Hogganni ABO Ol-Aanaa Jaal Abbaa Caalaa Lataa Kora Auropaa Irratti Hasawa Godhan/Adoolessa 2013

Aside

Jawar Mohammed’s Clarification on Minnesota Speech

Aside

July 20, 2013 (The Gulele Post) — In recent weeks, several video clips from my speeches at various events have been systematically edited to present a narrative that portrays me in the worst moral and political light. The latest of these doctored videos are pieced together to create the impression that I was advocating violence against Christians in Ethiopia. Needless to say, this is a calculated and horrendous political strategy so commonplace in the Ethiopian political landscape. Let me say as clearly as I can: I find such views so revolting and so repugnant that it has no place in any civil political discourse. Whatever motivated those who engaged in EPRDF style character assassination, this past week has given us an impeccable evidence about the state of our media and the place of truth, and journalistic ethics in their operations.  It is also ironic that many of the individuals and  groups engaged in this propaganda are the same people who  went a long way to disparage me as ’naïve’,  ‘spineless’, and ‘passivist’ for writing and speaking about nonviolence. Given the sensitivity of the issue and the malicious manner in which these videos were edited and presented, I want to take this opportunity to explain the context in which that particular speech was delivered.

On May 25, 2013, I was invited to speak at a town hall gathering organized by Risala International, a consortium of three Minnesota-based mosques. There were several prominent spiritual and secular leaders from various communities in North America. Present were also representatives from the Minnesota delegation to the U.S. congress. Based on my own observation and the organizers account, the audience consisted of Muslim Oromos, non-Muslim Oromos, non-Oromo Muslims, and Ethiopians of other faiths.

Read more:- http://www.gulelepost.com

SBO Adoolessa 21 Bara 2013

Aside

Hoggana haaraa,Yoom,akkamittii fi gaaffii eenyuun??

Aside

MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN

DHIDHIIBBAAN HALAGAA, LAMMATA CABUUDHA

Y.G(2005)

barruuMata dureen barruu kiyya haraa lamadha. Tokko firaaf, tokko diinaaf. Waggoota dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo keessatti waan mulatu hundaaf , sababaan Hogganaa jedhamee kauun dhagaa. Hogganoonni Qabsoo Oromoos komee kana of irraa kaasuuf , Hogganummaa irraa kauu akka dandaan dubbachuu isaanii dhagaeera, argeeras. Ani gama kootiin , Hogganoota qabsoo haa geeddaraman, ykn haa kaan, ykn isaantu qabsoo duubatti harkise yennaa jennu, akka waloottis, dhunfaattis yennaa arrabsinu, salphisnu, Dulloomaniiruu haa kaan yennaa jennu, Namoonni qeeqa kana kaasan, mooraa qabsoo Oromoo akka gaaritti hubatanii ykn xiinxalanii dubbataa jiru ? moo, namni waan jedhuuf afarsaa jiru ? moo , addunyaa irratti waan arginu irraa kaanii , odoo lafaa waa hin qabaatiin ykn sochii tokkollee hin taasisiin lallabaa jiru ? moo, haaluma qabsoon Oromoo itti jiru akka gaaritti qalbeeffannee dubbachaa fi qeeqaa jirra moo, furmaata dhumaatu kanaa jennee dubbannamoo, halgaan isin hogganuu dandeessu jedhanii dantaa isaaniif waan gara garaan waan nu dammaqsaniif dubbannaa ? moo, dhuguma dhaloota haaraa isaan dhaalu qopheeffannee lafaa qabnamoo, namni dhuunfaa hogganoota waliin wal dhabee waan katabee ykn dubbateef waliin dhaabbanna moo, Hogganootuma qabsoo kana kaafnee akka haaraatti of dhaabnaadha moo,.. maal jechuu akka barbaadamu naaf hin liqifamu.

HOGGANA HAARAA…YOOM …EENYUF ……docx

Dhimmoota Sabaa, Ji’a Kana Baatii Adoolessa 2013

Miseensota ABO Kibba Afrikaa Bakka Bu’uun Qophii Kadhataa Mandeellaaf Qophaawe Irratti Argaman.

Aside

Miseensota ABO Kibba Afrikaa Bakka Bu’uun Qophii Kadhataa Mandeellaaf Qophaawe Irratti Argaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2013) Guyya 14/07/2013 Magaalaa Johannesburg bakka JHB City Hall jedhamtutti Hogganoonni amantii adda addaa kan National Religious Leaders Council (N.R.L.C) Abbaa biyyattii fii Africa akkasuma goota Adunyaa tahuun kan beekkamuu fii amma dhukkubsatanii mana yaalaa ji’a tokko kan gahuuf ciisaa kan jiran Nelson Mandellaaf Akka dhukkuba isaan dhibaa jiru kana jalaa dafanii fayyanii Saba isaa fii Maatii isaa jiddutti Fayyadhaan arkaman kadhannaa godhaniif.
Kadhannaan Addaa Kun sa,aa 4:00pm-5:30pm kan fudhate yammuu tahu namoonni abbootii Amantii tahaniifii Hadha manaa Mandellaa durii Addee Winnie Mandella kadhannaa kana irraa qooda fudhachuun Dungoo Mandellaf qabsiisuun fayyaa shaffisaa hawwaniif.
Nuti Miseensoonni ABO sirna kadhannaa kana irratti argamuun Ummata Oromoo bakka buunee fayyaa gaarii fii shaffisaan Akka fayyuu Miseensota keeysaa namoota lama bakka buufachuun, akkuma barametti alaabaa teenya qabatuudhaan, sirnicha irratti argamneerra.

