Barattooti Yuniversitii Jimmaa Governance and Developmental Studies Kanneen Baratan Gaaffii Belbeltuu Kaasan.

Aside

“Mootummaan Wayyaanee bakka dimokraasiin hin jirretti dimokraasii lallaba,bakka mishoomi hin jirretti mishooma lallaba,iddoo nagaan hin jirretti nageenya lallaba” Barattoota Yuni Jimmaa

QerroooGabaasaa: Sadaasaa 19, 2013 Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Mummee Baranota ”Governance and Developmental Studies” waggaa
tokkooffaa hanga waggaa sadaffaa barachaa jiran walitti dhufuun imaamatni barnota Wayyaaneen gaggeessaa jirtu, sirrii akka hin taane ibsuun ifatti mootummaa EPRDF balaaleffatan.

Imaammatni barnotaa Wayyaanee TPLF fi EPRDF baasee ittiin ummata barsiisu biyyattiis ta’e uumataaf faayidaa kan qabu osoo hin taane dabballoota sirnicha tajaajilu oomishee akka baasu kan gargaaru qofa ta’uu hubachiisan. Lammiileen biyyaattiis ogummaa qabaniin uummata isaanii tajajilanii ofis kan gargara jiran miti.

Yeroo ammaa kanatti baratootni dhaabbiilee olaanoo biyyaatti hunda keessaa waggaa waggaatti baratootni kumaataman lakka’aman degree jalqaba fi lammaffan ni eebbifamu, garuu hojii dhabdee ta’uun jiruuf jireenyaan dararamaa jiraatu.Gama biraan lafa dimookiraasiin hin jirreetti maqaa dimookiraasiin lallabuun lafa mishoomi hin jirretti maqaa mishoomaan lallabuun EPRDF haadhaabbatu kan jedhu kaasanii dabarsaniis department head mummee barnotaa ”Governance and Developmental Studies tti dhiyeeffatan. Gaaffii kana gaafachuuf kan nu dirqee yeroo hundaa biyyaa Ethiopia jedhamtu kan amma Wayyaaneen EPRDF gaggeessaa jirtu kana keessaatti ” barnoonni saayinsiin” barannuu fi kan qabataman argaa jirruu tasuma kan wal hin madaalle ta’uu waan hubanneef sirni kun lammii biyyaa kanaa midhaa jira malee fayyada hin jiru jedhuu baratootni gaaffii mirgaa kaasan. Barattoota Developmental Studies Jimmaa

 

Roorroo Abbaatu Dhoowwata!

Aside

Roorroo Abbaatu Dhoowwata!

Sadaasa 9, 2013

Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee

“Karaa nama yartuu sareen abidda qaqqaammatti.” jedha Oromoon yoo mammaaku. Akkaataa duudhaa Oromoottii, Uumaafi uumamni, jiruufi jireenyi, hangafaa quxusuun, dufaa darbaan, dhiyaa bariin,…. Hunduu safuu qaba. Safuutti bula. Kanaafidha hagamuu jaalatanillee kan sareen gulantaa ol tarkaanfattee namaan qixxee abidda bira hinteenyeef. Kun safuudha! Safuu sabaa eegun ammoo matuma isaattuu ammas safuudha. Kanaaf safuudhaan safuu keessa jiraatu. Maammaaksa olii yoo ilaallu irra keessoon isaa safuu kana tiksuuf. Keessa isaatti garuu dhugaa fageessee akeekutu jira.

Mammaaksi koobaa dubbiitii isaa koobaa beekutu qalbeeffata. Irra keessoo namaatiif dubbii hinmammaakani. Gamna aqlii qabuuf ammoo mammaaksa hiniikani. Abbaatu haala dubbichaa keessaa dhimbiibee baafata. Kanaafan faana mammaaksa kiyyaa isinuumaaf dhiiseen gara waliigala dubbii kootti fuulleffadha. Roorroon salphina dhala. Salphinni dhukkuba. Huuqqisee, yuuyyesseetu cabsee nama hambisa. Kana abbaatu alaalatti ofirraa eega. Kanaaf akka namuu dagatee roorroofi salphinni ulaa isaatiin biyya hinseenne yaadachiisuuf buleessi Oromoo dubbii kana dhalootaaf mammaake. Roorroo Abbaatu

 

Mudaammuddii Dhukkubsatanii karaa hin deemani …

Aside

Tolawaaq Eeliyaas hadooddii lammii isaaf qabu akkasitti ibsata!!

