Hogganoota Wayyaaneen Kan Durfamu Leenjii Siyaasaa Bakkoota Adda Addaatti Hojjettoota Fayyaaf Kennamaa Jiru Wal Diddaa Hammeesse

Aside

Onkoloolessa 15,2014 Finfinnee

diddaa9Hojjetoonni mootummaa ogeessota fayyaa hospitaalaa fi buufata fayyaa magaalaa Finfinnee keessaa hojjetanii fi kutaa biyyaa garagaraa keessaa hojjetan leenjii turban lamaa mootummaan Wayyaanee kennaafii ture ammas kan itti fufee jira. Leenjiin siyaasaa hojjetoota fayyaa Wayyaanee kennamaa jiru bara mootummaa aangoo isaa keessatti mootummaan miidhaa maalii uummata isaa irraan gahee? Maqaa misoomaan wal qabsiisanii, mootummaan EPRDF uumataaf mishooma baldhise malee qotee bulaa lafa irraa hin buqifne sababa dhimma filannoo dhufuuf jecha dursee hojjetoota amansiisuuf yaalii gochaa jira, haata’u malee hojjetoonni ogeessota fayaas tahe hojjetootni biraa gaaffii dhimmoota mirga namoomaa fi mindaa ilaalchisee gaaffiileen jajjabduu waan irratti ka’aa jiruuf bakkoota hedduutti rakkoon qondaalota Wayyaanee walgahii dhimma kanaa gaggeessan mudachaa jira.

Mootummaan dhimma filannoo dhufu ilaalchisee daandii ittiin filamu hojjetoota isaa sobaan amansiisuu malee dhimmi miindaa dabaliinsaa irratti waan dubbataa jiru hin qabu, mootummaa Wayyaanee ammas haalli isa yaaddeesu utuu jiruu, filatamuudhaaf shiroota adda addaaf qophii isaa xumurachuu malee dhimma hojjetoota isaa mil’achaa waan hin jirreef leenjii ogeessota fayaa jedhee yaada irraa fuucha jiru irrattis gaaffiin ka’aa jiru olola sobaa miti kan feenu dabaliinsa miindaa fi miga namoomaati  feena jechuun walgayii Wayyaanotaa kana  irratti diddaa kaasanii jiru.

Gama biraan gaaffiin barattooti Oromoo kaasaa turanii fi jiran gaaffii mirgaa fi haqaati kan jedhu hojjettooti fayyaa kun bakkoota adda addaatti qondaalota Wayyaaneetti kaasanii jiru. Kana malees dhimma filannootiifis namoota horiidhaan gowomsaa jiraachuun waan ifaati, horii fi aangoo akkasuma shira isaa abdatee waan jiruuf
mootummaan Wayyaanee gaaffii hojjetootaas tahe gaaffiin mirgaa karaa garagaraan ka’aa jiru isatti kan dhaga’amaa hin jirreedha, gaaffiin dhimma miindaas hojjetootaan diddaan itti fufuuf dhagayamaa kan jiruudha.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa,13 2013/ Alaabaa Ilaalchisee Qophii Addaa

Aside

SBO Onkoloolessa 15 Bara 2014 Oduu – Ibsa gaddaa ABO irraa kanname – Qophiilee Guyyaa yaadannoo FDG fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 13, 2014

Aside

Du’aan Boqotuu Adde Tsehay Tolasaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Irraa Kenname.

Aside

ABO

Du’aan Boqotuu Adde Tsehay Tolasaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Irraa Kenname.

Harka guddeessa Sabboontota Oromoo addatti ammo dhalattoota Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromootti dhihoo jiraniin bal’inaan kan beekaman Adde Teshay Tolasaa hoospitaala Land Mark jedhamutti waldhaanamaa osoo jiranii Onkoloolessa 12, 2014 Oromiyaa/ Finfinneetti addunyaa kana irraa du’aan boqatanii jiran.

Sabboontuu, hiyyeessa gargaaruu fi jajjabeessuun kan beekaman Adde Tsehay Tolasaa Abbaa warraaisaanii Lubi Guddinaa Tumsaa badiin alatti murtii faashistummaan kan ajjeese mootummaan Dargii, ajjeechaa Abbaa warraa isaanii irratti raawwateen quufuu dhabuu irraa isaaniinis waggoota 10ni oliif mana hidhaa keessatti dararaa turuu seenaan Adde Tsehay ni hubachiisa.

