Yuunivarsiitii Amboo barattootni muummee AGRI BIOPROCESS ENGINEERING sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan

Aside

Sadaasa 22,2013 Amboo

OromiaALutaContinua2011FDGDhiibbaan mootummaan Wayyaanee gaggeessaa ture daangaa hin qabu. Ilmaan Oromoo guutummaan gaaffiiwwan mirgaa kaasaa; wareegama barbaachisaas kaffalaa as gahan. Barattootni Oromoo addatti qabsoo fincila diddaa garbummaaf taasifamu keessatti qooda olaanaa bahaa turan. Yuunivarsiitii Amboo keessatti haalli kun itti fufuun barattootni gamtaan sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jiran. Mootummaan wayyaanee barattootaa fi baajata barnootaan bittaa umrii isaa dheereffachuuf kan akeekkate irratti barattootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran. Yuunivarsiitii Ambootti barattootni muummee AGRI BIOPROCESS ENGINEERING baratan sirni bulchinsa mooraa Yuunivarsiitii fi kabajaan barattootaaf kennamu hir’achuu irraa dura dhaabbannaa gaggeessaa jiran. Mootummaan wayyaanee diddaan kun irra deddeebbiin ka’uu irraa bulchinsa mooraa Yuunivarsiitii qorannoon rakkisaa jirti. Pirezedaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Mitikkuu Teessoos mootummaa Wayyaanee waliin tahuu irra barattoota waliin yoo taate kabajaa qabda jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Amboo dhaamsa dabarsanii jiran.

Raadiyoo Seife Nebelbal,Sadaasa 21,2013

Aside

Oromo TV:Oromo1st in DC/ Dhaamsa Guddoo!!!

Aside

OSA Open Leter to Prince Mohammed bin Naif bin Abdulaziz

Aside

osa_logoNovember 20, 2013

Prince Mohammed bin Naif bin Abdulaziz,
Minister of Interior,
Kingdom of Saudi Arabia
PO Box 11134
Riyadh – Kingdom of Saudi Arabia

Your Excellency,

We, the Oromo community associations in North America and the Oromo Studies Association, write this letter in relation to the situation in the kingdom of immigrant workers, refugees, and asylum seekers from Ethiopia, specifically concerning the Oromo people from Ethiopia. We heard and observed with disbelief and a profound sense of grief the awful news coming from Saudi Arabia. The graphic images and videos of indiscriminate beatings of defenseless immigrant workers, ostensibly at the hands of Saudi Arabian law enforcement officials and vigilantes, has clearly shocked and enraged us. Law enforcement officials have randomly rounded up, kept tens of thousands of the immigrants in concentration camp-type facilities, and deported many thousands more to Ethiopia without regard to individual cases and needs. More:- http://www.oromiapress.com  , http://www.gadaa.com , http://www.ayyaantuu.com

Raadiyoo Simbirtuu Sadaasa 21,2013

Aside

Matootii Oduu

  • Sochii fi Injifatnoo WBO
  • Sochii Qeerroo Bilisummaa Yuniversitiilee
  • Miidhaa Lammiilee Ethiopia biyya S.Arabiyaa fi kkf

Ibsa Infoo Deeskii ABO

Aside

abo

Godaantota Biyyoota Ambaa Keessatti Balaa Mudataniif Kan Itti Gaafatamu Sirnuma Biyyan Bulcha Ofiin Jedhu Wayyaanee ti

Ibsa Infoo Deeskii ABO

Ilmaan Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo biyya keessatti hojjetatanii guddachuu dadhabuu irraa baruma baraan biyyoota ollaa fi fagootti godaanu. Kana keessatti lakkoofsi ilmaan Oromoo haalaan guddaa dha. Irra guddaan isaanii karaa seeraan alaatiin biyyoota ollaatti godaanu. Biyyoota ollaa irrattis dhiibbaa sirna Wayyaaneetiin nageenya dhowwatamanii fagaatanii deemuuf jecha balaawwan rifaasisaa adda addaa mudatu. Haala kanaan baqattoonni Oromoo fi saboota biroo Sudan, Somalia, Somali Land, Punt Land, Djibouti, Kenya, Suudaan Kibbaa, Yemen, Saudi Arabia, Dubai, Bahrain, Lebanon, Qatar, Masr, Libya fi Afriikaa Kibbaatti faa godaananii argaman kumoota dhibbootaan herregamu.

