“Akkam Jirtan Fayyumaa Yaa Obboleeyyan Koo” Wallee Haaraa Sabboonticha Oromoo Artist Kadir Martuu

Aside

Ni Sarbamnne: Walaloo

Aside

Qeerroo Muniir Ali.
Dallas Texas irraa.

barruuNi Sarbamnne mirga Keenya
Ormaan dhiifnnu haqa Keenya
Eenyuu Kan nun mormu
Oromiyaan teenya
haa Kaanu Qeerroo Koo
Jollee biyya teenyaa
Walaboomuu qabdi
Biiyti Abbaa Keenyaa.
Onnee dhaban
Sombaa nama duta
Ka’i Oromoo Koo
Maalumaafii Usta
haa baafnnu gumaa gootaa
haga yoom Callifnna
Ni dhummnna yokaan
Ni bilisoommnna
Alagaaf gabroomnnee
Nama gad Laalamnnee
Hin Jiraannu tufattamnnee
Haqa Keenya dhabnnee
Qabsoo Keenyan dhabnnu
Fincilli itti haa fufu
hamma Walaboomnnuu

Dargagoo shamarran
Ilmaan biyyaa martuu
Xiqqaadhaa fii guddaan
Nu Kaasaa Hundumtuu
Haa Kaanuu Qabsootti
Oromiyaan teenya
nu malee enyuun qabdii?

Ni Sarbamnne

Sagalee Simbirtuu Qophii Hagayya 20,2015

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Waamichaa Birmatnaa Lammuummaa Uummta Oromoo Godinaalee Haraargee fi Akkasumaas Kutaalee Oromiyaa Garaagaraa Keessatti Balaa Beelaaf Saaxilamuun Lubbuun Wareegamaa Jiraniif Bakka Jirruu Hundaa Haa Birmatnu Jedhu Dabarse!!

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa31.jpgMootummaan abbaa irree Wayyaanee Guddina dinagdee Diijiitii lamaan dabaallee jirraa jedhee utuu olola sobaa ofaa jiruu fi utuu qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu fi maqaa diasporaa jedhuun olola afaan faajjii gaggeessa jiruu Uummatni Keenyaa Balaa beelaan dararamuun Lubbuun dhibbootaan lakkaa’amu Oromiyaa  godinaalee garaagaraa keessatti galaafatamaa jiraachuun ibsame jira.

Addatti immoo Uummatni keenyaa Godinaalee bahaa Harargee fi Dhihaa Harargee ,Karraayyuu, fi Walloo Kamisee balaa beelaa haala ulfaataa keessatti kufuun jumlaan lubbuun lafarraa dhumaa jiraachuutti gaadda guddaatu nutti dhagaa’ame jira. Uummaata qofaa utuu hin ta’iin beeladni kumootaan lakkaa’aman illee balaa beelaan lafarraa barbadeeffamaa jiru,  Ergaa balaan beelaa kun qabatamaan Godinaalee Harargee Lixaa fi Bahaa keessatti babaldhachuu eegalee ji’oota  sadii ol kan lakkoofsisee yoo ta’uu hangaa ammaatti qaamni mootuummaa abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDOs  ta’ee NGO addaa addaa illee birmannaa gochuu fi hanqachuun hedduu gaddisiisaa fi uummatichi mootummaa wabii isaaf dhaabbatu dhabuu irraa kan maddee ta’uun ifaadha. Dhabbooleen gargaarsaa akka uummata keenyaaf hin birmanneef mootummaan wayyaanee maqaa ‘’Guddina dinagdee biyyatti haala saffisiisaa ta’een dabalaa jirra, biyyattiin midhaan nyaataan of dandeesseetti jedheef dhaabbileen gargaarsaa Idil-Aaddunyaa uummata keenya cina dhaabbachuu irraa akka of qusachaa jiran hubatama jira.  Yeroo ammaa kanatti Wayitaa Uummatni Oromoo Harargee bahaa fi Lixaa, karrayyuu,Walloo Kamisee fi Oromiyaa bakkoota garaagaraa  balaa beelaan akka baalaa harcaafamaa jirutti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn gurraa cuqqaallachuun Diasporaa dabbaalloota wayyaanee Waliin cidha qopheeffachuun Magaalaa finfinnee keessaa sirbaa jiraachuu fi bashannaanaa jiraachuutu muldhatee jira. 

Uummata Keenyaa haala rakkisaa keessatti kufee du’a eeggachaa jiruuf Uummatni Oromoo biyyaa keessaa fi Alaa yoo hin iyyaatiin uummatni keenyaa abdii dhabee balaa beelaan lafarraa barbadeeffamaa jira, haala gaddisiisaa kana hubachuun Uummatni Oromoo Qabsaa’otni oromoo, Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo fi beektootni Oromoo uummataa keenyaa balaa beelaan lafarraa dhumaa jiruuf dhaabbilee Mirga namoommaa Addunyaa, dhaabbataa Fannoo Diimaa Addunyaa fi jaarmiyaalee gargaarsa addunyaatti akka iyyannuuf  Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa guddaa dabarsee jira.

                            Injifannoon Uummata Oromoof!!

                             Gadaan Gadaa Bilisummaati!

                                       Hagayyaa 19/2015

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 19 August 2015

Aside

Galaana Gaaromsaa ** Concert & New Album Advertising** 2015

Aside

SBO Hagayya 19,2015. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gabaasa Irbaata WBO Ingiliz, Londonitti geggeeffamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Hagayya Qophii 17, 2015

Aside

Naannoo Beneshangul Gumuz, Godina Asoosaa, Aanaa Mangee Jiraattoota Ganda Salam Fi Bulchitooti Walitti Bu’uu Irraan Diddaan Uummataa Hammaataa Deeme.

Aside

Hagayya 17,2015 Asoosaa
Mootummaan abbaa irree wayyaaneen nun bulchitu jechuudhaan Naannoo Beneshangul Gumuz, Godina Asoosaa, aanaa Mangee jiraattoota Ganda
Salam keessatti diddaan kun kan dhoye hagayya bultii 12 bara 2015 bulchitoota gandaa fi milishoota kannen uummaticha hiraarsan irratti tarkaanfin uummataan  fudhatameen milishootni Wayyaanee kan ajaja fudhatan galmaan gahan.Uummanni naannoo fi milishoonni Wayyaanee kan walitti bu’aniif sababaan lafa qonnaan bulaa fi gandoota bosonaan marfamanii jiran irraa uummati akka buqa’anii fi abbootii qabeenyaaf dhalootaan alagaa ta’aniif akka kannemu ajaja mootummaan dabarse irraa ta’uu gabaasi nu gahe addeessa.Walumaa gala naannoo godina Beneshaalgul keessatti bulchitootii fi uummati walii galuu dadhabuun bakkoota adda addaa keessatti jeeqamsi hammaachaa dhufuu irraan sirni Wayyaanee yaadoo keessa gala jira.

Oromo TV:Artist. Adam Harun (Exclusive Interview ) part one

Aside