Waraannii Wayyaanee Aanaa Gindabarat irra qubsiifamee jiru, uummaata nagaa irraatti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii ajjeese.

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Waxabajjii 12,2014

Waxabajjii 12/2014 Waraannii Mootummaa Wayyaanee Godina Lixaa Shawaa aanaa Gindabarat Magaalaa Kaachiis irra qubatee jiru barattoota irratti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii (3) ajjeese jira. Mootummaan Wayyaanee duula dugugginsa sanyii genocide uummaata Oromoo irraatti banee jiru jabeessuun itti fufe.

Wayyaaneen humna waraanaa of harkaa qabu uummata Oromoo irratti bobbaasuun yeroo amma kanatti uummata nagaa irratti waraana banuun dhukaasee ajjeesa jira.Addatti ammoo barattoota Oromoo adamsee rasaasaan reebee ajjeessuu itti fufee jira, haala kanaan barattootni Oromoo kutaa 12ffaa bara kana xummuran sadii(3)

1. Barataa Damee Balchaa Baanee

2. Barataa Caalaa Margaa kanneen

3. Barataa Baqqalaa Tarrafaa

Jedhaman keessatti argamu

Wallaga, Horroo Guduruu Keessatti FDGn Walqabatee ABO Waliin Jirtu Sababaa Jedhuun Hojjettootni Mootummaa 11 Hojii Irraa Arihaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Jaardagaa Jaartee,Waxabajjii 11,2014

DIDDAAGaaffii abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti finiinaa dhufeen mootummaan Wayyaanee ilmaan oromoo hojjetaa fi bulchinsa turan aangoo irraa darbaa jirti. Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliiboo keessatti FDG gaggeeffameen Hojjettootni mootummaa wayyaanee FDG Kana keessatti hirmaattanii jirtan jedhamuun hojii isaanii irraa arii’aman. Kanneen keessaa:-

1. Misikkir Lammii Bulchaa aanaa Jaardagaa Jaartee kan ture

2. Fayyeeraa soorii Itti gaafatama OPDO aanaa

3. Katamaa Bokkee Hooggana daldalaa fi Industrii

4. Alamaayyoo Asaffaa Itti gaafatama daandii geejibaa

5. Tasammaa Balaay Itti gaafatama Ijaarsa caasaa OPDO

6. Silashii Olii Miseensa OPDO

7. Addunyaa Tarrafaa itti aanaa Hooggana OPDO aanaa

8. Fiqaaduu Barii Dhimma Ijaarsaa fi dandeettii

9. Darajjee Irreessoo Kantiibaa magaala Aliiboo

10. Tashoomee Affessee Itti gaafatama dhimma nageenyaa aanaa

11. Addunyaa Gammadaa hojjetaa dhimma daldalaa fi industrii aanaa

Hojjettootni mootummaa kunneen hojii irraa wayita arii’tamanitti hojjettootni, qotee bulaanis FDG kanatti seenuudhaan dirqama Oromummaa akka bahan Qeerroon aanaa kanaa waamicha dabarsa.

Yunversitii Haramaayaatti barataa Saayinsii Polotikaa Kan Ta’e Barataan Huseen Sa’id Haajii Loltoota Wayyaaneen Rukutame Hosptala Gale.

Aside

Waxabajjii 11,2014 Gabaasa Qeerroo

Hidhaa fi ajjechaa mootummaa Wayyaanee jalaa dheessee gara Bosaassootti socho’aa kan ture barataan Oromoo tokko rasaasaan rukutamuun isaa gabaafame.

Oduun Qeerroo dhaqqqabe akka hubachiisutti Yunversitii Haramaayaatti barataa Saayinsii Polotikaa kan ture barataa Huseen Sa’id Haajii jedhamu FDG barattoota Oromoo Yunversitichaan geggeeffamu keessaa harka qabda jedhamee hordoffii hidhaa fi ajjechaa mootummaa Wayyaanee jalaa baqatee gara Bosaassoo Puntlanditti osoo socho’aa jiruu, tikootni Wayyaanee isa hordofuun barataan kun kellaa magaalaa Qardhuu jedhamutti loltoota Puntlandiin akka rukutamu taasisanii jiran.

Barataa Huseen Sa’id Haajii yeroo ammaa kana gargaarsaa fi waldhaansa ga’aa tokkoon maleetti Hospitaala Bosaassoo ciisee kan jiru oggaa ta’u, bakki dhaloota isaas Godina Baalee Ona Agaarfaa irraa ta’uun
gabaafameera.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, June 11, 2014

Aside

FINCILAA DIDAAGABRUMMA Hammareessa

Aside

Dhaamsa Sagalee

Barreessaan Abdii Boruu

Qindeessaan Falmataa Roorroo

– MP3 FILE

Wallagga,Aanaa WAnfilloo Keessatti FDG Itti Fufe, Barataan Taakkalaa Tasfa Jedhamu Waraana Wayyaaneen Reebamee Ummanni Oromo 40 Ta’an Ammoo Hidhaman.

Aside

DiddaaGabaasa Qeerroo Waxabajjii 10 Qellem,Dambi Dolloo irraaDiddaan uummata oromoo leelliftoota nafxanyaa of irraa baasuu baatii tokko ol Aanaa Anfilloo keessatti itti fufeetu jira,yeroo ammaa kana keessattuu Waxabajjii 8,2014 irraa kaasee humna qubataa waraana Wayyaanee ergamtoota sirnichaa of keessaa baasuu irratti jabaachuudhaan FDG haalaan jabaatee jira jedha gabaasi Qeerroo.
Haala kanaan har’a Waxabajjii 10,2014 gabaasni addeessu barataa sabboonaa Oromoo Taakkalaa Tasfaa jedhamu dhalootaan aanaa Anfilloo ganda Eeneche jedhamu keessatti kan dhalate yoo tahu humna waraana Wayyaanee Agaazii jedhamuun reebamuudhaan yeroo ammaa du’aa fi jireenya giduu ta’ee Hospitaala magaala Dambi Doolloo keessa jiraachuun beekamee jira. Akkasuma guyyaa har’aa ganda Ashii jedhamtu irraa sabboontotni Oromoo namni 40 ol mana hidhaatti konkolaataadhaan fe’amanii mana hidhaatti guuramanii jiru.
Kana malees gandoota Anfilloo keessa ganda Ashii jedhamtu keessatti diddaa guddaatu gaggeeffamaa jira uummataa fi human waraana Wayyaanee gidduutti,uummanni kan mana hidhaatti guuramaa jiru maqaa ABOtin durfamuutiin yoo tahu guyyaa har’aa guutummaa humni waraana Wayyaanee aanaa kana irratti bakka biraati fe’amaa jiraachuu gabaasni Qeerroo Dambi Dolloo irraa addeessa.

SBO Waxabajjii 11 Bara 2014 Oduu – Walaloo fi dhaamsa Wallisaa Jaafar Yuusufii fi Qophii biroo

Aside

Aside

Bara 2011 Irraa Eegalee Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Sochii FDG Bifoota Adda Addaan Qeerrooon Deemsisaa Ture. Kanneen Keessaa Kan Naannoolee Adda Addaa Daawwachuuf Daandii Youtube Qeerroo Bilisummaa  http://www.youtube.com/user/qeerroo Kana Saaqachuun Do’achuu Ni Dandeessu.

Bishooftuu Onkoloolessa 2012

Yuuniversitii Arbaminc 2013

Bishooftuu Onkoloolessa 26, 2013

Jimmaa Onkoloolessa 2013 

Onkoloolessa 6, 2013

Oromo Voice Radio broadcast, June 9, 2014

Aside