Gaaffiin abbaa Biyyummaa Jabaachuun itti fufe. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo fi Uummatni gamtaadhaan dhaadannoo dhageessisan

Aside

Ebla 25,2014 Amboo

DiddaaGaaffiin mirgaa abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Uummata Oromoon eegale jabaachuun itti fufe. Haalli kun jabaachaa kan Dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessattii fi magaala Amboo keessatti Barattootni Yuunivarsiitii Amboo sagalee didda dhageessisuun Hiriira nagaa bahan. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo akka seerri biyyattii eeyyamutti hiriira nagaa gageessuuf wayita gaafatanitti mootummaan wayyaanee waan dideef Gaaffii mirgaa irraa humni nu dhaabuu danda’u hin jiru jechuun gamtaan bahuudhaan dhaadannoo hedduu dhageessisanii jiran. Goototni barattoota Yuunivarsiitii Amboo gamtaan dhaadannoowwan wayita dhageessisan Mootummaan garboomfataa wayyaanee waraana itti bobbaasus osoo duuba hin deebi’iin hiriira nagaa gaggeessanii jiran. Waraanni mootummaa wayyaanee humni addaa magaala Amboo kan seene yoommuu tahu gaaffii abbaa biyyummaa Uummatnii fi barattootni gaafatan duuba deebisuu hin dandeenye. Yuunivarsiitii Amboodhaa fi Uummata Magaala Amboodhaan dhaadannoowwan dhageessifamaa oolan

  1. Oromiyaan biyya Oromooti.
  2. Finfinneen handhuura Oromiyaati
  3. Gaaffiin Mirgaa Uummata Oromoo haa deebi’u
  4. Leellistootni sirna nafxanyaa haa buqqa’an
  5. Siidaan Minilk haa buqqa’u
  6. Ilmaan Oromoo hidhaman haa gadhiifaman
  7. Oromoon tokkuma
  8. Gaaffiin abbaa biyyummaa Shororkeessaa nama hin godhu
  9. Buraayyuu fi Sabbataa Murree hin kenninu
  10. Afaan Oromoon Afaan federaalaa haa tahu
  11. Muktaar Kadir diinota Oromoo dura dhaabbachuu qaba
  12. Qotee bulaaf iyyanna
  13. Keeyyatni 39 hojii irra haa oolu
  14. Wayyaaneen Garboomfataa dha
  15. Gumaa Barattoota keenyaa ni baafannaKanneen jedhanii fi dhaadannoowwan hedduu kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa daran jabaachaa dhufeen muddama guddaa keessa seentee jirti. Qeerroon bakka jiruu harka wal qabatee gaaffii abbaa biyyummaa akka finiinsu addeessee jira.

    Injifannoo Uummata Oromoof!!

    Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

FDG Itti fufe!!!! Gaaffii Mirgaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Haromayaa fi Deebii President  Yuuniverstii Haromaya Irraa Kenname.

Aside

Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffiin abbaa biyyummaa Hiriira bal’aan itti fufe. Mootummaan Wayyaanees dhiphina keessa seene

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGaaffiin abbaa Biyyummaa Oromiyaa keessatti eegale daran jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Hiriirri nagaan gaggeeffame. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni Oromoo 5000 ol tahan Gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan gaafatan yoommuu tahu dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisanii jiran. Dhaadannoowwan kunneen
1. Oromiyaan lafa Oromooti.
2. Buraayyuun kan Oromiyaati.
3. Laga Xaafoon kan Oromiyaati
4. Sabbataan keenya
5. Biyya keenya Murree hin kenninu
6. Galaan Kan Oromiyaati.
7. Finfinneen handuura Oromiyaati.
8. Wallisaa Jaafar Yusuuf haa lakkifamu
9. Hidhamtootni marti haa lakkifaman
10. Bilisummaa barbaadna
11. Oromia Shall be free
12. Oromo need freedom
13. Adaamaa fi Bishooftuun maqaa kana duwwaan waamamuu qabu
14. Siidaan Minilik haa buqqa’u
15. Sagaleen Oromoo haa dhaga’amu
16. Qeerroon gaaffii mirgaa gaafata
17. Barattoota ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu
18. Muktaar Kadir Pirezedaantii tahee Oromiyaa kennuu hin qabu
19. Qotee bulaaf iyyina
20. Barataa Oromoof iyyina
21. Sagaleen Uummata keenyaa haa dhaga’amu
22. Baqattummaan haa dhaabbatu
Kanneen jedhan yoommuu tahu barattootni gamtaan dhiiraa fi shamarran osoo hin jedhiin sagalee isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaaan wayyaanee waraana kumaatamaan fidus barattootni gaaffii mirgaa irraa humna nu dhaabutu hin jiru jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran.
Pirezedaantiin Yuunivarsiitii kanaa Dr. Girmaa Lammeessaa hiriira kana irratti argamus waan kun humna keenyaa ol tahuu dubbachuun qaama dhimmi ilaalutti akka dabarsu waadaa seenee jira. Barattootnis gaaffiin kun hanga deebii hatattamaa argatutti jabaatanii itti fufuu addeessanii jiran

Haromayyaa Yuuniversitii Keessatti FDG itti fufe! Barattooti Magaalaa Keessa Deemuun Dhadatnoo Dhageessisan!

