Sirni Ibidda Qabsiisuu Malee Dhaamsuu Hin Beekne Ibiddaan Dhabama.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO)

ABOItophiyaa keessatti hannii fi saamichi haayyamamaa fi deggeramaa dha. Empaayera  qabeenyi ummatootaa fi biyyaa miliyoonotaan itti saamamu waan taateef. Empaayera Wayyaanee keessatti lubbuun lammiilee kabajaa hin qabu. Sirna garee shiftaan durfamu mormuun, mirga ofiif qabsaa’uun seeraan ala jedhamee  bakkayyutti ajjeefamuun, hidhamuun, dhaanamuu fi balaa ulfaataaf saaxilamuun gochaa guyyuu lammiilee irratti raawwatamaa jiru waan taheef. Bittaa bulchiinsa alagaa jalatti dararamni Saboota mirga uumaa fi seeraan qaban  dhaban irra gahu ammoo hunda irra ulfaata.

Gaaffiin sabummaa ummatni Oromoo kaasee waggoota dheeraaf irratti qabsaawaa jiruu fi gaaffii hangafaa tahe silaa kan deggeramuu qabu, gaaffii cubbuu taasifamee, kabajaa  ummata Oromoo xiqqeessee, salphisee fi qaanessee gaddaa fi hiyyummaa salphaatti keessaa bahuu hin dandeenye keessa isa seensisee argama. Ajjeechaa, hidhaa fi dararamni diinaan irra gahu hammaatus ummatni Oromoo gaaffii kaaseef hanga deebii quubsaa fi isaaf malu hin argannetti kan qabsoo itti fufu tahuu tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatuun agarsiisaa jira. Ijoo Dubbii ABO

        Ergaa Ergamtuuf Malu!    

Aside

   Jiituu Lammii, Bitootessa 23, 2015

Barreessaa dhugaa baasa!Karoora karaarraa dabe – qeeqnii fi qorannoon hin deebisu. Doorsifnii fi sossobbaanis hin qajeelchu. “Silaas takkaa taanee…” jedhanii ija jabinaan itti deemuunis dhuma isaa hin miidhagsu. Wayyaaneen torbanneen lamaan darban kanarraa eegaltee diddaa ummataa ukkaamsuuf karoora karaarraa dabe baaftee reeraawwii isaatiif OPDO of dura qabdee  bobbaatti jiraachuu odeessi tibbana gola mootummaa naannoo Oromiyaa keessaa bahe ni mirkaneessa. Akka odeessa kanaatti karoora  diddaa ummataa ukkaamsuuf akeekkate kana milkeessuuf dirqamni humnaa fi sossobbii  makate qondaalota OPDO olaanoorraa ka’ee hanga dabballee gandaatti diriirfamuu maddi kun ifatti mul’isa. Ergaa Ergamtuuf Malu Jiituu Lammii

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 23, 2015

Aside

Ayyaanni OPDO Magaala Adaamatti Kabajamuuf Ture Uummanni Argamuu Diduu Irraan Akka Karoorsanitti Hin Kabajamin Hafe, Akka Mooraa Yuuniversitii Adaamattis Feshalee Jira.‏

Aside

Gabaasa  Qeerroo Adaamaa, Bitootessa 22,2015

diddaa9Maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOn wal qabsiisanii Oromiyaa naannoo diddaan uummataa itti jabaate keessatti uummata walgayii yaamuudhaan diddaa Qeerroo dura dhaabbachuuf karoorri OPDO bakka ayyaana itti kabajatan keessatti uummanni argamuu diduun, kan argame miseensuma isaaniin gaaffii mirgaatiin muddamuun tasgabbii dhabuun ayyaanichi haala yaadaniin hin kabajamin feshala’e.

Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa har’a Bitootessa 23 addeessuun guyyoota 4n darbab irraa kaasee maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOtiin dahatanii ergama isaanii bahuu fi akkasuma diddaa Qeerroon oromiyaa keessatti gaggeessuun mootummaa nama nyaataa Wayyaanee dura dhaabbachaa jiru feshelsuu kan kaayyeffatanii ka’an, dabalataan dhimma filannoo barana dhufu irratti nagaadhaan milkeessuuf dursanii uummata waliin nageenya irra keessi sobaan dibame keessatti kabaja ayyaanicha gaggeessaa kan jiran naannoo garagaraatti akka karoorfatanitti uummanni Sirna EPRDF f ajajamee argamuu diduudhaan waan dhufaniif milkoomina dhabaa jiru, har’as magaala Adaamatti ayyaana kabajuuf kan argaman ergamtoota mootummaa Wayyaanee, OPDOn kanneen akka Dhaabaa Dabalee waldaalee dargaggoota waliin ayyaanicha kabajuuf kan achitti argame,akkasuma Zelaalem Jemane fi Milkeessaa Jaagamaa ayyaana kana kabajuuf magaala Adaamatti kan walgahan, kan isaan biratti argame miseensota isaanii kan tahanii fi deggertoota nama muraasaan hirmaatame, isaan deggertootni argamanis gaaffii dhimmi Master Pilani kaasuudhaan jarreen mootummaaf ergaman mataa cabsuudhaan sirni ayyaana isaanii akka yaadanitti kabajuu dhabuun feshalate.

uummanni magaalichaa fi naannoo ishee jiraatus irratti argamuu diduudhaan, akkasuma barattootni mooraa Yuuniversitii keessatti akka kabajamu bakka bu’oota dhaaba OPDO moorichaan labsame, labsiiman hafe, barataan maqaa ayyaana kana dhahu hin argamne, mooraa keessattis akka hin kabajamne barattootni mooraa yuuniversitii Adaamaa keessa jiran dhaamsa waliif dhaamuun barataan Oromoo mooricha keessatti argamu bakka kabaja ayyaana kana irratti namni tokko akka hin argamnee fi akka magaalatti uummataan kabajamuuf akeekamee deemames feshalaa’uu odeessaan Qeerroo magaala

Mootummaan Wayyaanee EPRDF Bishaanii fi Ifaa Uummata Irraa Kutuun Dheebuu fi Dukkanaan Adabaa Jira.

Aside

Bitootessa 23,2015, Gabaasa Qeerroo Qeelloo Wallagga 

Adduunyummaa ODF

Suur dhibii irraa

Godina Wallagga Aanaa Eebantuu Magaalaa Qeelloo  erga  ummatnii  Oromoo  gamtaan fincila diddaa gabrummaa kaaseen  mootummaan  Wayyaanee  uummata haaluu ba’uuf   jecha  jiraattota magaalaa Qeelloo  irraa  ifaa fi  bishaan dhugaatii  kutuun jiraattotni magaalaa Qeelloo  dheebuu n  dararamaa  fi  ifaa  malee halkan dukkana  keessa  rakkachaa  jiru. Akka gabaasi Qeerroo ibsutti haalli kun yeroo torbaan tokko  ol  lakkoobsiseera

Akka uumati naannichaa ibsutti sababni ibsaan kun  Ummata  Oromoo  irraa  cite  hidhamuu  Barsiisotaa fi Baratootaa  akkasumas  ummata jiraatotta magaalaa Qeelloo  karaa  meeshaa sab -qunnamtii  Media  Garaa  Garaa  irratti  gabaafamee ummatni  dhaga ` eef  jecha  Haati  kanaan  kan ka, ee  Bitootessa  16 / 2015  irraa  eegalee   Mootummaan Wayyaanee  umnata Oromoo Jiraattota  magaalaa  Qeelloo  ti mana  barumsaa Qeelloo sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa  irraa  ifaan  Addaan  citee  jira.

Jaarraa 21ffaa keessa yeroo addunyaa odeessa shaffeessaa fi haala qindaawaa ta’een odeessa fi qunnamtii  ammaayaa  ta’e  ummataaf  dhaqqabsiisuuf  hojjetaa  jirtutti  mootummaan Wayyaanee  akka ummatni Oromoo odeessa hin argannee fi bilbilaan wal hin qunnamee nneef qunnamtii isaa addaan kufuuf  shira hojjetaa jira.

