Galgala irbaata WBO fi tumsa ABO bashannanaa wellistoota Oromoo.

Aside

Uumatni Oromoo Godina Gujii qabeenyaa keenya irratti nutu abbaa dha jechuun Mootummaa Wayyaanee irratti sagalee mormii jabaa dhageessisan

Aside

Adoolessa 17,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee lafa ilmaan Oromoo alagootaattii fi jala deemtota isheetti gurguraa fi kennaa uummata Oromoo qeee irraa buqqisaa kan turte mormuun uummatni oromoo Godina Gujii aanaa Sababooruu fi shaakkisoo sagalee mormii dhageessise.Mootummaan Wayyaanee qabeenya uumamaa kan tahe bosona shaakkisoo fi sababooruu keessaa cirsiisuu hin qabu jechuun uummatni sagalee tokkoon diddaa dhageessisee jira.Mootummaan wayyaanee fi bulchinsootni aanaa kanaa uummataaf deebii kennuu kan dhiisan yoommuu tahu,sabni biroon qabeenya keenyatti abbaa hin tahu,nuyi saba biraa jibbinee osoo hin taane qabeenya keenya irratti nutu ajajuu qaba jedhanii jiran.Ilmaan oromoo qabeenya uumamaa badaa jiruu fi qaalainsa jireenyaa dhufaa jiru mooachuuf wal dorgommii seenee dhimma siyaasaa irraa akka dhaabbatu kan akeekkate Wayyaanee gochaa dabaa dalagaa jira.Uummatni Oromoo godina kanaas sagalee tokkoon diddaa jabaa dhageessisuun mootummaa wayyaanee rifaatii gudaa keessa buusee jira.Qabeenyaa uumamaa badaa jiruuf mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu,Mootummaa wayyaaneef hin ajajamnu jechuunis murtii dhumaa dabarsatanii jiran.

Magaala Dirree Dawaa Keessaa Miseensotni Poolisii Oromiyaa lama Hojii ABO Qindeessitu Jedhamanuun Hidhaman

Aside

Adoolessa 17,2013 Dirree Dawaa

Duulli hidhaa mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiru daran ilmaan oromoo irratti jabaachaa dhufuun poolisootni Oromiyaa lama magaala Dirree Dawaa keessaa ukkaamsamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbaman.Ilmaan oromoo poolisii Oromiyaa,federaalaa,Ittisa biyyaa,humna qilleensaa fi kanneen biroo keessa jiran yeroo ammaa guutummaan isin ABO waliin quba wal qabdu jedhamuun gamaggamni kan isaan irratti eegalame yoommuu tahu hidhaanis ifaan eegalamee jira.Haala kanaanis magaala Dirree Dawaa keessatti ilmaan oromoo

1. Shibbiruu Beenyaa

2. Tasammaa Ittafaa Qixxeessaa

Kanneen jedhaman dirqamaaf bobbaanii osoo jiranii isin ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee Dirree Dawaatti darbamuun yeroo ammaa gara mana hidhaa wayyaanee Gidduu galeessaa Maaikelaawwiiti Adoolessa 16/2013 fudhatamanii jiran.Hiriyyootnii fi kanneen waliin hojjetan mootummaan wayyaanee abbaa irree tahuu ibsuun ilmaan oromoo guutummaan mirga isaaf akka kau dhaamsa dabarsfatanii jiran..

SBO Adoolessa 17 Bara 2013

Aside

Himata Oromoota Mayyuu Mulluqqee kan qa’ee ifii irraa buqifamani.

Aside

Ummanni Keenya Biyyaa Keessa Jiru ,Hawaasaa fi Ilmaan Oromoo Biyya Alaa Jiraatan Birmatnaa fi Tumsa Barbaada!!!