 

Seife Nebelbal Radio Programs Interviews with Artist Aliye and Prof. Merera Gudina

Aside

Hojjettootni hidha Abbayyaa 250 tahan rakkoo fayyaan rakkatan.Kaan hojii dhaabanii galuu irratti argamu

Aside

Adoolessa 19,2013 Finfinnee

Impaayera Itoophiyaa keessatti garboomfataa fi abbaa irreen Wayyaanee uummata humnaan bulchuu irra darbee hojiiwwan misoomaa fakkeessuun galii funaanuun dhimma siyaasaatti fayyadamaa turuun isaa beekamaa dha.Hojii projektii jabaa jedhee eegalee fi dirqamaan uummata irraa maallaqa funaanaa ture keessaa inni hangafti hidha laga abbayyaati.Hidha laga Abbayyaas akka dhimma siyaasaa jabaatti kan fayyadamaa ture yoommuu tahu yeroo ammaa kaan rakkoo fayyaa hojjettoota hidha kanaa mudate dhoksuun mootummaan wayyaanee miidiyaan misooma jettuun ololuu irratti argama.Dhukkuba busaa fi dhabina qulqullina bishaanii naannoo hidha abbayyaa kanatti mudachaa dhufeen mootummaan wayyaanee furmaata kamuu kan kennaa hin jirre yoommuu tahu guyyaadhaa guyyaatti hojjettootni hidha kanaa 70 ol tahan dhukkuba busaa fi garaa kaasaan dhibamaa jiraachuun isaa beekamee jira.Kilinika naaannoo kanatti dhaabbate keessas qorannoon fayyaa fi qorichaa gahaan kan hin jirre yoommuu tahu yeroo ammaa kana hojjettoota hidha Abbayyaa keessaa waraana bakka sanatti ramadame dabalatee 250 ol dhukkuba busaan qabamuun beekamee jira.Hojjettootni naannoo kanaas hojii dhaabuun gara mana isaaniitti deebiaa akka jiran beekamee jira.

Raadiyoo Simbirtuu Adoolessa 18,2013

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Godina Jimmaa

Aside

cropped-logo-qeerroo-oromiyaa3.jpgAdoolessaa 16,2013 Ajjeechaa seeraan alaa torbee darbee keessaa humnotaa poolisaa fi Dabbalotaa mootummaa Wayyaaneetiin barataa sayikoolojii Waggaa 2ffaa barataa Faasil Huseen Umar irraatti rawwatame ilaalchisuun gareen hoggansaa Qeerroo godina Jimmaa I bsaa armaan gadii dabarsee jira.

Ibsa Hooggaantootaa Qeerroo Dargaggootaa Oromoo:
1. Ajjeechaa seeraan alaa barataa Oromoo barataa Faasil Huseen Umar irraatti rawwatameef gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsacha, mootummaan abbaa irree EPRDF ilmaan Oromoo ukkamsee qara dabarsuu, hidhuun dararuu fi ajjeessuu yeroo irraa gara yerootti rawwaachaa kan ture ta’uun beekama. yeroo ammaa kanas karaa dabbaalotaa fi poolisotaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa qabuun baratoota Oromoo barataa Yuunivarsiitii Jimmaatti Sayikooloojii waggaa 2ffaa barachaa jiruu barataa Faasil Huseen Umar balleessaa tokkoo malee reebichaa humna olii dabbalotaa fi poolisotaa sirnnichaan irratti rawwatameen du’uu isaaf itti gafatamaan Mootummaa EPRDF fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa maqaa uummataa Oromoon biyyaa bulchina jechuun ummataa Oromoo ajjeesisaa jirtuu OPDO ta’uu jabeessinee hubachiifna.
2. Dabbaalloonnii fi poolisonnii yakkaa ajjeechaa kana itti yaaduun fudhataan attattamaan akka seeraatti dhiyaataan cimsinee gaafanna.
3. Wajjirrii Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti baratootaa Oromoo Ajjeessuu hidhuu fi dararuuf dhaabbatee kun
atattamaan diigamee, bulchitotni wajjirichaa yakkaa ajjeechaa barataa Faasil Huseen Urmariif akka itti gaafataman jenna.
4. Ajjeechaa seeraan alaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti barataa Oromoo irraatti rawwateef bulchiinsii Yuunivarsiitii Jimmaa itti gaafatamaadha.
5. Yaa Uummataa Oromoo hanaga tokkoon tokkoo ijoollee keenyaa qabamtee akka hoolaa qalamtuttii teenyee eeggachuun fafa. Dargaggoonnii, beektotni, barsiistotni, qonnaan bultootni, daldaltootni,hojii dhabdootni fi Ummaatni Oromoo cfti gumaa ilmaan Oromoo baasuuf, bilisummaa saba keenyaa fiduufi mootummaa abbaa irree of irraa fonqolchuuf iyyaa iyyaa dabarsa, waliifi waliitti haadirmannuu tokkummaan kaanee ajjeechaa seeraan alaa saba keenyaa irraattii rawwaachaa jiruu dura haa dhabbaannuu jechuun ibsa baasee uummataaf tamsaasuun gabaafame.
Injifannoon U/Oromoof!.
Adooleessaa 16/2013
Jimmaa.