Ebla 16,2013 Finfinnee
Ebla 15 Guyyaa Gootota oromoo sababeeffachuun waraqaa;eem dhaadannoo hedduumminaan Yuunivarsiitiilee fi magaalawwan Oromiyaa keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo loogoo qeerroon kuulamanii fi diimaa magariisa diimaan barreeffaman hedduumminaan maxxanfamuun mootummaa wayyaanee rifaatii guddaa keessa seensisee jira.Waraqaaleen kunneen magaala Finfinnee yuunivarsiitii Finfinnee,Kotobee,Koollejjiiwwanii fi bakkeewwan bulchinsaatti ifaan maxxanfamanii jiran.Magaala Amboo,Magaala Naqqamtee, Yuunivarsiitii Amboo fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa,Sabbataa,Hoolotaa,Dirree Dawaa,Adaamaa,Jimmaa fi Harar keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Nama seenaa dagate seenaan hin dagatu!
2. Ebli 15 guyyaa gootota oromooti!!
3. Gantuuf harka hin laannu!
4. Mootummaan wayyaanee garboomfataa fi abbaa irree dha!
5. Qeerroo walabummaa Oromiyaaf kai!
6. Ilmaan oromoo ajjeesuun haa dhaabbatu!
7. Oromia shall be free
8. Qeerroon bilisummaa Oromiyaaf wareegama nurraa eegamu kamuu ni baana!
9. ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromooti!
10. WBOn gaachana ilmaan oromooti!!
Kanneen jedhanii fi kanneen biroon magaalaa fi dhaabbiilee barnootaa akkasumas bulchinsa mootummaa wayyaaneen bixxilaman fuulduratti maxxanfamuun mootummaa garboomfataa wayyaanee rifaatii guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanee naannoo waraqaaleen maxxanfamanitti sakattainsa boorsaa fi waan namni qabatee deemu gaggeessaa jira.Bulchinsoota naannoo waraqaaleen kun itti maxxanfaman wayyaaneen osoo isin maal hojjettanii ABO nu dhuunfata jechuun qorannoo eegalee jira.
SBO Ebla 17 Bara 2013
Aside
Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti Gumiin aadaa fi seenaa Afaan oromoo akka hin dhaabbanne dhorkame.Eyyamni Bulchinsa magaala Dirree Dawaa irraa kennames doorsisaan akka deebi’u taasifamaa jira.
Aside
Ebla 16,213 Dirree Daawaa
Dhiibbaan guddina aadaa fi seenaa ilmaan oromoo irratti gaggeeffamu mootummaa garboomfataa mootummaa wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti daran jabaachaa deemaa jira.Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti Gumiin aadaa fi seenaa Afaan oromoo akka dhaabbatuuf barattootni oromoo iyyannoo kan galchan yoommuu tahu bulchinsi Yuunivarsiitii Dirree Dawaa isin Miseensota ABOti,ABO as keessatti dhaabuuf deemtu jechuun dhorkee jira.Sabboontotni barattoota oromoo iyyannoo isaanii bulchinsa Dirree Dawaatti Gumiin Afaan oromoo dhaabbatu aadaa fi seenaa guddisuu cinaatti hojii misoomaa biyyattii keessatti hirmaachaa akka hojjetu ibsuun galchanii jiran.Bulchinsi magaala Dirree Dawaa fi Biiroon galii fi Misoomaa magaalaas Gumiin kun akka dhaabbatuuf kan eeyyama kennan yoommuu tahu bulchinsi yuunivarsiitii ABO nu keessatti dhaabuuf eeyyama kennituu jechuun eeyyama duraan kennan akka deebisan godhanii jiran. Bulchisi Magaala Dirree Dawaas eeyyama duraan kenne gaabbuun hojii guddina aadaa fi afaan oromoo dura dhaabbachuu hojjechuu irratti dirqamee jira.Bulchinsi Yuunivarsiitii Dirree Dawaa barattoota oromoo dhimma kana kaasnaan barnoota irraa ariiamtu jechuun ifaan doorsisa eegalee jira.Barattootni oromoos doorsisaaf harka hin laannu jechuun gamtaan falma eegalan jabeessanii jiru.
Godina Horroo Guduruu aanaalee garaa garaa keessatti Guyyaan Gootota oromoo maadheelee garaa garaan qophii maanguddoota irraa imaanaa fuudhuu fi buusuu maallaqaan haala ho’aan kabajame
Aside
Ebla 16,2013 Shaambuu
Godina Horroo Guduruu aanaa garaa garaa keessatti Guyyaan Gootota oromoo qophiilee garaa garaan kabajamee jira.Waraqaaleen dhaadannoo aanaa Amuruu fi Jaardagaa Jaartee keessatti hedduumminaan bittinfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Ebli 15 Guyyaa gootota oromooti!
2. Gootota keenya bara baraab yaadanna!
3. Gootatu Goota beekas yaadatas
Kanneen jedhanii fi waamichi ilmaan oromoo mirga isaanii falmachuuf akka kaan maxxanfamee jira.Magaala Amuruu keessatti maadheen Oborraa fi Gumaabaas Jireenyaa Raggaasaa lakkoofsa 1 akkasumas aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti maadheeleen Aliboo 01,02,Maadhee pilaattee,Maadhee tuulluu car,Maadhee Asattii fi deeggartoota QBO biratti ayyaanni Guyyaa gootota oromoo haala hoaan kabajamee jira.Maadheeleen kunneen walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun irbuu isaanii haaromsuun diinni QBO yoomuu QBO duuba deebisuu hin dandau jechuun waadaa isaanii haaromsanii jiran.Dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuunii fi maanguddoota irratti affeeruun barattootni maanguddoota irraa qophii imaanaa fuudhinsaa taasisanii jiran.Maanguddootni ayyaana Ebla 15 irratti ilmaan isaanii waliin hirmaatanis qotee bulaanis tahe barsiisaan,Barataanis tahe daldalaan QBO irratti gaaffii seenaa jalaa bahuuf hirmaannaa oromummaa akka taasisu dhaammatanii jiran.Maadheeleen walitti dhufanis QBO galmaan gahuuf gumaata maallaqaa qarshii 1760.00(kumaa fi dhibba toorbaa fi jaatama) taasisanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Horroo magaala Saqalaa fi Shaambuu akkasumas Fincaaaa keessatti maadheeleen ABO fi sabboontotni oromoo guyyaa gootota oromoo haalaan kabajanii jiran.aanaa Horroo magaala saqalaa keessatti maadheeleen bosona caatoo lakkoofsa 1,2 fi 3 walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti haasaa balaa gochuun ayyaana kana ayyeessanii jiran.Magaala Shaambuu keessattis barattootni yuunivarsiitii Naqqamtee dame shaambuu guyyaa gootota oromoo qophii garaa garaan kabajanii jiran.Doormii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun akkasumas barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa shaambuu waliin walitti dhufuun ayyaanessanii jiran.Walumaa galatti Godina Horroo guduruu dhaabbiilee barnootaa fi caasaa hedduu keessatti guyyaan gootota oromoo haala ajaaibsiifamaan ayyaaneffatamee jira.Ibsawwan ejjennoo maadheelee garaa garaan baafaman keessattis mootummaan wayyaanee cunqursaa daangaa hin qabne gantoota qabatee gaggeessus gaaffii mirgaa irraa akka hin dhaabbanne ibsanii jiran.
