Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa gaaffii mirga Oromoo karaa nagaa gaafachuuf jecha Iyyannoo marsaa jalqabaa baatii eegala Ebla 2014 irratti bulchiinsa mooraa Yunversitii Jimmaa fi Bulchiisa Jimaatti dhiheeffatanii turan,Iyyannoo dhihaateef deebiin dhabamuu irraan FDG kaasuun hiriira bahan. Ammos marsaa 2ffaaf iyyannoon barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaan Waxabajjii 15,2014 qophaawee gara waajjira Bulchiinsa Yuuniversitii Jimmaatti erga galeen booda mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa arfan mooraa Main Campus, mooraa Agriculture, mooraa science and Technology fi mooraa Business and Economics fi barattootni Oromoo kolleejjii barsiisota Jimmaa fi bakkoota adda addaatti bal’inaan raabsame.
Guutummaa qabiyyee Iyyaatnoo barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa akka armaa gadiiti.
———————————————————————
IYYANNOO BARATTOOTA OROMOO YUNIBARSIITII JIMMAA
Waxabajjii 15,2014 Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa
Abdiin saba bal’aa saba Oromoo yoomiyyuu numa ilmaan Oromoo qofadha. Gaaffii mirgaa karaa Nagaa Gaafaneef deebiin Mootummaa fi bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa irra nuuf kenname hidhaa, reebicha, barnoota irra arii’amuu yoo ta’uu ajjeechaan baldhaan Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Yeroo amma kanatti Oromiyaan dachee gaddaa kan ilmaan ishee nagaan qe’ee irratti ajjeefamaa jiran ta’uun baay’ee nu gaddisiisera. Akeeka mootummaan ta’ee jedhee duula duguddinsa Sanyii (Genocide) uummata keenya irratti gaggeessa jiru jabeesinee balaaleffanna. Yeroo amma kanatti Guutummaa Oromiyaa fi dhaabbileen barnoota Olaanoo Yuunibarsiitoota Oromiyaa keessa jiran irra hanga manneen barnoota sadarkaa tokkoffatti halli Oromiyaa keessaa kan itti aanu kana fakkata:
- Mooraan Dhaabbilee barnoota gara mooraa waraanatti jijjiramee, waraanni guddaan mootummaan EPRDF qabu mooraa Yuunibarsiitota Oromiyaa keessa qubsiifamuun galgalaa ganama afaan qawween doorsifamaa akka jiraannu ta’ee jira.
- Mootummaan basaastoota heddumina qaban mooraa Yuunibarsiitoota fi Magaalota gurguddoo Oromiyaa irratti bobbaasuun yakkootni akka ajjeechaa itti fufinsaan uummata keenya irratti gaggeeffamaa jira. Addatti sabboontotni Oromoo adamsamanii ajjeefamaa jiru. Oromiyaa keessa lubbuun jiraachuun yaaddessaa ta’aa jira.
- Mootummaan sirna baruu fi barsiisuu laamshessee baajata barattootaf ramadame illee tajajila waraanaaf akka oolu taasifatera.
- Barattootni Oromoo qaroo fi abdii biyyaa ta’an balleessa tokko malee gaaffii karaa nagaa dhiyeessaniif rasasa mootummaatiin akka baala harcafamuun galgalaa ganama ajjeechaan ijoollee Oromoo irratti gaggeeffamaa jira, ilmaan Oromoo kumaan lakka’aman jumlan hidhatti guuramanii jiru. Hedduun barnoota irra arii’amaniru.
- Gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafanneef hanga har’atti deebiin isaa ilmaan Oromoo dhibbootaan lakka’aman rasasa mootummaan nurratti dhukaasaa jiruun ajjeefaman, kumootaan kanneen lakka’aman hidhatti darbaman, dhibbootan kanneen lakka’aman barnoota irra arii’amanii jiru.
- Gabaabumatti haalota kana irra Uummaatni Oromoo mootummaa bakka isa bu’uu fi mirga isaa kabachiisu kan hin qabne ta’uu eenyuu iyyuu haaluu hin danda’u haala kanaaf yakkii fi dugugginsi sanyii har’a Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru raga guddaadha.
Yeroo amma kanatti rakkoon ulfaataan kana fakkaatu Oromiyaa fi uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa utuu jiruu mootummaan abbaa irree EPRDF /TPLF’n durfamu OPDO dawoo godhachuun karaa tokkoon yakka Ddugugginsa sanyii uummata keenya fi nu abdii boruu ajjeesaa, gama biraatiin immoo ilmaan leellistoota sirna cunqursaa habashaa (nafxanyaa) dhabbilee barnoota Olaanoo Yuunibarsiitota Oromiyaa keessatti bakka bu’aa gamtaa barattoot (president) kan bara dhufuuf jecha barattoota Oromoo bakka bu’anii akka filamaniif karaa OPDO akka OPDO’n dhiyeesitu qajeelfama kennameen shirri guddaan mirga barattoota kumatamaan lakkaawamanii sarbuun barattoota Oromoo irratti shirrri gaggeeffamuuf qophiin xummurame jira. Haalli kun Yuunibarsiitii Jimmatti karaa OPDO presidenti barattootaf kan qophaa’ee jiru barataa dhalootan Amhaara ta’e barataa Darajjee Garremoo Ratta, afaan Oromoo dubbachuu qofa malee barreessu illee hin beekne Oromoodha jechuun president gamtaa barattootaf kan OPDO’n qopheesite ta’uun saaxilamee jira. Guutummaa Iyyaanoo Kanaa:- IYYANNOO BARATTOOTA OROMOO YUNIBARSIITII JIMMAA.430.12 edited
Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s New Master Plan of Ethnic Cleansing against the Oromo in the Name of Development Expansion of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist