Gabaasa Qeerroo Arbaaminc Hagayya 16,2015
Naannoo aanaa fi magaala Arbaaminci, aanaa Buradaa fi Dotaree keessa jiraatan uummanni hunduu walitti dhufuudhan qaamni mootummaa gabroonfa Wayyaanee ammaa kaasee naannoo kana hin bulchin jedhan. Maddi gabaasaa caasaa godina Gamuu Gofaa irraa Hagayya 15/2015 gabaasuun, Uummanni mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun,sirni mootummaa wayyaanee itti hin fufin jechuudhaan yerooma dhiyoo asitti fincilli kan eegale haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruu fi torbee kana keessattis uummanni naannowan kanneen keessa jiraatan sirna mootummaa abbaa irree wayyaanee balleessuuf qaamotaa fi deggertoota isaa of keessaa baasuu fi bulchiinsa akka itti hin fufne murtoo godhachuu qabna jechuun Hagayya 14 fi 15 waraqaaleen garagaraa afaan adda addaan dargaggootaa magaalota Arbaaminci, Burudaa, Dotaree fi kkf keessa jiraatan barreessuun bittimsuu fi uummannis kana deggeruun dhaga’ame.
Qaamni mootummaa wayyaanee naannoo kana bulchu ammaa kaasee dhaabuu qaba jechuun dhaadannoos yeroodhaa yerootti barruu fi sagaleedhaan agarsisaa akka jiran kan gabaafamaa jiruudha. Haalli kunis kan jabeeffamee jiruudha.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti,uummanni Oromoo Walga’ii Wayyaaneen Ololoota Siyaasaaf Godhu Irratti Hirmachuu Waan Dideef Reebichaa fi Hidhaan Dararamaa Jira.
Aside
Hagayyaa 16,2015,Kombolcha
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti,uummanni Oromoo mootummaa Wayyaanee ergamtooti sirnichaa OPDOtti hin bulluu jechuun murtii walga’ii Wayyaanee kallatti kamiin iyyuu gootu irratti hirmachuu waan Dideef Reebichaa fi hidhaan Dararamaa Jira.
Mootummaa Wayyaanee ergama diinummaa fudhachuun uummata dirqisiisanii bituuf human waraana Poolisii Federaalaa fi kora bittinneessa kanneen jedhaman uummata irratti bobbaasuun galgala sa’aa 12:00 booda nama karaa irratti argan hunda gaaffii tokko malee reebuu fi hidhuun gidirsaa jiru. Hojjettootni fi dafqaan bultoota galgala
nyaata bitanii nyaatanillee otoo hin hambisiin hunda walitti qabanii rukuttaa uleen miidhaa jiru. Haalli kun utuu hin jaalatiin Uummata hunda gara FDGtti seensisaa jira.
Uummatni mootummaan Wayyaanee fedhii keenya malee waggaa 25 guutuu dirqamaan afaan qawwee fi humna waraanaan dirqisiisee bnu bitaa turuutti hedduu gaddina, kanaan booda wareegama kamuu yoo ta’ee ni baasna malee mootummaa wayyaaneef dirqamaan iyyuu hin jilbeeffannuu jechuun murtii isaa jabeesse jira.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee kan uummata nurratti kakaasaa jiruu fi uummata nurratti ijaaree jiruu Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota ol-aanoo irraa deebi’anitu nu goola jiru jechuun hordoffii addaa barattoota Oromoo irratti gaggeessa jiraachuun saaxilamera. Haala kanaan Walqabatee namootni Hedduun Aanaa Guduruu irraa qabamanii hidhamuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Konbolchaa irraa gabaasan.
Addattuu bulchaa Aanichaa kan ta’e Namni Biqilaa Fiixaa kan jedhamu ergama gooftolii isaa ifatti ummata duratti bahuun humnaan akka ummata bulchaa jiran ” ibsuun kan karaa nu dhiphise barattoota waan ta’eef ,humna nagaa eegsisuun guyya lamaaf itti gadhiifnee karaa bali’fanna” jechuun abbaa irrummaa isaanii sodaa tokko malee ifatti
beeksisaniiru.
