Mootummaan Wayyaanee Gaazexeessitoota STVO 16 Oduu fi Dokumentarii Dharaa Dubbisuu,Dhiyeessuu Dhabuu Irraa Kan Ka’e Qorannaa Hamaan Booda Hojii Irraa Dhorke

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Waxabajjii 25,2014

ERTAMootummaan Wayyaanee bara dhufaa darbu mara Olola dharaa keessumaa ammo Raadiyoo fi Television mataa isaaf dhaabbateen dhimma bahuun ilmaan Oromoo afaanfaajjessaa, Ololaa fi Dokumentarii dharaa qopheessuudhaan bittaa Umrii isaa dheeressuuf hojjechaa ture. Gaazexeessitootni Raadiyoo fi Televiizyinii Itoophiyaas tahe Oromiyaa dhugaa argan Uummataaf himuu irra dhugaa irraa dabsuun oduu dharaa Uummataaf gabaasuu dirqamu. Sagantaan Raadiyoo fi Televiizyinii Oromiyaa dhimma Uummata Oromoo, aadaa fi duudhaa Oromoo guddisuuf dhaabbate jedhamee lallabamaa ture dhugaa Uummataa dhaloota isaa irraa kaasee osoo hin baasiin as gahe. Hojjettootni Dhaabbata kanaa yeroo mara oduu dharaa dubbisuun seenaa xuraawaa dibachuu hin barbaadne, Kan seenaan uummata Oromoo akka ukkaamamu hin barbaadne gaazexeessitootni STVO hedduumminaan Mormii dhageessisuu fi oduu dharaa hin dubbisnu jechuun wayita gaafatanitti mootummaan Wayyaanee dirqama isinitti kenname hojjettu malee kaan dubbachuu mirga hin qabdan jechuun gaazexeessitoota ilmaan Oromoo qorannaan rakkisaa turuu irraan darbee hojii irraa arii’ee jira. Gaazexeessitootni kunneen Fincila keessatti hirmaannaa qabdu, Uffata gaddaa uffattanii jirtan, dirqama keessan seeraan bahaa hin jirtan jedhamuun kan hojii irraa dhorkaman yoommuu tahu isaanis

1.         Gaazexeessaa Abdiisaa Fufaa

2.       Gaazexeessaa Yusuuf Warqeessaa

3.       Gaazexeessaa Abdii Gadaa

4.        Gaazexeessaa Darajjee Gonfaa

5.       Gaazexeessaa Olaansaa Waaqumaa

6.       Gaazexeessaa Baqqalaa Atoomaa

7.        Gaazexeessaa Isqaa’el Aragaaw

8.       Gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa

9.       Gaazexeessaa Margaa Angaasoo

10.      Gaazexeessaa Anuwaar Sirriisaa

11.        Gaazexeessaa Xilahuun Magarsaa

12.      Gaazexeessaa Birraa Laggasaa

13.      Gaazexeessaa Zallaqaa oljirraa

14.      Gaazexeessaa Abdiisaa Taganyii

15.      Gaazexeessaa Ayyaanaa Cimdeessaa

16.      Gaazexeessaa Kibabaw Obsaa

Yoommuu tahan Gaazexeessitootni kunneen Oduu dharaa fi olola sobaa Uummata Oromoo irratti gaggeeffamu akkasumas Dokumentarii dharaa Uummata Oromoo fi Qabsoo Oromoo irratti gaggeeffamu keessatti akkaataa dirqamni kennameen bahachuu diddan jedhamuun kan qorannoo hamaan booda hojii irraa kan arii’aman yoommuu tahu Uummata Oromoof dhugaa dubbachuuf kutannaan diina dura dhaabbachuun dirqama Oromummaa bahachuun gahee hundaa tahuu Qeerroon Bilisummaa waamicha dabarsa!

SBO Waxabajjii 25 Bara 2014 Oduu – Iyyannoo Barattoota Oromoo Yunvarsitii Jimmaa fi Barruu Jiituu Lammii

Aside

Walaloo Kabajaa fi Jaalala “Aayyoo Oromoo” Dhaa

Aside

Breaking News‎: Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo Jiraattota Magaalaa Naqamtee Akka Dirqamanii Bahaniif “Walgayii Ariifachiisaa” Jechuun Waamicha Taasisaa JIra.

Aside

Guyyaa Booruu,Waxabajjii 25,2014f  Mootummaan Wayyaanee Ummanni Oromoo magaalaa Naqamtee Dirqamaan Akka Walgahii Ariifachiisaa Bahaniif  Jedha Waamicha Taasisa Jira.

diddaaGabaasaan Qeerroo Magaalaa Naqamtee Irraa Waxabajjii 24,2014 akka beeksisetti Mootummaan Wayyaanee giyyaa boruu Waxabajjii 25,2014tti walgayii ariifachiisaa uummata ergamtoota isaatiin mana jireenyaa irraa deemuudhaan uummata walgayii waamsisaa akka jiru qeerroon addeessa. Kanaan duras magaala Naqamtee qofa osoo hin ta’iin aanaalee godina Wallagga bahaa keessatti argaman keessa naannawuun dirqiin uumata walgahii waamisisaa akka turan beekamaa dha. Walgahiileen dirqiin uumata baasan bakkoota hedduutti osoo hin ta’iin hafee uumati tokkummaan diddaa isaa argisiisaa ture.

