Oromo Voice Radio broadcast on March 8, 2014

Aside

SBO Bitootessa 09 Bara 2014

Aside

Aside

Walaloo

Abdii Baalee Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Garaa kee guutuu dhaaf diinatti michoomtee,
Alagaatti galtee,garaa har’aaf jettee,
Namummaa fi lammummaa saba kee dagattee,
Warroonni qomoo koo dararuuf murattee,
Ijji kee hin garree aduu sitti dhiitee,
Garaa alagaadhaaf saba si dagsiiftee,
Kan darbe irraa baruu qalbiin kee dagattee,
Diina waraanuu qabdu fira taasifattee,
Qomoo qoma kankee,waraanuuf kutattee,
Qabsaayaa fi qabsooftuu gufuu itti taatee,
Icciitii saba koo alagaadhaaf laattee,
Of duuba hin ilaallee,diina firoomfattee,
Ajjeechaa qomoo kee,beekumsaa godhattee,
Seenaa dagachuudhaan dhugaa afaan teettee,
Eessa akka jirtuu fi eessaa akka baatee,
Eenyuu irraa akka baatee fi eenyuun akka taatee,
Biddeenni alagaa sunuu eessaa dhuftee,
Tan firaa fi firiyyoo tee si wallaalchistee,
Dhiiga lammii keetii ta’uu maaf dagattee,
Tasallee hin yaadanne,foon kee ofirraa murtee,
Har’uma dammaqii,kaleessi dabartee!!!

Hayyoota qomoo koo,bakkayyuu jabadhaa,
Wallaalaa fi jarjaraa keenya nuu gorfadhaa,
Afaan tokko ta’aa wal moggaa dhaabadhaa,
Alagaa osoo hin taane,ofii wal yaadadhaa,
Diinni yoomuu diinaa,irrumaa fagaadhaa,
Gamtaa tokko ta’aa harka wal qabadhaa,
Abdii hin kutatinaa carraan keenya baldhaa,
Nuti tokko taanaan bilisni dhiyoo dhaa,
Cumaa diina keenyaa,gad naquuf muradhaa,
Bilisummaa keenyaaf alagaa falmadhaa,
Oromiyaa baldhoo,bilisoomsuu fedhaa!!!

Sabaa koo Oromoo mee yaada naaf laadhaa,

Furmaanni BILISUMMAA yoomuu TOKKUMMAA dhaa,

Yoo dogoggorellee dhiifama naaf godhaa,

Na baruu barbaannaan Abdii Baalee Oromiyaa jedhaa,

Hanga yeroo biraatti nagaan naaf jiraadhaa!!!!

 

OMN BITOOTESSA 7 – XIINXALA DU’A OBBO ALAMAAYYOO ATOOMSAA

Aside

Seife Nebelbal Radio Progrom interview with Dr. Merera Gudina

Aside

Qophiilee OMN Bitootessa 6, 2014

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Bitootessa 6,2014

Aside

Yaadannoo Wareegamuu Goota Oromoo Barataa Wandimmuu Daamanaan Wal Qabatee Barattooti 6 Ukkamfaman.FDG Itti Fufe.

Aside

Wandimmu DGabaasaa: Bitootessaa 06/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii fi Aanaa Calliyaa Geedootti FDG haalaan jabaata ta’ee itti fufe jira. Goototni Qeerroon baratootni Oromoo mana barumsaa Ballaammii sadarkaa lammaaffaa fi qophaa’ina fi mana barumsaa Geedoo sadarkaa lammaa fi Qophaa’ina guyyaa kana waggaa shanaffaa wareegamuu barataa Sabboonaa Oromoo Wandimmuu Dammanaa barataa kutaa 11ffaa M/B Geedootti utuu baratuu arrabsamuu fi maqaa xurreessa ilmaan habashaa fi ergamtootni Wayyaanee Uummata Oromoo irraatti gaggeessan mormuun diddaa bara 2001 akka lakkofsa Ethiopiatti FDG gaggeeffame keessatti adda dureen uummaata keenya maqaa xurreessuun, lafafuun, hadheessuuni fi xiqqeessuun dhaabbachuu qaba jechuun warreen FDG kaachisan keessa barataa Wandimmuu Dammanaa nama tokko waan ta’eef Diddaa baratootni Oromoo gaggeessan dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee humna waraanaa of harka qabu itti bobbasuun dhukaasaa baratoota Oromoo irraatti godheen barataa Wandiimmuu Dammanaa ajjeefamuun ni yaadatama.
Kanuma sababeeffachuun goototni baratootni Oromoo mana barumsaa Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi Geedoo sadarkaa 2ffaa Bitootessaa 2 fi3/2014 yaadannoo sabboonaa Barataa Oromoo Wandimmuu dammanaaf yeroo shanaffaaf si’a gaggeessan kanatti dhunguu halluu alaabaa ABO qabsiifachuun guutummaatti barnoota dhaabuun yaaddannoo sammuu yeroo taasisan, kayyoo bilisummaa fi kabajamuu mirga Oromoo goototni ilmaan Oromoo bara baraan irraatti wareegaman yaadachuun qabsoo bilisummaa Oromoo fulduratti tarkaanfachiisuuf FDG egalamee jiru ni jabeessina jechuun barruu warraqsa FDG kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo of irraa qabu Qeerroon bilisummaa Oromoo hoggansii dhiha Oromiyaa maxxansee uummataaf tamsaasaa jiru, Guutummaa magaalaa Ballaammii fi Geedoo keessatti uummataaf rabsuun barnotaa dhaabuun FDG qabsiisuun mormii wayyaaneef qaban ifatti argisiisan.
Kanaan wal qabatee M/B Ballammiitti sirni baruu fi barsiisuu guyyota lamaan kanaaf dhaabbate jiraachuun ibsame jira, sabaaba FDG armaan olitiin walqabatee Baratootni Oromoo nagaanhumna poolisii wayyaaneen qabamanii wajjira poolisii Aanaa Midaa
Qanyiitti hiraarfaman:
1,Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa
2 .Alamuu Tayyee barataa kutaa 10ffaa
3. Dammumaa Tasfayee barataa kutaa 10ffaa.
4. Tashoomaa Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa
5,Guddataa Moosisaa barataa kutaa 10ffaa
6. Geetuu Cimdeessaa batarataa kolleejji irra eebbifame hojii dhabee ta’aa jiru kanneen keessatti argaman baratoota Oromoo nagaa namoota 24 hidhuun hiraarsuu ibsamera. maqaa baratoota hafanii kan qaqqabsifnu ta’a.

 

Oromo Voice Radio broadcast to Oromia on March 5, 2014

Aside

Qeerroon Dhiha Oromiyaa Magaalaa Jimmaa fi Mattuu Keessatti Baruulee Warraaqsaa Heddumminaan Tamsaasuun Gabaafame.

Aside

Gabaasa Bitootessa 05,2014 Jimma

Gaafa Bitootessaa 4/2014 irra eegaluun barruun Afaan qawween ukkaffamuun yoomiyyuu gaaffii mirga abbaa biyyummaa dhaabuu
akka hin dandeenye hubachiisuu fi itti fufinsaa FDG of irra qabu barreeuuleen warraaqsaa garee Qeerroo bilisummaa Oromoo dhiha Oromiyaatiin bittinnefame.Guuutummaa ergaa barruu kanaaf:-

Mirgii Uummataa Oromoo fi Lammilee biyyattii Afaan Qawween Ukkaffamaa jira11234.docx