Aside

Gaaffiin abbaa Biyyummaa Oromiyaa keessatti eegale daran jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Hiriirri nagaan gaggeeffame. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni Oromoo 5000 ol tahan Gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan gaafatan yoommuu tahu dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisanii jiran. Dhaadannoowwan kunneen 1. Oromiyaan lafa Oromooti. 2. Buraayyuun kan Oromiyaati. 3. Laga Xaafoon kan Oromiyaati 4. Sabbataan keenya 5. Biyya keenya Murree hin kenninu 6. Galaan Kan Oromiyaati. 7. Finfinneen handuura Oromiyaati. 8. Wallisaa Jaafar Yusuuf haa lakkifamu 9. Hidhamtootni marti haa lakkifaman 10. Bilisummaa barbaadna 11. Oromia Shall be free 12. Oromo need freedom 13. Adaamaa fi Bishooftuun maqaa kana duwwaan waamamuu qabu 14. Siidaan Minilik haa buqqa’u 15. Sagaleen Oromoo haa dhaga’amu 16. Qeerroon gaaffii mirgaa gaafata 17. Barattoota ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu 18. Muktaar Kadir Pirezedaantii tahee Oromiyaa kennuu hin qabu 19. Qotee bulaaf iyyina 20. Barataa Oromoof iyyina 21. Sagaleen Uummata keenyaa haa dhaga’amu 22. Baqattummaan haa dhaabbatu Kanneen jedhan yoommuu tahu barattootni gamtaan dhiiraa fi shamarran osoo hin jedhiin sagalee isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaaan wayyaanee waraana kumaatamaan fidus barattootni gaaffii mirgaa irraa humna nu dhaabutu hin jiru jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran. Pirezedaantiin Yuunivarsiitii kanaa Dr. Girmaa Lammeessaa hiriira kana irratti argamus waan kun humna keenyaa ol tahuu dubbachuun qaama dhimmi ilaalutti akka dabarsu waadaa seenee jira. Barattootnis gaaffiin kun hanga deebii hatattamaa argatutti jabaatanii itti fufuu addeessanii jiran

Gootonni Barattooti Oromoo Jimmaa Gamtaan Wal Qindeessanii Diddaa Gaggeessaniin Waajjira Poolisaa Jimmaa Deemuun Barattoota 8 Hidhaa Irraa Baafatan!

Aside

Ebla 23,2014 Jimma
QerroooBarattootni Oromoo guyyaa har’aa Ebla 23,2014 barnootaa fi nyaata dhaabuun FDG itti fufan, gamtaadhaan baay’atani baratoota kaleessa fi dheengadda to’ataman waajjira poolisii magaalaa Jimma deemuun dhiphisan, magaalaan illee baay’ee muddamte, waraanni wayyanee fi poolisotni waan qabanii gadhiisan dhaban isanumatti iyyuu gaaffii guddaa itti ta’ee jiraachuu nammoonni tokko tokko dubbachaa jiru. guyyaadhuma har’aa waaree booda waan godhan dhabnaan Barattoota keenya hidhamani turan Gara mooraatti deebisuun koree namuusaa irratti dhiyeessuun naamusa yuunibarsiitii cabsitanii argamtan jechuun himatan. erga biiroo Dean barattootti galchanii poolisotaa reebdan, jeequmsa kakkastan, naamusa cabsitan jedhani booda guyyaa beellama kibxata dhufutti qabaniifi gadi gadhiisaniru. walumaa galatti baratttootni keenya amma gadhiifaman kun;

  1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
  2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
  3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
  4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
  5. Barataa Israaeel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
  6. Huseen , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffa
  7. Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  8. Barataa Mooiiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa

Barattootni kun haala kanaan gadhiifamanii guyyaa beellama dicipline Yuunibarsiitii kibxataa kana eeggachaa jiru.

