GODINA ILUU A/BOORAA : Haaluma walfakkaatuun sabboontotni ilmaan Oromoo Godina Iluu A/Booraa guyyaa hundeeffama SBO 26ffaa haala ho’aa ta’een kabajatan, guyyaa kana sababeeffachuun miseensotni Maadhee ABO fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Walitti dhufuun warraqsaa FDG gaggeessa jiran daran jabeessuuf marii godhachuun itti fufinsa FDG jabeessuu muteeffatan. Guyyaa hundeeffama SBO waggaa 26ffa wayita kabajatanitti SBO’ tirikaa (ibsaa) tulluu gubbaa uummanni Oromoo qabudha. Waxabajjiin 16 Guyyaan SBO Godinoota Oromiyaa gara garaa keessatti kabajame