Lixa Shawaa Geedoo Irraa Barattootni Oromoo 5n Tikoota Wayyaaneen Ukkaamfaman.

Aside

Bitootessa 05,2014 Geedoo

WandimuGabaasaa Qeerroo Shawaa Lixaa Geedoo irraa;Bitootessa 05,mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu irraa boodatti jechaa akka hin jirre gabaasota yeroodhaa gara yerootti dhiyaataa jiran irraa kan hubatamuudha. Akka gabaasaa Qeerroo ibsutti yaadannoo barataa kanaan dura Wayyaanee dhaan ajjeefame barataa Wandimmuu Daammanaa jedhamu yaadannoo isaaf barattootni mana barumsaa Geeddoo sadarkaa 2ffaa keessatti taasisaniin barattootni 5n tikoota Wayyaaneen qabamanii ukkaanfamanii jiru,kunis yaadannooma barataa due kanaaf godhameen achi keessatti haaloo bahuudhaaf walitti dhuftan,ejjennoo keessan cimsachuudha kan jedhuun mootummaan Wayyaanee barattoota adda duree dha jechuun qabaman maqaan isaanii kanaa gaditti kan ibsame:

1. Darejjee Baqqalaa-barataa kutaa 10ffaa
2. Namarraa Galataa-barataa kutaa 10ffaa
3. Tolasaa Guutaa-barataa kutaa 10ffaa
4. Mokonnin Xuwwii-barataa kutaa 12ffaa
5. Jamaal Abdii-barataa kutaa 12ffaa.

Barattootni kun yakka tokko malee yaadannooma barataa kanaaf godhameen tikoota wayyaaneetiin hara Bitootessa 05 qabamanii ukkaanfamanii jiru jedha Qeerroon magaalaa Geedoo irra.

Gabaasa bara darbee:- https://qeerroo.org/?s=Wandimmuu+Daammanaa+&submit=Search

Diddaan Qeerroo Godina Addaa Finfinnee Keessaatti Jabaatee Itti Fufe!

Aside

Bitootessa 05,2014 Finfinnee
Ammaan dura godina Addaa Finfiinnee A/Sulultaa,Akaakoo,Garba Gurraachaa fi Gullallee Gabir’eel keessatti diddaan sabboontota oromoon jabaatee akkasuma barattootaanis fincilli kan qabate gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Haaluam saniin wal qabatee gabaasaa Qeerroo magaalaa Sulultaa irra addeesaa jiruun Bitootessa 03 aanaa Gulallee Gabri’eel jedhamu keessatti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa baratan gaaffiin yeroodhaa yerootti qeerroodhaan gaafatamaa jiru keessuma lafti oromoo hin gurguramin? barataan oromoo maalif hojii hin argatuu??? ilmaan oromoo maaliif mana hidhaatti dararamu yakka tokko malee kan jedhuuf dhiyaate ture keessatti deebiin hanga ammaatti kennamuu osoo hin taanee itti gochi kun mootummaa wayyaaneedhaan jabaachaa dhhufeera,hanga gaaffiin kun deebii argatutti nutis ta’e barataan oromoo kamuu barumsa dhaabuu qaba kan jedhu qabatanii diddaa kaasaanii jiru,Akkasuma magaalaa Akaakoo irratti manni barumsaa 1 hanga 8ffaatti barattootni osoo barsiisonni dhimma isaa adda hin baasin sochii sabboontota oromootiin gaggeeffameen mooraadhaa bahanii barumsa dhaabanii gara qe’eetti galanii jiru guyyaa lamaaf Bitootessa 02 irraa kaasanii,deebii dhaabuu gaaffii mirgaa hanga yoonatti gaafatamaa jiru sababeessuudhaan barattootni barumsa dhaabanii akka jiran akkasuma ammoo mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaanis sirna wayyaaneetiin hanga yoomitti gaggeeffamna kan jedhuun barumsa dhaabanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira mana barumsaa kanattis qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jira hedhu,sochiin Qeerroo diddaaf haalota mijeessuu dabalatee daran jabaatee itti fufa…

SBO Bitootessa 05 Bara 2014 – Itti baha walgahii hawaasa Oromoo Kaaba Norwayii fi odeessa qabnu dhaggeeffadhaa

Aside

Ka’i kaatee dubbiin booree taate!!! Artist Hirphaa Gaanfuree

Aside

OMN News – Oduu : March 4th, 2014/ OMN tamsaasa eegale

Aside

Aside

A NEW TV NETWORK FOR ETHIOPIA’S LARGEST ETHNIC GROUP

OMN2014_Feb22March 3, 2014, Finfinnee (Addis Standard) — Oromia Media Network (OMN), explained by its founders as “an independent, nonpartisan and nonprofit news enterprise whose mission is to produce original, impartial, citizen-driven reporting,” was inaugurated on March 1st 2014.

OMN is based in Minneapolis, Minnesota, where the largest and most active Ethiopian origin ethnic Oromo Diaspora lives. “The goal of this network is to create multilingual news and programs that will serve as a reliable source of information in the greater horn of Africa region,” reads a statement from the founders that include Dr. Hamza Abdurezak , Chairman of Board of Trustees and Girma Tadesse, Executive Director.

