SOCHII OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA !

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!HUMNA TA’UUF BAKKAYYUTTI HAA HOJJANNU !!!

SEENAA Y.G(2005)

Bara 2014” Ummati Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa isaa kabachiisuuf yk deeffachuuf, Biyya keessaa fi alatti Qabsoon gaggeessaa jiru, diina irratti waloon hojjachuun bu’aa qabeessa ta’uu qofa odoo hin taanee, keessa isaatti , sochiin Nama dhuunfaa eegalee amma dhaabaatti, dabrees/darbees amma Ummataatti gumaacha yoo taasifne, Injifannoon dhihoo ta’uu kan itti hubateedha jedheen amana. Nama waan hojjatame gamaagamee, isa itti aanuuf maaltu nu irraa eegama ? sochii keenya kana irra bal’ifnee yoo itti fufnee Gabrummaa jalaa ba’uu dandeenya, kana irra yoo wal dhaggeeffannee fi wal utubne…… jedhee kan herreeggateef, Barri 2014 barnootaa fi hamilee guddaa nu keessatti uumuu irra taree, sochii itti aanuuf bu’ura godhata. Ummata Mirga isaaf saganteeffatee Biyya keessaa fi alatti sochaa’aa jiru, diinni hangamuu hammeenya nu irratti hojjatu, qabsoo Ummata kanaa dhaamsuu akka hin dandeenye, Ummati kun Qabsoo walii galaaf Qophaa’aa jiraachuu fi kunis injifannoo Ummata kanaan akka Goolabamu diinni dirqamaan akka fudhatu taasisa.

SOCHII OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA.docx

SBO Onkoloolessa 12 Bara 2014 Oduu – Qophiilee Guyyaa Yaadannoo FDG Sadaasa 9 ilaallatan – Gaaffii fi deebii Art.Mihrat W.Maariyam kutaa 2ffaa fi Rakkoo Waldaa Waaqeffattoota Oromoo mudate irratti gaaffii fi deebii geggeeffame akkasumas gabaasa Ayyaana Irreechaa kutaa xumuraa

Aside

Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti Bakka Uummaanni Oromoo Miliyoonaan Lakkaa’amu Argamutti Sirna Ho’a Ta’een Kabajame.

Aside

Gabaasa Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Onkoloolessa 09,2014

dsc02350

Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti bakka uummaanni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu argamutti sirna ho’a ta’een kabajame.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jalbultii ayyaanaa irreechaa Buyyaayyuu Malkaa Ateetee irraa eegaluun magaalaa Finfinnee fi magaalota addaa Oromiyaa Burraayyuu, sabbataa, Sulultaa, Xaafoo Laga Daadhii, Duukkam, Bishooftuu, Galaan , Qaalliittii fi Hoolotaa irraa tajaajila network balleessuun ayyaana Irreechaa Oromoon bara kana haalaan dammaqee gaggeeffachaa jiru danquuf yaalii guddaa gaggeesse jira.

Kana malees Mootummaan EPRDF sodaa guddaa sochii dargaggoota Oromoo fi waliigalatti uummatni Oromoo godina gaanfa Afrikaa keessatti bilisummaa isaa kabachiifachuuf gaggeessuun sodaa fi dhiphina keessa seenuun ayyaana Irreechaa uguruuf humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessa bobaasuun uummata gara Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateeteetti gamtaadhaan uffata aadaa fi uffata abbaa Gadaa uffatee aadaa isaa midhagsee adeemaa jiruu humnaan dhaabanii sakkata’uun uuffata aadaa mallattoo Odaa Oromoo of irraa qabu irraa saamuun sabboontota Oromoo qabanii dorsiisuun, kanneen qabamanii wajjira poolisii Burraayyuutti hidhaman illee jiraachuu maddeen keenya ayyaana Irreecha Malkaa Ateetee irratti argaman gabaasaniru.

Uummatni Oromoo Uummata ukkaamsaan, hidhaan, doorsifnii fi ajjeechaan aadaa, eenyummaa, Oromummaa, sabboonummaa fi bilisummaa isaaf falmachuu irraa duubatti deebisu miti kana immoo Oromoon rakkoo ulfaataa keessa darbee eenyummaa isaa diinatti uummata argisiisa jirudha. Guyyaa kaleessas Uummaatni Oromoo godinaalee Oromiyaa fi magaaloota Finfinnee, Burraayyuu, Bishooftuu, Adaamaa, Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa, Sabbataa, Walisoo, Hollotaa, Amboo, fi Neqamtee irra walitti dhufuun haala ajaa’ibsiisa ta’een Ayyaana Irreechaa Magaalaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti kabajachuun eenyummaa, Tokkummaa, Oromomummaa fi Sabboonummaa isaa jebeeffachuun diina afaan faajjessa olee jira. Keessattuu Uummaatni Oromoo bakka hundatti abdiif gaachana isaa kan ta’e ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo wallee warraqsaan faarsaa kan jiru, guyyaa kaleessas dargaggootni, shamarraan, barattootni, fi uummatni Oromoo Wallee Warraaqsaa Wal harkaa fuudhuun Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun Ayyaanichaa haalaan midhaksuun kan kabajataan yoo ta’u dabbaallootni fi humnootni tikaa Wayyaanee sochii wallee warraaqsaa dhaabsisuuf yaalii humnaa olii gochaa kan oolaan yoo ta’uu; injifannoo uummataatiin bu’aa tokko malee akeekni abbaa irree fashaleessuun uummaatni haala ajaa’ibsiisaa ta’een waldhaansoo diinaa guddaa keessatti ayyaanicha kabajataniiru.
Hub:- Haala ayyaana milkii qabeessa kan ta’e IRREECHA Waraabbii suuraa fi video akka hin tamsaaneef jecha Wayyaaneen ta’e jedhee Network fi ibsaa kutee waan jiruuf obsaan gama fuula irraa jalaan gabaafna.

Malkaa ateetee2Malkaa ateetee Malkaa ateetee3

Seife Nebelbal Radio Program, October 10, 2014

Aside

“March for Oromia” – Peaceful Rally in Front of the United Nations (UN) in New York City; October 17, 2014

Aside

MarchforOromia2014NYC

http://www.Gadaa.com

Sagalee Simbirtuu Onkoloolessa 09,2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 8, 2014

Aside

ቄሮ/Qeerroo የኦሮሞ፡ ወጣቶ ች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ፡ ዜና: October 08, 2014

Aside

Barsiisoti Oromoo Dirqamaan Walgahii Wayyaanee Irraatti Akka Hirmaatan Ta’an Diddaa Sirna EPRDF Irratti Ibsa Ejjetnoo Fudhatan.

Aside

DIDDAA 2Haala Yeroo biyyattiin Keessa jirtuu fi Kasaaraa siyaasaa Mootummaa EPRDF mudatee jiru irratti Ibsa barsiisota Oromoo dhaabbilee bararnoota Olaanoo Yuunibarsiitota garaagaraa irratti maqaa walga’ii tarsiimoo Siyaasaa jechuun wayyaaneen walitti qabde irraa kenname.

  1. Sirni TPLF/EPRDF bulchiinsa Dimookiraasii Warraqaan kakatuu fi sirna Federaalizimii daheeffachuun yakka raawwatuun Impaayera Itophiyaa waggoota 23 oliif bitaa jiru, ummata guddaa biyyatti keessatti argamuu uummata Oromoo irratti yakka dugugginsa sanyii rawwaachaa as gahe. Sabaaf sablamoota biyyatti tapha siyaasaan ala godhee qoddanna angoo ala taasisuun fallaa federaliizimii fi dimookiraasii dhaabbatee, mirgoota siyaasaa, namummaa, amantaa, walgahuu, ijaaramuu fi kkf ugguraa fi dhiitaa jira. Ibsa Barsiisota walgahii Wayyaanee irra turanii

Aside

SBO

 

Yaadannoo-FDG-Sadaasa-09-4

Bara 2005 waamicha ABOn ummata bal’aa Oromoof haaromseen Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG)n guutuu Oromiyaa keessatti erga bifa ho’aan qabsiifamee haga har’aatti bifa adda addaan mootummaa gabroomfattuu wayyaanee akka guggubaa jiru eenyullee haaluu hin danda’u.

Ebla Bara 2011 warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga finiinuu jalqabee kaasees guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sabboontotaa fi walii galatti ummata Oromoo bal’aan walta’uun FDG bifa adda addaan mootummaa gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiisuun ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu ta’uu ifatti mul’isaa jiran.

Addatti bara 2014 kana keessa qooda Qeerroo Bilisummaa Oromoon (Barattootaa fi Dargaggoota)n warraaqsi FDG fi Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa sirna gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiifame haga har’aatti mootummicha guggubaa, QBOf injifannoo galmeessaa jira. Fincila deemaa jiru kana keessattis wareegamni qaqqaaliin kafalameera; kafalamaas jira. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessaa jiran. Ilmaan Oromoo qaroon, beekoo fi hubatoon, kanneen biyyaa fi ummata isaanii caalchifatan dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii bilisummaa balbala Oromoon gahanii jiran. Bara baraanis seenaan QBO isaan yaadata! Sadaasa 9 Guyyaa FDG ilaalchisee beeksisa SBO