Godaantonni kun gariin isaanii rakkoo siyaasaatiif biyya jaalatan irraa baqatan. Gariinis biyya keessatti dalagatanii guddachuuf, of jiraachisanii fira ofiis gargaaruuf hiree dhowwatamanii, cunqursaa bifa adda addaan hiraafamanii carraa hojii wayyaa barbaachaaf jecha biyyaa bahan. Biyya isaanii keessatti nagadanii, qotatanii yookiis ogummaa qaban birootiin hojjetanii akka hin guddanne sirna aangoo irra jirutu gufuu itti tahe. Wayyaaneen ilmaan biyyaa siyaasaa mootummaa irraa walaba tahanii hojjetatanii buluu barbaadaniin dirqamatti miseensa paartii kootii taatan malee jedhee doorsisa. Warra kana dide sababa itti barbaadee carraa dalagaa itti cufa. Warra qotatu gatii xaahoo fi sanyii filatamaa dhowwata, yookiis garmalee gatii itti qaalessa. Warra nagadu eehama daldalaa irraa fudhatee qarshii kuma hangas kafaltu malee hin argattu ittiin jedha. Warra baankii irraa horii liqeeffatee daldalatti seenuu barbaaduun dura waraqaa miseensummaa paartii keenyaa fidi ittiin jedha. Haloonni akkasii kun ilmaan biyyaa biyya abbaa isaanii irratti hojjetanii guddachuu fi biyyas guddisuu mannaa hiyyuummaa fi cunqursaa jalaa baqachuuf qalbiin isaanii akka godaansa yaadu taasise. Lakkoofsi namoota Itoophiyaa irraa gara biyyoota adda addaatti godaananii kan biyyoota ollaa keenyaa kamiiyyuu caalaa kan guddatee argameef dhiibbaa mootummaa kana fakkaatu irraati yoo jedhame dhugaa irraa fagaachuu hin tahu.

Info Desk ABO Haala Yeroo irratti.doc

OLF Info Desk on Current Affairs.docx

TVOMT-Gaafif Deebii Gaazexeessaa obboo Sifan Miidhagsaa waliin Goone Hordofaa

Aside

SBO Sadaasa 20 Bara 2013

Aside

Adeemaas olanii adeemaas bulani,Milkiin gaafa tokko!! 

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Hawaasaa Guyyaa FDG Sadaasa 9 Sirna Howwaan Kabajatan.

Aside

Sadaasa  20,2013 Gabaasa QB-Hawaasaa

Sadaasa 9,013Yaadannoon FDG Sadaasa 9,2013 Yunivarsiitii Hawaasaa Kampaasii Awaadaatti sadaasa 17,2013 haala hoo’an yaadatamee oole.

Qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kampaasii Awaadaa Oromoota jiraattota magaalaa Yirgaalam waliin ta’uun mooraa yuunivarsiitichaatin alatti haala hoo’an sagantaa isaanii dabarsanii jiru.

Tartiibni qophii sagantichaa akka itti aanutti qindaa’ee jira;

-Hirmaattota sagantichaatu iddoo qabate

-Mana keessaa qeerroon tokko olka’uun akkas jedhee saganticha jalqabsiise” kuun sagalee qeerroo oromoo yuunivarsiitii hawaasati amma sagantaan keenya jalqabee jira”

-Sagantaa dungoo qabsiifannaatu raawwatame

-Sagantichi eebba namoota sadiin baname

-Hundumtuu lafa taa’uu olka’eet gootota Oromoo osoo hadhaa qabsoo dhandhamanuu dirree irratti hafaniif daqiiqaa sadihii yaadannoo sammuu taasisan

-Haasawa baniinsa sagantichaatu taasifame walitti qabaa qeerroo yuunivarsiitichaa kan ta’e jaal Sabboonaa Roobatiin

Walitti qabaan qeerroo yuunivarsiitichaa akkas jechuun yaada jajjabinaa dubbate guyyaan kun akka mooraa keenyatti qofa osoo hin ta’in akka guutummaa oromiyaa fi idila addunyaatti waanta’eef hundumti keessanuu waggaa waggaadhan lafuma jirtanitti haala qajeelcha fi labsii ABOn baasun masakamtanii kabajuun dirqama oromummaa tokkoon tokkoon keessan irra jiru jedhe. Guyyaa kana sababeeffachuunis irbuu isaanii haaromfatanii jiru, akkasumas immoo koree hojii raawwachiiftuu haaraa namoota shan filatanii jiru.GABAASA QEERROO YUNIVARSIITII HAWAASAA