Dhaabin Sochii Bilisummaa Ummata Sidaamaa(Sidama Liberation Movement) Filmaata Wayyaanee Keessaa If Baasuu Isaa Beeksise
Aside
Filannoo dharaa Impaayera Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuun irbuu uummataaf seename cabsuudha jechuun Sochiin Bilisummaa Sidaamaa(Sidama Liberation Movement)(Sidaamu Wolaphote millimillo) filannoo irratti akka hin hirmaanne ifaan beeksisuun filannoo keessaa bahuu beeksisee jira.Mootummaan wayyaanees kutannaa ilmaan Sidaamaa kanaan kan baarage dargaggoota Sidaamaa yeroo ammaa Godina sidaamaa keessa naannawuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Diddaa jabaan dargaggoota Sidaamaa irraa mootummaa wayyaanees kan dhaqqabe yoommuu tahu ilmaan Sidaamaa mana hidhaatti ukkaamsan isin Sochii Bilisummaa Sidaamaa akka filannoo keessaa kan bahu kan gootan Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) waliin walitti hidhachuun jechuun reebichaan hiraarsaa jiran.Yeroo ammaa kanatti ilmaan Sidaamaa hedduumminaan mana hidhaatti kan guuraman yoommuu tahu isaan keessaa
1. Obbo Laggasee Laakamoo
2. Obbo Wosharaa Agalaa
3. Obbo Damissee Daasaa
4. Dargaggoo Nuuraddiin Maatamoo
5. Dargaggoo Unuunaa Arusaa
6. Dargaggoo Dastaa Dukkoo
7. Obbo Qooqii Laaqibbee
8. Obbo Shaallamoo Bookkaa
9. Dargaggoo Shumbulloo Marraasaa
10. Obbo Baqqalee Bakkalloo
11. Dargaggoo Taaddalee Hooshee
12. Obbo Lammaa Buxxaashoo
13. Obbo Laallasee Maggaanee
14. Dargaggoo Tasfaayee Taammiruu
15. Obbo Amaare Taaddesee
16. Dargaggoo Birhaanuu Kiflee
Jedhaman aanaa Buursaa irraa funaanamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsanii jiran.Obbo Laggasee Lakaamoo irratti murtiin dabaa hatattamaa hidhaa ji’a 6 fi qarshii 500 kan itti murteeffame yoommuu tahu Obbo Woshaaraa Agalaa irratti ammoo murtiin dabaa ji’a afurii fi qarshii 500 murteeffamee jira.Mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kanneen ukkaamsamanis yeroo ammaa qorannoo fi reebichaan gidiraa keessatti argamu.Mootummaan wayyaanee filannoo dharaa gaggeessuun dimokiraatawaa tahuu isaa fakkeessuuf kan socho’u yoommuu dura akka dhaabbatan Koreen gamtaa Qeerroo fi Dargaggoo Sidaamaa ayyaana GGO irratti marii taasiseen lafa keewwatee jira.
Qeerroon Oromoo Yuuniversitii Hawaasaa fi Qeerroon Sidaamaa Walitti Dhufuun Ebla 15, GGO Haala Dinqisiisaan Kabajatan.
Hub:- Gabaasi kun suuraa fi Videon waan jiruuf nageenyaaf jecha hin maxxanfamne.
Ebla 16,2013 Hawaasaa.
Baratoonni oromoo mooraa yuunivarsiitii hawaasaatti argamnu sababa bobaa diinaa jala jirruuf guyyicha haala fedhii keenyan kabajuu bannus hanga danda’amee barattoonni mooraa guddichaa fi barattoonnii mooraa saayinsii fayyaatti argaman waliin taanee tokkummaadhaan mooraa saayinsii fayyaa keessaatti haala nama boonsuun guyyaa kaleessaa ayyaanicha ayyaaneffannee jirra.Ayyaanichi akkuma Oromoon bara duriis ta’ee har’as sagantaa isaa kamiiyyuu eebba maanguddoon banatu sagantaan keenyas eebba maanguddoon eegalamtee jirti.Itti aansuun sagantaa dungoo qabsiifannaatu itti fufe.
Akkuma beekamu nuti ilmaan Oromoo hanga bilisummaa keenya gonfannee alaabaa keenya fannifannutti guyyoota akkanaa kana dungoo bifa diimaa,magariisa diimatiini fi waraqaalee dhaadannoo tokko tokko bifa alaabaan barreesinee maxansuudhan hawwii keenya mul’ifanna.Saganticha irratti haala ayyaanichaa ilaalchisee namootni tokko tokko yaada akkas jedhu laatan; Guyyaan kun guyyaa yaadannoo jaallan keenya bilisummaa saba isaanif jecha itti wareegamaniiti, nuti immoo asitti walitti qabamnee seenaa gootota wareegamanii kana qofa walitti himnee gargar facaana osoo hin ta’in gumaa jaallan keenyaa kana haala akkamiin yoo sochoone baasuu dandeenya kan jedhu irratti akkas jechuun irra ejjetanii biradarban; nuti osoo dhimma dhuunfan, amantii fi lagaan wal hin qoodin irree tokkummaatin gumaa jaallan keenyaa baasuuf irbuu waliif seenna jedhan.Hirmaattota sagantichaa keessaa jaalli tokko jecha gootichi oromoo Maammoo Mazammir dubbate irra deebi’ee dubbachuun haasa’a isaa goolabe Dhiigni koo har’a ragaa sobaan dhangala’e kun cal jedhee kan dhangala’e osoo hin ta’in kabajamummaa mirga ummata oromootifi. Gumaan koo lafatti hin hafu jabina qabsoo ilmaan oromootiin gumaan koo ni baati.