Keessumaa tti  Ummatni Oromoo  miidhaa fi saamicha,  hidhaa fi  ukkasmsanii  ilmaan Oromoo  qee fi qabeenya, hojii fi barumsa isarraa  dhabamsiisaa  jiran  kana  ummatni  Oromoo wal hordofee  akka  hin gabaafnee fi dhagahee  waliif  hin dirmanneef  ta’e  jedhee  shira  ifaa kufuu fi  neeti network cicciruu shira Oromiyaa keessa irratti hojjetaa jira.

Walaloo Sabboonaa Oromoo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Aside

Filannoo Sossobbaa

Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?

Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???

Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
Filannoo Sossobbaa Walaloo

Aside

qeerroo-edit

Cooma Mana Ormaa Irra Raafuu Haadha Ofii Wayya

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Bitootessa 23,2015

Uummanni Oromoo guyyaa gaafa gabrummaa jalatti kufee kaasee diina isa gabroomseef jilbeenfatee hin beeku, kallattii fi al-kallattiidhaan diina isaa of irraa qolachaa hanga yoonaa gahe,Moototiin Habashaa dhufaa darbaa uumanni Oromoo ciqilee isaanii jalatti akka kufee hafuuf shira hin wixiniin hin jiru.Kanas ta’u sirna cunqursaa meeshaa waraanaa hagna hin qabne hidhatee jiru Oromoon harkaan lolaa mirga isaa tikfataa har’a gahe.  Har’as mootummaan Wayyaanee gaafa aangoo qabateen eegalee kuufama meeshaa ittiin Oromoo doorsisu irratti dabalee afaan sabichaan kan uummata doggogorsu dhaaba ofii isaa akka fedhetti ajajajuu fi kan walabummaa hin qabne ijaaruun OPDO jedhee itti fayadamaa jira. Dhaabuma kana kana keessattis kanneen uummata Oromoof naatoo qaban gara dabarsuu fi biyyaa arihuu kan uummataaf falman hidhuu fi hojii irraa gageessuu irratti hojjetaa umurii aangoo isaa dheerefattaa dhufe, kunis isa baasuu diduun yeroo Oromoon  FDG ifatti finiinee aangoo Wayyaaneetti xumura godhchuuf  yeroo muraasatti galche jiru kana keessatti haalli uummata Oromoo isa sodaachisee jiru kana keessatti, Oromoonni haalli FDG fi dammaqiinsi uummata Oromoo hin galiiniifii fi Oromoon akka qabsaawaa hin qabneetti ala irraa gallee sochii warraaqsa Bilisummaa hoggana jechuun afaan faajjii hawaasa keessatti  uumuun Wayyaanee waliin karaa nagaa fi heera EPRDFn qabsoofna kan jedhan gochaan kana fakkaatu Uummata Oromoo irratti hojjeta malee qooda qabsoo Oromoof gabbisuuf akka hin deemne walii galatti sabni Oromiyaa akka beeku dursanii hubachuun barbaachisaa dha. Guutummaan Ibsa Kanaa PDFn:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 23 2015

Gootota Dargaggoonni Oromoo Yuuniverstii Jimmaa

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/warraaqsi-bilisummaa-gootota-barattoota-oromoo-jimmaa

“ABO Kennaa Waaqayyo Oromoof Kenne” Gooticha Sabboonaa Artist Kadir Martuu

Aside

Adda Bilisummaa Oromoo Yaa Dansaa

Kennaa Waaqni Oromoof Kenne Badhaasaa

Tarkaanfataan dhugaan mirga isaaf falmatuu

Saba cunqurfamaaf yaada nyaatee dhugee hin rafuu

Saba Isaaf kan dhukubsatu

Qabsoo gitaan malee dhibeen isaa hin fayyitu

Gaafifi Deebi J/Daawud Ibsaa Bitootessa 21 Bara 2015.

Aside