Gabaasa Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Onkoloolessa 09,2014
Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti bakka uummaanni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu argamutti sirna ho’a ta’een kabajame.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jalbultii ayyaanaa irreechaa Buyyaayyuu Malkaa Ateetee irraa eegaluun magaalaa Finfinnee fi magaalota addaa Oromiyaa Burraayyuu, sabbataa, Sulultaa, Xaafoo Laga Daadhii, Duukkam, Bishooftuu, Galaan , Qaalliittii fi Hoolotaa irraa tajaajila network balleessuun ayyaana Irreechaa Oromoon bara kana haalaan dammaqee gaggeeffachaa jiru danquuf yaalii guddaa gaggeesse jira.
Kana malees Mootummaan EPRDF sodaa guddaa sochii dargaggoota Oromoo fi waliigalatti uummatni Oromoo godina gaanfa Afrikaa keessatti bilisummaa isaa kabachiifachuuf gaggeessuun sodaa fi dhiphina keessa seenuun ayyaana Irreechaa uguruuf humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessa bobaasuun uummata gara Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateeteetti gamtaadhaan uffata aadaa fi uffata abbaa Gadaa uffatee aadaa isaa midhagsee adeemaa jiruu humnaan dhaabanii sakkata’uun uuffata aadaa mallattoo Odaa Oromoo of irraa qabu irraa saamuun sabboontota Oromoo qabanii dorsiisuun, kanneen qabamanii wajjira poolisii Burraayyuutti hidhaman illee jiraachuu maddeen keenya ayyaana Irreecha Malkaa Ateetee irratti argaman gabaasaniru.
Uummatni Oromoo Uummata ukkaamsaan, hidhaan, doorsifnii fi ajjeechaan aadaa, eenyummaa, Oromummaa, sabboonummaa fi bilisummaa isaaf falmachuu irraa duubatti deebisu miti kana immoo Oromoon rakkoo ulfaataa keessa darbee eenyummaa isaa diinatti uummata argisiisa jirudha. Guyyaa kaleessas Uummaatni Oromoo godinaalee Oromiyaa fi magaaloota Finfinnee, Burraayyuu, Bishooftuu, Adaamaa, Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa, Sabbataa, Walisoo, Hollotaa, Amboo, fi Neqamtee irra walitti dhufuun haala ajaa’ibsiisa ta’een Ayyaana Irreechaa Magaalaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti kabajachuun eenyummaa, Tokkummaa, Oromomummaa fi Sabboonummaa isaa jebeeffachuun diina afaan faajjessa olee jira. Keessattuu Uummaatni Oromoo bakka hundatti abdiif gaachana isaa kan ta’e ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo wallee warraqsaan faarsaa kan jiru, guyyaa kaleessas dargaggootni, shamarraan, barattootni, fi uummatni Oromoo Wallee Warraaqsaa Wal harkaa fuudhuun Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun Ayyaanichaa haalaan midhaksuun kan kabajataan yoo ta’u dabbaallootni fi humnootni tikaa Wayyaanee sochii wallee warraaqsaa dhaabsisuuf yaalii humnaa olii gochaa kan oolaan yoo ta’uu; injifannoo uummataatiin bu’aa tokko malee akeekni abbaa irree fashaleessuun uummaatni haala ajaa’ibsiisaa ta’een waldhaansoo diinaa guddaa keessatti ayyaanicha kabajataniiru.
Hub:- Haala ayyaana milkii qabeessa kan ta’e IRREECHA Waraabbii suuraa fi video akka hin tamsaaneef jecha Wayyaaneen ta’e jedhee Network fi ibsaa kutee waan jiruuf obsaan gama fuula irraa jalaan gabaafna.
Pingback: Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti Bakka Uummaanni Oromoo Miliyoonaan Lakkaa’amu Argamutti Sirna Ho’a Ta’een Kabajame. | tuulamaapost's Blog
Pingback: Irreecha 2014: The Oromo Thanksgiving National And Cultural Holiday Season | OromianEconomist
Qerroo abdii saba oromoo nuuf jiraadhaa oromiyaan ni bilisoomti
Injjiffannoo ummata oromoo
Jabadhaa
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti Bakka Uummaanni Oromoo Miliyoonaan Lakkaa’amu Argamutti Sirna Ho’a Ta’een Kabajame |
Uuu maaloo nu fixanii