According to the founders, OMN has a structural governing body that consists of the Board of Trustees, Executive Council and Editorial Board. The Board of Trustees is supervisory body of OMN, while the Executive Council is responsible for the overall management of the organization. The Editorial Board is charged with the development and production of news and other programs.

“We hold ourselves to the highest journalistic standards but unabashedly and proudly offer a uniquely Oromo perspective. We also aim to connect the growing Oromo diaspora to its homeland using innovative digital tools and people-centered storytelling techniques. Our high quality, high-impact multimedia content will be available in easily accessible formats including on the web, mobile devices, social media, satellite television and radio.”

Source: Addis Standard

Oromo Voice Radio, March 3, 2014

Aside

Hojjetootni Mootummaa Magaalaa Hararii fi Yuuniversitii Haromayyaa Irraa Hojii Gadhiisaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Bitootessa 2,2013 Haromaya

DIDDAAHara Bitootessa1,2014 gabaasaan Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa irraa ibsutti ammaan dura hojjetootni mootummaa 1000 ol taan dhimma eda’iinsa miindaan wal qabatee waggaa tokkoon dura godina Harargee Haromayaa keessaa diddaa kaasaniin hojii irraa ariyatamuun ni yaadatama, ammas bifuma wal fakkaatuun hojjetoonti walii galaan kan mooraa yuuniversitii Haromayyaa(barsiisota) fi hojjetoota waajjiraalee garagaraa keessaa dalagan guutummaa magaalaa Hararar keessatti argaman gaaffiiwwan wal fakkaatoo inni duraa hojjetootni armaan dura hojii irraa ariyamanii jiran hojiitti haa deebian; jireenyi hedduu nutty qaalaeera kanaaf miindaan nuuf haa dabalamau jedhu qabatanii jiru,gaaffiin kunis hanga ammaatti deebii kan hin arganne gaaffiin kun mootummichaattti kan dhiyaate jioota tokko ol yoo tahu hojjetootni akka walii galaatti magaalaa Hararii fi mooraa yuuniversitii Haromayyaa keessatti argaman hunduu hojii dhaabanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira barattootni barsiisonni hojii dhaabaa waan jiraniif barumsa argachuun dhabaa jiru isa kanaaf diddaan gara magaalaa kanaatti jabaatee akka jiru gabaasaan Qeerroo addeessaa jira. Itti Fufa!

Wayyaaneen Uummata Oromoo maqaan ABOn hiraarsuu irra darbee keessa Caasaa isaa goolaa jira.

Aside

Bitootessa 1,2014 Finfinnee

Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee gara itti goru dhabeetu jira gama hunda diddaan kautti waraana isaas ramadee diddaawwan qabatan dhaamsuuf yaalullee hin dandeenye,gara caasaa isaa shakkuutti geessee jira,namoota dur shakkaman hunda walitti qabuudhaan qorannaa irratti gaggeessaa,isaan kaan ammo bakka buuteen isaanii dhabamaatu jira,hojjetotas tae barattoota. Gabaasaa Qeerroo Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Wallisoo irraa Bitootessa gaafa 01/2014 addeessuun magaalaa kana keessa kan jiraatan nama lama bakka buuteen isaanii dhabamee jira,akka gabaasaa Qeerrootti maqaa ABOtiin kan yakkamaniidha namootni lamaan kuni jireenyaa magaalama Wallisooti. Kanneen kunis

1. Tafarii Mokonnin-yuuniversitii Finfinnee irraa kan eebbifame garuu hojii dhabee kan jiru;
2. Girmaa Dhugaasaa-yuuniversitii Amboo irraa kan eebbifame yoo tahu namootni kun lamaan siyaasa ABOtiin tikoota wayyaaneen qabamanii ukkaamfamanii jiru,kunis olitti akkuma caqasne gaafa Bitootessa 01/2014 ti. Maatiidhaan akkasuma hiriyoottaniin hanga ammaatti hordofamanii kan dhabaman tahuu isaanii gabaafamee jira. Mootummaan Wayyaanee ammallee saba oromoo keessaa kan sabboonummaa qaban adamsaa jirti,abjuun hiika argachuuf dhiyaateera,diinni ilmaan oromoo hojii hojjetetti yeellauun isaa kan hin oolleedha,ammas jabaatee shira gurguddaa ilmaan oromoo irratti raawwachaa jiraatus kufaatiin isaa kan itti dhiyaate sochii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru,wal nyaatinsii fi walitti buiinsi caasaa isaanii gudduutti taaa jiru kuni mallattoo kufaatii wayyaanee tahuun isaa ibsa, diddaan yeroo ammaa wal qabatee kaaa jiru uummata oromoo fi barattoota oromoo jabeessaa fi onnachiisaa jira,ammallee qabsoonii fi diddaan itti fufa hin dhaabbatu!!!

Oromo Voice Radio, March 1, 2014

Aside