Wallagga,Aanaa Anifilloo Keessaa Qonnaan Bultooti 80 Mootummaa Wayyaaneen Qabeenya Samamamuun Hidhaman

Aside

Adoolessa 16,2013 Dambi Dolloo
Jiraattota Wallagga, Qellem Aanaa Anfilloo lafa irraa buqifamaa turan mirga qabeenyummaa isaanii falmachuu irraan namooti 80 ol hidhamanii jiraachuu Qeerroon godinichaa gabaasa. Kanneen keessaa namoonni addatti fincila ummataa qindeessitaniittu jedhamanii Adoolessa 10,2013 mana hidhaa naannoo Anfillootti hidhaman keessaa:-

1.Guutaa Abbabaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii

2.Dassaaleny Ittaanaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
3.Masarat Xintii-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
4.Warquu Toliinaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
5.Habtaamuu Tasfaayee-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
6.Birhanu Dheeressaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
7.Naadoo Dheeressaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
8.Yoosef Sexxeny-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
9.Abrahaam kabaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
10.Jiraataa-Aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa

11.Zaruu Roobaa-Aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa
12.Hirphaasaa-Aanaa Anfilloo ganda Ashii

13.Xeenahuu-Aanaa Anfilloo ganda Ashii

Kanneen jedhaman yeroo tahu jarri kunis lafa isaanii dabalatee qabeenya lafa irra jiru kan akka bunaa isaan qaban mootummaadhaa Wayyaaneetiin ciramee akka badaa jirutu gabaafama jira. Gabaasaan dabalataas Qeerroon itti ni fufa.

Atileetiin Oromoo Beekamaan Biyya Ingilizii Keessatti Fiigicha Mo’atee Alaabaa ABO Balaliisuun Eenyummaa Oromoo Beeksise.

Aside

Adoolessa 14,2013

atileetii OromooIlamaan Oromoo bakka jiranitti diddaa gabrummaa agarsiisuu qabsoo wal irraa hin cintne gaggeessaa jiraachuun beekamaa dha. Qeerroon Bilisummaa biyya keessatti,Dargaggootii fi hawaasi Oromoo biyya alaa irraan faajjii fi alaabaa Oromoo ol qabanii aduunyaatti beeksisuu fi diddaa farra Wayyaanee gaggeessuu irratti qooda ol-aanaa taphataa jiru.

Gaafa Adoolessa 14, 2013 Qophii fiigichoo magaalaa leeds,  Biyya UK, ‘’Run For All Leeds 10 kilometers, Jedhamee beekamu irratti Atleetni Oromoo Beekamaan maqaan isaa Guddinaa Dabalee jedhamu mo’atee seenaa atileeti kessatti yeroo jalqabaaf alaabaa ABO ol kaasudhaan gammachuu isaa ibsatee jira.

Akkasumaas Atleet  Guddinaan ilmaan Oromootaan baga gammaddani qabsoo fi kaayyootti jabaadha jechuun dhaamsa isaa dabasee jiraachuu gabaasaan Londonii irraa nu gahe addeessa.

 

atleta oro20130714_101623_3[1]

Kantiibaa Magalaa Sabbataa Duraanii Dabalatee Ilmaan Oromoo mana hidhaa Wayyaaneetti ukkaamsaman nuyi Oromoo waan taaneef malee ABO waan taaneef hidhamne miti jedhan!

Aside

Adoolessa 15,2013 Finfinnee

BilisummaaMootummaan wayyaanee umrii isaa guutuu ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa kan ture yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee gidduu galeessaa(Maaikelaaawwii) keessatti ukkaamsuun dhiibbaa qaamaa fi namummaa garaa garaa irraan gahaa jiran.QBO uummata Oromoon gaggeeffamu dhaamsuuf mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessus qabsoo ilmaan oromoo daran jabeesse malee takkaa duuba deebisee hin beeku.Ilmaan Oromoo

1.Dassee Alamuu kantiibaa magaala Sabbataa kan ture

2.Nuuraddiin Ahmed dargaggoo miseensa ABOti jedhamuun Mieessoo irraa qabame

3.Dargaggoo Baqqalaa Oljirraa Moyaaleetti ati ABOti dabalamuuf deemta jedhamuun kan yakkame

Yeroo ammaa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti isin ABO beektu jechuun miidhaan qaamaa fi qorannoo addaa irraan geessifamaa jira.Ilmaan Oromoo kuneenis nuyi oromoo waan taaneef hidhamne malee waan ABO taaneef miti jechuun ifaan gaggeessitoota mootummaa wayyaanee miidhaa ulee fi shira diinaa kamuu osoo hin sodaatiin himaa jiru.