Aside

A one Year Summary of Arrests, Killings, and Disappearances of Oromo Nationals by The Ethiopian Government: November 2012 to November 2013

Qeerroo’s Annual Report

November 16, 2013

QeerrooThe current Ethiopian government has continued widespread mass arrests, unlawful killings, and disappearances of innocent civilians its citizens over the last 21 or so years. Among the communities highly affected by such repression and oppression of the regime, the Oromo people is probably rated as number 1. Oromos have been unable to live in their country in peace since they fell under the rule of the current minority Ethiopian regime. This report partially captures the list of Oromos who have been unlawfully arrested, killed, or disappeared over a period of one year from November 2012 to November 2013, compiled by the National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka Qeerroo. The report is by no means a comprehensive account of the actual number of people arrested, killed, and disappeared. It is rather a tiny fraction of what actually happened in Oromia and in the country at large. As it is very difficult to move in the country and compile reports because the government denies access to information, this report is only the widely known cases that were taken from Qeerroo website as it was reported over a period of one year.

As is known the National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka Qeerroo was formed in 2011 by Oromo Youth to ignite the so called “Revolt Against Subjugation” (aka Fincila Diddaa Gabrummaa) in Oromia with the objective of averting the repression of Oromo nationals by the Ethiopian authorities through civil disobedience.

List of Oromos fired from their job in Western Shoa Ejere district ( November 11-2012)

  1. Girma Ararsa, health professional
  2. Abbaba Gidira, health professional
  3. Dhaqqaba Tafarra,  health professional

List of Oromo students dismissed from Madda Walabu University, November 15, 2012.

  1. Abdissa Degefa
  2. Beniyam Geremu
  3. Dagim Yitagezu
  4. Jirenya Nemomsa
  5. Yared Argata
  6. Wako Wariyo
  7. Liben Gelalcha

Student Abdi Bilisumma was thrown into jail for having this name (“Abdi Bilisumma” means “hope of Freedom”), November 25, 2012

Read More:- Qeerroo’s Annual Report Nov 2013

Sadaasa 9, Guyyaa Kabajaa FDG ilaalchisee Gabaasa ORO-TV Oslo Norway

Aside

ህዳር 9 የሚከበረውን የፀረ-ባርነት አመፅ ቀን አስመልክቶ ከኦሮሞ የወጣቶችን ነጻነት (ቄሮ) የተሰጠ መግለጫ

Aside

Qeerroo

ህዳር 9 የሚከበረውን የፀረ-ባርነት አመፅ ቀን አስመልክቶ

ከኦሮሞ የወጣቶችን ነጻነት (ቄሮ) የተሰጠ መግለጫ 

ባለፈው አንድ አመት (ከህዳር 2012 እስከ ህዳር 2013) ውስጥ የታሰሩ፣ የተገደሉና የደረሱበት ያልታወቀ የኦሮሞ ልጆችን በተመለከተ፤

የኦሮሞ ህዝብ ለወያኔ አገዛዝ አንድም ቀን ፍቃደኛ ሆኖ አያውቅም፡፡ በመሆኑም ባለፉት 21 ዓመታት ይህን ጨቋኝ ስረዓት በመቃወም ብዙ መስዋትነትን ከፍሏል፡፡ በኦሮሚያ ውስጥ የመብት ጥያቄ የሚያነሱትን በየጊዜው አድኖ ማሰርና ማፈን የወያኔ መንግስት የአስተዳደር ስረዓት ባሕል እንደሆነ ይታወቃል፡፡

ከህዳር 9/2012 እስከ ህዳር 9 2013 የፀረ-ባርነት አመፅ እያካሄዳችሁ ነው ተብለው በርካታ ቁጥር ያላቸው ኦሮሞዎች እስር ቤት ውስጥ የታፈኑ ሲሆን ገሚሶቹ ደግሞ የተገደሉና የደረሱበት ያልታወቁ ናቸው፡፡ ባጠቃላይ በዚህ አንድ አመት ውስጥ በርካታ የፀረ-ባርነት አመፆች በመላው አገሪቷ ተካሂዷል፡፡ ወያኔም እስራትና ግድያ ሲፈፅም ነበር፡፡ በዚህ አመት ውስጥ ለኦሮሞ ነጻነት ሲታገሉ የታሰሩ፣ የተገደሉና የት እንደደረሱ ያልታወቁትን ለማስታወስና በአለም ላይ የሚገኘው ብሔረሰባችን የታጋዮቻችንን መብት ለማስከበር በሁሉም ቦታ እንዲፋለም የኦሮሞ የወጣቶች ነጻነት ንቅናቄ የታሰሩትን፣ የተገደሉትንና የት እንደደረሱ የማይታወቁትን መችና የት እንደታሰሩ ችምር መዝግቦ እንደሚቀጥለው አቅርቧል፡፡

