo
Kaleessa,Guraadhandhala 2 galgala irraa eegalee Qeerroon mooraa yuuniversitii Amboo poolisoota naannoo waliin tahuudhaan mooraa keessatti waraqaa afaan sadiin,Amaareffa,Ingiliffaa fi Afaan Oromoon bakkoota ijoo tahan manneen kjitaabaa,Kaaffee fi waajjira presedantii fi naannoo mooraa guutuutti kanneen Bilisummaa Keenyaaf Qabsoofna,Mirga Keenyaaf Qabsoon Keenya Itti Fufa,Oromiyaan Ni Bilisoomti,Gabroonfataan Ni Kufa,jedhu afaan sadanuun barreeffamuudhaan maxxanfamee bule, kun galgala keessaa sa’a 2:10 irratti yoo tahu yerooma sanaa eegalee hordoffiin Wayyaanee mooraa keessatti hammaatus waraqaan kun kan maxxanfame poolsioota waliin waan taheef amma ammaatti barattoota hordofuun homaa argachuu yoo hin dandeenye illee barattoota irraa ID funaanuudhaan shakkiimaan rakkisaa akka jiran gabaasan isa addeessaa jira.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan Ni Kufa!

Wallee Warraaqsaa Kan Baroota Eegala Qabsoo

Hayyuu Oromoo Artist Zarihun Wadaajoo

Zarihun Wadaajoo

MATAA NU MARAA JIRUU !!! Kutaa 1ffaa

Aside

Barruu QeerrooY.G(2005)n

Har’a diinni Qabsoo Oromoo adda duraa eenyu ? jedhamee yoo gaaffiin dhihaatee, deebiin irra jireessi wayyaanee irratti kan xiyyeeffatu ta’a. garuu wayyaaneedha jedhanii xumuruuf, wayyaanee iyyuu lubbuu itti horee kan jiraachisaa jiru humnoota alaa ta’uun shakkii hin qabu. kana irraa kaanee humnoota alaati akka hin jenneef, meeshaa isaan harkaa fuudhee kan nutti dhukaasu caalaa diina nuuf hin ta’an kan jedhuus hin dhibu. Kanaan ala yoo ilaalles, yoo jabaatte diina humnumaan of irraa qolattee furmaata itti goota. Lammii ofii ta’ee kan boolla Ummata isaaf qotaa jiru, diinni ummata kana sodaa tokko malee saamee , hidhee , ajjeesee akka jiraatuuf kanneen karaa argisiisan odoo jiranii , halgaa diina tokkoffaa taasisuuf yaaluunis rakkoodha. Kana malees, Qabsoo ummatichaa ganee diinatti galee adeemsa jiru kan naaffisu odoo jiruu , diinni kiyya innikkaa isa kana jennus dubbii achi of irraa qabuu ta’a.

MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!.docx