SBO: Adoolessa 27, 2018. Oduu, Ajjeechaa Aadde Biraanee Maammoo Irratti Raawwatame balaaleffachuun Ibsa ABO Irraa Laatame, Kora Gamtaa ABO Ameerikaa Kaabaa Kutaa Koloraadoo Ilaalchisuun Gabaasa Qophaahe fi Gabaasa Oduu.

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

Daldalli Siyaasaa Tokkummaa Uummata Oromoofi Addatti Tokkummaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo Cabsuuf Maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ Jedhuun Gaggeeffama Jiru Atattamaan Dhaabbachu Qaba.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Yeroo Uummatni Oromoo akka sabaattifi akka Jarmiyaatti wal hubannoofi tokkummaa isaa jabeeffachuun Qabsoo Bilisummaa Orommoo galii isaa isa dhumaa Bilisummaa isaa gonfachuufi walabummaa Oromiyaa mirkaneeffachuuf Carraaqiin inni mayyii gaggeeffama jiru kanatti farreen qabsoo bilisummaa Oromoofi farreen Uummata Oromoo kan ta’aniifi Addatti immoo dinni humna qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’ee Qeerroo cabsuufi dadhabsiisuuf maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ jedhuun daldala siyaasaafi shira diinummaa butatee gadi bahaa jiraachuun hubatame jira. Gabaabadhumatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo Qabsoon Bilisummaa Oromoo galii isaa gahaa jiru kanatti shira siyaasaa humna uummata keenyaa cabsuuf aggamamaa jiruufi Oromoon walii isaatiin walitti deebi’ee akka walloluuf , ofii immoo Oromoo wal nyaachisaa bittaa umrii dheereffachuuf karaa dhaaba ergamtuu wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOfi humnoota tikaafi siyaasaa isaanitiin kan gaggeeffama jiru kana fashaleessuuf Ibsa gabaaba itti aanu kana dabarsuun kan akeekaafi kaayyoo diinaa fashaleessuu ta’uu hubachisa!! Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 24,2018

Aside

SBO: Adooleessa 25, 2018. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa ABO, Gabaasa Gumaacha Sabboontonni Oromoo WBOf Taasisan Irratti qophaahe fi Sagalee Bilisummaa Oromoo Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SBO/VOL-Ado. 22/2018) Hiriirr0 mormii barsiisoota barattoota barnoota gannaa Yuniversitii Haramaayaa guyyaa arraa gaggeeyfame

Aside

Hiriira ” Lammiin Lammiif” jedhu Qeerroo Bilisummaan yaame Godina Horroo Guduruu Sulula Finca’atti ta’e.

Aside

Image may contain: one or more people, people standing, crowd and outdoor Continue reading

Agartuu Qeerroo -Tibbanaa Harkisaa(Gotottaa) Siyyaasaa

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Adooleessa 21,2018
Finfinnee Oromiyaa

Hordoftoota Agartuu Qeerroo, haalota torbanii barruun akkuma hordofaa turtan kan torban kanaas isiniin gahuufan jedha. Kan fuulduraas xuxxuquu yaalla.

(…Qabiyyee Agartuu Qeerroo har’aa
1. Do’ii/Fiilmii siyyaasaa
2. Waldhuga siyyaasaa
3. Rarraasoo ayyaanlaallattootaa…)

Xiyyoo (Moxobii) dubbii

Adduunyaan keessa jirru addunyaa qabsooti. Qabsoon gosoota bacaqa qabdi. Qabsoon gosaawwaan hedduu keessaa, qabsoo jireenyaa, qabsoo bilisummaa, qabsoo dimokiraasii, qabsoo waa hedduu maqaa dhaanuu dandeenya. Nuti kan ilaallu qabsoo Abbaa Biyyuummaati. Qabsoon abbaa biyyummaa qabsoo gaggeefamu keessaan kan ulfaataa ta’eef wareegama guddaa nama baasisudha. Waan ta’eef namootiin qabsoo abbaa biyyummaa haa jaallatan malee duukaa bu’anii galiin gahuu irratti arcaatiin mumul’achuu mala. Qabsoo abbaa biyyummaa keessatti kuma taatee qabsoof baatee, kudhan taatee jechuun muraasattee galma gahiinsa qabsoo geessa.

Continue reading

SBO:Adoolessa 22, 2018. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa ABO fi Ajjeechaa Magaalaa Najjoo Keessatti Obbo Geetachoo Addisuu Irratti Raawwatame Ilaalchisuun Gabaasa Radion VOA Afaan Oromoo Adoolessa 19,2018 Dhiheesse Irratti Qophii Qindaahe.

Aside

Hiriira guyya kaleessaa “Hiriira Lamiin Lammiif” irratti yaada ummataa.

Aside

SAGALEE QEERROO:ADOOLESSA 20, 2018

Aside