በህዳር 11 2012 ምዕራብ ሸዋ ዞን ኤጄሬ ወረዳ ውስጥ የሀገር ባለቤትነትን የሚመለከቱ ጥያቄዎች ጠይቃችኋል ተብለው ከስራ የተባረሩ የኦሮሞ ልጆች፡-

1. አቶ ግርማ አራርሳ – የኤጄሬ ወረዳ ረዳት የእንሰሳት ሀኪም

2. አቶ አበበ ግዲራ – የኤጄሬ ወረዳ ረዳት የእንሰሳት ሀኪም

3. አቶ ደቀባ ተፈራ – ረዳት የእንሰሳት ሃኪም

በኢሉባቦር ዞን ጮራ ወረዳ የተጠየቁትን የመብት ጥያቄዎች ከኦነግ ጋር በመሆን እያቀናጀ ነው ተብሎ መምህር አበበ ተካ ህዳር 14/2012 እ.አ.አ ወያኔዎች አፍነውት እስር ቤት ወስደውታል፡፡

ህዳር 15/2012 እ.አ.አ በዩኒቨርሲቲዎች ውስጥ በተከታታይ ሲነሱ ከነበሩት የመብት ጥያቄዎች ጋር ተያይዞ መደወላቡ ዩኒቨርሲቲ ለወያኔ መንግስት ጥላቻ አላችሁ ተብለው ከዩኒቨርሲቲ የተባረሩ የኦሮሞ ልጆች፣-   Read More:- ህዳር 9 የሚከበረውን የፀረ-ባርነት አመፅ ቀን አስመልክቶ

Diddaan barattootaa Yuunivarsiitiilee keessatti itti fufe.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGYuunivarsiitii Madda Walaabuu keessattis barattootni gamtaan shira Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu Qeerroon YMW gabaase.

Haala kanaan Gaaffiiwwan mirgaa fi diddaawwan barattootaa Yuunivarsiitiilee keessatti jabaachuun mootummaa wayyaanee hedduu dhiphisee jira. Haalli kunis daran jabaachuun Yuunivarsiitii Madda walaabuu kampaasii Roobee keessatti diddaan barattootaa dhalatee jira. Barattootni Kampaasii Roobeetti baratan kunneen shira mootummaan wayyaanee gama tajaajilawwan barattootaaf kennamu hanqisuun dhimma siyaasaaf oolchuu irraa of haa qusatu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Diddaa kanaanis barattootni baay’inaan 294 tahan guutummaan gamtaan shira wayyaanee mormuun petition funaanuun mootummaan wayyaanee dhiibbaa barattoota irraan gaggeessu haa dhaabu jechuun iyyannoos galchanii jiran.

Haalli kunis jabaachuun barattoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu main campus keessattis dararaan barattoota irraan gahu akka dhaabbatu mallattoon funaanamaa jira.

Mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessuu itti fufe. Ilmaan Oromoo kitaaba Afaan Oromoo dubbisanis qajeelfama ABO dubbisaa jirtu jedhamuun hidhamaa jiru

Aside

Sadaasa 16,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee duula hidhaa gaggeessaa kan as gahe ammas jabeessuun dargaggoota Oromoo yakka tokko malee hidhuun rakkisaa jira.
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Abbay Coomman keessattis dargaggoota Oromoo isin meeshaa waraanaa dhoksaan qabdu maqaa jedhuun duula hidhaa gaggeessaa jira. Meeshaa waraanaa kana ABOtu isinii kenne jechuun sakatta’insa jabaa duulaan gaggeessaa jira. Barataa kutaa 10ffaa kan tahe Barataa Dabalaa Hirkoos ati boombii qabda baasi jechuun reebanii miidhaa jabaa irraan geessisanii jiran. Mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessus gaaffiiwwan mirgaa irraa kan nu dhaabu humni kamuu hin jiru jechuun dargaggootni Oromoos guutummaan qabsoo jabeessaa fi waamicha walii dabarsaa jiran. Jala deemtotni mootummaa wayyaanee duula hidhaa kana gaggeessuu gooftolii isaanii irraa kan fudhatan yoommuu tahu uummatni gamtaan dura dhaabbachaa jira.

Duula sakatta’insa manaa fi karaa irratti jabaateenis uummatni Oromoo qabsoo irraa duuba akka hin deebine qeerroon Horroo Guduruu addeessee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina shawaa Kibba lixaa Alamganaa keessatti ilmaan Oromoo kitaabawwan afaan oromoo dubbisan qajeelfama ABO dubbisaa jirtu jedhamuun hidhamaa jiru. Haala kanaanis Obbo Baqqalaa Aangeessaa jedhamu kitaaba Afaan Oromoo SAFUU jedhu osoo dubbisuu mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbamee qorannoon rakkachaa jira.

SBO Sadaasa 17 Bara 2013

Aside

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Sadaasa 14,2013

Aside