Magaalaa naqamtee keessatti guyyaa booruu Waxabajjii 25,2014 waamichi walgayii taasifame kun dirqamaan uummata irra deemanii bahuu qabdu jedhanii waamaa akka jiran yoo tahu kaayyoon walgayii kanaas akka gabaasni isbutti mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa gaafatameen lubbuu hedduun dhabamee, ilmaan Oromoo mana hidhaatti dararamaa jiran kun maqaa shororkeessummaa itti moggasuun yaada uummataa tasgabbeesuu fi araarfachuu akka tahetu dubbatama,kana qofas osoo hin taanee uummata irraa yaada fuudhanii namoota ilaalcha siyaasa keessatiin qabuuf mana hidhaatti sassaabuu akka tahe akkasuma uummata gaaffii mirgaa gaafatu toohachuuf jecha walgayiin kun waamamaa jira jedha gabaasni Qeerroo magaalaa Naqamtee .

FDG Daran Jabaachuu Irraan JAARSUMMAA Mootummaan Wayyaanee Jiraattota Qeellam Anfillootti Erge Diddaa Ummataan Fashale.

Aside

Waxabajjii 24,2014 Gabaasa Qeerroo Anfilloo

Oromian resistanceFDG Dargaggootaa fi jiraattota Oromoo Wallagga, Qeellem Anfilloo keessatti qabate daran jabaachuu irraan humni waraana Wayyaanee FDG qabate tohachuu fi dhaamsuu dadhabuu irraan mootummaan Wayyaanee maanguddummaa uumatatti ergachuuf jecha garee JAARSUMMAA  jedhuun Finfinnee irraa kallattiin gara Qeellamma Anfillootti ergate diddaa uumataan fashale.

Maqaa jaarsummaa jedhuun aangawoonni Wayyaanee gara ganda Ashiitti kaleessa ergate ture kun uumataan fudhatama dhabee uumanni “isin ergaa keessan dabarfachuuf dhuftan malee gaaffii mirga saba Oromoo kabajuuf miti” jechuun ergama diinaa kana fashaleessanii jiru.

Haala kanaan akka jaarsummaatti kanneen naannoo sanatti bobba’an uumata Oromootti dhadachuu fi humna waraana qabaniin akka doorsisaa turanis gabaasi qeerroo addeessa.

Gama biraan waraana Wayyaanee naannoo Anfilloo qubbatee uumata doorsisuu fi hiraarsaa jiru jidduu isaatti wal qoodmaan guddaa dhufee kanneen Oromoota ta’an roorifamuu uumata Oromoo callifnee ilaaluu hin dandeenyu qawwee Wayyaaneen uumata keenya hin doorsifnu sababa jedhuun humni naannoo san jiru uumata hiraarsuuf kan deeme amma gara walii isaatti galagalee wal gaarreffataa akka jiru dha jechuun addeessu.

 

Walaloo gabaabduufi bareedduu

Aside

Raadiyoo Seife Nebelbaalii fi Sagalee Oromoo Waxabajjii 23,2014

Aside

#OromoProtests: U.S. Senators Say Ethiopian Govt’s Respect of All Ethnic Groups’ Human Rights Must Be Central to the U.S.-Ethiopia Relationship

Aside

Posted: Waxabajjii/June 24, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com |

USSenators_Minnesota2014
Photos: Sen. Amy Klobuchar (L) and Sen. Al Franken (R) of Minnesota

Two more U.S. Senators, Sen. Amy Klobuchar and Sen. Al Franken of Minnesota, wrote a letter to the U.S. Secretary of State, Mr. John Kerry, to express concerns about the Ethiopian government’s human rights violations, particularly the Ethiopian government’s recent acts of violence against Oromo peaceful demonstrators in Oromia. In the letter, the U.S. Senators urged the U.S. State Department to make the “respect for the rule of law and human rights in Ethiopian government’s treatment of all ethnic groups” central to the U.S.-Ethiopia relationship.

It’s to be noted that U.S. Senators from the State of Washington, Sen. Maria Cantwell and Sen. Patty Murray, also wrote a letter earlier in June – expressing their concern about the Ethiopian government’s acts of violence against Oromo peaceful demonstrators.

Letter from U.S. Senators from Minnesota:

US_Senators_MN_Letter1

US_Senators_MN_Letter2

Magaalaa Begii Keessatti FDG Itti Fufe, Hidhamtoota Nama 5n Irratti Mootummaan Wayyaanee Murtoo Dabarse.

Aside

Gabaasa Qeerroo magaalaa Begii, Waxabajji 23Armaan dura mootummaan wayyaanee gaffii tokko malee qote bultoota magaalaa Begii irraa mana hidhaatti guuree hidhuun dararuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.Namoota muraasa magaalaa Begii irraa tikoota wayyaaneen qabamnii mana hidhaa seenan namoota 9 maqaa isaanii gabaasaa irratti dhiyeessinee turre. Namoota kana keessaa guyyaa har’aa murtoon mana murtii magaalaa Begii irratti nama 5n itti kennamee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira.Namoota kun maqaan isaanii akka kanaa gadiitti kan argamuudha.
1.Abdii Raggaasaa-Baatii 5n itti murteeffame,
2.Tashaalee Aberraa-Waggaa tokko
3.Barataa Bakkalchaa Mikaa’el-Wagga tokko
4.Abbush Takkalee-Waggaa tokkoo fi Baatii shan
5.Suleeman Gobbaa-Waggaa tokko
Namootni 3 hamma ammaatti bakka buuteen isaanii kan hin beekamne yo tahu, guyyaa har’aa erga murtoon kun itti kennamee booda uummanni magaalaa Begii hunduu mana murtii duratti wal gayuudhaan barattoota hidhaman kanaa fi kan murtoon itti kenname murtoo haqaa miti, mirga isaaniitiif jedhaniiti yakka godhanii miti jechuudhaan uummanni namoota kan gadi nuuf dhiisaa jechuun diddaa jabaa kaasanii kan jiran yoo tahu poolisootaa fi humna waraana wayyaanee magaalaa san irra jiru dhukaasa hedduu uummata irratti banuudhan uummanni yeroodhaaf garagar tamsa’ee jira.Kun gara ganamaa sa’a duraa yo tahu sa’a booda uummanni diddaa jabeessuu irraan humni waraana wayyaanee godina Qellem dambi Dolloo irraa gara sanatti fe’amuudhaan uummata irratti dhukaasa banuuf magaalaa sanatti kan humni waraanaa kun kan bobbahan uummanni addaan faca’ee jira, magaalaan Begii dirree waraanaa kan fakkaate galgala kana dhukaasni bakka garagaraatii dhuka’uudhaan uummata irratti doorsisi banamee jira,uummanni hamma kan hidhaman kun mana hidhaati gadhiifamanii fi bakka buuteen isaanii kan dhabames akka nuuf deebi’an uummanni gaaffi isaaa itti fufee jiraachuu gabaasni Qeerroo addeessee jira.

Breaking News -Sirni Awwalcha Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Haala Ho’aa Ta’een Gaggeeffamaa Jira.

Aside

Waxabajjii 23/2014 Sirni Awwalcha Gooticha Sabboonaa Oromoo dargaggoo Galanaa Nadhaa guyyaa har’a ganda dhaloota isaa Godina Lixa Shawaa Aanaa Tokkee Kuttaayee ganda qonnaan bulaa Tokkee Konbolchaatti bakka uummaanni Oromoo Godinotaa fi aanaawwaaan garaagaraa irra irraatti argamanitti gaggeeffama jira. keessattuu uummaanni aanaawwaan kanneen akka Aanaa Amboo, Gudar, Xiiqur Incinnii, Tokkee kuttaayee, Calliyaa Geedoo, Midaa Qanyii ,Shanaan, Finfinnee, fi bakkota hedduu irra uummaatni Oromoo tilmaamaan 3000 olitti lakka’amu irratti argamuun gaddaa guddaa sabboonaa Oromoo kana ibsachuun Dhaadannoo, eessaan dhaqxu sabboonaa Oromoo isa bilisummaa keenyaaf falmuu, Goota Oromoo mucaa dandeetii fi sabboonummaan nama boonsuu Galaanaa Nadhaa jechuun uummaanni haal;a ulfataa ta’een gaddee, jira. Qeerroowwan sabboontotni Oromoo sirna awwaalchaa kanarratti argamuun gumaan ilmaan Oromoo hin haftu, gumaa Galaanaa Nadhaa ni baasna, qabsoo goototni ilmaan Oromoo irraatti wareegamaan galmaan ga’uuf kutannoon qabsoofnaa, Wareegama ilmaan isheetiin Oromiyaan ni bilisoomti, Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n seeraatti dhiyaachuu qabu jechuun yeroo amma kanatti dhaadannoo dhageesisaa jiru. ummaanni Fardeen fe’atee dhaadannoo akkam jabaa ta’ee fi dheekkamsaan guutame dhageesisaa jira, kanneen kaan garaftuudhaan of reebuun hanga of dhiigsanitti gaddaa guddaa isanitti dhaga’amee fi roorroo garbummaa uummata irraa jiru ibsacha jiru.