Wallaga, Horroo Guduruu Keessatti FDGn Walqabatee ABO Waliin Jirtu Sababaa Jedhuun Hojjettootni Mootummaa 11 Hojii Irraa Arihaman

Gabaasa Qeerroo Jaardagaa Jaartee,Waxabajjii 11,2014

DIDDAAGaaffii abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti finiinaa dhufeen mootummaan Wayyaanee ilmaan oromoo hojjetaa fi bulchinsa turan aangoo irraa darbaa jirti. Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliiboo keessatti FDG gaggeeffameen Hojjettootni mootummaa wayyaanee FDG Kana keessatti hirmaattanii jirtan jedhamuun hojii isaanii irraa arii’aman. Kanneen keessaa:-

1. Misikkir Lammii Bulchaa aanaa Jaardagaa Jaartee kan ture

2. Fayyeeraa soorii Itti gaafatama OPDO aanaa

3. Katamaa Bokkee Hooggana daldalaa fi Industrii

4. Alamaayyoo Asaffaa Itti gaafatama daandii geejibaa

5. Tasammaa Balaay Itti gaafatama Ijaarsa caasaa OPDO

6. Silashii Olii Miseensa OPDO

7. Addunyaa Tarrafaa itti aanaa Hooggana OPDO aanaa

8. Fiqaaduu Barii Dhimma Ijaarsaa fi dandeettii

9. Darajjee Irreessoo Kantiibaa magaala Aliiboo

10. Tashoomee Affessee Itti gaafatama dhimma nageenyaa aanaa

11. Addunyaa Gammadaa hojjetaa dhimma daldalaa fi industrii aanaa

Hojjettootni mootummaa kunneen hojii irraa wayita arii’tamanitti hojjettootni, qotee bulaanis FDG kanatti seenuudhaan dirqama Oromummaa akka bahan Qeerroon aanaa kanaa waamicha dabarsa.

5 thoughts on “Wallaga, Horroo Guduruu Keessatti FDGn Walqabatee ABO Waliin Jirtu Sababaa Jedhuun Hojjettootni Mootummaa 11 Hojii Irraa Arihaman

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Gabaasa Qeerroo: Horroo Guduruu, Wallaggaa |

  2. Pingback: Wallaga, Horroo Guduruu Keessatti FDGn Walqabatee ABO Waliin Jirtu Sababaa Jedhuun Hojjettootni Mootummaa 11 Hojii Irraa Arihaman | QEERROO | OromiaTimes

  3. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s