SBO: Waxabajjii 13 bara 2018. Oduu, Gaaffii fi deebii ajajaa WBO dirree Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa waliin taasifame, Hundeeffama SBO Waggaa 30ffaa ilaalchisuun Qophii qindaahe fi Marii gaazexeessota Oromoo waliin Taasifame.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts, Waxabajjii 13/2018

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Jala Deemtota OPDO akeekkachiise

Aside

SQ: G/W/Liixaa aanaa Jaarsoo keessatti eda galgala (06/10/2010 EC) waraqaan jala deemtota OPDO akeekkachiisu guutumaa magaalaati fi gandollee baadiya hundaa keessatti raabsaa buluu isaanii qeerroon aanaa Jaarsoo gabaase.

Qeerroon aanaa Jaarsoo dhiyeenya kana walgahee haala yeroo fi sochii diinaa fi QBO aanicha keessatti gaggeeffamaa jiru gamaaggamuun taarkaanfii itti aanee fudhatamuu qabu akeekuun irbuu isaanii haaromsachuu isaanii maddi SQ yaadachiisuun akeekkachiifni kenname kun qaama hojii akeekamee keessaa tokko ta’uun beeksiseera.

OPDOn aanaa Jaarsoo maqaa gaaromsaan namoota Uummanni hin barbaanne muudaa jiran atattamaan akka dhaabanii kanneen maqaan isaanii asii gaditti tarreeffame yoroo torbaan tokkoo jin caalke keessatti kaasuun kanneen Ummata biratti fudhatama qabaniin akka bakka buusan dhaamaniiru. Haaluma kanasn

1. Ob. Geetaachoo Dhibbisaa I/G/W/ Inveestimentii

2. Ob. Geetaachoo Galataa I/G/W/IMX

3. Ob. Gammachuu Qixxaaxaa I/A/I/G/W/ barnootaa

4. Ob. Abdiisaa Dabalaa I/G/W/ kominikeeshinii

5. Ob. Soorii I/G/W/Lafaa fi

6. Ob. Dambalii I/G/W/ Gawaasummaa kanneen jedhaman guyyaa jedhame keessatti yoo hin kaafne Qeerroon Bilisummaa Oromoo tarkaanfii mataa isaa kan fudhatu ta’uu beeksisuun tarkaanfii fudhatamuuf kan itti gaafatamu OPDO ta’uus hubachiifni kennameera.

 

ONN; Oduu Olmaa Oromiyaa, Waxabajjii 13 2018

Aside

SQ;- Sirni Gaggeessaa Gootochi Oromoo J. Roobsan (Zalaalam Gannatii) Dhaadannoo fi Warraaqsa guddaan Raawwatame;

Aside

Miseensa WBO kan ture gootichi Oromoo J. Roobsan (Zalaalam Gannatii) Waxabajjii 12/2018 magaalaa Mandii, Manasibuutti Waraanaa Faashistii Wayyaanee Uummata Oromoo hiraarsaa jirtu utuu haleeluu kuffisee wareegame gaggeessaa gootummaa Ummata Oromoo irraa argate. Gaggeessaa gooticha kanaa irrattis Qeerroo fi Qarreen Oromoo dhaadannoo akeekaa fi galii QBO ibsu akkasumas dhaabni haqaaf Ummata Oromoof qabsaa’u ABO ta’uu hubachiisu hedduu dhageessisuun gaggeessaa J. Roobsan dhaadannoo fi Warraaqsa guddaan akka raawwatu taasisamuu maddi SQ Mandii irraa gabaaseera.

Kanumaan walqabatee Warraaqsi itti fufinsaan Najjoofi Mandii Keessatti finiinaa jira. Dhaadannoolee dhageessifamanis;-
1. ABO’n dhaaba dhugaa fi haqaa uummata Oromoof qabsaa’uudha.
2. WBO’n gaachana Uummata Oromooti.
3. ABO’n abbaa Biyyaati.
4. Qabsaa’aan yoo du’e qabsoon itti fufa
5. Hanga bilisummaan Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti qasoon keenya itti fufa.
6. Gumaa jaal Roobsan afaan qawween ni deeffanna kan jedhuu fi kkf dha.
Qabsa’aan ni kufa Qabsoon itti fufa!!
Garboomsaan ni kufa!!
kan jedhu ture.

ONN; Oduu Amma nu gahe; Waxabajjii 13, 2018

Aside

Oduu Tarkaanfii Gooticha WBO;

Aside

(SBO/VOL – Waxabajjii 11,2018) Waxabajjii 05, 08 fi 09, 2018 gidduutti WBOn Godina Dhihaa tarkaanfii bakkoota adda addaatti Humna Diinaa irratti fudhateen loltoota 167 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Dhihaa beeksise.
Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti gootichi WBO Godina Dhihaa Waxabajjii 08,2018 halkan keessaa sa’aa 4:30tti qubsuma waraana wayyaanee magaalaa Gimbiitti argamu weeraruudhaan diina irraa 17 ajjeesuun 12 ol ammoo madoo taasisuu ifa godhan.
Gootichi WBO tarkaanfii isaa itti fufuun borumtaa isaa Waxabajjii 09,2018 ganama keessaa waraana wayyaanee konkolaataa waraanaa ORAL lama, Autobusii tokkoo fi konkolaataa xiqqaa 3F jedhamtuun sossohaa turan bakka addaa Waloo Yatii jedhamutti haxiidhaan haleelee miidhaa guddaa akka irraan gahe ifa godhaniiru.
Tarkaanfii haxii kanaanis loltootni wayyaanee ORAL lama irra turan lakkoobsaan 120 ta’an guutuutti barbadaa’uu fi kaanis madeeffamuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti beeksisaniiru.
Waxabajjii 05,2018ttis Gootichi WBO Godina Dhihaa Gaara Abbaa Seenaa bakka addaa Qorkaa jedhamutti waraana Agaazii haleeluudhaan 7 ajjeesee 11 ol ammoo madeessuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaan hubachiisaniiru.
Dhaggeeffattoota/hordoftoota SBO gaaffii fi deebii Jaal Kumsaa Dirribaa waliin goone sagantaa keenya guyyaa Roobii keessatti qabannee kan dhihaatnu ta’uu beeksisna.

SAGALEE QEERROO, Waxabajjii 12, 2018

Aside

Oromo Voice Radio (OVR), Waxabsjjii 11 2018

Aside

Oromoon waan kunuunfachuu qabu ABO hanga hinkunuunfannetti Bilisummaa isaa gonfatee nageenyasaa hinmirkaneeffatu!

Aside

Adda bilisummaa Oromoo qaama dantaa dhuunfaa ykn dhaaba isaa irra bu’aa uummataa qofa irraatti fuulleffatu, kan jaarmiyaan isaan hundeeffaman illee shiminuuf sirriiquun ala egeree uummata Oromoof ganamaa galgala hirriba dhaban ta’uu eenyullee beeka. Haqni har’a walitti himnu susukkuummaaf fakkeessin “ani ABO nan jaaladha” jechuu qofaa utuu hintaane erga jaallattee kunuunfachuun dirqamakee ta’uu sii himuufani.

Biyyattii keessatti jaallannus jibbinus nagaa uummata Oromoof fiduu dhaabni danda’u ABO dha. Maaliif? Yoo jettan, impaayera afaan qawween si ajjeesee si cunqursuuf meeshaa ammayyaan sitti dhaadatu Qawweef qawwee qofatu sirraa gabgodha. Kanaafoo? Kanaaf ammoo qamni hidhatee diina innikkaa Wayyaanee waliin wal’aansootti jiruuf daangaakee kabachiisuuf abdatamus, kan kufee kuffisuutti jiru ABO/WBO/Qeerroo Bilisummaa qofaaf jaarmiiyaa ABO qofadha. Kaawwan maqaa Oromoof saboota biyyattiin jaarmiyaa hundeeffatanis addatti Oromoof dhaabni hidhatee loltoota Oromiyaa keessa facaasee jiru ABO qofa. Kanaaf ABO kunuunfachuun waaroo salphinaa waggaa dheeraa sirra buufate sirraa kaasa.

Hingowwomin! Daaraan daakuu hinta’u. Afaan toluun hojii toluu mitii dammaqi! Halagaan halaguma, ilkaan isaaf haasaa isaan akka baraqanaa jirtu waan dubbatu kana sii guutuuf dhiisee isaa atuu beekta, diina faana Tokkummaan uumanis siyyaasa addunyaa kam keessayyuu hinjiru. Maqaa Tokkummaa jedhuun holola afaan fajjii OPDO fudhattee garbummaa ofitti hindheeressin. Oromoon Tokkummaa dhabee hinbeeku, yaadni/ideology kun kan xiinsammuukee saamanidha. Jecha ‘aandinnat’ jettu hiikanii kumaaraa waggoota dheeraa nurratti taphatanidha. “Oromoon tokkumma, garuu gamtaa’inaan diina waraanuu dadhabe malee tokkummaa yeroo kamuu dhabee hinbeeku Oromoon lamas miti” jedha hayyuun Oromoo dhiyoo hidhaarraa bahe.

 

Qaama alaa maallaqaaf bookkisaa tures hangam akkanni sii dhimmu waan Madaalaa jirtu natti fakkata. Agartee? “Nuti durumayyuu barnootaaf biyya alaa baane” “OPDO jala hiriiraa! OPDO jabeeffadhaa!” Jechuun OPDO alaa ta’uu raageeffatan mitii? Nuti qabsoo asiin geenye achiin geenye jechuu jalqabaniiru ilmaan TPLF guddifate. Isaan ABO irratti maaliif akka duulanis sii galan se’a. “ABO’n akka suphamuu hindandeenyeetti diigame!” Jechuun haamilee si daakanii ABO irraa abdii si kutachiisuuf dhaamatii godhames addaan baastee waan beektu natti fakkaata. Qorannoo jibba ABO qabuuf dhabamakeef itti yaadamee qophaa’e dubbifteettaa? Yoos kabkaabbaa alaa Bargarii quufee huskii itti dabalatee cookuuf deebiinkee gahadha. Jaallannee OPDO alaaf keessaa bbalaaleffanna miti ykn afaanuma keenyatu isaaniin abaaruu barran utuu hintaane, hojii isaanii karoora isaan Oromoof qaban fuulduratti waan dursinee arginuuf dhaabbadhaa! Jechuu itti fufne.

OPDO’n keessaas karaa haamilee kee daakanii diinatti harka si kennachiisan qofaa hojjetu. “ABO’n wanti jedhamu badeera, lammatas hinijaaramu. Kanaafuu isuma jiru OPDO jajjabeeffadhu!”siin jedhu. OPDO jajjabeessuun maal jechuudhaa? Siyyaasa kana nyaattanii alanfataa jirtuu yaa dargaggo? OPDO jajjabeessuun Wayyaanee jajiabeessuu ta’uu beektuu/beettuu? Maaliif? Qaamni OPDO jedhamtu mul’ataaf kaayyoonshee Wayyanee tiksuudhaa bar. Qaamni kamuu mul’atasaan adeema. Kanaaf isaan har’as boris sirna nama nyaataa Wayyanee qaama tiksudha male hingowwomin qaama Bilisummaakee barbaadu miti.

Maa sobamnaa? Maa waggaa dhufaa darbaa Wayyaneen gowwomfamnaa? Nuti ejjennoof kaayyoo erga qabaanne, Bilisummaa keenyaaf erga aarsaa hangana kaffallee akkamiin qabsoo keenya diinatti laannee isaaniin galmaan gaha jennee tilmaamnaa? Sii galee? Jaallattu fudhu, jibbitu dhiisi! OPDO(Lammaa Magarsaa) diinakee kaleessaa diinakee boriiti. Dr. Abiyyi Ahemad diinakee kaleessaa diinakee boriiti. Lamaanuu xoophiyaa sitti faarsu malee waa’ee biyyakee Oromiyaaf mul’ata lafaa qaban hinqaban. Soba dhugaa hinfakkaanne “xoophiyaa lafee Oromootu ijaare” jedhanii jaalala xoophiyaa si keessatti itichuu barbaadu. Gootonni kaleessaa kanneen akka J/ Taaddasaa Birruu, Buushaan Mijuu, Abishee Garbaa, Leenjisoo Diigaa, Dhugumaa Jaldeessoo, Likkaasaa Wagii, Fi Agarii Tulluu dabalatee hedduun xoophiyaa ijaaruuf lafee bitiman miti, mul’anni isaanii uummata ofii waanjoo garbummaa jalaa baasuudha. Xoophiyaa jaalala isaan si kuffisuuf sitti faarsaa jiru. Akkati “immiyyee xoophiyee” jechuurra geessutti sitti lallabamaa jiraachuu beeki. Inni alaas inni keessaas xoophiyaa biyya gaddaaf gadadoo keessatti agarte sitti faarsa.

Oromoon biyya abbaasaaf qabsaa’aa ittis jira. Raafama amma itti jiru jalaa dhaloonni of danda’ee dhaabatuu qaba. ABO’n dhaaba fiixee Bilisummaa irraan qabsoo Oromoo gahee ammas itti jirudha. Akka waan harka kennatuutti ol kaasanii miidiyaan afarsuu, waan hinfakkaanne ABO biyya galaa jira jedhanii dhaaba hogganaa malee humaa hinqabne maqaa qofa miidiyaatti baasanii akka si hunkuraa jiran hubadhu. ABO biyyaa bahee hinbeeku gurbaa. Dhaabni miseensaaf caasaa jaarmiyaan sii qabsaa’aa jiru, hidhannoo kan qabuuf kaayyoo garbummaa jalaa si baasuu qabatee jiru ABO dha. Karaa dimokiraasii milkii dhabanis KFO dha. Kanaan ala inni lamoome, tokkoome jedhan kan haamileekee xuquuf wayyaaneen hojjettedha. Isa ABO bittine jedhanii qorannoo/ Research sobaa hojjetan dhugoonfachuuf kan diinnikee bixxiledha.

ABO’n yoom galaa?

Gaaffi kana akka of gaafattun shakka. Namana haqa walitti himna ABO’n biyya abbaasaa keessaa bahee hinbeeku. Ammas suma bira biyya Oromiyaa keessa jira. WBO meeqaaf Qeerroo bilisummaa dila keessa teessee ABO’n biyya hinjiru jettaa? Maal gurbaa WBO suma biraa diina meeqa qabee, meeqa ajjeesaa jiraa bar. Hololtoonni akka dubbatan seetee fagoo akka waan sirraa jiruutti ilaaltaa taanaan qoricha si fayyisu sii qicuu gaafata.

ABO’n kotota OPDO kana yoo malatanii harka itti kennataniin ala Wayyaanee waliin walitti qabee ccacabsee yeroo dhiyootti bilisummaa biyyattii nii dhugoomsa. Karaa nagaa akka rakkoo biyyatti furuuf gaafataa turee ittis jira. Yoo karaa nagaa didan ammo humnaan abootee wayyaanee biyya baasuuf waan dadhabu hinqabu. Oromoon waan kunuunfachuu qabu ABO hanga hinkunuunfannetti Bilisummaa isaa gonfatee nageenyasaa hinmirkaneeffatu! Kanaaf ABO kunuunfadhu!

Horaa bulaa

Qalbeessaa Dhangi’aati

Waxabajji 9,2018

Finfinnee Oromiyaa