Saganticha irratti sirboonni siyaasaa fi walalooleen onnee namatti horan hedduun dhiyaatanii jiru.Waraqaaleen warraaqsaa hedduun bifa hallutin barreeffamanii galma sagantichi itti qophaa’e keessatti maxanfamanii jiru. Haata’u malee akka karoora keenyatti barruulee warraaqsaa kana mooraa yuunivarsiitichaa keessatti illee maxansuuf ture garuu barattooni saganticha irratti hirmaatan hedduun isaanii sababbii eeggumsa jala jiraniif osoo irratti walii hin galamin hafee jira.
Barattoonni Hawaasaa Yuunivarsiitiii mooraa lamaan irraa walittidhufan gara fuulduraatti maal hojjechuu akka qaban ibsa ejjannoo haala armaan gadiitti lafa kaa’achuuf yaalanii jiru:
1,Tokkummaa barattoota oromoo mooraa yuunivarsiitichaa keessatti argaman cimsanii itichuuf qixa kamiinuu tooftaa mataa isaanii fayyadamanii akka socho’uu qaban walii galanii jiru.
2. Qabsoon bilisummaa oromoof jedhee oromootaan qabsiifame hanga kaayyoon ummatichaa galma ga’utti dhaamuu akka hin qabnee fi qabsoo tana finiinsuf immoo gita kamiinuu wareegama qaqqaalii kafaluun malu kamiiyyuu kafaluuf kutannoo fi murannoo qaban kakuu walii galuun raggaasifatanii jiru.
3. Adeemsa ijaarsa mandhee keessatti namni maallaqa garmalee jaallatuufi namni araada garagaraa qabu gara miseensummaatti akka hin dabalamne cimsanii walhubachiisanii jiru. 4.Buusii ji’aa kan warra ijaarsaa irraa eegamu ji’a ji’aan buusuf murteeffatanii jiru.
5.Ijoolleen bara kana eebbifaman immoo gaafa eebbifamanii moorichaa bahanis sabboontota mooraa keessatti hafan yaadanis ta’ee maallaqaan hanga humni isaanii isaanif eeyyameen gargaaruf waadaa galanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Walaloo Qeerroo Sidaamaa :-
Walaloo Qeerroo Oromoo:-
Qeerroon Magaalaa Naqamte Madhe Madheen Walitti Dhufuun GGO Ebla 15,Kabajan.
Qeerroon magaalaa Naqamtee bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun guyyaa gootota Oromoo Ebla 215,2013 magaalaa Naqamteetti kabajatanii jiru,Guyyaa kana irrattis qophii adda addaa erga godhaniin booda ibsoota ejjennoo armaa gadii baafatan.
Nuti Qeerroon leeqaa yaadannoo Gootota oromoo darbaniif walitti qabamnee haala hordoffii diinaa jala teenyee kabajannus ibsa ejjennoo dhaaba keenyaaf qabnu kanaa gadiin dhaamnee jirra.
- Murnootaa yeroo amma maqaa jijjiratanii,kaan immoo maqaa dhaaluu barbaaduun garagartummaa QBO keessatti babal’isuu,kaayyoo gootota ammaa kabajaa jirruu fi jaalleewwan keenyaa bilisummaa fi walabummaa oromiyaaa jechaa wareegaman irraanfachuun,daandii ganama itin mana ba’an dagachuun impaayera gabroonfata tiksuuf carraaqqii godhaa jiran guddisnee ni balaalefannaa.