Sabboontuu fi haadha hiyyeessaa kan tahan Adde Tsehaay Tolasaa mana hidhaa Dargii keessatti miidhaan ol aanaa irra gahullee midhaa irra gaheef osoo harka hin laatne akka mana hidhaatii bahaniin dhalattoota biyyaa isaaniin olitti rakkoo adda addaan qabamanii jiran gargaaruuf murteeffatanii waggoota 20 ol dabraniif dalagaa namoomaa boonsaa hojjataa turan. Garaa laaftuu fi ummata rakkateef kan naasuu qaban Adde Tsehay, waggoota kanneen keessatti harka qalleeyyii hedduu nyaachisuu, daara baasuu fi waldhaansisuun hojii boonsaa bara baraan ittiin yaadataman hojjatanii dabran.
Haadha Ijoollee Afurii kan tahan Adde Tsehay Tolasaa waggaa 84-tti Onkoloolessa 12, 2014 du’aan boqatan. Qabsoo Bilismmaa ummata Oromoo keessatti qoodni isaanii guddaa dha. Senaan hidhaa waggaa 10 olii kana mirkaneessa. Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqotuu Adde Tsehay Tolasaatti gadda cimaa itti dhagahame ibsaa maatii, firoottanii fi sabboontota Oromoo maraaf jajjabina hawwa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 14, 2014

Kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Ilaachisee Gabaasa Addaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 10,2014

Aside

Eebba Maanguddoo fi Irreeffatnaa Malkaa Ateetee

Aside

Leenjiin Maqaa “Imaamataa fi Tarsiimoo Mootummaa” Jedhuun Barattoota Yuuniversitii fi Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaaf Kennamaa Bahe Bu’aa Tokko Malee Xumurame.

Aside

Gabaasa Qeerrooo Finfinnee Onkoloolessa 12,2014

OromiaALutaContinua2011FDGKaroorri mootummaa abba hirree wayyaanee leenjii poolisiiwwanii fi tarsiimoo mootummaa  jechuun uummata Oromoo addatti barattoota Oromoo afaan faajjiif qopheeffatee baatii lamaaf marsaa marsaan walitti qabee gaggeessaa ture bu’aa qabeessummaa tokko malee qaanii fi salphina ergamtoota Wayyaaneetiin xumuramee jira.

Leenjiin afaan faajjii kun barattoota dhaabbilee ol aanoo irra barataa turaniin eegalee bu’aa malee gaaffii mirgaa fi diddaan guddaa gaggeeffamaa kan ture tahuu irra dabree barattoota hedduu mana hidhaatti kan darbe, gariin kan qaamaa hir’isee fi lubbuu dabarse tahee, marsaa lamaan kan xumurame yoo tahu; itti fufuuniis barattoota haaraa gara dhaabbilee ol aanaatti ramadaman barattoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi barsiistota sadarkaa adda addaa irra jiran torbaan lamaaf tibbana gaggeessaa ture bu’aa malee diddaa fi gaaffii garaa garaan kan lukkeewwan mootummaa abba hirree Wayyanee muddaa turee fi qaaniin afaan qabachiisaa ture  Onkoloolessa 9 bara 2014 abdii kutannaa mootummaa gabroonfataan irraan gahee jira.

Onkoloolessa 9 bara 2014 akka walii galaatti barattoota dhaabbilee ol aanaa fi sadarkaa 2ffaan xumuramutti, gootonni barattoota dhaabbilee ol aanaa fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa garaagaraa faaruwwaan qabsoo fi dhaadannoowwan garaagaraa mooraa barumsaa fi dallaa Yuuniversiitiiwwan keessatti sa’aatii dheeraaf dhageessisaa ooluun murannoo fi ejjennoo isaanii ifaan ifatti ergamtoota mootummaa gabroonfataatti agarsiisaniiruun injifannoon bahanii jiru.

Mootummaan Wayyaanee Filannoo Dhufuuf Maqaa Qorannoo Uummataa Godinaalee Keessatti Gaggeessuu Jedhuun Uummata Gooluuf Jecha Onkoloolessa 13,2014 Irraa Kaasee Jalqabuuf Karoora Baafate.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 12,2014

Guddina biyya EthiopiaFilannoo dhufuuf jecha mootummaan Wayyaanee doorsisa uummata irratti banuu eegalee jira. Gabaasa Qeerroo Qellem Anfilloo irraa kan addeessu maddibgabaasichaa kan nu qaqqabe Onkoloolessa 12,bara 2014 mootummaan Wayyaanee miidiyaa of harkaa qabuun filannoo bara kana karaa diimokiraasiin kan xumuramu tahuu isaa mootummaan qophii isaa xumuraa jira, uummanni mootummaa gama nagaatiin filannoo isaa gaggeessuun haala uummata amma irra jiru irraa waan hubatamuudha jedhchuun ololaa jiraachuun waan beekamaa jiruudha.