Godina Harargee bahaa Keessatti diddaan qonaan bultoota Oromoo Wayyaanee irratti jabaate

Aside

Gabaasa Adoolessa 15,2013

Oromian resistanceGodina Harargee bahaa keessatti diddaa ilmaan oromoo irraa mootummaa wayyaanee fi jala deemtota ishee mudate dura dhaabbachuuf wayyaaneen aanaa Haramaayaa araddaa Boortee keessatti wal gahii qotee bultoota waamte irratti diddaan daran jabaatee fi gaaffiileen mirgaa kaafaman mootummaa wayyaanee fi jala deemtota isaanii guutummaan rifaatii keessa buuse.Mootummaan wayyaanee Jia Adoolessaa keessa wayita qotee bultootni hojiin muddamanii jiranitti barattootni Yuunivarsiitii irraa galan waan ABO fi qeerroo isin barsiisaa waan jiraniif ijoollee kana hojjetu saaxilaa jechuun wayita gaafatanitti uummatni isin diina diina waliin maal walitti qabna jechuun gaaffiilee mirgaa

Ijoollee keenya mana hidhaatti ukkaamsuu malee ijoollee keenyaaf hojii kennuu maaliif afaan keessanii baastanii hin dubbattan

Xaaoo qaalae irratti baaa dabalataa nutti tahuuf wayita nuyi hojjechaa jirru maaliif wal gahii nu waamtu

Isin miseensa wayyaanee kan tahaniif maaliif lafa keenya kuttanii kennitu

Jechuun ifaan mormii dhageessisanii jiran.Gaaffiilee kana kan qindeesse sidha jechuun qotee bulaa oromoo Sheek Mohaammed Abduljabbaar kan jedhaman mana hidhaa Harar keessatti ukkaamsanii qorannoon rakkisaa jiru.Ijoollee fi warri isaas gaafa deemanii gaafatan as hin jiru jechuun dhoksanii miidhaa addaa irraan gahaa jiran.

Diddaa Qeerroo Bilisummaa Dura Dhaabbachuuf Jecha M.Wayyaanee Gara Yuunivarsiitii Hawaasaatti Waraana Isaa Hiriirse

Aside

Adoolessa 15,2013 Hawaasaa

Diddaa barattootaa yeroo hundaa humna waraanaan dura dhaabbachuu kan itti bare Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti guyyaa eebba barattootaa irratti diddaan barattootaa dhalata sodaa jedhuun mooraa Yuunivarsiitii fi magaala Hawaasaa waraanaan tiksaa jira.Mootummaan Wayyaanee keellaawwan magaala Hawaasaatti seensisan haala jabaan sakattaaas kan jiru yoommuu tahu uummata oromoo eebba barattootaaf Yuunivarsiitii Hawaasaa deemaa jiru irraa sodaa akka qabanis saaxilamee jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Hawaasaa filannoo Pirezedaantii barattootaa irraa eegalee sodaan wayyaanee daran mooraa keessatti kan jabaate tahuu ibsuun barattoota eebbifamtootaa fi kanneen Yuunivarsiitii keesssatti hafan waliin marii balaa gaggeessanii jiran.Mooraa yuunivarsiitii Hawaasaattis sabboontotni Oromoo eebba barattootaaf dhaqan barattootatti dabalamuun marii isaanii kan gaggeessan yoommuu tahu,hojii qabsoo bilisummaa oromoo jajjabeessuu fi KHR Qeerroo Yuunivarsiitii Hawaasaatti hundee jabaa uumuuf gumaacha maallaqaas 650(dhibba jahaa fi shantama taasisanii jiran.