Hagayyaa15,2015 jiraataa magaalaa komboshaa kan ta’e Dargaggoo Kadir Muusaa Umar gaaffii fi badii tokko malee bakka jireenya isaa deemuun reebichaa fi dararama irra geessisuun gara mana hidhaa geessanii achittis reebicha hamaa irra geessisaa jiru.walumaa galatti namootni ammaaf mana hidhaa Wajjira Poolisii magaalaa kombolchaa jiran 10 ol ta’anis sababa gaaffii dhorkamaniif eenyummaa fi maqaan
isaanii adda hin baafamne.
Artists Hanisha Solomon & Hailu Kitaba to Headline the Post-Games Concert at the Annual Oromo Sports Day in England (August 29, 2015)
Aside

Jaal Roraas Abbaa Goobaa | Kora ABO 2015
Aside
IJOO DUBBII ABO: Qabsoon Bilisummaa Hojiin Malee Ololaan Bakka Hin Gahu.
Aside
(Ijoo Dubbii ABO)
Jaarmayoota siyaasaa, sabboontotaa fi kanneen mirga namoomaaf falman marti mootummaa empaayera Itophiyaa irratti of aangomsee jiru irraa hammeenya suukanneessaa gosa adda addaa raawwatamaa turee fi jiru irraa karaa itti mirgi ummatootaa kabajamee nagaa waaraa fi bilisummaan mirkaneeffamu, ummatootni dhumiinsa, hidhaa, baqaa fi beela irraa baraaraman faluu irratti xiyyeeffatuun qabsaawaa turan. Hanga qabsoon godhan milkaa’uttis qabsoo itti fufanii jiran.
Haalli siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa empaayera Itophiyaa yeroo ammaa wayyoomina agarsiisuu irra kan duraanii caalaatti hammaataa arreedaa akka jirus ifatti mul’ata. Addatti ammoo filannoo kijibaa wayyaanee marroo 5ffaa Waxabajjii 2015 adeemsifameen, dhibbaa dhibbatti mo’atuu isaa qaaniin alatti eerga labsateen asitti ummaatootni empaayera kanaa fedhii fi filannoo isaaniin alatti akka murna bicuu jalatti Ameen jedhanii bulaniif dirqisiifamaa jiran.
Gochaaleen diinummaa fi farrummaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran ammoo hunda irra ulfaataa fi bal’aa tahuu irraa goleelee Oromiyaa hunda waliin gahaa jiran. Ummata Oromoo diineffatuun sababa nuhi hin deggertan jedhuun, qe’ee isaa irraa buqqaasuun, hojii irraa gugsuun, hidhuu fi bakka gariitti ammoo ajjeesuun gochaalee diinummaa guyyuu lammii Oromoo irratti raawwatamaa jiranii dha. Gochaa diinummaa kana Oromoo irraa ittisuuf, dabrees kaasuuf, ABOn hojii hangafa godhatee kan irratti hojjataa ture tahullee ammaan tana tarkaanfii gara garaa bakka adda addaatti fudhataa jiruun abdii ummata Oromoo tahuu caalaatti mirkaneessaa jira.Ijoo Dubbii ABO Hagayya 2015
SBO Hagayya 16,2015. Oduu, Murtii fi Kutannoolee Kora Miseensota ABO Kaaba Amerikaa 2015, Dhimmuma Kanaan Walqabatee Gabaasa Addaa, Gaaffii fi Deebii Jaal.Odaa Xasee Kutaa Xumuraa fi Qophiilee biroo…
Aside
ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)August 14, 2015
Aside
Abdii Boruu:- ABO -> AWO -> Jijjiirama -> ADO -> KWO -> ??? fi THBO … Qabsaa’otni fi jaarmayootni Oromoo eessaa ka’anii eessa jiru? Garamitt (karamitti) deemaas jiru?
Aside
Abdii Boruutiin*
Otuu gara dhimma mata-duree kanaatti hin seenin dura, warra maqoota jaarmayaaota Oromoo kana hin beekneef ykn hirraanfataniif ibsi isaanii akka armaan gadii ti:
ABO = Adda Bilisummaa Oromoo
AWO = Adda Walabummaa Oromiyaa
Jijjiirama = warra maqaa ABOtiin bara 2008 mooraa kana keessatti jijjiirama fidna jedhanii garee biraa uuman
ADO = Adda Diimookraatawa Oromoo
KWO = Kallacha Walabummaa Oromiyaa (kan dhiyoo kana maqaa jijjiirrate)
THBO = Tokkummaa Hmnoota Bilisummaa Oromiyaa (kan ULFO dhaan beekamu)
??? = Yaa Waaqayyo/Rabbi maal nu dhageessisuuf jirta?