Yeroo ammaa miidiyaan Wayyaanee hunduu dhimma filnnoo dhufu ilaalchisee kan afarsaa jiraniidha. Gama gocha godina,aanaa fi ganda keessatti raawwatamaa jiruun ammoo doorsisni uummata irratti gama caasaa mootummaa Wayyaanee gadi bu’ee jiruun banamaa jira. Godinoota garagaraa bakka mootummaan Wayyaanee keessatti shakku, bakka mootummaan Wayyaanee amantii irraa dhabee shakkiin guutame keessatti filannoon bara kanaa uummanni dirqamaan akka filatu, dhimma jireenyaa fi misoomaan wal qabsiisee doorsisa qote bultoota irra kan banaa jiru odeessi nu gahe kan addeessuu f I akka madda gabaasni Qeerroo Qellem Wallagga, Anfilloo irraa ibsutti guyyoota fuula kana dura jiran guyyaa boruu irraa kaasee(Onkoloolessa 13 hanga Onkoloolessa 16tti) mootummaan Wayyaanee jiraattota uummata oromoo Qellem, Anfilloo fi Sayyoo keessatti walumaa gala darbee darbee aanaalee Qellem jala jiran hunda keessatti qorannoon caasaa isaatiin gaggeeffamuuf deemu dhimma filannoo dhufu ilaalchisee qorannaa adeemsisuu fi adeemsaa fi haala ittiin uummata qabatan, dirqamaanis wal qabatee uummanni hubachuu kan qabuudha.

Dhimma kana irratti qormaata kan gaggeessuuf deeman magaalaa Anfilloo Muggii irratti fi akkasuma magaalaa Dambi Doolloo irratti, haaluma kanaan wal qabsiisees namoota shakkii irraa qaban keessattuu hojjetoota isaanii qabanii hidhuu kan eegalaniidha, kana qofas miti, akka gabaasni addeessutti waraqaa yaadaa qopheessuudhaan kaabinoonni mootummaa wayyaanee yakkas/ miidhaa mootummaan Wayyaanee bara bulchiinsa isaa keessatti godhe nuf ibsaa jechuudhaan waraqaa uumata keessa kan facaasaa jiraniidha, waraqaan kun torbeewwan darban keessa uummatatti hiramaa kan ture uummannis yaada kennu dhabuu irran deebiin yoo dhabamu, yaada uummataa argachuu hin dandeenye, filannoo kanaaf uummanni kun quubsaa miti kan jedhuuf qorannoo gochuuf kan deeman, qorannaan isaan waliin godhan kun waanta uummata miidhanitti filannoon isaanii waan gaheef miidhaa / balleessaa keenya barree uummata amansiisuu qabna,haala amma uummanni keenya itti jiruun filatamuun waan sobaati jedhanii guutummaatti waan amananiif daandii ittiin uummata amansiisaan irratti qorannaa gochuuf kan deemaa jiraniidha.

Kun godina Qellem qofa keessatti ta’aa kan jiru miti godinaalee oromiyaa garagaraa keessatti kan raawwatamaa jiruudha. Mootummaan Wayyaanee haala keessa jiru keessatti wan qabu dhabee jira, uummata Oromoo shakkii qabuuf jecha horiidhaan dargaggootallee kan umurii isaanii 18 ol tahe bitacha jira, akka magaalaa Finfinneetti waanni taasifama jiru dhimma filannoof jecha barattootni mana barumsaa isaaniitti bifa lenjiin guyyaa guyyaatti qarshii 50,50ni kennamaafii kan jiru, kan gochuun isaas uummataan jibbamee waan jiruuf horiidhaan amansiisuuf kan gochaa jiru tahuun isaa waan hubatamaa dha,akka gabaasota Qeerroo bakka adda addaa irraa nu gahaa jiruu fi sochii jiru irraas hubatamaa jirutti adeemsi mootummaa wayyaanee humnaa fi qarshiitti hirkatee fedha isaa guuttachuuf kan deemaa jiruudha,aangoo isaa irra turuuf kan karoora baafataa jiruudha.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 11, 2014

Aside