- Gochaa ykn mormii lammiwwan keenyaa biyyaa keessaa fi alaa mootummaa abba hirree wayyaaneerrati godhaa turee fi jiruu ni dinqisiifanna.
- FDG karaa qeerroowwan biyyaa Ibsaa ejennoo maandhee bakkalchaa Oromiyaa(sanyii leencaa) keessaa fi alaa nyaaphaa diinaa dadhabsuuf godhaa jiran faana hiriirun,tarkaanfii barbaachisuu ni fudhanna.
- Lammiiwwaan keenyaa yeroo amma mana hidhaa mootummaa abbaa hirree wayyaanee keessati sbaba siyaasan daraarfama jiran gargaarsa barbaachisuu ni goona
- Mooraa QBO keessatti sochii WBO karaan hidhannoo diinaa irrati fudhataa jiru kallatti ni agarsiisna,tarkaanfiin kan kana duraa caalaa akkaa cimuuf hamlee fi dandeettii qabnuun ni gargaarra.
Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame
Aside
Ebla 15,2013 Finfinnee
Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame.Jala bultii ayyaana kanaa irratti magaalawwan Oromiyaa kanneen akka Finfinnee,Adaamaa,Amboo,Gudar,Ginc,Dirree Dawaa,Harar,Naqqamtee,Shaamboo keessatti waraqaaleen dhaadannoo heddumminaan maxxanfamuun kabajni ayyaana kanaa eegalee jira.Dhaadannoowwan maxxanfaman.
1. Oromiyaan kan Oromooti!
2. Nama seenaa dagate seenaan hin dagatu!
3. Akeeka gootawwan keenyaa galmaan ni geenya!
4. Ebla 15 guyyaa gootota oromooti!
5. Maqaa Oromoo fi Oromiyaan Itoophiyaaf hin falminu!
6. Qeerroon Bilisummaa Oromiyaaf wareegama kamuu baasa!
7. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha!
8. ABO gaaachana ilmaan oromooti!
9. Oromia shall be free!
10. Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu hin cabsu
Kanneen jedhanii fi kanneen biroon diimaa magariisa diimaan kan barreeffaman loogoo qeerroo kan hammateen magaala keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo fi alaabaan ABO yuunivarsiitiilee Finfinnee,Amboo,Adaamaa,Bishooftuu,Haramaayaa,Hawaasaa,Arbaminc,Madda walaabuu,Miizan Teeppiii fi koollejjiiwwan garaa garaa keessatti hedduumminaan maxxanfamuun Guyyaan gootota oromoo haala ajaa’ibsiifamaan ayyaaneffatamee jira.Maadheeleen dhaabaa bakka mijeeffachuun walitti dhufuun barattootni yuunivarsiitiilee keessattii fi doormii isaanii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun alaabaa ABO qabachuun waadaa isaanii haaromsachuun ibsa ejjennoo garaa garaa baafatanii jiran.Ilmaan oromoo uffata aadaa uffachuun Guyyaa gootota oromoo Oromiyaa keessatti haala ho’aan kan ayyaaneffatan yoommuu tahu barataan,barsiisaan,Qotee bulaan,hojjetaa fi hojii dhaaban dhimma QBO duuba deebisuuf mootummaan wayyaanee shira xaxu dura dhaabbachuuf waadaa isaa haaromsatee jira.Mootummaan wayyaanee ayyaana kana uummata oromoo biratti akka kabajamu beekus uummata hedduumminaan ayyaaneffatamuu fi waraqaaleen dhaadannoo ifaan maxxanfamuu irraa ka’uun haamilee kutuun waraqaalee dhaadannoo dabballoota funaansisiisuutti bobba’ee jira.Ayyaanni kunis Ebla 15 irraa kaasee hanga Ebla 20 qophiilee garaa garaan kabajamuu itti fufa!
Hub: Ibsawwan ejjennoo fi qophiilee maadheelee irraa kanneen akka walaloo fi suuraa viidiyoon gama fuula duraa edite ta’ee ummata dhaqaba.
Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Ebla 15 GGO Kabajatan
Aside
Ebla 15,2013 Jimmaa
Bifa Addaa fi haala ajaa’ibsiisaa ta’een Guyyaa Goototaa Oromoo (GGO) Kabajatan, Jalbultii Ebla 15 Goototni Ilmaan Oromoo Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Ebla 13/2013 fi Ebla 14/2013 Galgala Barreeffamotaa Suuraawwaan Goototaa Oromoo of irraa qabuu fi Dhaamsaa Goototaa Oromoo Qabatee Magaalaa Jimmaa Fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Maxxaansuun guyyaan kun uummaata birattii sirnaan kabajamee akkaa oluu taasisuun ofiifis Guyyaa kanaa Sabboontootni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Muummee barnotaa garaagaraa baratan barnotaa dhaabuun Rakkoo Siyaasaa fi Waanjoo Garbummaa Ummataa keenyaa irraattii fe’amee jiruu FDG jabeessiinee itti fufuun, qabsoo dhiigaa fi lafee goototaa keenyaan gadi dhaabbamtee; ni jajjaabeessiina, Imaanaa goototaa keenyaa galmaan ni geenyaa, Goototni Oromoo Nuti gargar hin baanuu jechuun boollaa tokkootti wareegamaanii nutis Biyyi keenyaa Oromiyaa, Sabni keenyaa Ummaata Oromoo Kaayyoon keenyaa Bilisummaa fi walabummaa Jechuun FDG jaabeessaanii ittii fufuu murteeffaatan,
Goototni Ilmaan Oromoo Kaleessaa Bilisummaa Ummataa Keenyaa fi Walabummaa Biyyaa kiyyaa Oromiyaaf dhiigaa isaanii dhangalaasuun lafee isaanii itti cabsuunii fi Lubbuu isaa nuf wareegan ni yaadanna. Fajjii isaaniis ni kaafnaa, Kaayyoo Goototaa keenyaa galmaan ga’uuf yoomiyyuu kutaannoo fi murannoon ni qabsofna,
Sochiin warraaqsaa Baratootaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa yeroo irraa garaa yeroottii jabaachaa kan dhufee, warraaqsii qeerroon baratootni Oromoo gaggeessaan guyyaa har’aa sababa Yaadannoo Goototaa Oromoon walqabatee Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa fi bulchitootni Moorichaa muddaamaa cimaa keessaa seenaanii jiraachuun hubatame jira, Mootummaan Abbaa Irree Waayyaanee guyyaa har’aas Mooraalee Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus, Mooraa Qonnaa, fi Saayinsii fi Teekinoloojii humanotaa poolisaa fi basastotaa isaa galchuun egsiisaa olee,ajajaan Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Kaalid Abbaa Tamaam goototaa baratoota Oromoo ID isaanii fudhuun doorsiisaa Olee, baratootni haala kanaan doorsifamaa olaan:
1ffaa Barataa Getaachoo Darajjee mummee barnotaa Governance waggaa 2ffaa fi
2ffaa barataa Cimsaa Abdiisaa barataa Injiineeriigii waggaa 3ffaa
Ta’uun yeroo beekamu. Barattoota kana irratti ammo sobaan kan raga bahe basaasa Wayyaanee kan ta’e Barataa Badhaasaa Firirjaa jedhamu ta’uu qeerroon gabaasa.
Qeerroon Yuunivesitiii Adamaa Ebla 15 GGO Bifa Addaa fi Gammachiisaan Kabajatan.
Guyyaa jala bultii Gootota Oromoo Ebla 25,2013 waraqaaleen warraaqsaa fi waamicha qabsoo mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessatti bal’inaan maxxanfamaa bule.Bakkoota muldhatoo fi argamutti waamichi qabsoo fi dhadannoon GGO barattootaan maxxanfamaa bulee. Ganama Qeerroon wal gurmeessuun gaaraa Tullee Shanee bakka Irreefannaa Bonaatti bahuun lafa kabajamaa Oromoon itti irreeffatu irratti wal gurmeessuun bifa addaan guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2013 Ayyaaneffatanii jiru.
Video fi suuraan ayyaana kana irratti gahaatti waraabame waan jiruuf nageenyaaf qeerroon hin maxxansine.Sagalee irraa hamma tokko kunoo dhiheessine.

