Iyyannoon marsaa 2ffaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaan Qophaawe Tamsa’e.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGBarattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa gaaffii mirga Oromoo karaa nagaa gaafachuuf jecha Iyyannoo marsaa jalqabaa baatii eegala Ebla 2014 irratti bulchiinsa mooraa Yunversitii Jimmaa fi Bulchiisa Jimaatti dhiheeffatanii turan,Iyyannoo dhihaateef deebiin dhabamuu irraan FDG kaasuun hiriira bahan. Ammos marsaa 2ffaaf iyyannoon barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaan Waxabajjii 15,2014 qophaawee gara waajjira Bulchiinsa Yuuniversitii Jimmaatti erga galeen booda mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa arfan mooraa Main Campus, mooraa Agriculture, mooraa science and Technology fi mooraa Business and Economics fi barattootni Oromoo kolleejjii barsiisota Jimmaa fi bakkoota adda addaatti bal’inaan raabsame.

Guutummaa qabiyyee Iyyaatnoo barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa akka armaa gadiiti.

———————————————————————

                                 IYYANNOO BARATTOOTA  OROMOO  YUNIBARSIITII  JIMMAA

                         Waxabajjii 15,2014 Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa

Abdiin saba bal’aa saba Oromoo yoomiyyuu numa ilmaan Oromoo qofadha. Gaaffii mirgaa karaa Nagaa Gaafaneef deebiin Mootummaa fi bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa irra nuuf kenname hidhaa, reebicha, barnoota irra arii’amuu yoo ta’uu ajjeechaan baldhaan Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Yeroo amma kanatti Oromiyaan dachee gaddaa kan ilmaan ishee nagaan qe’ee irratti ajjeefamaa jiran ta’uun baay’ee nu gaddisiisera. Akeeka mootummaan ta’ee jedhee duula duguddinsa Sanyii (Genocide) uummata keenya irratti gaggeessa jiru jabeesinee balaaleffanna. Yeroo amma kanatti Guutummaa Oromiyaa fi dhaabbileen barnoota Olaanoo Yuunibarsiitoota Oromiyaa keessa jiran irra hanga manneen barnoota sadarkaa tokkoffatti halli Oromiyaa keessaa kan itti aanu kana fakkata:

  1. Mooraan Dhaabbilee barnoota gara mooraa waraanatti jijjiramee, waraanni guddaan mootummaan EPRDF qabu mooraa Yuunibarsiitota Oromiyaa keessa qubsiifamuun galgalaa ganama afaan qawween doorsifamaa akka jiraannu ta’ee jira.
  2. Mootummaan basaastoota heddumina qaban mooraa Yuunibarsiitoota fi Magaalota gurguddoo Oromiyaa irratti bobbaasuun yakkootni akka ajjeechaa itti fufinsaan uummata keenya irratti gaggeeffamaa jira. Addatti sabboontotni Oromoo adamsamanii ajjeefamaa jiru. Oromiyaa keessa lubbuun jiraachuun yaaddessaa ta’aa jira.
  3. Mootummaan sirna baruu fi barsiisuu laamshessee baajata barattootaf ramadame illee tajajila waraanaaf akka oolu taasifatera.
  4. Barattootni Oromoo qaroo fi abdii biyyaa ta’an balleessa tokko malee gaaffii karaa nagaa dhiyeessaniif  rasasa mootummaatiin akka baala harcafamuun galgalaa ganama ajjeechaan ijoollee Oromoo irratti gaggeeffamaa jira, ilmaan Oromoo kumaan lakka’aman jumlan hidhatti guuramanii jiru. Hedduun barnoota irra arii’amaniru.
  5. Gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafanneef hanga har’atti deebiin isaa ilmaan Oromoo dhibbootaan lakka’aman rasasa mootummaan nurratti dhukaasaa jiruun ajjeefaman, kumootaan kanneen lakka’aman hidhatti darbaman, dhibbootan kanneen lakka’aman barnoota irra arii’amanii jiru.
  6. Gabaabumatti haalota kana irra Uummaatni Oromoo mootummaa bakka isa bu’uu fi mirga isaa kabachiisu kan hin qabne ta’uu eenyuu iyyuu haaluu hin danda’u haala kanaaf yakkii fi dugugginsi sanyii har’a Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru raga guddaadha.

Yeroo amma kanatti rakkoon ulfaataan kana fakkaatu Oromiyaa fi uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa utuu jiruu mootummaan abbaa irree EPRDF /TPLF’n durfamu OPDO dawoo godhachuun karaa tokkoon yakka Ddugugginsa sanyii uummata keenya fi nu abdii boruu ajjeesaa, gama biraatiin immoo ilmaan leellistoota sirna cunqursaa habashaa (nafxanyaa) dhabbilee barnoota Olaanoo  Yuunibarsiitota Oromiyaa keessatti bakka bu’aa gamtaa barattoot (president) kan bara dhufuuf jecha  barattoota Oromoo bakka bu’anii akka filamaniif karaa OPDO akka OPDO’n dhiyeesitu qajeelfama kennameen shirri guddaan  mirga barattoota kumatamaan lakkaawamanii sarbuun barattoota Oromoo irratti shirrri gaggeeffamuuf qophiin xummurame jira. Haalli kun Yuunibarsiitii Jimmatti karaa OPDO presidenti barattootaf kan qophaa’ee jiru barataa dhalootan Amhaara ta’e barataa Darajjee Garremoo Ratta, afaan Oromoo dubbachuu qofa malee barreessu illee hin beekne Oromoodha jechuun president gamtaa barattootaf kan OPDO’n qopheesite ta’uun saaxilamee jira. Guutummaa Iyyaanoo Kanaa:- IYYANNOO BARATTOOTA OROMOO YUNIBARSIITII JIMMAA.430.12 edited

