“QARA DHUGAA” Fiilmii Afaan Oromoo Do’ii Gabaabaa Haaraa Bara, 2015

Aside

Dargaggoo Bunguli (Abdiisaa)Haayilee Dararama Mana Hidhaa Keessatti Wayyaannonni Irraan Gahaniin Wareegame.

Aside

Seenaa Jaal Abdiisaa Hayilee (1986-2015)

Jaal Bunguli (Abdiisaa) Hayilee abbaa isaa obboo Hayilee Dagabaasaa Camadaa fi haadha isaa Aaddee Muluu Daammanaairraa Caamsaa 14/1986 A.L .O. ti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat ganda Gaamoo Hadaadiitti dhalate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti, barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma aanaa Jibaat mana barumsaa iichaa hadaadiitti xumure. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa shanan sadarkaa lammaffaatti barachuun qormaata biyyoolessaa(kutaa 10ffaa) qabxii giddugaleessaa galmeessissuun gara kolleejjii teknikaa fi oggummaa Ambootti ogummaa seeraa barachuu eegale. Ogummaa seeraa baratee osoo jiruu carraa hojii waan hin arganneef ogummaa dhuunfaa isaa hojii ijaarsaa garaa garaatiin biyyoota adda addaa deemee  hojjachuu eegale. 

Jaal Abdiisaan nama qajeelaa dhaabbii fi ilaalchi isaa namatti tolu ture. Hawaasa naannoo isaa biratti taphataa kubbaa milaa cimaafi farda gulufuun beekama. Jaal Bunguli (Abdiisaa) bara 2014 yeroo ummanni Oromoo daangaa lafa Oromiyaa falmatu mirga saba isaatiif nama of kennee falmaa turee dha. Sababa kanaanis hiriira seeraan alaa gaggeesite; jeequmsaaf ummata kakaafte jedhamee yeroo dheeraaf hordofamaa ture. Innis hordoffiin itti hammaannaan bakka jireenyaa jijjirachuun  jiraataa ture. More:- http://oromedia.net/

Seife Nebelbal Radio, March 27, 2015

Sagalee QEERROO Bilisummaa Qophii Bitootessa 26,2015

Aside

Cooma Mana Oromaa Irraa Raafuu Haadha ofii Wayya

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Simbirtuu: Oduu fi Qophii Imalaa. Imalli waa’ee biyya galuu fi bahuu ADO irratti xiyeeffata.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 25, 2015

Aside

Sagantaaleen keenya Tibbanaa fi Mala jireenyaa ti: Tibbannaan keenya haráa Waaée gara Itoophiyaatti galuu fi bahuu Ob Leencoo Lataa fi paartii isaanii irratti xiyyeeffata.

Filmaataaf Jecha Jijjirraa Kabeebsaan Uummata Oromoo Alaa fi Keessaa Goyyomsaa Kan jiru EPRDF/OPDOn, Abbootii Warraa 20 Ammoo Buraayyuu Keessaa Manneen Jireenyaa Irratti Diigan.

Aside

Gabasaa Qeerroo Bitootessa 25,2015 Buraayyu

17383_705293762915103_2083580466473594137_nKaleessaa Bitooteessa 24,2015 Magaalaa Buraayyuu keessaa Manneen jireenyaa abbootiin warraa lakkoofsaan maatii 20 ol ta’anii diiguun uummata  Oromoo jiraattota naannoo dirree irratti hambisee jira.10941521_705293766248436_3685175036991507200_n

Dh.D.U.O’n yeroo ayyaana dhaloota isaa biyya Tigray keessatti dhalate kabajataa jirtutti uumata Oromoo harka qalleeyyii kanneen hojii humnaa guyyaa hojechuun mana ijaarratan dachi irraa fudhachuun inversterootaaf kennee guutummaatti naannichi akka diigamee Oromooti manaa fi qe’ee maleeyyii akka ta’anii hafan taasifamee jira.

Maatiin abbaa warraa 20 ta’an dachiin irratti mana ijaaratanii turan kun osoo isaan hin beekiin inversteroota alagaatti gurguramuun hattattamaan naannoo san irraa akka ka’anii fi manni isaaniis gaafa Bitootessa 24,2015 tuutummaatti diigamee lafi sun abbootii qabeenyaaf kennamee jira.  Haala kanaan maanguddoota, daa’imman, dubartootaa fi dhiiroota Oromoo bakka jireenyaa dhabuun daa’imman isaanii waliin halkan bineensaaf saaxilamaa jiru.