Waayee jaarmayoota keenyaa, gadifageenyaan beekuu baadhullee, akkan hubadhutti kan THBO irraa hafan hundi isaaniituu warra qaama ABO turanii dha. Jaaramyootni miseensota THBO tokko tokkollee akkasuma warruma duraan qaama ABO turan natti fakkaatu.
Gaafii mata-duree irratti dhiyaateef guutumaa guutuutti deebii kennuun rakkisaa dha. Maaliif yoo jedhame, jaarmayootni kun eessaa akka ka’antu beekamuu danda’a ta’a malee garamitti akka deemamu ykn waan boru uumamu beekuun baay’ee rakkisaa waan ta’uufi. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, jaarmayootni kun yeroo ammaa haala akkamii keessa akka jiranis sirriitti beekuunis nama dhiba. Waanan kana jedheef boodarra barreeffama kana keessatti ibsuun yaala. Gaafiin sana dura ka’uu qabu garuu, “Jaarmayoota ykn gareelee kana akkanatti heddoomsuun ykn jijjiiruun tooftaa fi tarsiimoo qabsoo kanaatiif jedhameeti moo kaayyoo iccitiin isaa hin beekamnetu mooraa QBO keessa jiraa laata?” kan jedhu ta’a. Gaafii kana akkuma jirutti uummata Oromootiif dhiisee; garuu waan dhiibboo natti ta’e tokkon kaasuu fedha.
Durumaa jalqabee rakkooleen adda addaa mooraa ABO keessa turanillee, wanti bara 2008 booda mooraa keenya keessatti ta’e fi ta’aas jiru waan nama ajaa’ibuu dha. Jijjiiramni yeroo sana labsame, kan bu’aa fidu ta’uun isaa hafee siriidhaa diraamaa dhuma hin qabne akka uume fi diraamaan kun ammallee akka ittifufaa jiru hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Bara 2008, yeroo gargar hiramuun uumame sana, sababni guddaan jijjiiramni labsameef mooraa ABO keessatti jijjiirama bu’uraa fiduu fi ABO haaromsuu jedhamee ture. Hogganummaa ABO keessa rakkoon akka turellee irra deddeebi’amee ibsamaa ture. Jijjiiramni labsame fi ibsame sun dhugumatti bu’aa tokko argamsiisuu danda’a jedhamee waan eegameef, qalbii uummata Oromoo waan hawwate natti fakkaata. Haa ta’u malee, jijjiiramni sun bu’aa fiduun isaa hafee waan nama gaddisiisan baay’eetu mul’atan. Guutuu barru argachuuf http://www.Gadaa.com irra argattu.
Godina Lixa Shaggar Naannoon Garaagaraa keessatti Uummatni Sirna Bulchiinsa Wayyaanee Dura Dhaabbachuu Irraan Oromoonni Nagaa 16 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Hagayyaa 14,2014 Midaa Qanyii
Godina Lixa Shaggar , AANAA MIDAA QANYII keessatti Uummatni Oromoo qonnaan Bultootni, dargaggootni fi Barattootni guutummaatti sirna Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jalatti afaan qawwee fi loltuun doorsifamaa hin bulluu , qajeelfamaa fi ajaja Wayyaanee irraa dabarfamu hin fudhannuu , balleessaa tokkoo malee duullii hidhaa fi adabbiin mallaqaa dabbaallota Wayyaanee maqaa Kumaandii Poostii jedhamuun ijaaramanii qawwee hidhachuun nurratti rawwachaa jiraniif hin jilbeeffannuu FDG jabeessuun dura dhaabbachuun mirga keenyaaf falmanna jechuun uummatni murtii dabarsee jira.
Haaluma kanaan Loltooti Wayyaanee akkasumas kaabineen bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Kumaandii Poostiin Wayyaanee qawwee hidhatee sochoo’aa jiru murtii uummataa kanatti rifachuun dargaggoota fi barattoota Oromoo hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame, dargaggoota, barattoota , qonnaan bultootaa hidhuu fi daldaltoota irratti manneen daldalaa badii tokko malee cufaa jiraachuun ibsame.
-
Barataa Hinnawuu Addunnaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Dassuu Haacaaluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Goonanaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Kabbabaa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Qixaataa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Warqinaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Goobanaa Abdiisaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Taakkalaa Iddoosaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa tamasgeen Ayyaanaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Barataa Dassaalee Baahiluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
baallammiitti hidhaman - Obboo Sisaay Mokonnoon mana baaburaa midhaan daakuu irratti cufan.
- Obboo Dammilaa Shuree baabura midhaan daakuu irratti cufan
- Obboo Daandanaa Diriirsaa baaburaa midhaan daakuu irratti cufan
- Obboo Tashaalee Angaasaa suuqii isaa fi baabuura midhaan daakuu
irratti cufan. - Obboo Takkiluu Rakka’aa baabuura midhaan daakuu irratti cufan,
- Obboo Abarraa Mokonnoon Suuqii isaa irratti cufuun daldalachuu dhorkan.
Kanneen jedhama dabalatee Uummata AANAA MIDAA QANYII irratti mootummaan wayyaanee yakka jibbinsa sanyummaa fi abbaa irrummaan guutamee karaa jalee isaa fi kumaandii poostii isaa rawwachaa jiraachuun saaxilame.
Koreen Qeerroon Bilisummaa Oromoo Godina Baha Oromiyaa Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Waliigalaa Irraatti marii gaggeessuun ibsa ejjennoo qabxii saddetti qabu dabarsuun marii isaanii milkiin Xummuratan.
Aside
Hagayyaa 13/2015 ‘’ Qabsoon Bilisummaa Oromoo Faashinii baraa mitii hadhaa’eetu minyaa’a bu’aa wareegamaati’’ Addii Bilisummaa Oromoo (ABO) lamas sadiis miti, dhaabaa lafee fi dhiiga ijoollee Oromootiin utubamee ijaraamedha, Kanaaf ABO diiguunis ta’ee cicciruun ykn jijjiiruun hin danda’amu. Dhaabni kun dhaaba uummataatii malee dhaaba gartuu muraasaa(nam-tokkee) akka hin taane seenaa uummataa Oromoo fi ABO waliin waliitti hidhatee jiru ni ibsa. Ijoolleen Oromoo maqaa ABO bakkoota adda addaatti maxxanfachuun akka Sagantaa fi siyaasaa mataa ofii fi maqaa ABO bakka lamaaf sadiitti maxxanfachuun adeemsa burjaajii siyaasaa biyyoota hambaa garaagaraatti ilmaan Oromoo gidduutti muldhatu gadii jabeessuun balaaleffaanna. Ololli farra tokkummaa ta’ee afaaniin maqaa tokkummaa farsuu kun yeroon dhaabbatee ilmaan Oromoo gama qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu, jabeessuu, humneessuu fi dirqama Oromummaa keessanii akka bahattan dhaamsa keenya dabarsuun, xiyyeeffannoo keenya isa guddaa Mootummaa abbaa irree garboontattuu Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun akka hojjetnu waamicha keenya dabarsina.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF ilmaan Oromoo Ajjeesaa, dachee Oromiyaa saamaa, balaa beelaaf saaxilaa,duula hidhaa Jumlaa uummata Oromoo irratti gaggeessaa fi uummata Oromoo humnaan cabsee bitaa kan ture, ammas qabsoon FDG fi sochiin uummatni Oromoo gama hundaan wayyaanee irratti gaggeessaa jirru jabaachaa fi wayyaanoota yaaddoo keessa galchaa waan dhufeef mootummaan Wayyaanee qabsoo sochii diddaa biyyaa keessa fi biyyoota hambaa garaagaraa keessatti Oromoon tokkummaan irratti gaggeessaa jirru laffisuuf ta’a jedhee ilmaan Oromoo kaleessaa biyyaa abbaa isaanii irraa arii’ate jiruuf jireenya dhorkachaa turen hardha immoo maqaa ‘’Diaspora’’ jedhuun sossobee dhiigaa obbolaa isaanii fi foon lammii isaanii guyyaa saafaa rasasaan fixaa ture ‘’Hirmii’’ yaachisaa jiraachuun hubatamee jira. Qeerroo Bilisummaa Godina Baha Oromiyaa