Hagayya 13,2015 Finfinnee
Godina Shaggar Lixaa aanaa Qarsaa Malmaa ganda Hagaroo Waliboo jedhamu keessatti waldhabbiin dargaggoota Oromoo fi milishoota Wayyaanee jidduutti ta’een FDG ka’uu Qeerroon gabaase, Hagayya 12,2015 sochiin Qeerroo jabaachuu irraatti hidhattooti Wayyaanee manneen uummataa irra deemuun jiraattota reebanii hiraarsuun ijoollee keessan fidaa isaantu mootummaaf bitamuu dide sababaa jedhuun namoota hedduu qabanii reebaa jiru,keessatti namni guddaan Obbo Birraa Badhaasoo jedhmu bulchitoota gandaa fi hidhattootaan reebamuu irraa miidhami guddaa irra gahee jiraachuu Qeerroon gabaasa. Kana malees mana jireenya uummataa irra deddeemuu fi sakatta’uun qabeenya uummataa saamaa akka jiran odeessi nu gahe addeessa. Haalli kun hammaachuu irraan hanga ammaa diddaan dargaggootaa fi jiraattota naannoo itti fufee bulchitoota Wayyaanee haalaan yaaddessee akka jiru beekama. Kana malees Shaggar kaabaa Kuyyuutti har’a waraqaan qabsoo faffacaate.
- Wayyaanen farra Oromooti Lafti ummata samamun haa dhaabbatu
- Wayyanen saamtuu fi hattuudha
- Qonnan bulaan lafa isa irra hin buqqa’in
- Manni qonnan bulaa diigamu hin qabu
- Oromon lafa isaa buqqa’un haa dhaabbatu.
Jedhame waraqaan daandii irratti faffaca’ee jiraachuu qeerroon addeessa. Poolisooni naannoo dhimma kana qorachuu fi yaada uummata baruufis
qorannaa adeemsisu jirti. Gaaffin uummata kan mirgaa yoomu kan hin
dhabbannen itti fufee jira.
Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist