Yunversitii Haramaayaatti barataa Saayinsii Polotikaa Kan Ta’e Barataan Huseen Sa’id Haajii Loltoota Wayyaaneen Rukutame Hosptala Gale.

Waxabajjii 11,2014 Gabaasa Qeerroo

Hidhaa fi ajjechaa mootummaa Wayyaanee jalaa dheessee gara Bosaassootti socho’aa kan ture barataan Oromoo tokko rasaasaan rukutamuun isaa gabaafame.

Oduun Qeerroo dhaqqqabe akka hubachiisutti Yunversitii Haramaayaatti barataa Saayinsii Polotikaa kan ture barataa Huseen Sa’id Haajii jedhamu FDG barattoota Oromoo Yunversitichaan geggeeffamu keessaa harka qabda jedhamee hordoffii hidhaa fi ajjechaa mootummaa Wayyaanee jalaa baqatee gara Bosaassoo Puntlanditti osoo socho’aa jiruu, tikootni Wayyaanee isa hordofuun barataan kun kellaa magaalaa Qardhuu jedhamutti loltoota Puntlandiin akka rukutamu taasisanii jiran.

Barataa Huseen Sa’id Haajii yeroo ammaa kana gargaarsaa fi waldhaansa ga’aa tokkoon maleetti Hospitaala Bosaassoo ciisee kan jiru oggaa ta’u, bakki dhaloota isaas Godina Baalee Ona Agaarfaa irraa ta’uun
gabaafameera.

1 thought on “Yunversitii Haramaayaatti barataa Saayinsii Polotikaa Kan Ta’e Barataan Huseen Sa’id Haajii Loltoota Wayyaaneen Rukutame Hosptala Gale.

  1. Dhiigni oromoo dhiiga tasa bilasha ta’ee hafuu miti,gaafa tokko dhugaan ni baati,qaama nu hoogganufi da’oo nuu taa’u dhabaaf akka sardidatti reebamne ajjeefamna laata?rabbin gahe nuun haajedhu

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s