Waxabajjiin 16 Guyyaan SBO Oromiyaa Keessatti Kabajamuu Itti Fufe.

Aside

GODINA ILUU A/BOORAA : Haaluma walfakkaatuun sabboontotni ilmaan Oromoo Godina Iluu A/Booraa guyyaa hundeeffama SBO 26ffaa haala ho’aa ta’een kabajatan, guyyaa kana sababeeffachuun miseensotni Maadhee ABO fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Walitti dhufuun warraqsaa FDG gaggeessa jiran daran jabeessuuf marii godhachuun itti fufinsa FDG jabeessuu muteeffatan. Guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffa wayita kabajatanitti SBO’ tirikaa (ibsaa) tulluu gubbaa uummanni Oromoo qabudha. Waxabajjiin 16 Guyyaan SBO Godinoota Oromiyaa gara garaa keessatti kabajame

Raadiyoo Seife Nebelbal,Waxabajjii 17,2014

Aside

SBO Waxabajjii 18 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Sirna Kabajaa Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 26ffaa Waxabajjii 15

Aside

Wallee Warraaqsaa Sabboonaa Zaakir Abdallaadhaan

Asiin akkanaa,achiin rakkina jettan hoggayyuu.

Yoo akkana taate lafatti hafa akeekni hayyuu.

Ofuufta Sobaa madaa garaa dhaa kulkulan fayyuu..

Hundeeffamni SBO Waggaa’n 26ffaa Godinalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Kabajame.

Aside

SBOGabaasa: Waxabajjii 15,2014 Godinalee Dhiha Oromiyaa garaagara keessatti Waggaa 26ffaan hundeeffama Raadiyoo Sagalee
Bilisummaa Oromoo bifa howwa ta’een kabajame. Guyyaan hundeeffama SBO Godinalee akka Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Lixa Shawaa Amboo, Kibba Lixa shawaa , Bahaa Wallaggaa Naqamtee, fi Dabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitoota fi kolleejjota Godinicha keessatti argamaniin sabboontoota Qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoo fi miseensota maadhee ABOtiin kabajamuu gaabaasan bakkota hedduu irra arganne ni addeessa.
GODINA JIMMAA: Waggaa 26’n hundeeffama SBO sabboontota Oromoo, Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa,sabboontota Oromoo fi miseensota maadhee ABOtiin kabajame. Ilmaan Oromoo akkata walitti dhufeenya isanitti walitti dhufuun dungoo diimaa magariisa diima qabsiifachuun SBO sagalee bilisummaa Oromoo isa jalqabaa fi jalatamaaf kabajamaa afaan uummata keenyati jechuun jalala fi kabaja SBO’f qaban waliif ibsuun, injifannoo fi bu’ii ba’ii ukkamsaa diina keessa darbee SBO’n har’a ga’uun isaa ajaa’ibsifachuun qabsoo biyya tokkoof median bu’aa guddaa waan qabachuu waliif ibsuun SBO’n illee qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti shora guddaa kan taphachaa turee fi amma illee taphacha jiru media uummata keenyaa isa hangafaafii guddicha jechuun itti dhaadatan. Haaluma kanaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi miseensotni Madhee ABO godinicha keessatti ijaaramanii Sochii Warraqsaa FDG gaggeessa jiran guyyaa SBO waggaa 26ffaa sababeeffachuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsa jiran daran jabeessuuf marii gaggabaaba gaggeeffatan. Madheewwaan ABO kunneenis:
1. Maadhee Badhadhumaa Oromiyaa
2. Maadhee Mootota Shanan Gibee
3. Maadhee Hayyuu Biyyaa
4. Maadhee Biyya Ofiif,
5. Maadhee Ka’ii hin kaana
6. Maadhee Gaamtaa Barattoota Oromoo Jimmaa kannee jedhamanii fi caasaleen maadhewwaan kanneeni bakka jiranitti dhaamsa baga ittin isin ga’ee waliif dabarsuun guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffaa wayita kabajatanitti walitti dhufuunis FDG biyyaa keessatti gaggeessa jiran irratti marii gochuun FDG jabaate akka itti fufu murteeffachuun, nuti ilmaan Oromoo waandandeenyu hundaan SBO jabeessuuf duubatti hin deebinu, ilmaan Oromoo bakka jirtan hundaa mideawaan qabsoo biliosummaa Oromoo hunda waandandeessan hundaan akka bira dhaabbatan jechuun dhaamsa dabarsatan.
GODINA ILUU A/BOORAA : Haaluma walfakkaatuun sabboontotni ilmaan
Oromoo Godina Iluu A/Booraa guyyaa hundeeffama SBO 26ffaa haala ho’aa ta’een kabajatan, guyyaa kana sababeeffachuun miseensotni Maadhee ABO fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Walitti dhufuun warraqsaa FDG gaggeessa jiran daran jabeessuuf marii godhachuun itti fufinsa FDG jabeessuu muteeffatan. Guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffa wayita kabajatanitti SBO’ tirikaa (ibsaa) tulluu gubbaa uummanni Oromoo qabudha. Media kabajamaa fi jaalatama, kan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ga’ee gudda taphachaa jiru waan ta’eef waan dandeenyu hundaan SBO waliin jiraachuu isaanii waliif ibsuu uummaanni Oromoo hundi bakka jiru hundatti media isaa SBO akka dhaggeeffatu, akka qabsoo bilisummaa isaa gonfachuuf godhamutti akka jabbatu dhaamsa dabafataniru. Miseensotni Maadhee Godinicha keessatti guyyaa kana waliitti dhufuun kabajan:
1. Maadhee. Oromiyaa Bu’uura Biyyaa
2. Maadhee Qaanqee Bilisummaa,
3. Maadhee tokummaa Uummataa,
4. Maadhee Laga Soor
5. Maadhee Gamtaa Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu fi caasaleen madheewwan kana hundi dhaamsa baga geessani waliif dabarsuun guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffaa kabajatan.

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast, June 16, 2014

Aside

SBO Waxabajjii 15 Bara 2014 Oduu – Qophiilee Waggaa 26ffaa Hundeeffama SBO Waxabajjii 15 – Ibsa ABO fi kan biroo of keessatti hammata

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, June 14, 2014

Aside

One of the Secret Mass Graves of Oromo Killing Fields Is Exposed at Hammarreessaa

Aside

OLF Press Release

Aasxaa ABO-8.25.13June 14, 2014 (oromoliberationfront.org) — The mass murder, arrest, torture, exploitation and oppression perpetrated by Ethiopian regimes against the subject people, has been passing on from one regime to the next unabated. This pattern of the ruling clique well precedes the formation of the Ethiopian empire. This is because the cliques had continually come to power through violence, against the wish of the people, and they had to resort to sheer force of terror to keep the people under control. Ruthless mass murder was the efficient means to terrorize, demoralize and dehumanize the subject people. As no people willfully accept such illegitimate rule the relation between them and the ruling clique remains one of victor and vanquished.

Since maintaining their power is the main priority for such cliques they commit all heinous crimes against the subject people for this purpose. The case of the Ethiopian empire, created and sustained by violence supported by the foreign powers, is no exception. As the successive regimes are bogged down on ruthless repression of the subject people the empire is plunged in poverty and underdevelopment. Even though many nations and nationalities in Ethiopia have been subjected to inhuman subjugations, the Oromo have carried the brunt of the hostility and mass murder because of the potential threats they are thought of posing to the conquerors.

The accidental revelation of a mass grave used by the former Junta and the current Tirgay People‟s Liberation Front (TPLF) regime at Hammarreessaa in eastern Oromia on June 10, 2014 is a good evidence for the ferocity of the regimes‟ crime and the inevitability of the full exposure of such atrocities against the Oromo people.

Since many people are not aware of these locations and the perpetrators some explanation is in order. Hammarreessaa has been a military garrison since the late Emperor Haileselassie regime, with much more function than that. It harboured centres of torture and secret mass and individual murder and grave for those the regimes consider to be threat to their power. The few known mass murders of the Junta and the TPLF are the evidences of this. This camp was evacuated for leasing the land to a company to „develop‟, when the farming machines inadvertently opened up part of the mass grave. There are several other camps still used by the military serving the same purpose.

In 1991, when the situation in Somalia deteriorated and the regime they fled was about to fall, around 350 Oromo refugees decided to go back home from Hargessa. Unfortunately they were greeted not by their kin and kith they had left behind but by the armed forces of the military junta. The regional commanders of the time Generals Bihanu Gembere and Wubshet Dessie ordered the massacre of all these returning elderly, women, children, sick and disabled refugees that included few of our members and supporters. While facing the squad the few members, that included Central Committee member Baatii Burqaa, shouted “our blood will not be shed in vain! Oromia shall be free!” Now that the atrocity that our enemies thought will remain secret has started to be revealed it is upon the Oromo people to redouble the effort to realize that goal.

The TPLF regime inherited this camp in 1991 with its full function. Several survivors of the horror of this camp have given their testimonies.

Whether the junta or the TPLF regime, the atrocities they secretly committed against the innocent Oromo people simply because of their identity, will eventually be fully exposed like the current one. The Oromo people have to be aware of the history of these martyrs and provide them proper burials.

Victory to the Oromo people!

Oromo Liberation Front
June 13, 2014

Source: Oromo Liberation Front

Full Press Release:
English
Afaan Oromoo
Amharic