FDG Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Bitootessa 24, 2015

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ :ዜና:: March 24, 2015 / “ABO” Jecha Jedhu Irratti Qophii Addaa

Aside

Qeerroon Bilisummaa Yuuniversitii Jimmaa Warraaqsa Bilisummaa Jabeessanii Itti Fufuun Guyyaa Har’aa Seenaa Galmeessan

Aside

Photo0014_002000  Bitootessa 24/2015 Goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa  FDG qabsiisan jabeessuun itti fufuun guyyaa har’aa uffata gaddaa uffachuun ilmaan Oromoo bara darbee mootummaan EPRDF waraana itti bobbaasuun mooraa  Yuunibarsiitii fi manneen barnootaa sadarkaa adda addaa keessatti fixeef gaddaa qaban mormii guddaan ibsachuun walleelee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun gootota ilmaan Oromoo faarsan.

   Goototni barattootni Qeerroon Oromoo hanga gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuutti warraaqsii FDG haala wal irraa hin citneen itti fufa nuti bilisummaaf falmanna, nuti mirga keenyaa fi mirga uummata keenyaa kabachiisuuf falmanna, Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO’n bara darbee baatii Eblaa irraa eegaluun ajjeechaa jumlaa fi duula duguugginsa sanyii fi ukkaamsaa  hidhaa utuu uummata Oromoo irratti gaggeessa jiranii har’a biyya bakka buuna biyyaa bulchaa jirra, ayyaanaa hundeeffama keenyaa waggaa 25ffaa kabajna jechuun dibbee sobaan afuufamtee dhiitofte reebaa jiraachuun mootummaa wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee OPDO/TPLF itti gaafatamaa seeraa fi seenaa jalaa baasuu hin danda’u.
Jimma[1]Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waraaqsa FDG egaalan jabeessuun mootummaa wayyaanee boqonnaa dhorkuun torbee dhuma kana dheengaddaa dabbaallootni mootummaa wayyaanee fi mataan mootummaa Wayyaanee jiilli abbootii irree EPRDF/OPDO/TPLF Muktaar Kadirii,Hayleemaariyaam Dassalee fi Barakt Simoonin durfaman mootummaa keenyaa warraaqsaa dargaggoota barattoota Oromoon raafamee kufuuf jiru kufaatii irraa haa baraarruu jechuun guyyaa hundeeffama ergamtuu wayyaanee OPDO kabajuu maqaa jedhuun uummata gooluu fi olola siyaasaa oofuuf gara Jimmaatti duula gochuun dhiphina keessa galanii jiraachuun hubatamera. Goototni barattoota Oromoo dhugaaf falmataan dullii olola siyaasaa  fi humni poolisaa fi waraanaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa keenyaa duubatti hin deebisuu, deebii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruus hin ta’u jechuun tarkaanfii gara jabinaan mootummaan abbaa irree barattoota Oromoo nagaa irratti fudhateen gootota ilmaan Oromoo wareegamaniif gaddaa guddaa nuti dhagaa’amu ibsachaa qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf warraaqsa FDG gama kamiinuu ni finiinsina hanga gaaffiin karaa nagaa gaafachaa jirruu deebii sirrii argannuutti duubatti hin deebinu jechuun eebbifamtootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa barattoota Yuunibarsiitii jimmaa ilmaan cunqurfamoo kaan illee dabalachuun mooraawwaan yuunibarsiitii Jimmaa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa ka’uun uuffata gaddaa uffachuun magaalaa Jimmaa keessa wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo faarsu fi gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman faarsaa gara mooraa Main Campusiitti walitti dhufuun nuti eebbifamtootni ilmaan Oromoo yoom iyyuu yoo eebbifamnes uummata keenyaaf jiraanna, uummata keenya waliin jiraanna, mootummaan abbaa irree uummata keenya irraan kaafna jechuun marii gabaaba godhachuun  obbolaawwaan keenya bara darbee sabaaba gaaffii mirgaa gaafatneef dhaabbilee barnoota garaagaraa keessatti wareegamaniif gadda guddaatu nutti dhagaa’ama barattoota Oromoo mootummaan EPRDF/OPDO/TPLF garaa laafina tokko malee dhukaasee ajjeeseef yoom iyyuu itti gaafatamuu qaba jechuun dhaamsa dabarfachuun walleelee warraaqsaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa naanna’uun sirbuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

SBO Bitootessa 25 bara 2015.

Aside

Oduu, Barruu Jiituu Lammii fi Sochii FDG Giddu gala Lixa Oromiyaa keessatti deemaa jiru ilaalchisnee gaaffii fi deebii dargaggoo Kaayyoo Dhugaa waliin goone itti fufa isaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa