Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu, Qophii Hagayya 13 fi 14,2014

Aside

Seife Nebelbal Radio brings you news from Oromia, which can significantly contribute to the Oromo struggle. To do so, it needs your continuous support. Please make a donation to:
Chase Bank
Routing number 111000614
Account number 686623930
for internatinal dontion chas 33
We thank you in advance for helping us to continue serving the Oromo people in Oromia
Seife Nebelbal Radio seife nebelbal radio ከላይ በተጠቀሰው የሒሳብ ቁጥር እርዳታ በማድረግ የበኩሎን እንዲወጡ እንጠይቃለን :: seife radio

Wallagga Godina Horroo Guduruu Hojjettooti Warshaa Shukkaara Finca’aa Diddaa Kaasan Itti Fufuun Hojii Dhaabuun Gabaafame.

Aside

finca'aaHagayya 11,2015 irraa kaasee hojjettootni Warshaa sukkaaraa Finca’aa gaaffii mirga namummaa fi Dimookiraasii gaafatneef hangaa deebii argannuutti FDG egallee jirruu itti fufna jechuun FDG fi gaaffiin keenyaa nuuf haa deebi’uu jechuun guutummaatti hojiin Warshaa shukkaaraa Fincaa’aa dhaabbatee jira.

Hojjettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hundi guyyaa kaleessaa irraa eegaluun Hojii warshichaa guutummaatti dhaabuun FDG jabaatee itti fufee jira, Guyyaa har’as bulchiinsii Warshaa sukkaaraa sochii FDG hojjettootni kun godhan irraa naasuu fi soda guddaa keesssa seenuun hojjeettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa tasgabbeessuuf yaaliin guddaan godhamullee Qeerroowwaan dargaggootni Oromoo , Uummatni, hojjettoottni warshaa sukkaaraa Fincaa’aa hundi hojii warshichaa dhaabuun gaaffii mirga namummaa fi dimookiraasii finiinsan. Torbanoota darban keessa Dhimma ilmaan Oromoo hojjettoota Warshaa Shukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa Arii’atamuu fi Gaaffii mirgaa kaachisuu ‘’Hagayyaa 06/2015 Hojjettootni Oromoo Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa keessaa hojjechaa turan Oromummaan yakkamuun arii’atamuu’’ gabaasuun keenyaa ni yaadatama, sarbamuu mirga uummataa keenyaa fi uummatni keenyaa mirga isaa sarbamaa callisee akka taa’uu hin qabne hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo Godina Horroo guduruu jala bu’uun falmii gaggeessuu irratti argama, haaluma kanaan uummaatni keenyaa gaaffii mirgaa tokkummaan finiinsuun diina dura dhaabbachuun falmii mirga abbaa biyyummaa itti fufee jira, Uummatni Oromoo qindeessuummaa qeerroo Bilisummaa Oromoon sochii isaa jabeeffachuun gaaffiiwwaan bu’uuraa armaan gadii bu’uuraa godhachuun mootummaa wayyaanee abbaa irree irratti FDG itti fufee jira.
1. Mirgi namummaa fi dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba,
2. Mirgii biyyaa abbaa keenyaa keessaatti nurraa sarbamee nuuf kabajamuu qaba.
3. Haal duree tookko malee hojjeettootni warshaa Suukkaaraa Fincaa’aa irraa Oromummaan yakkamanii arii’aman hojiitti deebi’uu qabu.
4. Oromummaan yakkamuun hojii irraa arii’atamuun, hidhamuu fi doorsifamuun atattamaan dhaabbachuu qaba.
5. Mootummaan wayyaanee Ilmaan Oromoo hojjettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa arii’uun , ilmaan saboota biiroo ulaagaa tokko
malee namoota 250 fidee bakka ilmaan Oromoo arii’amni qacaree yeroo gabaabaa keessaatti carraa guddinaa fi sadarkaa kennaafi jiruu
atattaamaan dhaabuun tajajillii seeraa qabeessi hojjetoota hundaaf wal qixa kenaamuu qaba.
6. Daballiin miindaa hojjettoota warshaa Sukkaara fincaa’aa haalaa hin eegamnee gadi bu’ee waan jiruuf hojjettootni Warshichaa haala jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif daballiin miindaa jiruuf jireenya hojjeettootaaf mijataa ta’ee akka kennaamuuf kanneen of keessaa qaban gaaffii mirgaa kaachisuun hiriiraa ba’uun sagalee mormii guddaa dhageesisaniru.

Waraabessi bineensa gaaraa yeroo haadhakeefi abbaakee qorxomsee nyaatu yoo agarte, atis waraabessa sana wajjiin foon warrakee nyaattamoo irraa ariitaa??

Aside

Hariiroo Jorgoo Irraa

001kklkkk 012Hooteelota biyya kana keessatti  qaalominaan beekan keessaa Shaaraatenitti aanee Ilillii International fi Intercontinental Hootel kan jedhamanidha. Hooteloonni kunneen bakkee bashannanaa aangawoota wayyaanee yeroo ta’an nyaataafi dhugaatiin akkasumas gatiin siree isaanii gurraaan dhageetiif illee kan tolan miti.Garmalee ol’aanoodha. Biyya namoonni kuma dhibba shanii ol daandiirra ciisu keessatti, biyya jaarsaafi jaartiin waan dhandhamee bulu dhabee kadhaatti bobba’ee jiru keessatti, biyya uummannishee godinootaafii naannoolee garagaraa keessatti beelaan akka baalaa harca’aa jiru keessatti bakkeewwan akkasitti bashannanuun yakka bira darabee cubbuu guddaadhaleeti!

Yeroo har’aa Oromiyaa keessaa Harargeefi Boorana, Dhiha Baaleefi Arsii keessatti, uummanni hedduun beelaan lubbuun isaanii darbaa jira. Akkasumallee loon hongeen galaafataa jiraachuun kan dirmatuufii dhabamee balaa uumamaa gurguddaa kan akka rooba dhabaatiin rukutamaa jira.

Miidiyaaleen mootummaa wayyaaneefi kan dhuunfaa kan habashootaa lafarraa dhumuu Oromoo waan gammadaniif sagalee saba kanaa gabaasaa illee hinjiran. Miidiyaaleen wayyaanee silaayis quufa Oromoo, badhaadhummaa Oromoo qabsookootiin argame jechuun kijiba afarsu waan saaxiluuf oduun beelaa akka dhagahamu hin haayyamu.

Affaar keessattis kanuma Oromiyaa fakkaatutu gaggeeffamaa jira. Looniifi namoonni beelaan guyyaarraa guyyaatti harca’aa jira. Seenaa biyyattiin ittiin beekamtu beelli walloo irra gahaa ture, kunoo ammas uummmataafii beeyladaa Oromiyaafi Affaar keessatti hammaatee argama. Hongeen dhabama roobaan dhalate ilma namaafi loon  lafarraa haxaayaa jira.Waraabessi bineensa gaaraa yeroo haadhakeefi abbaakee qorxomsee nyaatu yoo agarte

Godina Shaggar Lixaa Aanaa Qarsaa Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufe,Shaggar Kaabaa Kuyyuu Keessatti Ammoo Barruuleen Warraaqsaa Qeerroo Baldhinaan Faca’e.

Aside

Hagayya 13,2015 Finfinnee

diddaa9Godina Shaggar Lixaa aanaa Qarsaa Malmaa ganda Hagaroo Waliboo jedhamu keessatti waldhabbiin dargaggoota Oromoo fi milishoota Wayyaanee jidduutti ta’een FDG ka’uu Qeerroon gabaase, Hagayya 12,2015 sochiin Qeerroo jabaachuu irraatti hidhattooti Wayyaanee manneen uummataa irra deemuun jiraattota reebanii hiraarsuun ijoollee keessan fidaa isaantu mootummaaf bitamuu dide sababaa jedhuun namoota hedduu qabanii reebaa jiru,keessatti namni guddaan Obbo Birraa Badhaasoo jedhmu bulchitoota gandaa fi hidhattootaan reebamuu irraa miidhami guddaa irra gahee jiraachuu Qeerroon gabaasa. Kana malees mana jireenya uummataa irra deddeemuu fi sakatta’uun qabeenya uummataa saamaa akka jiran odeessi nu gahe addeessa. Haalli kun hammaachuu irraan hanga ammaa diddaan dargaggootaa fi jiraattota naannoo itti fufee bulchitoota Wayyaanee haalaan yaaddessee akka jiru beekama.  Kana malees Shaggar  kaabaa Kuyyuutti har’a waraqaan qabsoo faffacaate.

  • Wayyaanen farra Oromooti Lafti ummata samamun haa dhaabbatu
  • Wayyanen saamtuu fi hattuudha
  • Qonnan bulaan lafa isa irra hin buqqa’in
  • Manni qonnan bulaa diigamu hin qabu
  • Oromon lafa isaa buqqa’un haa dhaabbatu.

Jedhame waraqaan daandii irratti faffaca’ee jiraachuu qeerroon addeessa.  Poolisooni naannoo dhimma kana qorachuu fi yaada uummata baruufis
qorannaa adeemsisu jirti. Gaaffin uummata kan mirgaa yoomu kan hin
dhabbannen itti fufee jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 12 August 2015

Aside

Naannoo Kibbaa Godina Shaakkisoo Magaala Teeppii Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Hagayya 13,2014 Teeppii

diddaa9Walgayiin dabballoota abbaa irree Wayyaanee naannoo Kibbaa godina Shakkaa, magaala Teeppiitti Hagayya 11,2015  adeemsifamuu ture sochii Qeerroo fi dargaggoota naannoo Kibbaa magaala Teeppitin feshalaa’e.

Odeessa Qeerroo aanaa Sidaamaa irraa ibsuun, bulchitootni aanaa fi magaala Teeppii dhimmi nageenyaa fi misoomaan walgayiin uummata jiraattota magaalaa waamameen gaaffiin mirgaa ka’uudhaan walgayiin feshelaa’e. Dargaggoonni magaala kanatti argamaniin gaaffii mirgaa kaasuun
– Gaaffiin mirgaa gaafannu deebii argachuu qaba
– Nagaa uummataa kan booresse mootummaadhuma wayyaaneeti
– Maqaa filannoon kanneen hidhamanii fi reebaman itti gaafatamni
mootummaadhuma tahuu qaba Fi kkf gaaffiin ka’een hidhatootni fi poolisoonni gaaffii dargaggootaa deggeruudhaan walgayiin akeekames feshalaa’uu Qeerroo gabaasee jira.
Haaluma kanaanis magaalota kanneen akka Hawaasaa, Sidaamaa fi Walaayittaa Sooddoo keessa gaaffiin mirgaa itti fufe. Hojjetootnis hojii dhaabuu fi maqaa filannoon miidhaan mootummaan hawaasa irratti gaggeessaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhanii fi dhiibbaan mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiru qixa kamiinuu dhaabbachuu qaban jechuun gaaffiin mirgaa hojjetoota mootummaa, uummataa fi dargaggoota deggereen ka’ee jira.

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Oromoo Hagayya 11, 2015

Aside

Sab-quunnamtii Uummataa (Media) fi Oromoo Faayidaan sab-quunnamtii (mass media) madda odeeffannooti.

Aside

barruuUtubaa Lammii Irraa

Odeeffannoon ammoo haala jireenya namaa keessatti har’a addunyudhuma walii galaa keessattuu haallewwan jireenya namaatiif barbaachisoo (necessity ) jedhaman keessatti ramaduunuu ni danda’ama. Maaliif jennaan har’a odeeffannoon addunyaa kana keessaa daqiiqaaf citnaan jeequmsa hagamii akka inni fidu mee haa yaadnu, sadarkaa odeeffannoo saatalaayitii irraa egalee. Dirree waraanaatti ajajaa fi ajajamaa gidduudhaa odeefannoon yoo cite badii dalagamuu malu tilmaamuun nama hin dhibu. Gara sab-quunnamtii uummataatti (media) haa deebinu. Har’a sab-quunnamtiin walitti dhufeenya uumataa fi hariiroo mootummoota addunyaa gidduutti ta’u keessatti bakka guddaa qaba. Odeefannoo gaarii ta’e dabarsuun, bulchiinsa gaarii keessatti misooma fi guddina inni fiduu fi olola walirratti oofuun ammoo badii inni dhaluu tilmaamuun ni danda’ama. Bifa kamiinuu ga’ee inni hawaasa addunyaa keessattis ta’ee uummatoota naannoo tokkoo gidduutti xabatu guddaadha. Odeeffannoo addunyaas ta’ee dhimma hawaasa keessaa jala bu’uu yoo barbaadde saa’atii 24 keessatti maaltu raawwatee fi deemaa jiraa dhaga’uuf yeroo argatte keessatti ganama kaatee ykn galgala mana kee teessee radio, TV, Interneeta fi carraa odeeffannoo irraa argattu mara jala buuta. Keessattuu nama siyaasaa tokkoof odeeffannoon qaama jireenya isaa keessaa tokko yoo jenne dhugaa irraa hin fagaannu. Maaltu deemaa jiraa ykn maaltu dhufuuf jiraa, siyaasa akkamiitu hawaasa sana keessa deemaa odeeffannoo barabaachisu mediyaa irraa argatta. Kanaaf yeroo hedduu mootummoonni abbaa irree mediyaa uummataa walaba ta’e ni ukkaamsu, kan mataa isaanii ammoo faayidaa olala mataa isaanii keessatti of argan qofaa dabarsu. Mediyaa cufaa biyyoota fayyadaman keessaa Itophiyaa fi Koriyaa akka fakkiitti kaasuun ni danda’ama. Mediyaa of harkaa qabaniin odeeffannoo siyaasa isaanii callaqisuu fi tarkaanfachiisuu akkasumas gowwomsaa uummataaf ammoo waa’ee misoomaatii alatti rakkina hawaasa keessaa gama siyaasaanis ta’ee dinagdeen ibsuu irraa baay’ee of qusatu. Mediyaa alarraa seenu ukkaamsuuf ammoo maallaqa hedduu itti qisaasuSab Quunnamtii Uummataa fi Oromoo

SBO Hagayya 12,2015. Oduu, Gaaffii fi deebii Jaal.Odaa Xasee miseensa Gumii Sabaa ABO waliin geggeeffame, Ibsa ejjennoo hirmaattota kora gamtaa miseensota ABO Godina Auroppaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Mootummaan Wayyaanee Tahe Jedhee Dargaggoota Oromoo Qor-Qalbii Cabsaa Jiru Dura Dhaabbachuun Dirqama.

Aside

IMG_20150811_062319Yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti humni nama baratee hojii dhabuun akka rakkaachaa jiru beekamaadha bu’uuruma kanaanis guutuu Oromiyaa keessatti mootummaan Wayyaanee tooftaa qor-qalbii dargaggoota Oromoo cabsuu jedhuun gaaffiin siyaasaa fi hundeen rakkina uummatootaa akka hin kaaneef jecha maqaa bakka bashannanaa jedhuun dargaggoon Oromoo lafa taphaa jechuun manneen akka araada adda addaa nama qabsiisan,Shiishaa,fiilmiiwwan dheeraa ilaaluu akkasumas qumaaraa taphatuun dhalataan Oromoo tokko akka  yeroon isaa qisaasamu waan taasisameef dargaggoonni Oromoo bakkeewwan raatessaa shira Wayyaaneen qabaawe adda addaa irraa FDG  uummatasanii keessatti hirmaatanii akka jabeessan jabeessinee Qeerroon dhaammata.