Raadiyoo Sagalee Oromo Ebla 23, 2014 / Dhimma Gabaasa FDG Barattoota Oromoo

Aside

Daraggoonni Oromoo biyya Norway Magaalaa Fordee naannoo Song Og Fjordane Jiraatan GGO Kabjatan

Aside

Darggaggoon Oromoo biyya Norway magalaa Førdee naannno Sogn og Fjordane jiraatan yeroo gara garaa qophii addaa addaa qabsoo bilisummaa Oromoo deeggaran garaagaraa geggessaa turuun ni yaadatama. Haaluma kanaan ammoos gaafa guyyaa Ebla 15 yaadannoo guyyaa gootota Oromoo halaa gariin kabajachuun beekame.

Korri Miseensotni ABO Kutaa Kanadaa Ibsa Ejjetnoo Fudhate! Mariin Hawaasi Oromoo Torontoos Ibsa Baaftee Jira.

Aside

KORA MISEENSOTA ABO KUTAA KAANAADAA

Korri Miseensota ABO Kutaa Kaanaadaa akkuma aadaatti eebba maanguddoon baname.

aboD/T Konyaa Mul`is A/Gadaa J/Nuuraddin Adam Ykn Falmaa Sabaa irmaatota koraan baga nagaan dhuftan je chuun simateera.Itti aansuun MGS -ABO J/Rooraas A/Goobaa kora kana akka sirnaan bananiif D/T-n Konyaa Mul`is A/Gadaa Afeeraniin J/Rooraas kora sirnaan banan. Itti aansuun sagantaa Sirna kabajaa Guyyaa yaadannoo Goototaa bakka ummatni Oromoo magaalaa Toroontoo heedduminnaan argamanitti Faaruun Goototaa faarfatamuun haala bareedaa fi seena qabeessa ta`een kabajameera.Sirnuma kabjaa kanarratti hawwisoon Toroontoo sirbootaa aadaa Oromoon ummata gammachiisaniiru. wallisaan Oromoo beekamaa fi jaallatamaan J/ Callaa Carcar irratti argamuun ummata Oromoo galgala guutuu bashannansiisaniiru.

Sirna kabjaa Yaadannoo Goototaa tti aansuun Daarikteriin Boordii Dhimma Mirga dhala namaa/HRLHA/ Obbo Gaaromaa Waaqasaa haala miidhaa fi dararama ummata Oromoo iirra gaa`aa jiru ilaalchisee, keessattuu yeroo ammaa kana Mootummaan Wayyyanee/TPLF/ miidhaa biyya keessaatti Ummata Oromoo qee fi qabeenya isaarraa buqisaa jiruu fi ummatni Oromoo biyya alaatti/Baqqattummaa keessattis/ miidhaa karaa biyya itti baqatan keessaa mootummaa n biyya sanaa Wayyaaneen wal ta`uun adamsamanii ajjeefamuu fi ukkaanfamanii gara biyya irraa baqataniitti deebisuun ajjeesuu f i ukkaamsanii dhabsiisuun miidhaan addaa addaa Oromoorra akka ga`aa jiru bal`inaan ibsaniiru.

Ibsa Ejjetnoo Kora Miseensota ABO Kutaa Kanadaa:- Ebla 18.20 2014 KORA MISEENSOTA ABO KUTAA KAANAADAA

Ibsa Hawaasa Oromoo Torontoo:-E bla 20 2014IBSA EJJENNOO HAWAASA OROMOO MAGAALAA TOROONTOO.docx

Ammas Daddabalee Bulchiinsi Yuuniversitii Jimmaa Barattoota Oromoo 6 ta’an Dabarsee Poolisoota Wayyaaneef Kenne

Aside

Ebla 23,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
24 02 14 10 40

Milishoota Wayyaanee Jimma

Ebla 22/2014 Bulchiinsi Yuunibarsiitiin Jimmaa gochaa fashistummaa fi diinummaa barattoota Oromoo irratti rawwachaa akka jiru Qeerroon mooricha irraa gabaasa. Bulchiinsi Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Beeksisa Ebla 22/2014 waaree boodaatti biiroo Dean Barattootatti barbaadamtu jechuun baase irratti barattoota Oromoo 6 gara waajjirichaatti waamaman, Barattootni akkuma dhaqanitti  biirootti olgalchuun hanga galgala keessa sa’aa 12:30tti doorsisaa turuun dhumarratti poolisa federalaan qabamani wajjira poolisaa magaalaa Jimmaa ganda 05 Awweetuu mandaraatti geessuun hidhani jiru. Barattootni Oromoo balleessa tokko utuu hin qabaatiin seeraa discipline committeetu isin waame jechuun ilmaan Oromoo nagaa ukkamsuun hidhatti galchuun har’a yakka hin jirree uummata keenyaa fi beektota barattoota keenya irratti dalagama jira. Barattootni amma haala kanaan kaleessa galgala qabaman.

1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa

2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa

3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa

4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa

5. Barataa Israa’eel Haptamuu, mummee barataa Educational planning

6. Huseen  , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffaa barachaa warreen jiran maqaa seeraa ala gaaffii gaafatan, fi ajaja poolisii mooraa Yuuniversiitii Jimma humna tikaa wayyaanee ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti baate kan jiru Kalid Abbaa Tamaam reebdan jechuun sobaan yakkamanii kan hidhaman ta’uun beekame jira.

Gochaan yeroo yeroo’n barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa irratti ergamtee bultootni wayyaanee gaggeessa jiran kun daran barattoota Oromoo qabsoof onnachiisuun gabaafamera. kanumaan walqabatee adeemsii baruu fi barsiisuus mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhaabbatee jira/addan citee jira.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa “Dinee didaa Garbummaa” Jedhchuun Ejjetnoo Fudhatan

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGEbla 22/2014 FDG Gootota Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimman eegalame jabaatee itti fufe jira,Qeerroon Barattootni Oromoo gaaffii dhugaa fi sirrii karaa nagaan dhiyeeffanneef waraannii, hidhaan, dararaan fi doorsifnii deebii ta’uu hin danda’u jechuun FDG itti fufee jira. haaluma kanaan dargaggootni Barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimma ibsa dabarfachuun fincila diddaa garbummaa haalaan jabeessuun itti fufani jiru: Nuti Dargaggootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Gaaffii mirgaa rakkoo uummata keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafanneef:

  1. Deebiin gaaffii keenya humna warraanaa fi poolisa nuti bobbaasuun ukkamsaa, hidhaa, reebicha, ajjeechaa fi doorsifni deebii hin tauu; gaaffii mirgaas dhaabuu akka hin dandeenye ni hubachiifna.
  2. Gaaffii karaa Mirgaa fi Dimookiraasii gaafanneef barattootni keenya hidhaman nuuf haa hiikaman. Kanneen doorsifamaa jiran irraa doorsifnii dhaabbachuu qaba. Barattoota poolisaa Federaalaa fi waraanaan reebamaniif beenyaan kanfalamuu qaba.
  3. Mootummaan ani uummatatu na filatee jedhu tokkoo yeroo uummaanni barbaadetti uummata gidduutti argamuun gaaffii uummataa fuudhee deebii deebisuun dirqama waan taeef gaaffii keenyaaf mootummaan naannoo Oromiyaa argamee deebii akka nuuf kennu gaafanna.( yoo kana hin fudhannee abbaa irree, fi shororkeessaa) tauu isaa ofiin raga of irratti bahaa jiraachuu ni hubachiifna.
  4. Mootummaan EPRDF amma angoo qabatee jiru afaaniin ani dimookiraatawaadha jechaa gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo fi lammiilee biyyattif humna waraanatti fayyadamuun hidhaa, reebichaa, ajjeechaa fi dararaa akka deebiitti fudhate deebisa jiru, yakka kanaaf seera addunya fulduratti nuuf dhiyaachuu qaba.
  5. Oromummaa keenyaan arrabsamuu, xiqqeeffamuu fi tuffatamuun gochaa diinummaa nafxanyoota fi ilmaan nafxanyaa tauu ni hubanna, ammas ilmaan naafxanyaa nu arrabsa jiranii fi manni maxxansa naafxanyoota kan akka hinquu atattaman nurra cufamuu qabu, seerattis dhiyaachuu qabu.
  6. Adeemsii Magaalota Oromiyaa Federaala jala galchuu fi magaalaawwaan nannaawaa Finfinnee, Finfinnee jala galchuuf maqaa plan guddina magaalaa jedhuun ololamu nurraa dhaabbachuu qaba.
  7. Magaalaan Finfinnee mataan isheetu kan uummata Oromoo waan taeef bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jala galuu qabdi. Uummaanni keenyas tajajila barbaachisu haalduree tokko malee irraa argachuu qaba.

Walumaagalatti Gaaffii keenyaaf deebiin dhugaa fi sirriin hanga nuuf kennamutti Gaaffiin keenya itti fufa, guyyaa hara Ebla 22/2014 irraa eegaluun Nuti dargaggootni barattootni Oromoo hanga gaaffiin keenya deebii argatutti, hanga barattootni keenya hidhaman hiikamanitti, hanga doorsiifni nurraa dhaabatuttii fi hanga Humni poolisii Federaalaa Fi Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii gadhiisee bahutti barnoota fi Nyaataa dhaabuun diddaa keenya itti fufnee jirra
Injifannoon U/Oromoof!.